Olompikiin Tokiyoo yeroosaa eeggate adeemsifamuu dhiisu mala

Finfinnee: Taphni  Olompikii Ammayyaa ALA bara 1896  magaalaa guddoo Giriik Ateensitti jalqabame. Erga jalqabamees waggoota 124 lakkofsiseera. Sababii waraana addunyaa tokkoffaafi lammaffaatiin yeroo sadi osoo hingaggeeffamiin hafus kanneen hafan sagantaasaanii eeggatanii gaggeffamaniiru.

Biyyoota addaddaatti kan gaggeeffamu taphni olompikii kun kanaan dura yeroo 31f akaakuwwan ispoortii olompikiifi paaraalompikiitiin haala miidhagaadhaan gaggeefamaa tureera.

Haaluma kanaan  baranas ALA Adoolessa 24 hanga Hagayya 9 bara 2020 magaalaa guddoo Jaappaan, Tokiyotti yeroo 32ffaaf ni adeemsifama jedhamee  eegama.

Waggaa afuritti al tokko kan adeemsifamu mootiin ispoortiiwwanii kun ji’oota muraasa dura sababii Vaayirasii Koronaa Chaayinaatti ka’een yeroosaa eeggatee adeemsifamuun isaa shakkii keessa galun isaa dubbatamaa tureera.

Qaamni dorgommii kana qopheessuu garuu, taphichi yeroo qabameef eggachuudhaan akka gaggeeffamu yaaduudhaan qophiisaanii itti fufaadhuma jiru.  Haata’u malee, Vaayirisichi addunyaarratti bal’inaan faca’aa adeemusaatti Ministirri Olompikii Jaappaan dorgommiin kun hanga dhuma waggaa faranjootaatti achi fagaachu akka danda’u ibsaniiru.

Ministirittiin  Miis Seekkoo Haashiimaato Kibxata darbe dhimmicha ilaalchisuun gaaffii miseensoota Paarlaamaa Jaappaaniin isaanif dhiyaateen akka ibsanitti, Tokiyoon  olompikii 2020 keessummeessuuf koree olompikii addunyaa waliin  akka walii galan yaadatanii, walii galtee kanaan hanga dhuma waggaa faranjootaatti achi siquu akka danda’u addeessaniiru.

Haata’u malee, dorgommiin kun yeroo qabameefitti akka adeemsifamuuf hanga danda’ameetti yeroosaa eeggata akka gaggeeffamu humna qaban maratti fayyadamuun akka yaalan ni himu.

Pirezidaantiin Koree Olompikii Biyyooleessaa Mistar Tomaas Baahaa gamasaaniitiin torban darbe keessa akka ibsanitti, dorgommiin olompikii yeroosaa eeggate akka gaggeeffamu koreen addunyaa ciminaan hojjechaa akka jiru  dubbachuun isaanii kan yaadatamuudha.

Yeroo ammaa kana ummata addunyaa yaadeessaa kan jiru Vaayirasiin Koronaa babal’achaa dhufuurraan kan ka’en biyyoonni hedduun dorgommiiwwan ispoortii haquufi achi fageessuuf dirqamaniiru. Vaayirasichi yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun biyyoota addunyaa 60 keessatti mul’achuun  namoonni kuma 90 ol yoo hubaman, Chaayinaa qofatti namoonni kuma sadii ol ta’an lubbuun isaanii darbeera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  28/2012

Recommended For You

4 Comments to “Olompikiin Tokiyoo yeroosaa eeggate adeemsifamuu dhiisu mala”

  1. Pingback: Vape carts
  2. Pingback: cock
  3. Pingback: jilislot777

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *