Waaqni Oromoo Tokko. Falaasamni daandii waaqa ittiin argatan garuu hedduudha. Falaasama kana duuba immoo namatu jira. Nama waaqatu uume. Waaqni kana hundumaa kan godheef dacheefi badhee, ruudaafi hunda bareechuufi.
Kanaaf egaa
garaagarummaan amantii, ilaalchaafi yaadaa akka waan raajjiii tokkootti ilaaluun
uumaa ganamaafi uuamama waaqaa kanaan walitti nubuusa. sababnisaa immoo kunis
taatee waaqa keessa isa tokko waan taheef, taatee waaqaatti bu’uun immoo karaa
naanna’aatiin waaqaan walitti bu’uudha.
Namni dhugaa barbaacha gaara ba’u bu’ee, galaana
ce’ee, tulluus qaxxaamura. Sanyii dhala nama ykn ummata uumaa waaqaa ta’an keessaa
immoo Oromoonis warra tokko.
Adeemsa akkasii kana keesaa darbuun amantiifi sirna bulchiinsasaa argate. Oromoon warra ganamaan qarooman keessa saba hamman guddaa yemmuu ta’u, sirna siyaasaafi duudhaa ofiisaatiin warra bulaa tureefi har’as ittiin buluudha.
Sirna Moggaasa maqaa keessatti Qaalluun gahe olaana qaba ture. Ammas taanaan iddoo guddaa qaba. Sirni qaalluun ittiin maqaa moggaasu ykn baasu kun immoo godaanee Oromiyaa hedduu keessatti sirna hammuu ykn hammachiisaa jedhamuun beekama.
Hammachiisa ykn hammuu jechuun sirna daa’imni dhalate itti eebbifamuufi maqaanis moggaafamuudha. Maqaan Qaalluun tokko sirna hammachiisaa kanaan daa’ima tokkoof moggaasus maqaa hoodaafi safuu akkasumas raajii ummata Oromoon walqabate qofaadha.
Sababoota garagaraarraa ka’uudhaanis warri qaalluu ofiin jedhaniifi ummannis qaallummaasaanii beeku kunniin yeroo tokko tokko hojii qaalluun dur ittiin beekkamuun alatti waan hintaane keessa yemmuu galantu mul’ata jedhu maanguddootni Tuulamaa tokko tokko.
Akka maanguddoota kanaatti, qaalluun tokko tokko sirna qaalluu duriirraa maquudhaan amantii birootti irkatee sirna hammachiisaarratti moggaasa amantii wayita kennan mul’atu.
Qaalluun inni dhugaafi aadaa ganamaa irraa hinmaqne maqaa Oromoo ganamaatiin ala sirnicharratti kan hinmoggaasne ta’uu Shawaa Lixaatti jiraataa Magaalaa Gudar kan ta’an Obbo Kafanii Buttaa ni dubbatu.
Akka yaadasaaniitti, qaalluun inni sirriin maqaa afaan biraatin hinmoggaasu, Afaanuma Oromootin moggaasa malee. Kunis bara alagaan eenyummaa ummata Oromoo balleesuuf bifa amantiifi karaa adda addaatiin duula cimaa taasisaa ture sanatillee qaalluun ejjannoo ofii osoo hingeeddariin waggoota hedduuf galmeefi hambaa akkasumas eenyummaa Oromoo utubee har’aan akka gahu taasiseera.
Oromoon dur sirna dhugeeffannaafi waaqeffannaa isaairratti hundaa’ee maqaa baasa. Oromoon amantaa yaadxina raajiiwwan hawaa kana keessa jiran hubachuufi dhugeeffachuurratti hundaa’e qorannoo waa’ee Waaqaa(‘arstrology) qaba ture.
Akka amantaa Oromootti, guyyaan hunduu ayyaana waaqaa qaba. Sochiin urjii, ji’aafi aduu moggaasa maqaa Oromoo keessatti gahee qabu. Ayyaana daa’imni tokko dhalate, addeessi eessa oolte, urjii kam waliin oolte kan jedhu ilaalameeti.
Fakkeenyaaf yoo urjii Sorsaa wajjin oolte hiikaa mataasaa qabaata, yoo Ruudaa waliin oolte hiikaa biraa qabaata, kanneen biroos akkasuma jechuudha. Kanaafuu ummatni Oromoo sirna amantiisaarratti ijaarameerratti hundaa’uudhaan maqaa moggaasaa ture. Oromoota ganamaa biratti immoo ijoollee dhalataniif maqaa kan moggaasu maatii osoo hintaane qaalluudha jechuudha.
Keessumaa ijoollee hangafaa karaa sirna hammachiisaa Ayyaantuun guyyaafi yeroo daa’imni sun irra dhalate ilaaluun moggaasa malee inni hawwiidhuma qabanirraa ka’anii moggaasan kun erga aadaan Oromoo dadhabaa dhufeen booda kan jalqabeedha.
Waaqeffannaan Oromoo dhugeeffannaa uumaa Waaqaa keessaahuu kanneen akka urjii, addeessaafi aduu irratti kan hundaa’edha. Daa’imni tokko yeroo gara biyya lafaa dhufu haalaafi yeroo sana bakka bu’a. Kanatu ilaalamee moggaafamaa inni argatuuf isa gargaara jechuudha. Daa’ima dhalatu qofa osoo hintaane yeroo gaa’ilaas maqaan ni mogga’a; sunis yeroofi haala guyyaa sanaanis amantii Oromootiin kan walqabatuudha.
Akka aadaa Oromootti seerri uumamaa, maqaa lafaa ,kan namaa fi kan mukaa walitti hidheera. Fakkeenyaaf, namni ayyaana arbaa dhalate arba hinajjeesu, kanaaf maqaan callisee osoo hintaane uumaafi uumama hunda walitti hidhee madaallii eegsisee kan moggaafamuudha. Kunimmoo falaasama moggaasa maqaa oromoo ganamaa kan calaqqisiisu ta’uusaati jechuudha.
Duudhaan Oromoo inni ganamaafi Oromoon maqaa itti moggaafatuun kun daa’imni tokko dhalattee ji’a lama irraa eegalee hanga ji’a jahaatti raawwatamu hammachiisni, haati daa’imaa daa’imicha baachuudhaan qaalluu bira geessiti.
Qaalluun daa’imni bira dhaqe sunis, “Siif haa bulu, siif haa horu, siif haa beeku” jechuudhaan erga daa’imicha eebbiseen booda yeroo inni itti dhalateefi haalota garagaraa ilaaluudhaan maqaa moggaasaaf.
Haala amma jiruun aadaan kun hir’achaa dhufuusaatiin maqaan qaalluudhaan mogga’u san dura daa’imichi maqaa biroo qabaachuu ni danda’a kan jedhan Obbo Kafaniin, maqoota jalqaba mogga’eefi isa qaalluun moggaaseef keessaa filatee itti fayyadamuun filannoo daa’imichaa ta’uu ibsu.
Ijoolleen sirna kanaan qaalluu bira geeffamanii hinhammachiifamne akka waan miidhaan garaagaraa isaan qunnamuutti kan ilaallaman yemmuu ta’u, yoo du’uus baate akka waan dhukkubsatuutti ykn immoo miidhamaa qaamaa ta’uutti ilaallama.
Akka naannawaa isaaniitti, yeroon sirni hammachiisaa kun irra jireessaan itti raawwatamu gaafa ayyaana gubaa masqalaafi ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus irratti ta’uu kan himan immoo jiraataan Aanaa Tokkee Kuttaayee Obbo Uumaa Wadaajooti. Sirni hammachiisaa kunis kan raawwatamu akkuma abbaan gaafa waadaa duraa galeen ta’uu dubbatu.
Namni osoo daa’ima hingodhatiin dura “Yoo dubara naaf kennite kanaanan hammachiisa yoo dhiira naaf kennite immoo kanaan hammachiisa” jedheeti waadaa gala jedhu. Gaafa daa’ima godhate immoo haaluma waadaa gale sanaatiin waan jedhe qabatee qaalluu bira geeffatee eebbaafi moggaasa argata jechuudha. Daa’imni qaallu bira geeffamee eebbifameefi moggaasa argate nama boru hiree gaarii argatuufi jiruu milkii jiraata jedhameeti amanama jechuudha.
Sirni aadaa ummata Oromoo ganamaa ykn hammachiisaan kun Shawaa Lixaatiin alatti godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti kan beekamu yoo ta’u, keessumaa asiin dura Arsiifi Horroo Guduruu Wallaggaatti hojiirra oolaa turuusaa hubachuun kan danda’amuudha. Yeroo ammaas babal’ina amantii kiristaanaa waliin walqabatee yaa hir’atu malee iddoowwan hedduutti sirnichi gaggeeffamaa jira jechuun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf, ummata Oromoo Horroo Guduruu biratti sirni hammachiisaa bifa adda ta’een ilaalamaa kan ture yoo ta’u, keessumaa dhala argachuun akka eebbaatti kan fudhatamu waan ta’eefidha. Kunis namni dhala argate tokko eebbaafi badhaadhina jireenyasaa gara fulduraa murteessan gonfate waan ta’eef gara warra ‘Qaalluu’ geessee hammachiisuun akka dirqamaatti raawwatamaa ture; har’allee hangisaa xiqqaatus raawwatamaa jira.
Akkaataan ummatni Oromoo godinichaa dhalasaa itti hammachiisaa ture iddoodhaa iddootti garaagarummaa yaa qabaatu malee adeemsaafi duudhaa mataasaa kan qabudha. Irra jireessaan Qaalluun guyyaa Roobiifi Jimaataa bu’a ykn dhalata. Namni dhala argate hammachiisuu barbaadus maatiisaa waliin guyyoota kanatti dhiyaachuuf dirqama kan qabu yoo ta’u, wayita qaallichi dhalatutti akkuma ajajameen dhala argate dhiira yoo ta’e karaa mirgaa, dubara taanaan ammoo karaa bitaa itti hiixata ykn kenna.
Qaalluun sunis daa’ima/daa’imman hammachiifaman erga fuudhee booda mijuu qophaa’e unachuutiin itti tufa. Si’a baay’ee akka mijuutti kan qophaa’an aannan, coqorsaafi dhadhaadha. Akkuma itti tufeenis daa’imman hammachiifaman maatiisaaniif fulduratti, “Guddadhu, mul’adhu, horii lafa qabadhu” jechuun eebbisa. Erga eebbiseen boodas maqaa jaalatamaa moggaasaaf. Maatiinis maqichaan waamuudhaaf dirqama qabu jechuudha. Yoo ajaja qaallichaarra darban garuu rakkoof saaxilamusaanii dursitoota warra Qaalluutiin hubannoon ni kennama.
Sirni hammachiisaa bifa kanaan raawwatamaa ture kun yeroo ammaa daran hir’achuurratti argama. Kutaaleen hawaasaa sirnicha fooyyessanii har’a itti fayyadamaa jiranis hedduudha. Duudhaaleen sirna hammachiisaa keessa jiran kanneen akka abdii qabaachuu, waliif ajajamuu, badhaadhina, daa’ima ofiif kunuunsaafi eegumsa gochuu, walkabajuu, duudhaa Oromoo ganamaa kunuunsuufi fooyyeessuun murteessaa ta’uusaa hubatamuu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 21/2012
2 Comments to “Hammachiisaa: Sirna moggaasa maqaa Oromoo ganamaa”