“Ramadaana baranaa otoo dhufuusaa hinargiin lufuusaa argine” -Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa

Hawaasn Musliimaa ji’a Ramadaanaa kan kabaju haala addaatiin  Masgiidafi iddoowwan qulqulluutti. Masgidattis ta’u yeroo lulluuqqannaa (faxara)  waliin sagadu, qara’u, nyaatum  Rabbis kadhatu. Jin kun ji’a hawaasni Musliimaa warreen harka qal’eeyi yaadachuudhaan bakka jiranitti zakaafi kennaawwan biroos itti kennuudha.

 

Gaazexaan Bariisaas Ayyaana Id-Alfaxir bara 1441fa baranaa sababeeffachuun fuula kanarratti Pirezidaantii Gumii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa, Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa keessummaa kan taasifate yoo ta’u, gaafdeebiin isaan wajjin taasifames kunooti.

 

Bariisaa: Sheek Hajjii Ibraahim yoom, eessatti dhalatan?

Sheek Hajii: Kanin bara 1945 Naannoo Oromiyaa, akka moggaasa yeroo sanaatti Konyaa Arbaagugguuttin abbaa koo abbaa kiyya  Ibraahim Tufaa Maloofi haadha tiyya Aadde Ashuu Kabiir Mahaammad Muudeerraa dhaladhe.

 

Bariisaa: Waa’ee barumsaafi hojii keessanii nutti himaa mee?

Sheek Hajjii: Ani barsiisaa barumsa Amantiiti. Waggoota 22f barumsa amantii barsiiseera. Daa’immumaa kiyyaanin qur’aana qara’u jalqabe. Haata’u malee bara 1976 (bara Darguu) barumsa bu’uuraa baradheera. Yeruma sana barumsa qubees dhoksaadhaan baradheera.

 

Kanaa achi akka daa’imman kaanii mana barumsaa idilee dhaqee barumsa hinhordofne. Qur’aana kanin qara’e yeroo muraasa keessatti. Barsiisonni narraa baratu malee ani isaanirraa baradhee hinbeeku.

 

Bariisaa: Afaan Oromootiin barreessuu akkamiin eegaltan, eenyutus isin barsiise?

Hajjii Ibraahim: Waggoota 27f dalagaa kanin ture qubee Afaan Orromootiini. Yeroo sana dhoksaadhaan malee ifatti qubee barachuun hindanda’amu ture. Haalatti Afaan Oromoo barreeffamu kan na barsiise nama Amaan Mahaammad jedhamuufi ammaan tana Norwee jiraatuudha.

 

Dhaabni siyaasaa jalqabaaf ani beeku dhaabbata DhDUOdha. Yeroo Dargiin kufu  anumatu dhaaba kana simate. Yeroo sana ani Arsii, Aanaa Gunaa keessan ture. Qubee Afaan Oromoo  dabalataan kan itti cimse hiriyaa kiyya yeroo sana waajjira maallaqaa aanichaa keessa hojjetaa tureedha.

 

Herrega barsiisonni baasan waan beekuuf barsiisonnis sheekoon nutti hindhufiinaa jedhu. Ani wayitan barumsa hordofu al tokko lama yoon dubbise dafee naa gala. Kun ammoo kennaa Rabbiiti. Namoonni hedduun kan na jajan Sheek Hajjiin kennaa Rabbiitiin malee barsiisotarraa barumsa argatee miti jedhu.

 

Bariisaa: Barumsa amantii yoom barachuu eegaltan, barsiisuu hoo?

Sheek Hajjii: Daa’immumaa kiyyarraa kaaseen barsiisaa ture. Mana sirreessaa  Qaallittiitti  sababuma amantiitiin Mootummaa Wayyaaneetiin hidhamee wayitan adabii jala turetti  kitaaba fuula 300 barreesseera. Ani daa’immumaarraa kaasee mana barumsaa Islaamaa seenuunin baradhe.

 

Barumsa idilee barachuuf naannoon ani itti dhaladhe magaalarraa  kiiloomeetira 25 waan fagaatuuf yeroof carraa barumsa idilee hinarganne. Magaalaa Abboomsaa dhaqee fira bira taa’ee barachuu akkan barbaadu abbaa kiyyatti himeen ture.

 

Yeroo sana akka ammaa bolaalee uffatanii deemuun hinjiru. Uffanni jiru kushee (qumxaa) xaaqaarraa hodhamtuudha kan ture. Barumsa idilee kana  barachuuf wayitan deemuuf ka’u sheekiin tokko naannoo keenya dhufnaan barattoota heddu walitti qabanii barsiisuuf galmeessuu jalqaban. Anis maaltu fagoo nageesse jedhee fiigee dhaqee galmaa’e.

 

Haa ta’u malee kushee ani  bitadhe jilbaa olitti  cabsanii waan naa hodhaniif sheekichi na ilaaluun jilbaa gaditti gadi siqsi naan jedhan. Yeroo sana  namni kushee biraa naa bitu waan hinjirreef achi siqee mala dhahe. Innis hodhuma jilbaa olitti dachaafamee hodhame gadi dirirsuun sheekichatti deebi’e.

 

“Bada gurbaa ammallee sanumaa maalumaafuu mee gabatee irratti barattu fidii koottu naan jedhan. Waytuma kana muka hindheessaarraa gabatee gurra qabu  fudhee dhaqe. Sheekichi gabateen kun muka hintaanerraa waan bocameef qalmaan irratti hinkatabamu naan jedhan.

 

Haata’u malee hiriyaansaanii, sheekin tokko qalama kiisii keessaa qaban baasanii ‘ALIF BA’AA TA’A’jedhanii  irratti naa barreessan. Guyyaa lammaffaatti sheekonni lameen walqabatanii gabaa Arbaagugguu deeman. Anis achuma taa’een guyyaa guutuu irra deddeebi’ee waanin qara’aa ooleef sammuutti qabadhee oggaa isaan deebi’an lakkaa’eef.

 

Waan isaan na barsiisan waanin guyyaa tokkotti lakkaa’ee, qabadhee fixeef sheekichi, “Kanaandura qaraatee beektaa” jedhanii na ajaa’ibsiifatan. Ani qara’ee akkan hinbeekne ittihime. Haala kanaanin barumsa jalqabe.

 

Bariisaa:Yeroo sana daree tokko keessa barattoota meeqatu barataa ture?

Sheek Hajjii: Nan yaadadha yeroo sana kutaa tokko keessa darasaa 40 ykn 30 ol ta’aniitu qara’u. Darasaawwan kunneen waan baay’ee ta’aniif nama tokkotti ni ulfaata. Haaluma kanaan kutaalee adda addaa keessatti qoodamnee akka qaraanu ta’e. Ani dareen gale keessatti barumsa naa kennamu yeroomaan fixeen  bira darbe.

 

Akka carraa ta’e yeroo san ilmi baalabbaataa tokko kan barumsa idilee kutaa sadaffaa baratee waan dhufeef namni Hajii wajjin deemuu danda’u isa jechuudhaan dirqamaan isa jalatti naqaban.

 

Kitaaba guddaa addunyaan Musliimaa itti baratu lammaffaa qara’e fixe. Haaluma kanaan barumsa kaarikulamii sadarkaa biyya keessaa bara 1958 waanin fixeef sadarkaa barsiisaatti ce’ee bakkuman qara’aa jirutti qaraasisuu jalqabe.

 

Akkasumas kitaaba guddaa Hadiisaa, qur’aanatti aanee Rabbirraa bu’e, kan addunyaan Islaamaa itti bultu waliin gahe.  Bara 1965 barumsa kiyya fixuuf wayita  jiini lama nahafu abbaan kiyya narraa boqonnaan waggoota lamaaf bakkuma dhaloota kootti deebi’e.

 

Briisaa: Sana booda hoo?

Sheek Hajjii: Sana booda edda Mootummaan Hayilasiillaasee kufee barsiisummaa kiyya ittifufuun isuma maddiitti hojii jaarsummaa keessatti hirmaachaan ture.

 

Ani jaarsumaaf kanan filatame baradhee osoo hinta’in kennaa Rabbi na badhaaseeni. Bakkan ani hinjirretti dubartiin hinheerumtu, dhiirris hinfuudhu. Ani barbaadee osoo hinta’in hawaasatu nafilate. Haata’u malee dubbiiwwan xixinnoof akka nan barbaanne hawaasichatti himee xinnoo aara galfadhe.

 

Yeroo Dargiin akka warreen amantii biroo rakkisan nan tuqne. Inumaayyuu wajjummaan hojjechaa turre. Yeroo sana Dargiin natti gargaaramaa ture malee ani isatti hinfayyadamne.

 

Bariisaa: Amantii Islaamaa keessatti sadarkaan inni dhumaa maal jedhama?

Sheeki Hajjii: Seenaa barnoota ammantii Islaamaa keessatti sadarkaa dhumaa waanti jedhamu hinjiru.

 

Bariisaa: Mee waa’ee hidha guddichaa  ykn laga Abbayyaa ijaarsisaa harka 73 irrarratti maal jettu mee?

Sheek Hajjii: Waggoota 1441 dura Nabiyyuu Mahaammad waa’ee Laga Abbayyaa dubbachaa turan. Kan har’aa Itoophiyaan, Misiriifi Sudaan irratti dudubbachaa jiran yeroo sana Nabiyyuu Mahaammad kan jedhan kitaaba Qur’aanaa Qulqulluu keessatti katabamee muldhata. Anis waa’ee Laga Abbayyaa (Hidha Guddichaa)rratti kanaan dura yeroo baay’ee dubbadheera. Akka gumii keenyaattis ta’e qabeenya dhuunfaa koorraa deggarsa gochaa tureera.

 

Addunyaa tanarra lageen afur lagoota jannataa  jedhaman jiru. Logoota afran kanneen keessaa lama yeroo addunyaarraa boqonnu Rabbi hawaasasaatti amanu kan badhaasuudha jedhama. Isaanis Niiliifi Furmaat jedhamu. Niiliin laga Abbayyaati. Lagni kun laga Jennataa jedhama. Warqiin laga kana keessaa jiru hammaarame hindhumu. Ibsaa irraa burqisiisuun faayidaan argamu guddaadha.

 

Faayidaa laga kanaa Nabiyyiin keenya duraan dursanii waan dubbataniif har’aan eeguun keenya nama gaddisiisa. Duraan dursinet itti fayyadamuu qabna ture. Hidha kanatti fayyadamnee ibsaa burqisiisuudhaan biyyoota ollaafuu kennuu ni dandeenya ture. Qurxummii horsiisuudhaan bu’aa olaanaa argachuun ni danda’ama.

 

Kanaafuu hidha kana xumurree hanga har’aatti otoo hojiirra oolchiin turuun keenya akka “Jaldeessi bosona gala. Gaagura dammaa mukuma jaldeessi irra galurratti hidhanii irraa fayyadamu. Jaldeessi waan nyaatuufi dhugu barbaada ni deema. Damma garuu biruma gala. Holqi damma keessaa fudhannu bosona jira. Jaldeessi holqicha keessaa damma hinfudhatu. Rabbii jaldeessuma damma bira galu nu taasise. Laga Abbayyaa baroota dheeraaf irraa fayyadamurraa qoqqobamnee turre.

 

Har’a biyya keenyatti Rooba yeroo lama arganna; rooba gannaafi arfaasaa. Biyyoonni Arabaa Laga Abbayyaatti fayyadaman garuu waggaatti guyyaa takka rooba argatu. Nuti ammoo rooba qofa osoo hinta’in lageen guguddoota osoo qabnuu rakkachaa jirra.

 

Biyyoonni Arabaa kanneen lafa gammoojjii keessa jiraatan laguma keenya kana jallisuudhaan kuduraafi muduraa omishanii addunyaa fayyadaa jiru. Kanumarraa kan ka’e yeroo baay’ee biyyoonni Arabaa osoo biyya jiituu qabdanuu gadadoo keessa  jirtu nun jedhan.

 

Bariisaa: Ejjennoo Itoophiyaan ijaarsa hidhichaarratti qabattee tarkaanfachiisaa jirturratti maal jettu ree?

Sheeki Hajjii: Itoophiyaan lagni kun keenya qofa hinjenne. Numaraafuu ni gaha jechaati kan jirtu. Haata’u malee bishaan lafa keenyarraa burqee dhangala’u kanatti fayyadamuun haqa keenya waan ta’eef ittigargaaramuuf mirgan qaba jechaa jirti. Ejjennooshii kanas addunyaaf ibsaa jirti.

 

Dhalli namaa bishaanfi abidda walqixa ittifayyadamuu akka qabu yeroo baay’ee ni dubatama. Nutis bishaan Rabbi nuu kenne kana hawaasa ollaa keenya jiruun haqa keenya jennee hindhorkanne. Kan jennu bishaan kanatti walqixxummaan fayyadamuu  qabnaadha.

 

Biyyi teenya dureettiidha. Irrisheefi jallishee bishaanuma. Biyya lalistuu addunyaan marti hawwuudha. Haata’u malee yeroo dheeraadhaaf rakkinoota adda addaatiin misoomni keenya duubatti deebi’eera.

 

Kanaafuu salphina hiyyummaafi deega Itoophiyaan har’a ittiin arrabsamtu jalaa bahuuf ummanni keenya marti sheerii bitachuudhaan ijaarsa hidha guddichaa kana fixuu qaba.

 

Abdii lagicharraa eegamu milkeessuuf akkuma kaleessaa tumsinee fixu qabna. Sheeriin har’a bitanne ittiin ijaarru nuu qaqqabuu baatullee dhala keenyatti ni darba jennee abdanna.

 

Laga Abbayyaa Rabi nuu kenne kana hawaasni keenya amantiidhaan, sanyummaafi  qooqaan osoo addaan hinbahin tokko ta’ee sheerii bitatee itti fayyadamu qaba.

 

Bariisaa: Hawaasni musliimaa Ramadaana baranaa akkamiin dabarse?

Sheek Hajjii: Hawaasn Musliimaa  Ramadaanaa baranaa kana lufuusaa malee dhufuusaa hin rgine. Jiini Ramadaanaa baranaa maaliif akka nu jalaa ariifateef hinabeknu. Jaalannus Jibbinus  keessummaa kabajamtuun jaalatamtuun Rabbii ta nubiraa galtee simaneerra, gaggeessineerras.

 

Bariisaa: Vaayirasii koronaatiin walqabatee hawaasni Musliimaa Ramadaana baranaa akkamitti dabarse?

Sheeki Hajjii: Barri kun hawaasa Musliimaatiif gadda addaatti. Hawaasichi rakkina dhibee koronaatiin waa sadii nu dhabsiise; Ayyaana Iid-Alfaxirii, Arafaafi torbanitti al tokko kan sagannu, Ju’umaa. Sababuma vaayirasichaatiin masgiida keessatti baayi’inaan akka hingeggeessine nu taasiseera.

 

Musliimni sodaa vaayirasichaatiin manatti dacha’ee sagaduuf dirqameera. Sababuma vaayirasichaatiin masgiidni keenya mukaa’ee nutis mukoofneerra.. Rakkinni kun ammoo hawaasa Musliimaa qofa osoo hinta’in kan hawaasa addunyaa maraa waan ta’eef hanga inni darbutti of eeggannoo gochuudhaan Rabbi kadhachuu qabna.

 

Haala amma muldhachaa jiruun vaayirasichi babal’achaa jira. Kanaaf hawaasichi qajeelfama mootummaafi ogeessota fayyaatiin kennamu fudhatee sirnaan hojiirra oolchuu qaba.

Akka afoola Oromootti waldhabdee lamatu jiru; waldhabdee shamtee (kan yeroo dheeraa)fi galtee (kan yeroo dhiyoo).

 

Rakkinni amma nuqunname galteedha jennee yaanda. Maaliif yoo jedhame dhibeen hawaasa manatti dachaase kun kan dhgahame yeroo dhihoo waan ta’eef.

 

Rabbi ni ilaalaa bari. Hammeenya dhalli namaa addunyaa tanarratti raawwatu daran baay’ateera. Obboleessi dhiiga obboleessaa dhangalaaseera. Dhiigni dhala namaa kan saree hanqate bakkuma argametti dhangala’aa jira. Hawaasn addunyaa ammantiidhaan osoo adda hinfoyamin dhignisaa bakkuma maratti dhangala’aa jira.

 

Kanaafuu rakkina ofii keenyaa finne kanaan Rabbi nu adabuuf jecha addunyaa guutuu vaayirasi kanaan adabaa jira. Hammeenya  ofii keenyaa finneen Rabbi komanna. Inni ammoo bakka dharti jirtu waan beekuf akka nu araaramu kadhachu qofa.

Akkuma jechama, akka baratanirra akka baraatti bulu  jedhamu san waan barri fide obsaan dabarsuu qabna.

 

Hawaasni Musliimaa yeroo Ramadaanaa iddoo tokkotti kabajata. Aadaan kanaan dura walgargaaraa ayyaanicha kabajachuurratti mul’ataa ture ammas of eeggannaadhaan ammas cimee ittifufu qaba.

 

Maatii harka qal’eeyyii yaadachuun seenaa ammantii hawaasichaa keessatti ni beekama. Haaluma kanaan Ramadaanni yeroo soomanaa Rabbii keenya gadi teenyee kadhannuufi kadhannee irraa argannu waan ta’eef ammas bakkuma jirrutti kadhachuu qabna.

 

Obbolaa keenya warreen harka qal’eeyyii caalumattuu kan yaadanu guyyaa kanatti. Guyyaa sooma hiikaa kana isaan waliin dabarsun waan Rabbiin keenya jaalatuudha. Kanaafuu guyyaan ayyaana IDI Faxiri itti kabannu kun guyyaa jaalalaa, bara nagaafi dhibee addunyaa kana raasaa jiru ofirraa baraarru waan ta’eef hawaasn Musliimaa akkuma kanaan duraa baranas lammiilee harka qal’eeyyii yaadachuu qaba jechun dhamsa kiyya dabarsa.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Suurri Iyyob Tafariitiin

Recommended For You

12 Comments to ““Ramadaana baranaa otoo dhufuusaa hinargiin lufuusaa argine” -Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa”

  1. Pingback: Anonymous Gun Shop
  2. Pingback: go88
  3. Pingback: free cams
  4. Pingback: BAU_2025
  5. Pingback: pinco
  6. Pingback: 1xbet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *