“Hojjetaan mootummaa Oromiyaa mana jireenyaa tokko argachuuf mirga qaba” – Doktar Biqilaa Hurrisaa

Keessummaan keenya har’aa Doktar Biqilaa Hurreessaa, Hogganaa Biiroo Pabilik Sarvisiifi Qabeenya Humna Namaa Oromiyaati. Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa isaan wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateeraa dubbisa gaarii!

Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnoota keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Doktar Biqilaa: Godina Jimmaa, Aanaa Shabee Somboo, Magaalaa Shabeettan dhaladhe. Barnoota koo kutaa 1fa hanga 8fatti bakkuma dhaloota koo, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Shabeettan baradhe. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaa bara 1986 xumureen sadarkaa lammaffaa (kutaa 9ffaa hanga 12fatti) Mana Barumsaa Sadarkaa 2fa Jimmaattin hordofe.

Bara 1991 Yuniversitii Finfinnee seenee bara 1995 damee barnoota Bulchiinsa Ummataatiin digrii koo jalqabaatiin xumure. Sana booda Yunivarsitii Finfinneetti hafee mindeeffamuuf erga waanti hundi xumuramee sababa hanqina bajataatiin achitti hojii ittifufuu waanan hindandeenyeef Itiyoo Telekomitti ogummaa humna namaatiin bara 1996 hojii eegale.

Fedhiin koo barsiisummaa waan tureef waggaa tokko ergan hojjedhee booda Yunivarsitii Jimmaatti barsiisummaadhaan mindeeffame.

Achittis ergan waggaa tokkoof barsiisee bara 1998 Yunivarsitii Finfinneetti barsiisummaadhumaan mindeeffame. Achumaanis digirii koo lammaffaa fudhadhe. Digrii koo sadaffaa (PhD) koos yunivarsitichumatti  damee barnoota Imaammataafi Bulchiinsa Ummataatiin xumure. Waggoota lamaafis achuma ture.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi kallattiidhaan naa taasisaniin bara 2009 ji’a Sadaasaa keessa Hogganaa Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa Oromiyaa ta’uun hanga har’aatti hojjetaan jira.

Bariisaa: Waraqaan qorannoo keessan digrii sadaffaa maalirratti xiyyeeffate?

Doktar Biqilaa: Waraqaan qorannoo koo digrii sadaffaa ‘Falaasama Ida’amuu’  biyyi kun ittiin geggeeffamaa jirtu waliin walittidhufeenya qaba. Falaasamni Ida’amuu akkamiin rakkoolee dinagdeefi tajaajila biyya keenyaa hiikuu danda’a kan jedhurratti xiyyeeffata. Waraqaan qorannoo koo Falaasama Ida’amuu biyyi kun amma ittiin hoogganamaa jirtu waliin itti yaadamee dursee waan hojjetame fakkaata.

Matadureen waraqaa qorannoo koo ‘Public private Partnership In The Health Center Of Ethiopia’ jedha. ‘Public private Partnership’n bifa hoggansaati. Hoggansi sektara mootummaa qofaasaa, hoggansi sektara dhuunfaas qofa qofaasaanii hokkoloodha.

Yoo walitti ida’aman garuu guutuu ta’u, humna godhatu kan jedhu eera, waraqaan qorannoo koo digirii sadaffaa.

Akka carraa ta’ee bara darbe mootummaan dhimma kanarratti labsii ‘Private Partnership’ jedhamu baase. Labsichis yeroo ammaa tajaajila keessa galeera. Qorannoon bara 2007fi 2008 keessa hojjedhe sektarri fayyaa dhuunfaafi mootummaa ida’amuun, waltumsuun, waldeggeruun waliin hojjechuun sektara fayyaa keenya fayyisuu danda’a kan jedhu ture. Ida’amuun qoricha hoggansa sektara fayyaati.

Falaasamni dhuunfaa koos kanuma. Qaamni tokko, manni hojii tokko, sektarri tokko qofaasaa yoo ta’e yeroo hunda hir’uudha. Yoo waliin ta’an garuu guutuudha. Kun gara fuulduraatti sektara fayyaa keessatti ciminaan irratti hojjetamuu qaba.

Yeroo ammaa weerara vaayrasii koronaa of irraa ittisuu keessatti iddoon yaalii dhibee ‘Koviid-19’ hospitaala mootummaati. Hospitaalli dhuunfaa iddoo yaalii dhibee kanaa ta’ee yoom tajaajiluu jalqaba? Ykn ammoo rakkoo fayyaa nu mudate hospitaala mootummaa qofatti fayyadamnee keessaa baanaa? Hospitaalli mootummaafi dhuunfaa waliin ta’anii qabeenya jiru walitti fidanii yoo hojjetan garuu rakkoo kana ittisuun ni danda’ama.

Yoo waliin taaneefi waliif gumaachine furmaata fiduu dandeenya jedha waraqaan qorannoo koos. Falaasamni waraqaa qorannoo koos falaasama ida’amuuti. Ida’amuun cabiinsa dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa biyya kanaatiif qoricha. Falaasmni dhuunfaa koos ta’e waraqaan qorannoo koos kanuma kan ibsuudha.

Bariisaa: Mootummaa jijjiiramaa kanaa as jijjiiramni gama siivil sarvisiitiin jiru maal fakkaata?

Doktar Biqilaa: Pabilik sarvisiin naannoo ykn biyya keenyaa qofaasaatti  adda bahee otoo hintaane qaama sirna hawaasdinagdee biyyattii ta’ee ilaalamuu qaba. Pabilik sarvisiin biyya tokkoo ykn  hojjetaan mootummaa naannichaa kuma 600tti siqu qofaasaa adda baastee ilaaluun dhuunfaasaatti eebbiftuufi kunuunsitu, waan hinraawwatneefis abaartu miti.

Siivil sarvisiin biyya keenyaa waggoota 47 lakkoofsise sirnuma siyaasaa keenyaa fakkaata. Siivil sarvisiin bara mootummaa Hayilasillaasee ijaarame falaasama fiwudaalii of keessaa qaba. Kan Dargiifi ADWUIs sirnuma siyaasaa hordofan fakkaata.  

Hojiin mootummaa jijjiiramaa kana keessatti hojjechuuf yaalle inni guddaan mootummaan of danda’ee tajaajila ga’aa akka kennu yoo barbaachise siivil sarvaantiin beekumsa, ga’umsaafi naamusa qabu, siyaasaan walhinlaaqneefi of danda’e ijaaruudha.  

Bakka siivil sarvaantiin hundi deggeraa ykn mormaa siyaasaa ta’etti tajaajila ummataa bilisa ta’e, ummata walqixa ilaalu, sirni siyaasichaa jiraates jiraachuu baates tajaajilee itti fufuu danda’u ijaaruun hindanda’amu. Kana fooyyessuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Yeroo ammaa hojii siyaasaafi hojii siivil sarvisii addaan  baasuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Gama kanaan akka biyyaattis ta’e naannootti jijjiiramni ilaalchaafi siyaasaa dhufeera.

Hojjetaa mootummaa tokkorraa kan eegamu beekumsa, muuxannoo, dandeettii qabu ummatasaatiif gumaachuudha. Waggoota 30 darbanitti namootni ragaa sobaatiin sartifikeetii, digrii, eeyyama konkolaachisummaa, xalayaa muuxannoo mandara keessaa bitatanii manneen hojii mootummaatti mindeeffamaniifi guddina argachaa turan  baay’eedha.

Rakkoo kana furuufis qajeelfama baafnee namni raga sobaa qabu akka of saaxiluufi dhiifama gaafatu ta’eera. Kan of hinsaaxilleefi dhiifama hingaafanne ammoo seeraan gaafatameera.

Haaluma kanaan hojjetootni mootummaa kuma ja’a dhiifama gaafataniiru.  Mindaan seeraan ala kaffalamaafii tures saanduqa mootummaatti deebi’eera.

Gara fuulduraatti hojjetaan mootummaa ragaa dhugaafi madda dhugaarraa argameen qofa akka mindeeffamu taasifameera. Yeroo ammaa hojjetaa haaraan tokko mindeeffamee otoo dhaabbii hinta’iin dhaabbata barnootaa isa barsiiserraa kallattiidhaan ragaansaa akka dhufu taasifameera. Ragaa kana dhaabbata barnootaa isa barsiisetu erga. Dabalataanis seera qabeessummaa ragichaa qulqulleeffachuuf Ejensii Qulqullina Barnootaa wajjin hojjetaa jirra.

Hojjetaan mootummaa kan mindeeffamuufi guddatu muuxannoo hojiifi ragaa barnootaa of harkaa qabu qofaan ture. Ammaa garuu sirna bulchiinsa humna namaa dorgommiirratti hundaa’e ‘Competence Based Human Resource Management’  diriirsinee hojiitti galleerra.

Sirnichi hojjetaan tokko hojii kennameef qabatamaan akkamitti hojjechuu danda’a kan jedhurratti xiyyeeffata. Sirna kana Yunnivarsitii Naannoo Oromiyaa (‘Oromia State University’) wajjin hojjenne. Yunivarsitichatti giddugalli mirkaneessa gahumsa hojjettoota mootummaa hundaa’eera.

Hojjetaan mootummaa tokko mindeeffamuuf, jijjiirraa argachuufi sadarkaa guddinaa argachuuf giddugalichatti qorama. Fakkeenyaaf namni tokko ogeessa karooraa ta’ee mindeeffamuuf karoora qopheessee akka agarsiisu taasifama. Ogummaawwan biroorrattis haaluma kanaan qorama.

Hojjetaan tokko mindeeffamuufis ta’e sadarkaa guddinaa kan argatu hojii kennameef sirnaan raawwachuunsaa erga mirkanaa’ee booda. Gama kanaan jijjiiramni guddaan mul’ataa jira.

Sirna hojii walqixaaf kaffaltii walqixa jedhu akka biyyaatti ba’es hojiitti galchuuf hojiin hojjetame bal’aadha. Hojjettoonni mootummaa naannichaas yeroo ammaa gita hojii haaraarratti ramadamanii gita hojii walfakkaatuuf kaffaltii walfakkaataa akka argatan taasifamee boqonnaa xumuraarra ga’ameera.

Dhimmootni guguddoon kunneen waggoota dheeraaf lafarra harkifachaa turanillee yeroo ammaa furmaata argachaa jiru. Rakkooleen hince’amne sirnoota darban keessa fudhataman ammas nu waliin gangalatan baay’een jiraachuusaaniiti.

Ijaarsi jaarmiyaa sirna pablik sarvisii keessatti lafa hinqabanne. Kana jechuun hojjetaa mootummaa of danda’ee barnoota, beekumsaafi  dandeettiisaatiin ummata tajaajilu, sirni siyaasaa raafamus cimee dhaabbatus ummata koon tajaajila jedhee amanee hojjetu hundeeffachuun daran murteessaadha. Kun biyyoota Awurooppaafi Ameerikaatti lafa qabateera. Biyyatti garuu hojii guddaatu hafa.

Aadaan hojii hojjetaa mootummaa rakkoo guddaa qaba. Bakka baay’eetti hojjetaan mootummaa geggeessaansaa jiraatus jiraachuu baatus yeroo hojii kabajee waajjira seenuu, karoorfatee karoorasaa raawwachuu, geggeessaasaa itti dhiyoo wajjin mari’atee rakkoo hiikaa deemuu, gahee irraa eegamu beekee hojjechuu, abbaa dhimmaa kabajuu dhabuun rakkoo ammayyuu hince’amneefi hojii guddaa nu gaafatuudha.

Bariisaa: Aadaan hojii hojjettoota mootummaa laafuun kun maalirraa madde? Akkamittis jijjiiruun danda’ama?

Doktar Biqilaa: Aadaan hojii hojjetaa mootummaa qaama aadaa hojii lammiilee biyyattiiti. Aadaan hojii hojjetaa mootummaa aadaa hojii lammiilee biyyattii wajjin walfakkaata. Biyyoota Awurooppaa, Ameerkaafi Chaayinaa keessatti hojii jechuun birmadummaa jireenya namichaa wajjin walqabata. Biyyoota kunneen keessatti namni hinhojjenne akka du’etti lakkaa’ama. Aadaan hojii yeroo kabajuu, hojii ofii beekanii karoorfatanii raawwachuu wajjin walqabata.

Rakkooleen hojjetaa mootummaa biratti mul’atan rakkoo aadaa hojii biyyattii wajjin walqabata. Kanarraa ka’uun qonnaan bulaan yeroo, maallaqaafi humnasaa qindeeffatee hojiisaarratti bobba’uun omishaafi omishtummaasaa tattaaffii taasisaa hinjiru. Daldalaanis akkasuma. Hojjetaan mootummaas hawaasa akkasii keessaa waan ba’uuf aadaa kana fudhatee hojiirratti bobba’a.

Bariisaa: Furmaanni rakkoo kanaa maalinni ree?

Doktar Biqilaa: Nuti aadaa hojii hojjetaa mootummaa jijjiiruuf maal hojjechaa jirra kan jedhu hojmanee keenya. Hojjetaan mootummaa eessayyuu jiru geggeessaasaa fakkaata.

Bakka geggeessaan yeroon waajjira seenee hojiisaarratti argamee hojjettootasaa to’atu, guyyaa guyyaan maal akka raawwataniifi hinraawwanne madaalee isa gaarii hojjeteef beekamtii kenneefi kan hojii irraa eegamu hinraawwanne ammoo akka ittigaafatamu taasisetti jijjiiramni ni dhufa. Aadaan hojiis ni jijjiirama.

Bakka geggeessaan ofiisaatiifuu yeroon bakka hojiisaatti hinargamneefi hojii irraa eegamu harcaasetti, hojjettoonnis isa ilaalu. Kanaafuu hojjetaan mootummaa geggeessaasaa fakkaata jechuudha. Aadaan hojii hojjettoota mootummaa akka jijjiiramu yoo barbaadamew aadaan hojii geggeessaa jijjiiramuu qaba. Kanan sirreessuun qabsoo wajjummaa gaafata.

Geggeessaan tokko gama hundaan fakkeenya ta’ee hojjettoota isa jala jiran to’achuu, hordofuu, ofitti qabuu, leenjisuu, madaaluu, gorsuufi sirna gaafatamummaa diriirsuun aadaa hojii fooyyessuuf ykn jijjiiruuf hojjechuu qaba.

Bakka geggeessaan haala kanaan hojjettootasaa to’atuufi hordofutti aadaan hojii jijjiirama qaba. Aadaa hojii waggoota 47 nu waliin konkolaachaa dhufe halkan tokkotti jijjiiruun danda’amuu baatus bakka geggeessitoonni adda dureen jiranitti aadaan hojii kun jijjiiramaa jira.

Bariisaa: Aadaan hojii hojjettoota mootummaa biratti jijjiiramuu dhabuun rakkoolee akkamii qaqqabsiisaa jira?

Doktar Biqilaa: Hojjetaan aadaa hojii gaarii qabuufi hojiisaa dadhabee hojjetu hirriba gaarii rafa, nyaatni nyaatullee itti mi’aawa. Hojjetaan kaka’umsa ykn aadaa hojii hinqabne mana hojii miidhuurra darbee ofii isaatiifuu miidhamaadha.

Manni hojii tokko karoora baafatee sirnaan raawwachuu dhabuufi bajata waggaa ramadameefitti seeraan hinfayyadamne raawwiin mana hojichaa akka gad bu’u taasisuun miidhaa guddaadha.

Aadaan hojii keenya jijjiiramuu dhabuun tattaaffii hiyyummaa keessaa ba’uuf taasisaa jirru nu jalaa sakaaleera. Hojjettootni mootummaa tattaaffii taasifamaa jiru milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabu. Qonnaan bulaafi daldalaanis, gaheesaanii beekanii hojjechuu qabu.

Bariisaa: Weerara vaayirasii koronaa ittisuuf hojjettoonni mootummaa meeqatu akka mana taa’anii hojjetan taasifame meeqa?

Doktar Biqilaa: Weerarri vaayirasii koronaa dhala namaa miidhuurra darbee hojiifi tajaajila mootummaa miidhaa jira. Weerara vaayirasichaa ittisuufis kallattii mootummaan kaa’een hojjettoonni mootummaa naannichaa dhibee adda addaafi dhaabbii mirkanaa’e qaban, dubartoonni hoosisaniifi garaatti baatan, hojjettoonni umuriidhaan deeman addatti weerara vaayrasichaatiif saaxilamuu waan danda’aniif boqonnaa waggaa guutanii akka bahan ta’eera.

Boqonnaan kennameef kun boqonnaa waggaa irrraa kan citu miti. Boqonnaan kun hojjettoota sektaroota, fayyaa, qonna, bulchiinsaafi nageenya, kominikeeshinii keessa hojjetan biratti haala addaatiin ilaalama.

Hojjettoonni mootummaa hangi tokko boqonnaa ba’uun waajjira keessattis ta’e konkolaataa sarvisii hojjettoota mootummaa keessatti walirraa fagaatanii akka taa’an taasiseera.

Hojjetaan mootummaa boqonnaarra jiru konkolaataa (sarvisii) akka hinfayyadamneef waraqaan eenyummaa torban lama lamaan jijjiiramu qophaa’ee kennamaa jira. hanga ammmaatti hojjetaan mootummaa naannichaa vaayirasichaan qabame hinjiru. Sababa weerarichaatiin garuu tajaajilli mana hojii mootummaa keessatti addaan cite hinjiru.

Bariisaa: Weerarri vaayirasii koronaa kun raawwii karoora hojii baranaa irratti dhiibbaa akkamii geessisuu dhanda’a?

Doktar Biqilaa: Akka Oromiyaatti kan labsimeefi kaabineedhaan irratti dubbanne barri 2012 bara hojiifi karoora of harkaa qabnu hunda xumuruuf hojjechaa jirruudha. Hojiileen duraan karooraan qabaman sababa weerara vaayirasichaan utuu addaan hincitin ittifufaniiru.

Sektarri hojjetaan mootummaa boqonnaa ba’uufi dabareedhaan seenee akka hojjetu ta’uusaatiin karoorri keenya duubatti hafeera gabaasni jedhu hanga ammaatti hinjiru. Raawwii hojii komaandi poostiidhaan torbanitti al lama ilaalamaa jira.

Hojiilee hedduun bilbilaan, telegraamiifi viidiyoo konfiransiidhaan ittifufeera. Dhiibbaa waliigalaa sababa weerara vaayirasichaatiin dhufu garuu Waxabajjiirratti ilaaluu barbaachisa.

Bariisaa: Gurmaa’ina caasaalee mootummaa bara darbe taasifameen bu’aan argame akkamitti ibsama?

Doktar Biqilaa: Gurmaa’ini kun caasaaleemootummaa bittinaa’anii turan walitti fidanii bifa tarsiimawaa ta’een ilaaluuf gargaara. Kun hojiilee duraan pirezidaantii naannichaarratti tuulamanis fureera. Duraan pirezidaantiin naannichaa sektaroota 54 naannicha keessa jiran tokko tokkoon ilaalee to’ata ture. Gurmaa’insa haaraadhaan garuu hojiileen pirezidaantii ittaanaafi sadarkaa pirezidaantii ittaanaatiin qoodamanii hojjetamaa jiru.  Gurmaa’inni haaraan hojiin mootummaa bifa qindaa’een akka hojjetamu taasiseera. Bajata mootummaa qusachuurrattis gahee guddaa qaba.

Rakkoon hanga ammaatti hince’amne garuu bajatni aanaan tokko mana hojiitiif labsu hanga %96 mindaa hojjetaa mootummaatiif oola. Mootummaan ummatarraa qarshii sassaabee hojjettootasaatiif kaffalu bajata mootummaa hundasaa fudhatee deema yoo ta’e, mootummaan tajaajiloota bishaanii, daandii, fayyaafi barnootaa ummataaf dhiyeessuu hindanda’u. Gurmaa’inssichi kana sirreessuuf hanga tokko fayyadeera jedheen amana.

Bariisaa: Hojjettoota mootummaa guddina sadarkaafi sirreessi iskeelii mindaa taasifameef hanga ammaatti maaliif  daballiin mindaa hinkaffalamne?

Doktar Biqilaa: Hojjettootas ta’e barsiisota mootummaa naannoo Oromiyaatiifi naannolee biroo keessa jiran hundaaf ‘Job Evaluating Grading (JEG)’n xumuramee hojiitti seenameera.

Hojjetaanis ramaddiisaa beekee bakka tokko tokkotti xalayaallee fudhateera. Hojiin ‘JEG’ kun waggaa 10 ol lafarra harkifachaa ture. Amma kaffaltii raawwachuuf tilmaamasaa hojjennee Ministeera Maallaqaatiif dhiyeesineerra. Bajanni dabalataa gaafatame qarshii biiliyoona 10.7. Ministeerichis dhimma kana akka biyyaatti dhimma kanarratti hojjechaa jira jedheen amana.  Akkuma maallaqichi gadilakkifameen kaffalti raawwachuuf qophiidha.

Bariisaa: Guddinniifi jijjiiraan hojjettoota mootummaa hangam haqa qabeessa?

Doktar Biqilaa: Labsiin hojjettoota mootummaa naannoo Oromiyaa lakkoofsa 215/2011 akka ibsutti, hojjettoonni mootummaa dandeettii, muuxannoofi gahumsa (meeritiidhaan) hogganama. 

Rakkoo hamaa biiroon kunis ta’e mootummaan naannichaa irratti qabsaa’uu qabu keessaa tokko rakkoolee mindeessaa, guddinaafi jijjiirraa hojjettoota mootummaan walqabataniidha.

Meeritii jechuun firooma, hiriyummaa, maallaqaan guddachuufi mindeeffamuu ykn sin fayyadaa nafayyadii utuu hintaane beekumsa, dandeettii, muuxannoofi gahumsa koo jechuudha.

Labsiin hojjettoota mootummaa lakkoofsa 215/2011s ta’e qajeelfamni lakkoofsa 15/2012 akka ibsutti, jijjiirraan kamuu yeroo raawwatamu ifatti beeksisni bahee namni dorgomu Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti dorgomee ga’umsasaa mirkaneeffatee mindeessaafi ramaddiin akka geggeeffamu taasifama.

Ammayyuu garuu rakkoon firaan, walmindeessuu, ramaddii waliif kennuufi jijjiirraa waliif kennuun sadarkaalee hundatti calaqqisaa jira. Biiroon keenya waggaatti yeroo afur hojii supparviizhiniif waajjiraalee godinaalee, aanaaleefi magaalotaatti ni ba’a.

Mindeessi, ramaddiifi jijjiirraa seeraan hinraawwatamne jedhee qaamaan sakatta’ee argeefi eeruun irratti dhiyaate  haqee dhufa. Haquu qofa utuu hintaane nama kana murteesse ni adaba.

Fakkeenyaaf bara darbe magaalaa Buraayyuutti namootni 41 sirna, qajeelfamaafi hojmaataa ala mindeeffamanii gochoota isaan walqabatan seeratti dhiyeessuun akka sirraa’u taasiseera. Hojii kana iddoowwan hundatti jirra. Kun gara fuulduraattis rakkoo hamaa biiroon keenya itti fufiinsaan irratti qabsaa’uudha.

Ani taayitaarra waanan jiruuf naman barbaade fidee mindeessisa yoo ta’e naannoos ta’e biyyi keenya duubatti mucucaachaa deemti malee hinguddatu. Rakkoo kana keessaa bahuuf labsiifi qajeelfama hojjettoota mootummaa bu’uura taasifannee hojjechuu qabna.

Bariisaa: Rakkoo qisaasama bajata mootummaarratti mul’atu furuuf maaltu hojjechaa jira?

Doktar Biqilaa:  Bara darberraa kaaee hojii mootummaafi bajata mootummaa haala gahumsaafi bu’aa qabeessummaa qabuun ittifayyadamuurratti kallattiin kaa’ame daran gaariidha. Sektaroonni hedduun bajatni waggaa xumuramuuf yeroo ji’i tokko hafutti caalbaasii baasaa turan. Kanarraa ka’uun bajatni harca’aafi pirojektonni konkolaachaa turaniiru.

Manneen hojii mootummaa baay’ee keessatti bajata seera qabeessummaan fayyadamuu dhabuurraa kan ka’e argannoowwan odiitii adda addaa mul’achaa turaaniin qisaasamni bajataa hamaan mul’achaa tureera.

Rakkoo kana furuuf barana manneen hojii Caamsaa keessa pirojektotasaanii adda baasanii hanga Waxabajjii 30tti caaalbaasii baasanii waliigaltee walii mallateessanii hojiitti akka seenan ta’eera. Bajatni sirnaan hojiirra hinoolle yoo jiraate funaanamee sektaroota sirnaan fayyadamaa jiranitti akka naanna’u taasifameera.

Gara fuulduraatti argannoon odiitii erga argamee gabaafamee booda manneen hojii argannoo odiitiirratti hundaa’uun sirreeffama barbaachisu hintaasifne akkasumas sirna faayinaansiisaanii sirreessanii gahumsaafi bu’aa qabeessummaadhaan bajatasaanii hinfayyadamnerratti sektarichaafi mana hojichaarratti hordofanii tarkaanfii cimaa fudhachuun gara fuulduraatti ciminaan irratti hojjetamuu qaba.

Qisaasama bajataa durgoo waliin walqabatee ture furuuf hojii hojjetameen jijjiiramni dhufe guddaadha. Yeroo dheeraadhaaf hojjetaan mootummaa oggaa hojii dirree bahu durgoonsaa guyyaa inni guddaan qarshii 191 ture. 

Durgoo kanaan hojjetaan ciree, laaqanafi irbaata nyaatee siree qabatee buluu waan hindandeenyeef waliigalteedhaan durgoon guyyaa lamaa, sadii, afurii dabalamee kaffalamaa ture.

Seerri hojmaata kana deggaru waan hinjirreef hinjirreef durgoon dirree kaffalamu walfakkaataa hinturre. Hojjetaan utuu hojii dirree hindeemin biiroo ykn mana  taa’ee durgoo fudhatus tureera. Kun hojmaata badaa ifatti balaaleffatamuufi gara fuulduraatti qulqulleessinee keessaa bahuu qabnuudha.

Mootummaan federaalaa sirna kaffaltii dorgoosaa murteessee waan fideef mootummaan naannoo Oromiyaas kanumarratti hundaa’uun fooyyessa durgoo taasiseera. Kanaanis  kaffaltiin durgoo qarshii 191 qarshii 450tti guddateera. Kana sirnaan raawwachiisuufis qajeelfamni qophaa’eera.

Bariisaa: Rakkoo carraa barumsaafi leenjii hojjettootaaf kennuun walqabatee mul’atu furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Doktar Biqilaa:  Sirni carraa leenjiifi barnoota hojjettoota mootummaa kennuu qajeelfama qaba. Kan hoggansaas qofaatti jira. Sirni leenjiifi barnoota mana hojii tokkoo sirna karoora tarsiimoosaa ta’uu qaba. Carraan leenjii ykn barnootaa hojjetaa tokkoof kennamu iftoomina qabaachuu qaba. Sadarkaa barnootaa hojjetaa foyyeessuun mootummaafi biyya maal akka fayyadurratti waajjirri hojjetichaa  dursee karoorfachuu qaba.

Carraan barnootaas ta’e leenjii haala iftoomina hinqabneen kennamaa ture. Bakka tokko tokkotti ammoo geggeessaan hojjetaan tokko isa biraa akka deemu barbaadu hojjetaa sana leenjiifi barnootatti erguun mul’achaa tureera.

Rakkoo gama kanaan jiru furuuf barana qajeelfamni baheera. Qajeelfamichi akka ibsutti,  manni hojii tokko bara dhufuuf hojii maaliitiif hanqina kamiin ittiin guutuudhaaf hojjettoota meeqa, bajata meeqaan leenjisuu akka qabu  dursee karoorfachuu qaba. Waggoota shanan dhufan hojjettoota meeqa, ulaagaa maaliitiin, akaakuu barnootaa meeqarratti, bajata meeqaan, eessatti carraa barnootaa kennuu akka qaburratti qajeelfamni qophaa’ee hojiitti seenameera.

Bariisaa: Hanqina mana jireenyaa hojjettoota mootummaa furuuf maaltu yaadame?

Doktar Biqilaa: Hojjetaan mootummaa Oromiyaa yoo xiqqaatee xiqqaate mana jireenyaa tokko argachuuf mirgisaa eegamaadha. Garuu magaalotni beenyaa kaffalanii lafa qopheessuurratti hanqina qabu.

Hojjettoonni mootummaa kana akka nuuf hubatu barbaanna. Rakkina kana furanii mana ijaarrachuun ni danda’ama. Carraan kun cufaa miti. Kan hojjettoota mootummaa naannichaa Finfinnee keessa jiraatanii haala addaatiin keessummeessaa jirra.

Bariisaa: Dhumarratti yoo ergaa qabaattan?

Doktar Biqilaa: Barri 2012 Itoophiyaafi Oromiyaaf bara addaati. Barichi gama tokkoon bara hojiin mootummaa itti xumuramuudha. Gama biraatiin ammoo dhibeen ‘Koviid-19’ addunyaa raaseefi jilbeenfachiise itti nu mudateedha.

Kana keessatti hojiin mootummaa baay’ee murteessaadha. Akkuma addunyaattuu bakka mootummaa ciminaan hojjetametti qormaata kana keessaa ni ba’ama. Weerara vaayirasichaa ittisuurratti bifa gurmaa’een hojjechuutu nurraa eegama.

Labsii, qajeelfamaafi danbii mootummaan baase hojiitti hiikuufi hojii keenya guyyaa guyyaa keessatti of eeggannoo cimaa taasisuutu nurraa eegama.

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

562 Comments to ““Hojjetaan mootummaa Oromiyaa mana jireenyaa tokko argachuuf mirga qaba” – Doktar Biqilaa Hurrisaa”

  1. Anii ojeta mti garu dhifama wajin na ofi’kolicha jechaa dirqamaa kenyaa bane kane mirgaa kenyaa kara seera qabesani fayadamu qami’na midda nu dabala jechuni durra ojii garrii ojechuu qabu ani wanin arige eratii dubadhe guda galatoma ojetota kenyaa.?

  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Pingback: sex 2024
  4. Pingback: Diyala Science
  5. buy ozempic [url=http://ozempic.art/#]Ozempic without insurance[/url] Ozempic without insurance

  6. buy semaglutide online [url=https://rybelsus.shop/#]semaglutide tablets[/url] buy semaglutide pills

  7. cheapest rybelsus pills [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus cost[/url] rybelsus cost

  8. semaglutide tablets [url=http://rybelsus.shop/#]buy semaglutide online[/url] buy rybelsus online

  9. пин ап казино онлайн [url=https://pinupkz.tech/#]пинап казино[/url] пинап казино

  10. пин ап [url=https://pinupru.site/#]пин ап[/url] пин ап казино вход

  11. pin up casino [url=http://pinupturkey.pro/#]pin-up bonanza[/url] pin up casino guncel giris

  12. пин ап казино вход [url=http://pinupru.site/#]пин ап официальный сайт[/url] пин ап казино

  13. пин ап казино [url=http://pinupru.site/#]pin up зеркало[/url] пин ап казино вход

  14. пинап казино [url=http://pinupru.site/#]пин ап официальный сайт[/url] пин ап

  15. 875 mg amoxicillin cost [url=https://amoxil.llc/#]amoxil best price[/url] amoxicillin generic

  16. can i buy zithromax online [url=https://zithromax.company/#]generic zithromax[/url] zithromax tablets for sale

  17. buy amoxicillin without prescription [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin cheapest price[/url] where can you buy amoxicillin over the counter

  18. where to get amoxicillin over the counter [url=http://amoxil.llc/#]cheapest amoxil[/url] cost of amoxicillin 875 mg

  19. canadian pharmacy amoxicillin [url=http://amoxil.llc/#]amoxicillin 200 mg tablet[/url] amoxicillin brand name

  20. zithromax capsules australia [url=http://zithromax.company/#]zithromax best price[/url] where can i buy zithromax in canada

  21. amoxicillin 500mg without prescription [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin tablets in india[/url] where to buy amoxicillin

  22. generic amoxicillin over the counter [url=https://amoxil.llc/#]buy amoxil[/url] amoxicillin brand name

  23. stromectol 6 mg tablet [url=https://stromectol.agency/#]order stromectol[/url] ivermectin lotion for lice

  24. Rybelsus 14 mg price [url=http://semaglutide.win/#]Buy semaglutide pills[/url] cheap Rybelsus 14 mg

  25. zithromax 250 mg [url=https://zithromax.company/#]zithromax prescription in canada[/url] zithromax for sale online

  26. world pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]best online pharmacy india[/url] top 10 pharmacies in india

  27. top 10 online pharmacy in india [url=https://indianpharmdelivery.com/#]Online medicine order[/url] indian pharmacy paypal

  28. ed remedies that really work [url=https://drugs24.pro/#]ed for men[/url] erectyle dysfunction

  29. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharm24.pro/#]medicine in mexico pharmacies[/url] purple pharmacy mexico price list

  30. indian pharmacy online [url=https://indianpharmdelivery.com/#]cheapest online pharmacy india[/url] mail order pharmacy india

  31. injectable ed drugs [url=https://drugs24.pro/#]medications online[/url] mens erection pills

  32. online shopping pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indianpharmacy com[/url] india pharmacy mail order

  33. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharm24.pro/#]buying prescription drugs in mexico[/url] medication from mexico pharmacy

  34. ivermectin medication [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st[/url] ivermectin 18mg

  35. antiplatelet drug [url=https://clopidogrel.pro/#]best price on generic[/url] Cost of Plavix without insurance

  36. ivermectin lice oral [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st[/url] ivermectin 0.08%

  37. paxlovid cost without insurance [url=http://paxlovid1st.shop/#]best price on pills[/url] paxlovid generic

  38. stromectol tablets for humans for sale [url=http://stromectol1st.shop/#]cheapest stromectol[/url] stromectol 3 mg price

  39. stromectol tab [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st[/url] minocycline 50mg tablets

  40. Clopidogrel 75 MG price [url=https://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pro[/url] п»їplavix generic

  41. пинап зеркало [url=http://1winci.icu/#]пин ап[/url] пин ап официальный сайт

  42. пин ап кз [url=http://1winindia.tech/#]пинап кз[/url] пинап казино

  43. Pingback: check my source
  44. india pharmacy mail order [url=https://indianpharm1st.com/#]world pharmacy india[/url] indianpharmacy com

  45. injections for ed [url=http://drugs1st.store/#]treatment for erectile dysfunction[/url] buy canadian drugs

  46. mexican pharmaceuticals online [url=https://mexicanpharm1st.com/#]medicine in mexico pharmacies[/url] buying prescription drugs in mexico

  47. buy medicines online in india [url=https://indianpharm1st.com/#]indian pharmacy[/url] top 10 pharmacies in india

  48. пинап казино [url=https://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино[/url] пин ап кз

  49. pinco [url=https://pinupzerkalo.fun/#]пинап казино[/url] пинап казино

  50. ed pills comparison [url=https://pharm24.pro/#]low cost pharmacy[/url] best ed pills non prescription

  51. top 10 online pharmacy in india [url=http://indianpharm24.pro/#]indian pharmacy purchase online[/url] top 10 online pharmacy in india

  52. п»їbest mexican online pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy cheap[/url] mexican rx online

  53. pills for erection [url=https://pharm24.pro/#]cheaper medications[/url] best canadian pharmacy online

  54. india online pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]indian pharmacy purchase online[/url] indian pharmacy online

  55. pharmacies in mexico that ship to usa [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] п»їbest mexican online pharmacies

  56. erectile dysfunction cure [url=https://pharm24.pro/#]cheap meds[/url] real viagra without a doctor prescription

  57. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  58. india pharmacy mail order [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy international[/url] mail order pharmacy india

  59. pharmacies in mexico that ship to usa [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharm 24[/url] medicine in mexico pharmacies

  60. Online medicine order [url=https://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy international shipping[/url] buy prescription drugs from india

  61. deneme bonusu veren siteler [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler 2024[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com

  62. top 10 online pharmacy in india [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]indian pharmacy[/url] buy prescription drugs from india

  63. erectile dysfunction drug [url=http://canadiandrugsgate.com/#]Best Canadian online pharmacy[/url] cheap erectile dysfunction pill

  64. cheap medications online [url=http://canadiandrugsgate.com/#]canadian drugs gate[/url] aspirin and ed

  65. clopidogrel bisulfate 75 mg [url=http://plavixclo.com/#]PlavixClo Best Price[/url] antiplatelet drug

  66. buy prescription drugs from india [url=https://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] indian pharmacy online

  67. best online pharmacy india [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] buy medicines online in india

  68. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]Mexican Pharm[/url] best online pharmacies in mexico

  69. injectable ed drugs [url=http://canadianpharm1st.com/#]canadianpharm1st.com[/url] ed online pharmacy

  70. mexican online pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]Mexican Pharm[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  71. zestoretic canada [url=http://lisinoprilus.com/#]zestril 20 mg price[/url] purchase lisinopril online

  72. where can i get generic clomid without insurance [url=https://clomid.store/#]where to get generic clomid pills[/url] get cheap clomid without rx

  73. get cheap clomid without insurance [url=https://clomid.store/#]can i order clomid tablets[/url] buying generic clomid no prescription

  74. пин ап казино [url=https://pinup2025.com/#]пин ап зеркало[/url] pinup 2025

  75. пин ап казино [url=https://pinup2025.com/#]пинап казино[/url] пин ап зеркало

  76. casimo [url=https://casinositeleri2025.pro/#]yeni gГјncel deneme bonusu veren siteler[/url] en iyi oyun siteleri

  77. como bakery yorumlarД± [url=https://casinositeleri2025.pro/#]bahis siteleri deneme bonusu veren[/url] casino gГјvenilir siteler

  78. пин ап вход [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино[/url] пин ап казино

  79. 2024 bahis siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]hangi bahis siteleri bonus veriyor?[/url] kaçak siteler

  80. пин ап зеркало [url=http://pinup2025.com/#]пин ап казино[/url] пин ап зеркало

  81. canlД± +18 [url=https://casinositeleri2025.pro/#]2024 bahis siteleri[/url] deneme+bonusu+yeni

  82. slot oyunlar? puf noktalar? [url=https://slottr.top/#]slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  83. mexican rx online [url=https://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacy ship to usa[/url] buying prescription drugs in mexico online

  84. levitra without a doctor prescription [url=http://canadianpharmi.com/#]canadian pharmi[/url] non prescription ed drugs

  85. online ed meds [url=http://canadianpharmi.com/#]canadian pharmi[/url] cheap erectile dysfunction pill

  86. 60 mg prednisone daily [url=https://prednibest.com/#]prednisone tabs 20 mg[/url] generic prednisone online

  87. amoxicillin 500mg capsule cost [url=http://amoxstar.com/#]how to buy amoxicillin online[/url] amoxicillin 500 mg cost

  88. buy cipro online usa [url=http://cipharmdelivery.com/#]buy cipro without rx[/url] ciprofloxacin generic

  89. buy ciprofloxacin over the counter [url=http://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] ciprofloxacin 500mg buy online

  90. amoxicillin 500mg capsules price [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin online canada[/url] how to get amoxicillin

  91. can i buy amoxicillin over the counter [url=http://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] can i buy amoxicillin over the counter in australia

  92. how to buy clomid [url=http://clomidonpharm.com/#]cost cheap clomid pills[/url] get clomid tablets

  93. cipro pharmacy [url=http://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] ciprofloxacin generic

  94. amoxicillin 500 mg price [url=https://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] buy amoxicillin online without prescription

  95. amoxicillin azithromycin [url=http://amoxstar.com/#]amoxicillin over the counter in canada[/url] amoxicillin medicine over the counter

  96. prednisone 20 mg without prescription [url=https://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone buy online nz

  97. buy ciprofloxacin over the counter [url=http://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] ciprofloxacin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *