Dubartoota hirmaachisuun caalaatti cimee ittifufuu qaba

Dubartoonni uumamaan dhiirotarra waan ittiin xiqqaatanis ta’en ittiin gadi ta’an hinqaban. Waaqni gaafa isaan uume akkuma dhiiraa qaamaafi sammuu guutuudhaan uume. Ogummaaf hubannaadhaan isaan caalchisee akka uume ragaaleen illee ni mirkaneessu. Kana malees dandeettii wantoota hedduu si’a tokkotti yaaduufi raawwachuu, akkasumas dhiibbaawwan garagaraa dandamachuu akka isaan qaban dhugoomfachuuf qorannoo gaggalagalchuurra dubartiidhuma dhiheenya keenyatti jirtu tokko ilaaluun ga’aadha.

Dubartiin haadha, obboleettii, haadha manaa, jaallallee, intala, hiriyyaafi fira. Uumaan illee dhiirri tokko qofaasaa jiraachuu akka hindandeenye waan hubateef dubara isaaf uume.

Dubartiin nama dhuunfaa ykn maatii qofaaf osoo hintaane biyyaaf illee daran barbaachistuudha.  Hojiin hawaasummaafi siyaas dinagdee kamiyyuu hirmaannaa dubartootaa malee bu’aa hinqabu. Dubartoota hirmaachisuu jechuun hawaasa bal’aa hirmaachisuu jechuudha. Kana malees dubartoota fayyadamoo taasisuu jechuun hawaasa bal’aa fayyadamoo taasisuu jechuudha.

Kanaaf jecha biyyoonni hedduun imaammata guddinaa qabatan keessatti adda durummaan dubartoota hirmaachisaa kan jiraniif. Keessumaa biyyoonni guddinarratti argaman xiyyeeffannaa olaanaa itti kennanii hojjechaa jiru. Dubartoonni hacuuccaa baroota dheeraa jalaa akka ba’aniifis humna qabaniin hojjechurratti argamu.

Mootummaan Itoophiyaas misoomni dubartoota hinhirmaachisne kamuu galma hinga’uu amantaa jedhuu waan qabuuf Ministirri Muummee biyyattii borumtaa aangootti dhufanitti, kaabinootasaanii dhibbantaa 50 dubartoota taasisuun muudaniiru. Kunimmoo dhimma dinqisiifannaa itti argatan ta’eera.

Jalqabbiin kun dinqisiifannaa haa argatu malee dubartoota aangeessuu qofti fayyadamummaasaanii mirkaneessuu waan hindandeenyeef ammayyuu dubartiin ishee baadiyyaa jirtu akka hirmaattuuf haalli mijachuu qaba. Gama siyaasaan qofa osoo hintaane hawaasdinagdeedhaanis caalaatti akka fayyadamtuuf hojiin caalu hojjetamuu qaba.

Walumaagalatti, hojiin dubartootarratti hojjetamu kan gidduu guyyaan dubartoota addunyaa ‘March 8’ kabajamu qofa hojjetamu osoo hintaane karoora waggaa guutuu mootummaafi dhaabbilee miti mootummaa akkasumas, dhimma hawaasa bal’aa ta’uun hojjetamuu mala. Karoorri dubartootarratti qabamus hanga sadarkaa godaatti bu’ee dubartoota hunda fayyadamoo taasisuun irra jiraata.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  28/2012

Recommended For You

8 Comments to “Dubartoota hirmaachisuun caalaatti cimee ittifufuu qaba”

  1. Pingback: jackleg cabins
  2. Pingback: กงล้อ888
  3. Pingback: raz vape
  4. Pingback: chat rooms

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *