Bulbulaa: Waggoota hedduuf haalli ijaarsaafi diriirfama qaamoleen nageenyaa irratti qaawwi guddaan mul’achaa tureera. Miseensotni poolisiifi miseensotni raayyaa ittisa biyyaa seera duratti mirga walqixaa kan qaban lammiilee biyyattii garagarummaa ilaalcha siyaasaa isaan qabaniin isa tokko ofitti aanfatanii kaan achi ofirraa dhiibuun mul’ataa tureera
Paartii siiyaasaa tokkoof loogaa isa tokko irratti duuluunis turtii waggoota 27 darbanii keessatti bal’inaan mul’achaa turuu bira darbee, qaamoleen nageenyaa hanga meeshaa paartii biyya bulchuutti ga’anii turutu hamatama.
Qabsoo sababoota kanneeniifi dhiibbaa siyaasaa biyyatti keessa ture geeddaruuf taasifameen booda jijjiirama amma dhufaa jiruun garuu rakkoon kun akka furamuufi qaamoleen nageenya miseensummaa paartii kamiyyuu akka hinqabaanneefi seeraafi heera biyyaa kabachiisuu qofarratti akka fuulleefatan taasifamaa jira.
Poolisiin tokko aantummaansaa heeraafi ummatasaa qofaaf ta’uu akka qabu kan himtu dhiheenya kana kan eebbifamte miseensi Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Iteenash Shibbiruu, akka poolisii tokkootti kan isheerraa eegamu seeraafi heera biyyaa kabajanii kabachiisurraa kan hafe paartii siyaasaa kamiifu kan hinloogne ta’uu ibsiti.
Nageenyaafi tasgabbii naannichaa eegsisuufi hawaasni nagaan bahee akka galuuf imaanaa mootummaafi ummanni itti kenne hamilee guutuu ta’een raawwachuudhaaf malee paartii siyaasaa biyya bulchuufi morkattuu jedhanii adda qooduun sirrii akka hintaanes ni dubbatti. Miseensi poolisii kamiyyuu miseensota paartilee siyaasaa morkattoota adda addaafi kan paartii biyya bulchu ija tokkoon ilaaluu akka qabu himti.
Tanaan dura poolisiin paartilee siyaasaa irraa bilisa ta’ee hojiisaa akka hingaggeesineef haalootni mijatoo hinta’in jiraachuusaanii kan himu immoo miseensi poolisii kan biraa Sulxaan Abdii, kanaa booda garuu poolisiin garaaf jecha wanta hinbarbaachifne keessa galu akka hinjirreefi nageenya naannoof biyyaa gara kuteenyaan kabajsiisuu qofarratti xiyyeeffachuu akka qabu hima.
Bayyanaa Ibraahimiin
8 Comments to ““Akka miseensa poolisiitti paartii siyaasaa kamiifuu hinloognu” -Miseensota poolisii Oromiyaa”