– Injinar Diinaa’ol Zalaalam
Injinar Diinaa’ol Zalaalam Gaaddisaa Giddugala Qo’annoo Hawaafi Inistiitiyutii Teknolojii Itoophiyaatti injiinara qorataafi to’ataa saatalaayitiiti. Saatalaayitii Itoophiyaan Mudde darbe furguggeessitetti to’ataa jalqabaa ta’ee tajaajilaa jira. Injinar Diinaa’ol damee saayinsii hawaatiin biyyasaa tajaajiluuf of kennee kutattummaan hojjetaa jira. Gaazexaan Bariisaa dargaggoo mul’ata cimaa qabu kana keessumaa taasifateeraa, dubbisa gaarii.
Bariisaa: Diinaa’ol yoom, eessatti dhalate, guddate? Eessa eessattis baratte?
Diinaa’ol: Kanin dhaladhe bara 1984tti yoo ta’u, kaninguddadheGodina Shawaa Lixaa, magaalaa Aanaa Calliyaa, Geedootti. Kanin baradhe (1fa hanga 8fa) Mana Barumsaa Jaarsoo Dirree Gadaatti. Sadarkaa Lammaffaa ammoo Mana Barumsaa Olaanaafi Qophaa’inaa Geedoottin hordofe.
Ani umriin waggaa jahattin mana barumsaa seenee kutaa 1fa eegale. Kan nama dinqisiisu baadiyyaa akka magaalaatti barumsi ‘KG’fa jedhamee kennamu hinjiru. Mana barumsaa adeemsa sa’aatii lamaa fudhaturraa deddeebi’een baradhe.
Bariisaa: Dakaa qabdee barumsaan sadarkaa akkamiirra turte? Barumsa olaanaa hoo eessatti baratte?
Diinaa’ol: Daa’ima waggaa jahaa ta’een mana barumsaa seene. Bakka akka magaalota guguddoo keejiinfaa hinjiretti qubee manumatti lakkaa’ee umrii waggaa jahaatti barumsa kutaa 1fa barachuun jalqabe. Jalqaba oggaan mana barumsaa seenu daarektarri Mana Barumsaa Jaarsoo Dirree Gadaa waan abbaa kiyya wajjin walitti siquuf ‘guyyaa barbaade haa dhufu, gaafa hinbarbaadne ammoo haa hafu jedhe’, waanin daran daa’ima ta’eef.
Ani garuu guyyaa tokkoofuu dareerraa hafee hinbeeku. Kanaanis kutaa 1fadhaa kanga 8fatti qabxii gaarii galmeessisaan ture. Achumaanis sadarkaadhumasaa eegee qophaa’ina seene. Barumsa koo sadarkaa olaanaa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti muummee fiiziksiin qoradhe. Qabxii olaanaa, 4:00 cufees bara 2007 eebbifame.
Bariisaa: Erga eebbifamtee booda eessatti hojii eegalte?
Diinaa’ol: Waanin qabxii olaanaa galmeessisee eebbifameef ijoollee kuma torba wajjin dorgomee darbuun Daandii Qilleensa Itoophiyaatti carraa hojii argadhee otoo ji’a tokkollee hinta’iin giraawundi teknishaanummaadhaan waggoota lamaaf leenjii fudhadhee eeyir kiraafti meeyintenaansiidhaan eebbifamee dafee hojii eegale.
Xiyyaara diriim laayinar (booyingi 787-8-9) irratti ramadameen hojjechaa ture. Fedhiin koo barumsa ittifufuu waan ta’eef hojiin hojjechaa ture daran namatti tolus saayintistii ta’uun barbaada. Daa’imummaadhuma koorraa eegalee oggaan gaafatamaa ture saayintistii ta’uudha jedheen deebisaa ture.
Kana milkeeffachuun kanin danda’u yoon barumsa koo ittifufeedha jedheen bitaa mirga ilaalee, baasee buusee murteesse.
Qarshii gaarii argadhuttis murteessee jiddugala qorannoofi inistiitiyutii teknolojii hawaa dorgomee seene. Eddiin as galee ammas carraawwan garagaraa na qunnamanii maastarsii kiyya Naayiriyaadhaa Injinariingii Kominikeeshinii Saatalaayitiitiin fudhadhe. Sana booda pirojektii jalqabaa saatalaayitii Itoophiyaan Mudde 10 yeroo jalqabaatiif gara hawaatti furguggeessiterratti injiinarummaan jalqabaa hanga dhumaatti irratti hirmaadheera.
Bariisaa:Teknolojiiwwan biroorra maaliif kan hawaa filatte?
Diinaa’ol: Yeroon taa’ee ilaalu akkuman sii kaase ani barataa saayinsiiti. Kutaa 7fa irraa kaasee barnoota fiiziksii baay’een jaaladha. Akka carraa ta’ee barumsi fiiziksii kutaa 7fa irraa eegalee kennamaa ture. Barsiisaan kiyya yeroo sanaa daran cimaafi maalummaan fiiziksii sirriitti kan hubate waan ta’eef sun sadarkaan har’a irra gaheef bu’uura guddaa naa ta’eera.
Akkan barumsicha jaaladhu kan na taasises barsiisaa koo sana. Haalatti xiyyaarri samii keessa balal’u hinbeeknu. Anis kana baruu waanin barbaadeef keessumaa injinariingii eeroo ispeesii (euro space engineering) kana baruun barbaade.
Bariisaa: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akkamiin si fudhate?
Diinaa’ol: Kan si dhibu bara sana dhaabbatichi bakka hojii duwwaa qaburratti hojjettoota mindeessuuf beeksisa yunivarsitoota adda addaarratti maxxanse. Anis kanumaan galmaa’ee dorgome. Calalamnees qormaataaf dhiyaanne.
Qabxiin yunivarsitiidhaa ittiin eebbifametti dabalee calalliifi qormaata kenname ga’umsaan hojjedhee darbe. Namoota kuma torbaa taanee dorgomne. Kanneen keessaa 1500 qofatu afgaaffiif dhiyaanne.
Kanneen keessaa hojiif kan mindeeffamne namoota 400 qofa. Kanneen hunda keessa darbeen egaa hojicha argadheeyyu. Leenjii wajjin gara waggoota lamaa daandii qilleensaa keessa hojjedheera.
Bariisaa: Haala kamiin gara jiddugala hawaa kana seente?
Diinaa’ol: Asirratti waanti namni beekuu qabu dhala namaa fedhiisaa guuttachuuf maallaqni akka isa barbaachisuudha. Nyaanni, manniifi uffanni ni barbaachisa. Anis haaluma kanaan mindaa gaarii naa kanfalamaa ture dhiisee abjuu koo bira gahuuf ykn boru akkan qarshii argadhu waanin beekuuf isa dhiisee bahee gara barnootaatti qajeele.
Ennaan kana murteessu shakkii tokko maleedha. Abjuu koo bira gahuu kanin danda’u yoon barumsa koo ittifufe qofa ta’uus ittin amane. Kanaaf eessatti barachuu akkan qabus wajjumaanin murteesse. Jiddugalli Qorannoo Hawaa kun akkuma Itoophiyaattuu jiddugala haaraadha.
Anis yoon jiddugala haaraa kana wajjin hojii eegalee carraalee adda addaa argachuun qaba, ashaaraa koos nan kaa’a jedheen kallattummaan as gale. Eddiin as galees carraawwan gara garaas na qunnamaniiru.
Damee kana filachuu koo oggaan taa’ee ilaalu barataa saayinsii waanin ta’eef nan gammada; kutaa torbaffaaraa kaasee barnoota fiiziksii hedduu waanin jaaladhuuf. Jaalalli ani saayinsiif, keessumaa fiiziksiif qabu daran dabalaa dhufee hanga yunivarsitii na wajjin seene.
Keessumaa fiildiin eeroo ispees injinariingi jedhamu jira. Waanti eeroo ispees injinariingi jedhamu kun fiildiiwwan lama of keessatti qabata; fiildiiwwan eeronaatisiifi astironaatis jedhaman. Fiildii waa’ee samii gadiifi samii olii qoratuudha. ‘Air space and outer space’ jedhama. ‘Air space’ kan jedhamu isa xiyyaarri, baalooniifi dirooniin keessa deemuudha.
‘Awutar ispees’ kan jedhamu ammoo saatelaayitoonniifi roketonni garagaraa kan keessa socho’aniidha. Akkasumas pilaanetonni addaddaa keessa deemu. Oggaan daandii qilleensaa keessa hojjedhu fiildii ‘eeroo ispees’ barachuu barbaadaan ture.
Kana gochuuf jiddugala qorannoo hawaa malee bakka biraa yoon deeme hinargadhu. Jiddugalli qorannoo hawaa walumagaaltti kan qoratu waan ta’eef kana qorachuuf as seene. Ergan waajjira kana seenee fiildiin barbaade jechuunis eeroo ispeesis ta’e saatalaayitii barachuuf murtii gaafata. Isa booda Naayijeeriyaatti carraa argadhee garasitti qajeele. Achitti kanin barachuuf deeme kominikeeshinii saatalaayitiiti. Asis dorgomeen seene.
Bariisaa: Mee waa’ee jiddugala hawaa kana bal’inaan nuu ibsi?
Diinaa’ol: Seenaadhuma jiddugala hawaarraa yoon eegale gaariidha. Jiddugalichi Itoophiyaatti sochii kan eegale bara 1957. Biyyoota Chaayinaa, Ruusiyaafi Ameerikaattis baruma eerame kanatti. Ta’us sababoota adda addaa kanneen akka siyaasaafi dinagdeetiin duubatti harkifate. Ta’us jiddugaleessichi iddoo har’a jiru qqaqqabeera. Jiddugalicha namoota dhuufnaatu akka waldaatti walitti dhufanii sosaayiti ispees saayinsii uuman. Sana booda bara 2008 mootummaa federaalaatiin beekamtii argatee hundaa’e. Saayinsiifi Teknoloojii Itoophiyaa(Ethiopian science and technology’) jechuudha.
Bariisaa: Jiddugalli kun maal hojjeta?
Diinaa’ol: Jiddugalli kun waantota lama hojjeta. Tokko qorannoo saayinsii hawaati. Kan biraa ammoo teknolojii hawaa guddisuudha. Asumatti dizaaayin godhanii hojiin gara hawaatti ergamu jira. Kanaaf jiddugaloota lama qabna jechuudha. Inni tokko ‘Entoto Observatory Research center’ jedhama. Lammaffaan ammoo ‘astronautics and aeronautics center’ jedhama.
Kanaaf qorannoorrattis ta’e teknolojiirratti waanti hojjennu jira. Fakkeenyaaf, hawaa keessa dhagaafi waanti nama fakkaatu wayii jira jedhama. Saayinsii kana sirriitti beekuun dirqama waan ta’eef softi weeriiwwan garagaraa fayyadamuun haallitti beekuun danda’amu jira. Gareen kana hojjetu jira. Barumsi sadarkaalee adda addaatiin kennamus jira. Hojiin digrii lammaffaafi sadaffaa barsiisuu, qorannoofi teknolojii ni adeemsifama jechuudha. Kun Entoto Research and Observatory jala jira. Walumaagalatti hojii barsiisuufi qorannootu geggeeffama jechuudha.
Bariisaa: Hanga umriisaa waliin bu’aan biyyi keenya damee kanarraa argatte jiraa?
Diinaa’ol: Biyya keenyattis ta’e biyyoota guddatanitti saayinsiin kun kan jalqabame akkuman irranatti eere bara 1957. Garuu sababoota dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin dameen kun daran duubattti harkifatee ture. Fakkeenyaaf damee kana keessatti maqaansaanii bal’inaan kan eeramu Doktar Laggasaa Wataroofaa daran ifaajaa turan. Hayyoonni waanirraa eegamu hunda raawwatanis gargaarsa hinarganne.
Hayyoonni maalummaa ispeesii kana bal’inaan hawaasa hubachiisaa turan. Garuu sababoota irranatti eerreefi kanneen birootiin gahaa hinturre. Biyyoota teknolijicha wajjin eegalte faana arreeduu hindandeenye. Waggoota muraasa as garuu damichi sadarkaa gaariirra jira.
Ani qorataafi to’ataa jalqabaa saatelaayitii Itoophiyaati. Hojiin kun daran nama boonsuudha. Ani ummata Oromoo bakka bu’ee pirojektii jalqabaa, guddaa akkanaa keessatti hirmaachuun koo daran na gammachiisa. Sadarkaan biyyi keenya gama kanaan ammaan tana irra geesse biyyoota Afrikaa birooyyuu kan boonsuudha.
Carraa akkanaa argatanii irratti hirmaachuun baay’ee namatti tola. Abdiis namatti uuma. Keessumaa ijoolleen duubaan dhufanitti abdii uumuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Kanaaf ittigammadeen jaalalaan hojjetaa jira. Kanaa ol hojjechuufis tattaafachaan jira.
Bariisaa: Qorannoo ijoon kee maalirratti kan xiyyeeffate ture?
Injinar Diinaa’ol: Qorannoon koo digrii lammaffaa kominikeeshinii saatelaayiiirratti kan xiyyeeffateedha. Akaakuuwwan saatelaayitii danuutu jiru. Akka bu’uuraatti garuu afurtu jiru. Tokkoffaan saatalaayitii dachee daaw’attu (earth observation satellite) fakkeenyaaf kan Itoophiyaa jechuudha.
Lammaffaan kominikeeshinii saatelaayitiiti. Kun ammoo qunnamtiidhaaf kan ooltuudha. Fakkeenyaaf otoo saatalaayitiin hinjiru ta’ee tamsaasiwwan birodikaastiingii (televizhiniifaa) hinjiru ture.
Bilbila fayyadamuun hindanda’amu. Konfaransii viidiyoo iskaayippiidhaan geggeessuun hinyaadamu. Intarneetii fayyadamuun hinjiru. Kanaaf faayidaan kominikeeshinii saatalaayitii daran olaanaadha.
Haalli ijaarsasaa walxaxaadha, maallaqa guddaafi yeroo dheeraas kan gaafatuudha. Teknolojiin kun kan dachee daaw’aturraa adda addummaa guddaa qaba.
Sadaffaan ‘gilobaal naavigeeshin saatelaayit’ jedhama. Saatelaayitiin kun ati amma yeroo kanatti eessatti akka argamtu kan sitti himuudha. Kanaan ‘JPS’ jechuu dandeenya. Saatalaayitoonni qorannoodhaaf oolanis jiru. Hawaan nurraa daran fagaattee argamti. Meetira miliyoonota meeqa fagaattee akka argamtu beekuuf kan ergamu saatalaayitii qorannooti.
Ani kanneen keessaa saatalaayiti kominikeeshiniiti kanin ijoo (meejar) godhadhe. Qorannoo kootiinis saatalaayitiin hawaa keessa jirti, nuti ammoo lafa jirra. Lamaan keenya walqunnamuus qabna. Saatalaayitiifi namni walqunnamuu qaba jechuudha. Oggaa walqunnamnu kana meeshaa ‘siginaal’ jedhamutu jira. Meeshaan kun ergaa saatalaayitiirraa gadi dhufu namarraa gara saatalaayitii kan deemuudha. Kun bifa siginaaliitiin deema. Yeroo kanatti waantonni danqaa itti ta’an jiru.
Fakkeenyaaf gaazotni atimosparii, naayitirojinii jiru. Walumaagalatti waantonni hariiroo singinaalii kana laaffisan jiru. Akkamitti kana fooyyessuu dandeenya, raaguu dandeenya, guddisuu dandeenya, kan jedhurrattin hojjedhe. Dhumarrattis “Afraan Riijinaal Seentar Foor Ispees Saayinsii endi Edukeeshin In Ingilish’ (Naayijeeriyaa) jedhamurraa qabxii gaarii “A” itti argadhee eebbifame.
Bariisaa: Mee waa’ee maalummaadhuma saatalaayitii nutti himi?
Diinaa’ol: Maalummaa saatalaayitiirratti namoonni baay’een hubannoo gahaa hinqaban. Keessumaa hubannoon teknolojiin kun ardii Afrikaatti qabu daran gadaanaadha. Teknolojii kana gara hawaatti erguun maallaqa guddaa gaafata. Otoo faayidaashii hinbeekiin dura qarshii hangana baaya’tu baaftee maaliif saatalaayitii ol ergita?
Meeshichi kan qananii (leegzharii) waan ta’eef maaliif maallaqa hanganaa baasanii erguu barbaachise jedhanii dubbatan jiru. Kunis hubannoo dhabuurraa kan maddeedha. Garuu waan hinbeekneef malee otoo faayidaasaa beekanii akkana hinjedhan. Oggaa hiika saatalaayitii kaafnu waanti ykn objektiin tokko objektii biraarra naanna’uu jechuudha. Kun hiika salphaadha.
Hiika kanarraa ka’uun saatalaayitii bakkawwan lamatti qooduun ni danda’ama; saatelaayitii uumamaafi namtolchee jennee. Saatalaayitii uumamaa kan jedhamu, fakkeenyaaf, dachee yoo fudhanne. Dacheen saatalaayitii uumamaati. Sababiinsaas waan biiftuutti naannoftuufi. Pilaanetota hunda yoo fudhanne hundisaanii biiftuurra naanna’u. pilaanetonni kunniin waan biiftuurra naanna’aniif saatalaayitii jedhamu. Garuu ramaddiinsaanii saatalaayitii uumamaati.
Saatalaayitii namtolcheen ammoo fakkeenyaaf saatalaayitii dachee daaw’atu (earth observation satellite) Itoophiyaan Mudde darbe gara hawaatti furguggeessite fudhachuun ni danda’ama. Saatalaayitiin tun kominikeeshiniidhaaf oolti. Gilobaal naavigeeshin saatelaayit, argamsa ykn lookeshinii waan tokkoo kan namatti agarsiistu, kan qorannoof oolufaa jennee qoqqoduu dandeenya.
Bariisaa: Saatalaayitiin yeroo darbe furguggeefamte maal nuu fiddi ree?
Diinaa’ol: Saatalaayitiin jalqabaa Itoopiyaan Mudde 10 bara 2012 furguggeessite saatalaayitii dachee daaw’attu (etrss-1 /Ethiopian remote sensing satellite) jedhamti. Maqumashiirraa oggaa kaanu riimoot seensiingi jechuun otoo walhintuqiin seensi gochuu jechuudha.
Saatelaayitiin kun fageenya hanga kiiloo meetira 700 irratti argamti. Garuu dhuftee dachee Itoophiyaa xuquu baattus seensi gooti, waan seensari qabduuf. Seensariinshii kaameeraadha. Oggaa fuula Itoophiyaa duraa dabartu suura kaafatti.
Faayidaan ishiin nuu fiddee dhuftu akkuma maqaashiirraa hubannu waan dachee Itoophiyaa daaw’aterraa odeeffannoo argatte nuu ergiti. Fakkeenyaaf gama qonnaatiin yoo fudhanne lafa akkanaa gogiinsi guddaan waan jiruuf jallisii ykn kana godhaa jettee odeeffannoo dabarsiti.
Akkasumas bokkaa cimaa roobe lolaansaa otoo ummata bira gahee balaa hinqaqqabsiisiin suura kaastee ergiti. Tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu ergaa dabarsiti. Oyiruun midhaaniif hinmijanne yoo jiraates dhimma kanarratti odeeffannoo ni kenniti.
Kana malees albuudni eessatti akka argamus ni eerti. Dur albuuda qotanii baasuun maallaqaafi humna namaa guddaa gaafata ture. Saatelaayitiin garuu salphaadhumatti bakka inni jiru namatti himti. Riisoluushiniin saatelaayitittiin hanga meetira 13.75tti lafa keessa lixxee surraa kaasuu dandeessi.
Kanaan albuudas ta’e waan biraa argachuu dandeessi. Qabeenya bosonaa Itoophiyaan qabdus sirriitti addaan baasanii beekuu keessatti shoorri saatalaayitittii olaanaadha. Oggaa ibiddi bosonarratti qabachuuf jedhu dursitee odeeffannoo dabarsiti. Kunis ibiddichi akkamitti ka’uu akka danda’u, gogiinsi akkamii akka jiru addaan baasuun objektii achii keessa jirurratti odeeffannoo kenniti. Kunis tarkaanfii hatattamaa fudhachuuf faayidaa guddaa qaba jechuudha. Odeeffannoo sana haala namaa galuun jijjiiree tarkaanfii kan fudhatu ammoo nama.
Saatelaayitittiin magaalota ammayyeessuu keessattis gumaachaa olaanaa qabdi. Fakkeenyaaf Finfinnee keessa seermaleessumaa guddaatu jira. Lafa duwwaa turerratti ijaarsi seeraan alaa oggaa raawwatammu ni mul’ata.
Yeroon kana to’achuun itti dadhabame ni jira. Waa’ee lafa seeraan ala qabamee ijaarsi irratti adeemsifamee sirriitti addaan baastee namatti himuu dandeessi. Kanaaf faayidaan saatalaayitittii danuudha jechuudha. Odeeffannoo ishee biraa argamu ummata biraan gahuuf hojjetaa jirra.
Bariisaa: Albuuda ykn bishaan barbaachaaf jecha tilmaamaan lafa qotuun saatelaayitiin kanaan hafe jechuudhaa?
Diinaa’ol: Sirriitti malee. Eeruu saatelaayitittiin kennituun bakkuma albuudni jirutu qotama.
Bariisaa: Wiirtuun odeeffannoo Inxooxxootti argamuufi saatelaayitittiin maaliin walqunnamu?
Diinaa’ol: Inni Inxooxxoo jiru giraawundi kontirool isteeshii jedhama. Dameewwan lama qaba. Inni tokkoffaan sirna to’annoo kan saatelaayitittii ittiin to’annuudha. Lammaffaan sirna appilikeeshiniiti. Waan saatelaayitiirraa dhufe kan ittiin jijjiirree hawaasaaf ittiin dhiyeessinuudha. Dura waa ishiirraa fudhachuuf to’achuu qabna.
Kanaaf ammoo sirna to’annoo qabna. Isa booda waan ishii biraa dhufu jijjiirree haala hawaasaaf galutti dhiyeessina. Kanaaf ammoo ‘ground application system’ qabna. Saatalaayitittiin waan argatte suuraa kaasti. Hojiinshii guddaanis kana. Ishee biraa daataa dheedhiitu dhufa. Daataa dheedhii kana saayintistoonni akka namaa galutti balballoomsanii qindeessanii dhiyeessu.
Karaa anteenaati kan saatalaayitittii qunnamuu dandeenyu. Anteenichi odeeffannoo siginaaliidhaan dhufu sana fudhatee ittiin erga. Suurri kan dhufu bifa siginaaliitiini. Firiiquwansiin raadiyoo siginaaliidhaani.
Bariisaa: Saatalaayitiin Itoophiyaa waa nuu ergaa jirtii?
Diinaa’ol: Sirriitti ergaa jirti. Ittis fayyadamaa jirra. Kan na ajaa’ibe faayidaa ishiirraa argamu sirriitti baasnee hawaasa biraan gahuun akkuma jirutti ta’ee anaan kan na ajaa’ibu rakkoon tokko mudate jiraachuu dhabuusaati.
Waa’een saatalaayitii kanaa jalqabumarraa eegalee milkaa’aadha. Suura nuu ergitee irraa fudhataa jirra. Fakkeenyaaf kan hidha guddichaa nuu ergiteetti. Suura magaalota Asoosaafi Gaambeellaa nuu ergiteetti.
Ani waanin barbaadu nan ajajaa isheen suura kaaftee naa ergiti. Waan barbaadnu guyyaa tokko karoorfannee erginaaf. Hojmaannishii hundi awutoomeeshinii waan ta’eef salphaadha. Saatelaayitiin hawaa keessatti bakka qubattu qabdi. Orbiitiin qophaa’eef jira. Isarra balaliiti. Dacheerraa kiiloo meetira 700 naannofti.
Bariisaa: Saatalaayitiin kun akkuma raadiyasii Itoophiyaa keessaa hinbaanetti dizaayin ta’e moo?
Diinaa’ol: Eeyyee. Garuu addunyaarra naannofti. Oggaa Itoophiyaarra geessu ajajni ol ergamaaf. Isheenis waan ajajamte hojjetti. Kan biyya biraa fudhachuu dandeenya. Garuu waliigaltee biyyootaa gaafata. Iccitii biyyootaa beekuuf saatalaayitittiidhaan galuun ni danda’ama. Garuu daataan sun bahee miidhaa wayii qaqqabsiisnaan gaafatamuun jira. Kanaaf waliigalteen jiraachuu qaba. Saatalaayitiin Itoophiyaa kun addunyaarra waan naannoftuuf eessaayyu suura fudhattee erguu dandeessi.
Bariisaa: Kan biyya biraa jalaa fashalaa’aa ture kan keenya akkamiin haaluma tokkoon milkaa’uu danda’e?
Diinaa’ol: Asirratti kan si ajaa’ibu jalqaba pirojektichaarraa kaasee hanga dhumaatti gaheen Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad daran olaanaadha. Pirojektichi mallattoosaaniitiin eegalame. Gaheen hojjettoonniifi anga’oonni jiddula qorannoo hawaa Itoophiyaas olaanaadha. Tattaaffiifi hordoffiin taasifamaa ture walitti ida’ameet milkaa’ina kana argamsiise.
Biyyoonni danuun haala kanaan hinmilkaa’an. Fakkeenyaaf Naayijeeriyaan saatalaayitiishii Chaayinaa wajjin hojjettee ergite qunnamtii gaariin waan hinturreef jalaa kufe. Waan waliigalteen jiruuf garuu bakka buusanii saatalaayitii biraa furguggeessan.
Bariisaa: Saatelaayitiin tun yeroo hammamiitiif hawaarra turti?
Diinaa’ol: Waggoota sadii hanga shaniitti turti. Oggaa yeroo turtiishii fixxu ol dhiibamti. Bakkashii sanarraas bu’uu qabdi. Sababiinsaas inni hojjetu bakkashii bu’uu waan qabuuf. Malee harksini (giraaviitiin) waan jiruuf gadi dhufuu hindandeessu. Ajaja asii kennamuun bakka turtee akka baatu taasifama. Oggaa dizaayin ta’u waggoota sadiif akka turtuufi.
Bariisaa: Umrii kee kanatti pirojektoota biroo bocce dhiyeessuuf karoora qabdaa?
Diinaa’ol: Eeyyee sirriittin qaba. Keessumaa gama qorannoo hawaatiin biyyoonni guddatan kanneen akka Ameerikaa faayidaasaa sirriitti gadi fidanii ummata biraan gahanii qorannoo danuu geggeessaa jiru. Itoophiyaa dabalatee ardii Afrikaa fudhattee yoo ilaalte carraa hojii argachuun daran dhiphaadha.
Pirogiraamiin hawaa kun ammoo Itoophiyaa keessatti ganaadha hafa. Waanti hojjetame hinjiru. Waan saatelaayitiin tokko egamteef hojjedheera jechuun hindanda’amu. Gama kanaan sirriitti hojjetamuu qaba. Anis qorannoo geggeessaan jira. keessumaa saatelaayitii xiqqoo omishuun hindanda’amu.
Dargaggoo Oromoo sadarkaalee barnootaa gara gadii jiran jajjabeessaa teknolojiitti akka madaqan gochuun barbaada. Saatalaayitiin ani amma hojjetaa jiru kan amma qaruuraa kookaa kollaa geessuudha.
Kan bal’isee dargaggoota biyyattii barsiisuu keessatti gara fuulduraattis kaampaanii xiqqoo banee gama teknolojii hawaa kana haala nama tokkoofillee ta’u carraa hojii banuun danda’amuttin hojjechaa jira.
Namoota sadii taanee kaampaanii Afrikaan eeroonootiksiifi astironotiksi seentar jedhamu banneerra. Hayyamas mootummaarraa fudhanneerra. Tekonlojii hawaa qoratus hojjetaa jirra. Nuti waan xiqqoo xiqqoo hojjennaa isa gabaatti baasnee ofii fayyadamnee biyyas ta’e lammii fayyaduuf tattaafataa jirra. Barumsa koo ittifufuufis fedhiin qaba.
Bariisaa: Dhaabbileen addaddaa saatelaayitii dhuunfaasaaniitti furguggisuu danda’uu? Fakkeenyaaf Yunivarsitiin Adaamaa qophii taasisaa tureerraatii.
Diinaa’ol: Eeyyee, ni danda’ama. Anis qophii yunirsitichaa quba qaba. Hojiin isaan eegalan gaariidha. Garuu sadarkaa furguggisuurra hingeenye. Asuma Itoophiyaarraa furguggisuunuu ni danda’ama. Garuu gaaffiin ka’u jira. Kan yeroo darbe Itoophiyaan furguggifte kan Chaayinaati malee attamitti kan Itoophiyaa ta’a jedhamaas ture.
Gaaffichi waanuma ka’uu maluudha. Garuu ammoo maaliif akka ta’e beekuu barbaachisa. Akkuma beekamu Itoophiyaan rakkoo guddaa qabdi; rakkoo hawaasummaa, dinadgeefi siyaasaa.
Kanaaf saatalaayitii tokko gara hawaatti furguggisuuf faasilitii ittiin furguggisan barbaachisa; fakkeenyaaf rokkeettii. Rokeettii kana asitti warshaaluun invastimantii guddaa gaafata. Itoophiyaan otoo rakkoolee irranatti tarreessine keessa jirtuu rokeettii ijaaruu hindandeessu. Ameerikaanuu kan furguggeessitu Chaayinaa ykn Indiyaa deemteeti.
Hojichi humna maallaqaa qofa otoo hintaane haala teessuma lafaallee ni gaafata. Haalli teessuma Itoophiyaa saatalaayitii furguggeessuuf daran mijaataadha. Itoophiyaan naannawa mudhii lafaatti waan argamtuuf saatalaayitiin asi furguggifamtu kallattumaan orbiitiishiirra (bakka dizaayin ta’eefirra) quphanti.
Sababuma humnaatiini Itoophiyaan saatalaayitishii Chaayinaarraa gara Hawaatti kan ergite. Itoophiyaan gara fuulduraatti asumaa furguggisuun akka danda’amuuf injiinaroonni hojjetaa jiru.
Bariisaa: Gama teknolojii kanaan dhiyeenyatti waanti sirraa’u jiraa?
Diinaa’ol: Eeyyee, jira. Jiddugalli qorannoo hawaa kun saatalaayitoota lama milkeessuuf hojjetaa jira. Inni tokko saatelaayitii kominikeeshiniidha. Lammaffaan ammoo hojii saatelaayitii asumatti warshaaluuti. ‘AIT (Sattalite Assembling Integeration and testing’) jedhamu. As keessatti gaheen koo saatalaayitii kominikeeshiniirratti waanin baradheen pirojekticharratti hirmaadhee faayidaa barbaadamu argamsiisuudha. Kunis waggaa sadii hanga afurii jidduutti kan dhugoomuudha. Kun pirojektii mootummaatiin kan hojjetamuudha. Kan dhuunfaa koos waantin hojjetaa jiru jira; kan waggaa lama keessatti ifa ta’u.
Bariisaa: Hanqina ogummaa dabalatee damee kana keessatti waanti akka rakkinaatti eeramu yoo jiraate?
Diinaa’ol: Ogeessonni damee kana keessa jiran daran muraasa. Sababuma kanaan ani fakkeenyaaf sa’aatii 24:00n hojjetaa jira. Dameen qorannoo kun faayidaa olaanaa qabu kana Itoophiyaan biyya biraatii sharafa guddaadhaan kireeffattee itti fayyadamaa jirti. Kanaaf dargaggoonni keenya otoo hinsodaatiin barnoota kanarratti hirmaachuu qabu. Isaanis gara qorannoo kanatti otoo dhufanii daran fayyadamoo ta’uu danda’u.
Charinnat Hundeessaatiin
5 Comments to ““Qorataafi to’ataa saatalaayitii Itoophiyaa jalqabaa ta’uun koo daran na gammachiisa””