Warraaqsa siyaasaa akka
Itoophiyaatti waggoota lama dura taasifamaa tureen hubaatiin sochii hawaas
dinagdee lammiileefi biyyaarra gahe daran olaanaadha.
Fayyadamummaan lammiilee
keessumaa dargaggootaa haalaan mirkanaa’uu dhabuun rakkoo hojidhabdummaa
babal’ateen harki waan hojjetee bulu dhabe gara jeequmsaafi hokkoraatti akka
deebi’u taasiseera.
Dargaggoonni baratanii
eebbifaman hedduun jiruu jireenyasaanii itti fooyyeffatan dhabuun miira
hirkattummaafi abdii kutannaa jalatti akka kufan isaan taasiseera.
Hudhaaleen dargaggoootaa
daran hammaachaa deemuun walqabatee Itoophiyaan waggoota lama dura dirree
jeequmsaa taatee turte.
Harki yeroo sana mootummaa
qawween biyya bulchaa turerratti ka’e of duuba osoo hindeebi’een qabsoo
hadhaahaaf wareegama qaalii baasusaan biiftuu fooliin dimokraasii itti baatu
mul’achuu eegalteetti.
Kufaatii sirna qawween
booda mootummaan haaromsaa aangoo qabate fayyadamummaa lammiilee keessumaa kan
dargaggootaa mirkaneessuuf humna guutuufi kutannoon sochiitti seeneera.
Keessumattuu dinagdee
biyyittii warraaqsa siyaasaan nyaatamee ture deebisanii dandamachiisuu
keessatti sochii mootummaan taasisuu cinaatti abbootiin qabeenyaas gahee
olaanaa qabu.
Dargaggoota hojidhabeeyyii
kumaatama yeroo gabaabaa keessatti hojiitti seensisuun ulfaataa waan ta’eef
aadaan hojii uummachuu akka babal’atuuf tattaaffiin taasifamaa jiru jajjabeessaadha.
Gaaga’ama dinagdee
warraaqsa siyaasaan qaqqabaa tureen Oromiyaan daran hubamtuu waan taateef damee
dinagdee kana deebisanii bayyanachiisuuf duulli mootummaadhaan eegalame ittifufuu
qaba.
Kunis abbootii qabeenyaa
kaappitaallisaanii miliyoona 1.5 ol ta’e gara investimentiitti ceessisuun omishaafi
omishtummaansaanii akka dabaluuf hojjetamaa jira.
Akka Oromiyaatti abbootiin
qabeenyaa ofiin hojjetanii of jijjiiraa jiran dhaloota haaraaf fakkeenya
ta’anii akka tajaajilaniif kanneen
kaappitaallisaanii qashii miliyoona 1.5 ol ta’e gara investimentiitti akka
cehan ta’aniiru.
Akka Oromiyaatti abbootiin
qabeenyaa 2480 ol gara investimentiitti ce’uun beekamtii investerummaa kan
argatan yoo ta’u, warreen kun dargaggootaaf fakkeenya gaarii ta’uun kan
tajaajilaniifi carraa hojiis uumaniidha.
Sirna beekamtii inevstimentiitti
ce’uu tibbana Oromiyaa keessatti iddoowwan gara garaatti gaggeeffamaniiru.
Sirnicharratti argamuun
qonnaan bultoota beekamtiin investerummaa kennameef dubbisne tokko tokko akka jedhanitti,
sochiin gama kanaan mootummaan eegale jajjabeessaafi kan cimee ittifufuu
qabuudha.
Yuuba Bayyanaa Sanbatoo
qonnaan bultoota gara invetimentiitti ce’uun beekamtiin kennameef keessaa isaan
tokko yoo ta’an, isaan hojiin kutannoon hojjetamu akka nama jijjiiruu dandahu
nama hojiitti hiikaniidha.
Akka isaan jedhanitti
ka’umsi har’a gara investimentiitti isaan ceessise kun maallaqa guddaa
qabaachuu osoo hintaane mul’ata jijjiiramaa qabaachuusaaniiti.
Yuubni Bayyanaan kanaan
dura lukkuu abbaansaanii bitaniif ka’umsa godhachuun horsiisa lukkuutti bobbahuus
ni kaasu.
Adeemsa keessa lukkuun sun
hortee 600 ol ta’uun gurguratanii qotiyyoo bituun horsiisa lukkuurraa qonnatti
fuulleeffatan.
Xiiqiifi onnee jijjiiramaa isaan
keessa buleen qonnasaanii cimsaafi babal’isaa rakkinaafi hirkattummaa seenaa
taasisuu dubbatu.
Babal’achuu teknolojii
wajjin walqabatees qonna ammayyaa oyiruusaaniirratti keessummeessuun
callaansaanii daran akka dabalus isaan taasiseera.
Gama kanaanis
qotiyyoosaanii gindii saddeet qaban cinatti tiraaktera qonnaa lama bitachuun
qonna ammayyaa babal’isaa akka jiran yoo nuu himan midhaan gara garaa omishaa
gabaaf dhiyeessaa galiisaanii guddisaa jiru.
Sochii isaan taasisaniifi
bu’aa isaan galmeessiaa jiran madaaluun Mootummaan Naannoo Oromiyaa beekamtii
investimentiitti cehuu kan kenneef yoo ta’u, jalqabbichi investeroota kumaatama
horachuuf kaka’umsa kan uumuudha.
Yeroo ammaattis Yuubni
Bayyanaan kaappitaallisaanii qarshii miliyoona sadii ol ta’uu eeruun misooma
barnootaa gabbisuufis kolleejjiifi mana barumsaa ijaaraa jiraachii kaasu.
Akka isaan jedhanitti, kolleejjiinsaanii
magaalaa Bishooftuutti kan ijaaramaa jiru yoo ta’u, waa’ee sirna Gadaa itti
baratama. Kolleejjiin kun bara barnootaa 2013 kaasee barattoota simachuun
leenjii kennuu kan eegalu ta’uus eeranii, manni barumsammoo kutaa 1fa-12fa kan
barsiisuudha.
Manni barumsaa kunis
magaalaa Bishooftuutti kan argamu yoo ta’u, waggaa dhufu kaasee barattoota
simachuun hojii baruu barsiisuu eegala.
Akka ibsasaaniitti kunniin
hundi bu’aa miira kutannoo hojiif qabanii yoo ta’u dabalataan dargaggootaaf
carraa hojii kan banu ta’ee tajaajila.
Dargaggoonni biyyattiis
fakkeenyummaakoo kanarraa barachuu malu kan jedhan yuubichi, hojii osoo hinfilatiin
xiqqaarraa ka’anii guddachuun ni dandahama miira jedhu nama keessatti uuma.
Yuubni Bayyanaan ijoollee
jaha akka qaban ibsuun barnoota idileesaanii cinatti hojiilee gara garaarratti
bobba’uun akka of fooyyessan taasisaa jiru.
Eebba dhaabbilee barnoota
olaanaan boodas hojii mootummaa taa’anii
akka hineegganneef aadaan hojii uumuufi baruu amma eegalan galtee ta’ee
tajaajilaa jira.
Obbo Tasfaayee Badhaadhaas
qonnaa bultoota gara investimentiitti cehan keessaa isaa tokko yoo ta’an, qonna
salphaarraa ka’uun maallaqa walitti kuufatanii kuduraalee gara garaa omishaa
turan.
Gorsa hojjettoota misooma
qonnaarraa kennamuuf hojiitti hiikuunis hiyyummaa seenaa taasisaa jiru. Darbees
misooma qonnaasaanii kuduraaleerraa gara miidhaaniitti jijjiiruun galiisaanii
yeroo yeroon guddisaa jiru.
“Yoo onnatanii hojjetan
tulluun hiyyummaa nidiigama, dinagdeenis ni ijaarama” kan jedhan qonnaan bulichi,
miira kutannoon hojichatti galuusaaniin kaappitaallisaanii gara investimentiitti
akka cehaniif karaa saaqeeraa ta’uu dubbatu.
Yeroo ammaattis waliigala
tilmaamni kaappitalasaanii qarshii miliyoona 40 ol ta’uu eeranii, of jalaas
hojjettoota humnaa hedduu mindeessuu carraa hojii uumaa jiraachuu ibsu.
Qabeenyi horatamu of qofaaf
miti kan jedhan Obbo Tasfaayeen, ofirra darbanii lammiif carraa hojii uumuun gootummaa
ta’uu dubbatu.
Dargaggoonni keenya erga
dhaabbilee olaanaarraa eebbifamanii hojii osoo filachuu baatan gaariidha kan
jedhan Obbo Tasfaayeen, biyyattii keessatti ilaalchi gama filannaa hojiitiin jiru
fooyya’uu akka malu kaasu.
Kan barate hundi biiroo
mootummaa galee hojjeta jechuun kijiba ta’uullee eeranii, misoomawwan gara
garaarratti fuulleffachuun kallattii jijjiiramaa isa guddaa waan ta’eef
xiyyeeffannoo argachuu mala jedhu.
Dhaloonni haaraan sochii
abbootiisaarraa argu kana jajjabeessuun qonna ammayyaatiin deeggaramee of
ijaaruun dirqama ta’uus ni ibsu.
Biyyi dinagdeen of hinijaarre
siyaasaan lafa qabachiisuun kan hindandahmne waan taheef duulli gama misoomaatiin
taasifamu cimuu qabaata jedhu.
Mootummaanis dinagdee
Oromiyaa warraaqsa siyaasaan laamsha’ee bayyanachiisuuf qonna ammayyaa
babal’isaa jira.
Babal’achuun qonna ammayyaa
kun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuu keessatti bakka olaanaa kan qabu
yoo ta’u, isa kana caalaatti mirkaneessuuf mootummaan naannichaa tumsa gochaa
jira.
Sirna beekamtii cehumsa
investimentii qonnaan bultoota, horsiisee bultootaafi IMX Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Luumee, Magaalaa Mojootti gaggeffamerratti sochichi
mootummaan kan jajjabeeffamu akka ta’es kaasaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii
Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dubbii dubbataniin dinagdee
warraaqsa siyaasaan laamshahe cimsuuf mootummaan tumsa barbaachisu gochaa jira
jedhan.
Keessumattuu dinagdee
bayyanachiisuuf sochii taasifamu keessatti tumsa guddaa kan godhu qonna
ammayyaati kan jedhanii, damicha cimsuuf deeggarsi taasifamaa jiraachuu eeran.
Qonna ammayyaa babal’isuuf
raabsi tiraakteraa, paampii jallisii, sanyii, guddistuu calla gaggeeffamaa
jiraachuullee kaasanii, sochichi qonnaan bultoonni kumaatamni investimentiitti
akka cehaniif duula taasifamaa jiruudha jedhan.
Sochichi daran akka cimuuf
mootummaan qonnan bultoota horsiisee bultootaafi IMX waliin dhaabachaa akka
jirus kaasanii, warraaqsichi vaayirasii koronaatiin akka hingufanneef hordoffii
barbaachisaan taasifaa jiraachuu ibsan.
Akka ibsasaaniitti
warraaqsi dinagdee eegalame milkaahina kan argatuufi qonnaan bulaanis
fayyadamummaansaa kan mirkanaahu yoo koronaarraa baraarame waan ta’eef hojiin
baraarsaafi hubannoo uumuu cimee akka itti fufu ta’eera jedhan.
Miira kutannnootiin yoo
hojjetan hiyyumni akkuma seenaa ta’u hojii hubannoo uumuu babal’isuun hawaasa
qonnaan bulaaf yoo birmatame koronaanis injifatama jedhan.
Koronaan hudhaalee damee
qonnaa gufachiisuu dandahan keessaa tokko kan jedhan Obbo Fiqaaduun, gorsa
ogeeyyota fayyaatiin deeggaramaa fayyaa ofii eeggachaa misooma ittifufsiisuun
dirqama taa’uu himaniiru.
Walumaagalatti dinagdee
biyyaa raafama siyaasaatiin laamsha’ee ture deebisanii dhaabuuf qonnaan
bultoonni, horsiisee bultoonniifi IMX gara investarummaatti ce’uun abdii kan
namatti horuudha.
Kanneen hafanis qonna
ammayyaa babal’isuun omishaafi omishtummaasaanii guddisanii abdii biyyaa akka
tahaniif tumsi barbaachisu kan taasifamu ta’uus eeranii, dargaggoonnis
isaanirraa barachuun dinagdeen of gahoomsuufi of qopheessuun irraa eegama
jedhan.
Waasihun Takileetiin
One Comment to “Ce’umsi gara inveterummaatti taasifamu utubaa warraaqsa dinagdeeti”