Warshaa qoricha namaa, dawaa dinagdee yeroo ammaa



Biyyi hir’ina daldala alaa keessa jirtu takka sababoota hir’ina sanaa tokko lama jettee adda baafachuudhaan fala furmaataa kaa’uun dirqamasheeti. Hir’inni daldala alaa kun immoo meeshaalee hedduu omishanii biyya alaatti erguu dadhaburraa kan maddu osoo hintaane omishni gara alaatti ergamuufi biyyattiin alaa galchitu yommuu walsimuu dhabeedha.
Gogaa, foon, buna, saliixa, warqii, jimaafi abaaboon omishoota gurguddoo yeroo ammaa biyyattiin gara biyyoota alaatti ergitu keessaa isaan hangafaa yemmuu ta’an, kan biyyattiin alaa galchitu garuu laakka’anii fixuun namatti ulfaata. Bakka hir’inni daldala alaa kun hinsirratinitti immoo guddina dinagdee fayyaqabeessa ta’e milkeessuunis hedduu ulfaataa ta’a.
Dameewwan sharafa alaa gurguddaa ta’een meeshaalee alaa galchuun hir’ina sharafa alaa kanaaf sababa ta’aa jiran keessaa inni tokkoofi guddichi damee fayyaati. Afrikaan dawaa hanga ammaatti itti fayyadamaa jirtu keessaa kan ofiisheetiin omishtu dhibbantaa sadii qofa yemmuu ta’e isa hafe jechuunis dhibbantaa 97 biyyoota guddatanirraa kan bitattu ta’uu ragaaleen ni mul’isu.
Kanaan wal qabatees baasiin waggatti bittaa dawaatiif Itoophiyaanis ta’ee Afrikaan baasan olaanaa ta’uu bira darbee, baasiin kun hundi itti bahees yeroo tokko tokko hanga barbaadamu argachuu dhabuufi yeroo barbaadametti dhihaachuu dhabutu mul’ata. Itoophiyaan qofti bittaa dawaaleetiif waggatti hanga Dolaara Ameerikaa biiliyoona tokkootti kan baastu yemmuu ta’u, akka Afrikaatti immoo bittaa dawaaleetiif waggatti Dolaarri Ameerikaa 52 ta’u baasii ta’aa jiraachutu himama.
Baasii olaanaa bittaa dawaaleetiif bahaa jiru kana hamma tokko hir’isuu keessatti gahee olaanaa ni qabaata jedhamee kan abdatamu warshaa omisha dawaa tokko ijaaruun jalqabameera. Ijaarsi warshaa dawaa kun immoo paarkii indastirii Qilinxootti kan raawwatamu yemmuu ta’u, paarkichi iddoo mijataafi bu’uraalee misoomaatiin guutamuun qopheessuudhaan invastaroota warshaalee dawaafi meeshaalee wal’aansaa garagaraa dhaabuu danda’an eeggachaa tureera.
Bakka tajaajila akkasiitiif qophaa’etti jalqaba kan simatameefi ijaarsasaa kan eegale warshaan omisha dawaalee “Afri Kiyur” jedhamu kun, fedhii gabaan dawaa biyyattii barbaadu keessaa akaakuun dhibbantaa 65 ta’an kan oomishu ta’uu Abbootii Aksiyoonaa Warshichaa keessaa isa tokko kan ta’an Doktar Taaddasaa Tafarii ni dubbatu.
Ijaarsa warshichaafi eeyyama baasuu dabalatee gara omisha dawaatti hanga ce’utti dolaarri Ameerikaa miliyoonni 10 ramadamuu kaasanii, omisha bara jalqabaatiin booda omishicha keessaa dhibbantaa 25 gara alaatti kan ergan ta’uu ibsu. Omisha warshichaa keessaa muraasa gara alaatti erguun waggaatti dhibbantaa 10fi 15n guddachaa adeemuudhaan dhuma waggaa afraffaatti dhibbantaa 60 ta’u alatti erguudhaaf karoorfamuusaas ni himu.
Akka ibsasaaniitti, warshichi yommuu ijaarsisaa xumuramee gara omishatti galutti dabaree tokkoon dawaalee taabileetii biliyoona 103 ta’aniifi shirooppii qaruuraa miliyoona 14 ta’an omishuu kan danda’uudha. Omishoota warshichi bal’inaan gabaa dhiheessuuf karoorfate keessaammoo akka biyyaatti baay’inaan kan barbaadaman ampisiliiniifi peensiliinii kan omishu yommuu ta’u, dabalataanis maatii dawaalee kanneenii kan ta’an akaakuuwwan 20 ol ta’an kan omishuudha.
Gabaan dawaa akka biyyaattis ta’ee Ardii Afrikaatti jiru warshichaaf carraa gaarii kan uumu yommuu ta’u, keessattuu guddinni dinagdee biyya keenyatti galmaa’aa jiru kun fedhii gabaa dawaa keessatti shoora olaanaa taphachaa jira. Haaluma kanaan fedhiin dawaa biyyattii waggaa waggaadhaan dhibbantaa 25n guddachaa jira. Akkasumas meeshaaleen fayyaas akkasuma dabaluu irratti argama jedhu.
Yeroo isaan barachaa turanitti yunvarsiitiin barnootni fayyaa itti kennamaa ture sadi qofaa ta’uu kan himan Dr Taaddasaan, yeroo ammaa kana gara 35tti ol guddachuusaatiin fedhiinis ta’ee baay’inni dawaa barbaadamuus dabalaa adeemuusaa kan agarsiisu ta’uu ibsu.
Gabaa dawaa haala kanaan dabalaa deemaa jiru keessatti biyyattiin dawaalee barbaachisan bifa gahaa ta’een omishuu baannaan dhiibbaan sharafa alaa dabalaa kan dhufu ta’uu hubachiisanii, warshaalee dawaa omishan biyya keessatti ijaaruudhaan sharafa alaa bifa olaanaa ta’een hir’isuun immoo dhimma yeroon kennamuufi hinqabne akka ta’e gorsu.
Warshaan amma Itoophiyaa keessatti ijaarsisaa eegale kunis fedhii gabaa biyya keessaa bira darbee biyyoota Afrikaa kudhanitti erguudhaan sharafa alaa biyyattiin baasaa turte hir’isuu qofa osoo hintaane sharafa alaa dabalataa biyyattiidhaaf argamsiisuuf karoorfateera. Warshaan Afri kiyur Hindiin dabalatee biyyoota adda addaa keessatti damee kan qabu yommuu ta’u, kanarraas waggaa waggaadhaan gurgurtaa dolaara miliyoona sagal ta’u ni akka raawwatu ibsu.
Carraalee hojii warshichaan uumaman keessaa dhibbantaan 95 lammiilee biyyaatiif yommuu ta’u, isaan hafan immoo lammilee biyya alaa dhimmoota walxaxoo ta’an irratti hojjataniifi isaanis dhawata dhawataan ce’umsa beekumsaafi teknolojii erga taasifameen booda guutuummaan guututti lammilee biyyattiitiin kan hojjatamu ta’uu addeessu.
Warshichi akka omishuuf dawaalee eegaman keessaa dawaan infekshiinii wal’aanuuf gargaaruufi dhukkuba busaa isaan gurguddoo ta’uu kan himan immoo Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Doktar Muniir Kaasaa, du’aatii yeroo ammaa biyyattii keessaa dhibbantaan 57 sababa infekshiiniifi du’a haadholiifi daa’immanii waan ta’eef ijaarsi warshaa kanaa rakkoolee kanneen furuu keessatti ga’ee olaanaa kan taphatu ta’uu ibsu.
Du’aatii yeroo ammaa biyyattii keessa jiru keessaa harki 37 immoo dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi dadhabina onneetiin ta’uu eeranii, warshaan amma ijaaramaa jiru kun immoo dawaalee dhibee kanneenii kan omishu ta’uusaatiin faayidaan warshichi qabu dachaa kan taasisu ta’uu dubbatu.
Qoricha gatii olaanaa ta’een alaa bituu qofa osoo hintaane sirni bittaa biyyattiis rakkoo olaanaa kan qabu ta’uusaatiin yeroo barbaadametti argachuun ulfaataa ta’uusaafi dawaa barana ajajni kenname kan dhihaatu garuu waggaa tokko booda ta’uu himu. Harkifannaa sirna bittaa kanaan wal qabatee lubbuun namaa dabalatee rakkoon dinagdee biyyarratti ga’aa jiru olaanaa ta’uusaatiin ijaarsi warshaalee dawaa biyya keessatti taasifamuuf deggarsi mootummaan taasisu olaanaa ta’uu ibsu.
Walumaagalatti, hir’inni daldalaa biyyattii yeroo ammaa kana keessa jirtu dafee furmaata argatu malee bubbulee rakkoon dhufuu danda’u hammaachaa akka deemu tilmaamuun qaalluu ta’uu nama hingaafatu. Meeshaaleen dheedhiin omisha dawaalee hedduun biyya keenyaa bakka argamanitti, warshaalee gurguddoo invastaroota humnasaa qabaniin biyyattii keessatti babal’isuun sharafa alaa oolchuu bira darbee sharafa alaa dabalataa kan argamsiisu waan ta’eef, warshaa amma ijaarsisaa jalqaberraa barumsi hedduun fudhatamuu qaba.
Warshichi dawaalee alaa galan biyya keessatti omishuunsaa rakkoolee tanaan dura yeroo barbaadanitti argachuu kan furu qofaa osoo hintaane, baasii sharafa alaa bittaa sanaaf bahaa tures kan hir’isuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

4 Comments to “Warshaa qoricha namaa, dawaa dinagdee yeroo ammaa”

  1. Pingback: phuket diving

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *