Ammaan tana dhibeewwan bifa weeraraatiinis ta’e daddarbuutiin miidhaa geessisaa jiran keessaa gifirri (shiftoo), koleeraa (garaa kaasaafi haqqee sardaa)faa eeruun ni danda’ama. Dhibeewwan lamaan kunniin biyya keenyatti bal’inaan kan mul’atan yoo ta’u, maxxansa kanaan weerara gifiraa tibbana Oromiyaatti mul’ate sababeeffachuun Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti Daarektara Hoggansa Balaa Tasaa Fayyaa Hawaasaa Qo’annoofi Qorannoo Fayyaa, Obbo Gammachuu Shuumii wajjin torban darbe gaafdeebii taasisneerra.
Bariisaa: Dhibeen gifiraa caalaatti eenyu miidha (umriidhaan yoo ilaalle)?
Obbo Gammachuu: Dhibeen gifiraa dhukkuba vaayirasiidhaan daddarbuudha. Dhukkubichi ijoollee keessumaa daa’imman waggaa shanii gadii, darbees kanneen umriisaanii waggaa 15 as jiru caalaatti miidha. Kun oggaa jedhamu namoota umrii kana keessatti argaman qofa otoo hintaane nama kamuu miidhuu danda’a.
Bariisaa: Ka’umsisaa maalinni laata?
Obbo Gammachuu: Dhibeen kun yeroo baay’ee keessumaa bakka uwwisni talaallii gadaanaa ta’eefi ongeen mudatetti ka’a.
Bariisaa: Gifirri maaliif toora dhukkuboota tasaa keessatti ramadame?
Obbo Gammachuu: Sababiin dhibeen dhukkuboota tasaa keessatti ramadameef dhukkuba dafee gabaafamu, keessumaa akka addunyaattis ta’e biyya keenyaatti kanneen adda bahan keessaa isa tokko. Kunis waan altokkotti namoota baay’ee miidhuufi. Akkuma beekamu dhibeewwan lubbuu daa’immanii galaatafatan shan keessaa tokko gifira.
Akka biyya keenyaatti darbees Afrikaafi addunyaatti dhibeen kun kan talaalliidhaan ittifamu ta’ee otoo jiruu garuu ijoolleerratti hubaatii cimaa kan qaqqabsiisuu waan ta’eefi. Dhukkubichi dafee hinwal’aanamu taanaan gara rakkoo walxaxaa, hanga lubbuu galaafachuutti (dhabamsiisuutti) geessa waan ta’eef dhibeen akka hoggansa balaa tasaa jala galee hordoffiinsaa akka cimu kan taasifameef.
Bariisaa: Dhukkubni kun ammaan tana sadarkaa maaliirra jira?
Obbo Gammachuu: Dhibeen gifiraa kun ji’oota jalqabaa baranaarraa eegalee hanga ji’oota jahan darbaniitti aanaalee 58 godinaalee 12 jalatti argamanitti mul’atee ture. Yeroo ammaa garuu sadarkaa weeraraatiin kan mul’atu aanaalee 15 qofa keessatti.
Keessumaa aanaalee lama Godina Harargee Bahaatti argaman, Harargee Lixaa aanaalee sadii keessatti, Wallagga Bahaa aanaa tokko, Arsii Lixaatti aanaalee shanitti, darbees godinaalee Arsiifi Horroo Guduruu Wallaggaatti dhibeen kun ni argama. Facaatiinsaa ammaan tana xiqqaachaa dhufus iddoowwan tokko tokkotti mul’achaaatuma jira.
Bariisaa: Godinaaleen kunniin maaliif addatti dhibichaaf saaxilaman?
Obbo Gammachuu: Dhukkubni kun saaxilamummaa gogiinsaa wajjin walqabata. Akkasumas uwwisa raawwii talaallii wajjinis walitti hidhamiinsa qaba. Haala qilleensaa keessumaa waa’ee dhibee gifiraa kana sirnaan kan ilaallu yoo ta’e akkuma biyyaattuu barana yeroo kamuu caalaa dabaleera. Dhibeen kun ardii Afrikaa bira darbee sadarkuma addunyaattuu barana daran babal’ataa jira.
Bariisaa: Daa’imman talaallii fudhatan akkamiin dhibee kanaaf saaxilamu?
Obbo Gammachuu: Daa’imman talaallii fudhatan dhukkubichaan hinqabaman. Garuu bakka uwwisni talaallii gadaanaa ta’etti yeroo tokko tokko ammoo dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuufi hanqina nyaataa wajjinis walqabata waan ta’eef tarii ijoolleen talaallii fudhatanis ta’e hinfudhanne yoo rakkoo dhukkuba biraa ni qabu ta’e salphaadhumatti dhibee kanaan qabamu danda’u jechuudha.
Kanneen talaalaman hundi hinqabaman (bakka uwwiisni gaariin jirutti). ykn carraa isaan dhukkubichaan qabamuuf qaban daran dhiphaadha. Ta’us iddoo raawwiinsaa gadaanaa ta’etti keessumaa bakka ijoolleen hintalaalamnetti dhukkubichi ni hammaata. Warra talaallii fudhatan keessaa dhibbantaan 85 dhukkubichaan qabamuu dhiisuu danda’u. Harki 15 hafan garuu qabamuu danda’u.
Bariisaa: Talaalliin dhibee kanaa haala kamiin kennamaa jira?
Obbo Gammachuu: Talaalliin gifiraa haalota lamaan kennamaa jira. Tokko kan idileen kennamu yoo ta’u, inni lammaffaan kan duulaan kennamuudha. Yeroo akka ammaa kana weerarri mudatutti talaalliin dhukkubichaa bifa duulaatiin kennama. Kunis daa’imman umriisaanii waggaa shanii gadii darbees hanga 15tti jiraniif duulaan warra fudhateefis hinfudhanneefis ni kennama. Keessumaa aanaa weerarri kun itti ka’etti talaallichi bifa duulaatiin kennama.
Akka sektaraattis ta’e hawaasaatti ittisa dhukkubichaatiif hojiileen adda addaa hojjetamanillee akkuma addunyaattuu iddoo weerarri gifiraa jirutti caalaatti bu’aa qabeessa ta’aa kan jiru talaalliidha. Naannoo keenyatti Ministeera Fayyaafi qaamolee adda addaa wajjin ta’uun aanaa weerarri gifiraa mul’atetti talaalliin bifa duulaatiin kennamaa jira.
Talaallii marsaa marsaadhaan kennamuun kan jalqabaatiin aanaalee 14tti talaalliin kennameera. Talaallichi daa’imman umrii meeqa keessatti argaman akka dhukkubichaan qabaman ragaasaanii bifa duulaatiin ilaaluun kan kennamuudha. Marsaa lammaffaanis aanaalee hafanitti kan ittifufu ta’a. Akkuma biyyaalessaattuu baatii Bitootessaa dhufurraa eegalee daa’imman umriinsaanii waggaa shanii gadi ta’e maraaf talaalliin dhukkuba gifiraa bifa duulaatiin ni kennama.
Bariisaa: Barana lubbuun namaa weerara gifiraatiin darbee jiraa?
Obbo Gammachuu: Otoo dhaabbilee fayyaatti wal’aanamaa jiranii labbuunsaanii kan darbe namoota muraasa. Kanneen otoo gara dhaabbilee fayyaa hindhufiin du’anis muraasni ni jiru jechuudha.
Bariisaa: Weerara gifiraa jechuuf ulaagaansaa maalinni?
Obbo Gammachuu: Weerara jechuuf naannawa tokkotti nama shakkamaa tokkorraa samuudni fudhatamee laaboraatooriidhaan qoratama. Samuuda fudhatame keessaa bu’aa qorannoo namoota sadii vaayirasichi argamuu yoo mirkaneesse weerara jechuu dandeenya. Inni biraan ammoo samuuda shan fudhannee namoota shananuu keessatti mallattoon vaayirasi gifiraa yoo mul’atee kan tokko mirkanaa’ee, kanaanis weerara jenna.
Kunis bu’aa laaboraatoriifi “case definition” kan beekamu jechuudha. Kanarraa ka’uun weerarri ka’eera hinkaane jechuu dandeenya jechuudha.
Bariisaa: Mallattoon dhukkubichaa maalfa’i laata? Hubaatiinsaa hoo?
Obbo Gammachuu: Ho’inni qaamaa, waanti akka shiftoo fuula namaarraa eegalee yaa’uun, dhangala’aan funyaaniin bahuun, diimachuun ijaa mallattoolee jalqabaati. Otoo tajaajila wal’ansaa hinargatiin yoo tureefi oggaa hammaachaa deemu ammoo ijji jaamuun, gurri duuduun, sombi miidhamuun, kaleen hojii dhaabuun hubaatii hanga lubbuu dhabuutti qaqqabsiisuu danda’a.
Bariisaa: Dhibeen kun hammam yaachisaadha? Kana Ittisuuf hawaasni maal gochuu qaba?
Obbo Gammachuu: Dhukkubni kun barana dabalus tattaaffii qaamolee addaddaa wajjin taasifamaa jiruun ni to’atama. Hojiilee hawaasa hirmaachisuun raawwanneen dhukkubni aanaalee gara 58tti mul’atee ture ammaan tana xiqqaachaa (gara aanaalee 15tti) dhufeera. Ta’us kun sadarkaa amansiisaarra jiraachuu keenya kan agarsiisu miti.
Tattaaffiin ittisa dhukkubicharratti taasifamaa jiru cimee ittifufuu qaba. Akka barsiifataatti namni dhibee kanaan qabame aduu ykn qilleensa hinbarbaadu jedhanii mana yaalaa geessuurra mana keessa dhoksuun waan mul’atuuf hawaasni ilaalcha akkanaa keessaa bahee nama mallattoolee dhibichaa irratti arge dafee gara mana yaalaa geessee wal’aansisuu qaba. Hubannoon dhukkubicharratti mul’atus cimuu qaba.
Bariisaa: Dhibeen kun maaliin darba?
Obbo Gammachuu: Dhibichi hafuuraanis ta’e waltuttuqqaadhaan ni darba. Akkasumas, tuttuqaa dhangala’aa funyaan keessaa cophuunis ni darba.
Bariisaa: Boora’uun nageenyaa Oromiyaa iddoo tokko tokkotti mul’atu ittisa dhukkubichaarratti dhiibbaa akkamii uumeera?
Obbo Gammachuu: Akka carraa ta’ee iddoon weerarri gifiraa itti mul’ate naannawawwan rakkoon nageenyaa hinjirretti. Kanaaf haala nageenyaatiin walqabatee rakkoo guddaan nu mudate hinjiru.
Bariisaa: Vaayirasii koronnaa ilaalchisee akka Oromiyaatti dursanii ittisuurratti qophii akkamiitu taasifamaa jira?
Obbo Gammachuu: Akkuma beekamu vaayirasiin koronnaa kun ammaan tana yaaddoo cimaa hawaasa addunyaa ta’ee jira. Ittisa vaayirasii kanaatiif akkuma dubbichi dhagahameen akka biyyaattis ta’u naannoo keenyaatti qophii guddaan taasifamaa jira.
Waa’ee vaayirasichaarratti hubannoo caasaalee keenya sadarkaa sadarkaan jiranii gabbisaa jirra. Haallatti vaayirasichi darbuufi ittisuu danda’amurratti keessumaa ogeessota fayyaatiif hojiin kennamaa jira.
Dhibee ALA dhuma bara 2019 mul’ate waan ta’eef. Kanaaf ogeessota sadarkaa naannootti jiraniirraa kaasee Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa wajjin ta’uun gabbisa hubannoorratti hojjetaa jirra. Ka’umsi vaayirasii kanaafi baay’inaan miidhaa jiru Chaayinaadha.
Naannoo keenya keessammoo lammiilee Chaayinaa danuutu jiru waan ta’eef sakatta’insi xiyyeeffannaadhaan akka geggeeffamu taasifamaa jira. Iddoo namni vaayirasichaan shakkame yeroof keessa turus qopheessineerra.
Vaayirasichi hanga ammaatti Itoophiyaa seenuu baatus akka biyyaatti Finfinnee keessa iddoowwan sadiitti wiirtuun qophaa’eera. Kanattis fayyadamaa jirra. Meeshaaleen adda addaas wiirtuulee kanneeniif raabsamaa jiru. Akka Oromiyaattis garee tokko hundeessinee hojjetaa jirra. Gareen kun yeroo yeroodhaan walargee sadarkaa vaayirasiin kun irra jiru kan hordofuufii waliigabaasuudha.
Bariisaa: Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Chaayinaatti taasisaa jiraachuu akkamitti ibsitu?
Obbo Gammachuu: Balaliin garasitti taasifamuun balaa guddaa qaba. Otoo garas deemuun dhaabbatee gaariidha. Karrii vaayirasichi gara biyyaa ni gala jennee yaadnu keessaafi inni guddaafi ijoon karaa Daandii Qilleensa Itoophiyaatti jennee yaadna. Nutis akka naannootti sodaa qabnu kaasaa turre. Yaadni balali dhaabuurra hojii ittisaasaa cimsuu jedhamus jira.
Bariisaa: Akka Oromiyaatti magaalonni wiirtuu tursiisa shakkamtoota vaayirasichaatiif yaadaman kam fa’i?
Obbo Gammachuu: Ammaaf kan yaadne Adaamaa, Haromaayaa, Jimmaafi Bulee Horaati. Kanaafis iddoowwan kaampaanonni Chaayinaan bal’inaan itti argaman ta’uun, buufanni xiyyaaraa jiraachuun (Jimma), daandii baaburaatiin walqabatee daangaatti dhiyeenyaan argamuun akka sababaatti eeramu. Humna Qilleensaa Itoophiyaa wajjin ta’uun Magaalaa Bishooftuutti sadarkaa biyyaatti wiirtuu guddaa tokko hundeessuuf qophiin taasifamaa jira. Kanattis ni fayyadamna.
Bariisaa: Meeshaan qorannoon vaayirasichaa itti adeemsifamu hamman amansiisaadha? Samuudni qorannoof gara Afrikaa Kibbaatti ergamaa ture as deebi’uun hoo gama qulqullinaatiin homaa hinshakkisiisuu?
Obbo Gammachuu: Meeshaan vaayirasiin koronnaa ittiin qoratamu sadarkaa addunyaatti kan walfakkaatu waan ta’eef shakkii tokkollee hinqabu. Meeshichi sadarkaasaa kan eeggateedha. Hojii kana utubaa kan jiru Dhaabbata Fayyaa Addunyaati. Kan Afrikaa Kibbaatti adeemsifamaa tures ta’e kan amma gara biyya keenyattis taasifamaa jiru kan gargaaraa ture dhaabbatuma kana. Kanaaf qorannoon samuudarratti taasifamaa jiru daran amansiisaadha.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 21/2012
10 Comments to ““Nama gifiraan qabame mana keessa dhoksuun sirrii miti” – Obbo Gammachuu Shuumii”