Godambaan Magaalaa Jimmaa bara 1972 Obbo Mangistuu Haaylamaariyamiin eebbifamee erga hojii jalqabee waggoota 40 lakkoofsiseera. Hambaaleen kuma tokkoofi 500 godambicha keessatti ni argamu akka ittigaafatamaan godambichaa jedhanitti.
Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Jimmaatti Ittigaafatamaan godambaa Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Raayyaa torban darbe Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, godambaan Magaalaa Jimmaa godambaa Biyyaalessaatti aanee kan argamu godambaa isa guddicha. Hambaaleen godambicha keessatti argaman waggaa 125 ol kan lakkoofsisan yoo ta’u, utuu qoodamanii hambaalee godhambaa sadii ta’uuu danda’u. Hambaaleen godabicha keessatti argaman irra jireessisaanii meeshaalee aadaa muka, gogaa, suphee irraa hojjetaman kanneen dur Mootiin Jimmaa, Abbaa Jifaar ittifayyadamaa turan yoo ta’an, hambaaleen moototni biyyoota gara garaa Abbaa Jifaariif kennan, uffannaa aadaa, meeshaalee waraanaa, suuraawwan, quuraanaafi hambaalee bineensotaafi faayaawwan gara garaa hambaalee godambicha keessatti argamaniidha.
Akka isaan jedhanitti, godambichi kutaalee gurguddoo torba qaba. Gabatee guddicha, barcuma, qodaa dhugaatiin alkoolii hinqabne itti qophaa’u, qodaa uffatni keessatti ulamu, agalgilii galaan itti baatamu, siree, saanduuqa ijaajjii, teessoo Abbaa Jifaar irra taa’anii murtii kennan, madaallii murtii haqa qabeessa kennuu isaaniitiif mallattoo ta’eefi mismaarri hambaaleen kutaa tokkoffaa keessatti argaman keessaa isaan muraasa. Irri jireessi hambaalee kunneenii jirma mukaa waddeessaa tokko irraa bocamanii kan hojjetaman yoo ta’an, isaan keessaa gabatee guddicha, qodaa dhugaatiin alkoolii hinqabne itti qophaa’u, qodaa uffatni itti ulamuufi barcuma akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Gabatee guddichi naannawaan isaa meetira afuriifi saantii meetirii 90, bal’inni isaa meetira tokkoofi saantii meetira 60, hojjaan isaa saantii meetira 50 yoo ta’u, al tokkotti nyaatawwan gosa 20 hanga 30tu irratti dhiyaachuu danda’a. Hambaan dhugaatiin alkoolii hinqabne itti qophaa’uufi waggoota 157 lakoofsisees bishaan liitirii 120 qabata. Agalgiliin jirma mukaa tokko irraa hojjetameefi gogaadhaan uwwifame ammoo biddeen 70fi ittoo hoolaa lamaa kan qabachuu danda’a jedhu Obbo Najiib.
Hambaaleen uffannaa aadaafi uffannaawwan seena qabeessi biyyoota Arabootaa garagaraa irraa Abbaa Jifaariif ergamaniifi hambaalee biroon kutaa lammaffaa keessatti argamu. Hambaaleen bunaafi dhugaatii aadaa ittiin dhugan kanneen muka, suphee, gaafa, wullee irraa hojjetaman akkasumas ilki arbaa, faayaawwan miilaafi adda irratti hidhaman, mismaarri yeroo jalqabaaf Jimmaatti hojjetameefi siliipperiin (kophee) Abbaa Jifaar ka’achaa turan kutaa sadaffaa keessatti argamu. Hambaaleen waraanaa kanneen akka eeboo, gaachanaa, uffatni Abbaa Jifaar yeroo waraanaa uffataniifi dibbee guddaan yeroo labsii, gibiraafi affeerraa rukutamu ammoo kutaa afuraffaa keessatti argamu.
Dibbee guddaa hanga kiilomeetira sadiitti dhagahamu kana yeroo torba rukutuun gibirri gaheeraa kaffalaa jechuu yoo ta’u, yeroo sadii rukutuun ammoo affeeraadha.Dibbicha yeroo 14 rukutuun xurumbaan (fgiingeen) itti aansee yoo afuufame waraanni jiraachuu agarsiisa jedhu Obbo Najiib. Meeshaaleen waraana Xaaliyaanii irraa fudhataman kanneen akka madfii, rashii, matariyeesii akkasumas goraadee, meeshaalee muuziqaa sabootaafi sablammoota adda addaa, uffannaawwan aadaa, teessoo yeroo mootiin Haylasillaasseen bara 1965 Jimmaa simataman akka irra taa’aniif akka yeroo sanaatti qarshii kuma 146n qophaa’e kutaa shanaffaa keessatti argamu.
Suuraawwan Abbaa Jifaar, hadha warraafi loltoota isaanii, masaraa Abbaa Jifaar, akkasumas hambaan muka irraa hojjetameefi gogaa roobiitiin uwwifame kan bishaan itti baachuufi qabbaneessuuf gargaaruufi kanneen biroon kutaa ja’affaa keessatti argamu. Hambaaleen bineensotaa kanneen akka ilka leencaa, gogaa jawwee, naachaa, Arjaanoo, lafee arbaa jaldeessaafi kanneen biroon ammoo kutaa torbaffaa keessatti argamu. Bineensotni akka leencaa, qeerransaafi kanneen biroon ammayyuu naannawaa Jimmaa bosona Shebee keessatti kan argaman ta’uu dubbatu.
Abbaa Jifaar meetira lamaafi saantii meetirii 10 dheeratu. Bal’inni laphee isaanii ammoo meetira tokkoo yoo ta’u, ulfaatinni isaanii ammoo kiilograama 150dha. Kanarraa ka’uudhaan baataan fiinjaalaa dheerinni isaa meetira lamaafi saanti meetira 10, bal’inni isaa meetira tokko ta’eefi jabanaa guddaan tokko kutaa seensa godabichaa keessatti argama.
Akka Obbo Najiib jedhanitti, baatichi fiinjaala 429 kan baatu yoo ta’u, jabanaa guddichi ammoo buna daakuu kiiloo shan, bishaan liitira 33 ykn buna siinii 400 baachuu danda’a. Baataafi jabanaan kun Jimmaan biyya bunaa ta’uufi ogummaa harkaatiinis kan beekamtu ta’uu ishee agarsiisa. Jimmaan jaarrraa tokkoon durayyuu ogummaa harkaa kanneen akka hojii mukaa, gogaa, sibiilaafi uffata dhahuutiin beekamti. Hojiileen kunneen ammayyuu Jimmaatti itti fufiinsaan hojjetamaa jiru.
Godambichi torban guutuu tajaajila kennaa jiraachuu himanii, guyyaatti namootni 100 hanga 200 nidaawwatu. Namootni godambicha daawwatan harki caalaan namoota biyya keessaa yoo ta’an, lammiileen biyya alaas akkasuma daawwachaa jiraachuu himu. Kutaaleen godambichaa dhiphachuu hambaalee tooraan kaa’uufi daawwattoota daawwachiisuu irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu himanii, kanaafuu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa godambichaaf gamoo abbaa darbii tokkoo akka ijaaruuf gaafataniiru. Yunivarsitiin Jimmaas hojii pirojaktii hambaalee godaambichaa gara dijitaalaatti jijjiiruuf jalqabee addaan kute akka xumuruuf gaafataniiru.
Yunivarsiticha waliin ta’uudhaan lammiileen biyya alaa kaffaltiidhaan hambaalee godaabichaa ‘online’ akka ilaalan taasisuufis hojjechaa kan jiran ta’uu eeraniiru. Dhumarrattis Magaalaan Jimmaafi naannawaan ishee bakkeewwan hawwata tuuristii 12 ol waan qabduuf namootni gara Jimmaa dhufan bakkeewwan hawwata turistii akka daawwataniif dhaamsa dabarsaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
5 Comments to “Hambaalee Godambaa Magaalaa Jimmaa”