- Barreessaafi Xiinxalaa Miidiyaa Mohaammad Al Arusi
Finfinnee: Waggoota hedduuf tarkaanfiin Misir laga Abbayyaarratti agarsiisaa jirtu hojii hubannoo uumuu bal’inaan dhimmicharratti addunyaadhaaf hojjatterraa kan maddu ta’uu kan himan dhiheenya kana dhimma hidha haaroomsa guddichaa irratti miidiyaalee addunyaa garagaraa irratti falmii guddaa taasisaa kan jiran Obbo Mohaammad Al Arusii, Itoophiyaan immoo osoo dhugaa qabdu dhugaa sana bifa barbaadameen addunyaa hubachiisuu dhabuusheetiin ija dogoggoraatiin ilaalamaa jiraachuu ibsu.
Miidiyaalee biyyoota Arabaa dabalatee kanneen Addunyaa biroorratti yommuu dhiyaadhu gaaffii jalqaba nagaafatan keessaa “Misir akkana jettee isin himatti maaliif akkana gootan” isa jedhu ta’uu eeranii, kuni kan agarsiisu Misir hangam dhimmicharratti sobaan addunyaa kan amansiifte ta’uusaati jedhu.
Akka ibsasaaniitti, dhugaa Itoophiyaan qabdu addunyaa hubachiisuun immoo gahee mootummaa qofa osoo hintaane kan hawaasa biyyattii hundaati. Keessattuu
miidiyaaleen Misir dhimma Abbaay yeroo mara mata duree oduusaanii taasifachuudhaan halkaniif guyyaa waan afarsaniif yeroo ammaa biyyoota hedduu biratti akka waan dhugaa qabanitti ilaallamuu danda’aniiru.
Garaagarummaan siyaasaa Misir keessa jiru bal’aafi kan walitti hinaraaramne fakkaatus gaafa maqaan Abbaay ka’u garuu hunduu garaagarummaa sana dagatee sagalee tokkoon Itoophiyarratti duula jedhu.
Akka Obbo Mohaammad jedhanitti, wanti kun siyaasa Itoophiyaa keessattis baratamuu qaba. Rakkoo keessoo yeroodhaaf bira tarree rakkoo akka biyyaatti mirga fayyadamuu qabeenya uumamaa keenyarratti tokkummaadhaan ka’utu nurraa eeggama. Addunyaa ammaa keessatti dhugaa qabaachuun qofti gahaa miti. Dhugaa qaban sana himatanii hunda hubachiisutu murteessaa ta’a.
Obbo Mahaammad dhiheenya kana miidiyaalee akka BBC, Aljazeera, Al haram, Asharkiifi kanneen biroorratti dhihaachuudhaan nama ejjannoo cimaa ta’een falmaa turanidha.
Bayyanaa Ibraahimiin
10 Comments to ““Addunyaan laga Abbayyaarratti dhugaa Misir malee kan Itoophiyaa hinhubanne””