Waggaa 124 dura wayita faashiist Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerare turetti, gootonni biyyattii meeshaa aadaa hidhatan kallattii arfaniin yaa’uun waraana meeshaa ammayyaa hidhatee dhufe injifachuun seenaa hindagatamne galmeessisaniiru.
Ummatni Itoophiyaa birmadummaan biyyasaanii tuqamuun isa aarse afaan, amantii, korniyaafi gosaan osoo adda hinba’in kaayyoo tokkoon duuluun seenaa boonsaa inni Adwaa irratti hojjete jaarraa tokkoo ol lakkofsisuus hanga yoonaatti ummata biyyattiirra darbee Afrikaanoonni kan ittiin dhaadatan ta’eera.
Lola sana keessatti seenaan jal’atee akka injifannoo saba muraasaa qofaatti himamaa haa turu malee, saboonniiifi sablammoonni injifannoo sana keessaa qooda hinqabne hinjiran. Keessumaa Oromoon fardeen isaa waliin duuluun diina dura dhaabachuun ilmaan biyyattii akka boquu ol qabatanii deeman taasisuu keessatti shoora adda durummaa taphachuun isaanii seenaan ni ibsa.
Mootiin biyyattii yommus ture olaantummaa saba, amantiifi afaan tokko qofaa kan leellisu kan ture ta’us saboonni hacucamoon biroo sanaan haaloo osoo hinqabatin iccitii golasaanii keessaa dhokfachuun cunqursaa gita bittaa hinta’u jedhanii duulan. Tuqamuun biyyaa salphina hundaa ta’uu waan hubataniifis kan garaa garaatti qabatanii manakoo, maasiikoo, maatiikoo osoo hinjedhin akka galaanaa diinarra dhangala’uun seenaa gurraachoonni ittiin dhaadatan galmeesisuun dhalootatti dabarsan. Tokkummaan yoo jiraate diinni hininjifatamne akka hinjirres addunyaatti mul’isan.
Biyyoonni Afrikaa hedduun gaafa gita bittootaan bitaman Itoophiyaan birmadummaa ishee eeggachuun osoo hinbitamin kabajamtee kan hafte qabsoo tokkummaa ilmaan isheetiin. Biyyattiin gonfoo kabajaa uffattee sadarkaa har’a geesserra kan geesseef ilmaan ishee dhiiga, lafeefi lubbuusaanii tokkummaadhaan waan ittigabbaraniif malee dinqiin rabbii uumamee ykn taatee akka tasaa miti.
Tokkummaan jaarraa hedduuf waa’ee biyyaarratti mul’achaa ture har’a garuu sababootaafi fedhiiwwan garagaraatiin kan laafu fakkaatullee biyya akka laayyootti ijaaramte waan hintaaneef biyyattii diiguu hindandeenye. Waan kana ta’eef addaddummaa keessoo guddisanii ilaaluu dhiisuun irree tokkoon biyyattii gara caalutti adeemsisuuf tokkummaan socho’uu barbaachisa.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 21/2012
7 Comments to “Tokkummaan Adwaa irratti mul’ate ammas cimee itti fufuu qaba”