Umriikoo keesstti kaniin dhaga’aafi argaa guddadhee ummanni Itoophiyaa gara laafeessa, kan waliigadduufi yaaduu ta’uusaati. Kan qabuu walii qoodee waliin nyaateefi uffate yommuu jiraatudha. Gaddaafi gammachuusaas afaan, saala, qomoofi amantiin osoo wal hinqoodiin isa qooddatuun beeka. Kun namoota hedduu keenyaaf dhugaa jiraannee agarredha.
Gidduu kana wanti argaa jirru garuu duudhaafi safuu ummatichaarraa kan fagaate ta’uurra darbee gocha qaaneessaafi mataa nama buusudha. Vaayirasiin Koronaa biyya keenya seenuu waliin walqabatee daldaltoonni hedduun dheebuu hiyyummaa keessaa ba’uuf qaban gadadoo ummatasaaniitiin dhugoomfachuuf yommuu yaalan arguu caalaa wanti nama dhukkubsu jira jechuun rakkisaadha.
Akka waan qofaasaanii waggaa kuma jiraatanii, akka waan vaayirasichi nama qarshii qabu yookiin sooreessa sodaatuu, akka waan ollaan isaanii dhukkubsatee isaan fayyaa bulanii rakkoo ummataa akka carraatti ilaaluun daballii isaan gatii omishaalerratti taasisan isaanumayyuu vaayirasichaan adda baasanii ilaaluuf nama dhiba.
Vaayirasichi eenyuunuu taanaan hubuuf boodatti hinjedhu. Hiyyeessaafi sooreessa, dargaggeessaafi dargaggeettii, jaarsaafi jaartii, dhiiraafi durba, qallaafi furdaa, akkasumas abbaa taayitaa, nama barate, nama hinbaranne…kkf jechuun osoo adda nama hinbaasiin haala mijataa argannaan hunda kan qabudha. Vaayirasicha to’achuun kan danda’amuus hunduu tokko ta’ee yoo ittiseefi haalonni tatamsa’ina vaayirasichaaf mijatoo ta’an waliin yoo ittifamaniidha.
Koronaadhaan qabamuu dhiisuudhaaf namni tokko wabii hinqabu. Wabiinsaa Waaqa amanachuufi wajjummaadhaan ittisuuf sochii taasifamu qofa. Ta’us namoonni kana hinhubanne muraasni, kana akka carraatti fayyadamuuf yaaluunsaanii maalirraa madde gaaffii jedhuuf ‘sassatummaan’ of jaalachuutu deebii ta’a.
Biyya ummata harka qalleessa hedduu qabduufi hojii guyyuutiin har’a nyaatee bulu qabduu keessatti garaa jabinni akkanaa mul’achuun amala bineensummaatiin adda ba’ee kan ilaalamu miti. Silaa fayyuufi jiraachuun ollaa yookiin saba ofii fayyuufi jiraachuu ofiidha jedhanii yaaduun sababa tokko malee omishaalee addaddaarratti gatii dabaluurra gatiidhuma isa sirriidhaan ummataaf dhiheessuun daldaltoota hundarraa eegama ture.
Namni akkamitti meeshaa qarshii sadii-shaniitti gurguramaa ture hanga qarshii 500tti gurgura? Sanuu hubannaa dhabuurraan kan ka’e malee meeshaa isaan gatii kanaan gurguran warra mallattoon vaayirasichaa irratti mula’ateefi ogeessota fayyaatiif malee nama fayyaatiif fayyadamuun hingorfamne, maaskii fuunyaanii gatii kanaan gurguramaa? Qullubbii ofii omishnu qarshii 150 irraa 250, loomii ija tokko qarshii lamaan bitamaa ture 10fi isaa oliin akkamiin gurgurama? Utuu ta’ee haala itti hunda ga’ee hunduu irraa of ittisuu mijeessuu osoo qabanii akkana gochuun weerara vaayirasicharraa maaltu adda isaa baasa?
Yommuu kana jennu garuu daldaltoonni qajeeloon ummataaf yaadan hinjiran jechuu akka hintaane hubatamuu hinqabu. Isa namni qarshiisaatiin bitaturraa bu’aa hinmallee argachuu miti, fuuldura suuqiisaaniitti bishaaniif saamunaa baasiisaaniitiin qopheessuun gaafa namni garasaaniitti goru akka harka dhiqatu kan taasisan ni jiru. Gaafa namni sodaadhaan waan baay’ee bitatee ol kaa’achuuf gaafatu, lakki wal haagahu jedhanii waan tokkoofi lama caalaa kan hingurgurres jiru; garuu gocha warra sanaatu caalee mul’ateef malee.
Hundumaafuu daldaltoota gaarii hojjetan kanneen jajjabeessaa warra karaa gadhiisanii koronaa biyya keessaa nutti ta’an ammo tarkaanfii mootummaan fudhachuu eegale cinaa hiriiruun karaatti isaan deebisuun nurra jira.
Saamraawiit Girmaatiin
5 Comments to “Koronaa biyya keessaa: Daldaltoota gadadoo ummataan duroomuuf wixxirfatan”