Caaffeen Oromiyaa Guraandhala 10fi 11 bara 2012 walgahii idileesaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffateen dhimmoota nageenyaa, hawaasummaafi dinagdee naannichaarratti mari’achuun murteewwan addaddaa kenneera. Humna qaama raawwachiisummaa Oromiyaa cimsuufis muudama hoggantootaa olaanaa raggaasiseera.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa raawwii hojii ji’oota jahan darbanii bal’inaan dhiyeessaniiru. Kanaanis mootummaan naannoo Oromiyaa fedhiifi faayidaa ummata Oromoo galmaan gahuuf caalaatti hojiilee nagaafi tasgabbii mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera. Keessumaa ammoo Oromiyaa keessatti olaantummaa seeraa mirkaneessuufi hariiroo ummatni Oromoo hawaasa naannolee ollaa waliin qabu cimsuuf bal’inaan hojjetamaa kan tureefi jiru ta’uusaa ibsan.
Kanarraa kan ka’e humnoota faallaa fedhii ummataa dhaabbachuun jijjiiramoota hundagaleessa galmaa’uu eegalan gufachiisan adeemsa seeraatiin to’achuun danda’ameera. Humnootni kunneen garuu qaawwa caasaalee mootummaatti fayyadamuun kutaalee biyyattii addaddaa keessatti miidhaa hedduu qaqqabsiisaa turaniiru. Walitti bu’iinsa daangaafi yunivarsiitiiwwan keessatti uumameen lubbuun lammiilee akka darbuufi qabeenyi ummataafi mootummaas akka barbadaa’u ta’eera. Mootummaanis sirreessuudhaaf tarkaanfii seeraa madaalawaa ta’e waan fudhateef ammaan kana guutummaatti to’achuun danda’ameeraa jedhan.
Qormaata gama nageenyaafi olaantummaa seeraa mirkaneessuutiin Oromiyaa qunnamaa jiran furmaata bu’uuraa akka argatan taasisuuf, karoorri tarsiima’aa ta’e qophaa’ee hojii keessa seenameera. Haala kanaan caasaaleen nageenyaa naannichaa gaachana ummataa ta’anii olaantummaa seeraa karaa guutuu ta’een akka kabachiisaniif dandeettiifi gahumsaanii cimsuurra darbee hidhannoosaaniifi loojistikiiwwan barbaachisan hunda guutuuf xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jira.
Misoomni qonnaas dinagdee naannichaa utubuutiin babal’ina indastiriif bu’uura cimaa akka uumuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa tureera. Kanaanis misoomaafi sirna gabaa bunaa, faayinsii baadiyyaa, walitti hidhamiinsa gabaa, makanaayizeeshinii qonnaa, misooma beeyladaafi jallisii, akkasumas hojmaata waldaalee hojii gamtaa keessatti fooyya’oo ta’an diriirsuutiin dandeettii humna raawwachiisummaa hoggansaa, ogeessaafi qonnaan bultootaa cimsuuf bal’aan hojjetamaa turuusaa dubbatan.
Rakkoo faayinaansii gama daldala bunaan turellee furuuf deggarsa mootummaan taasiseen daldaltoota bunaaf liqiin qarshii biliyoona torba kennameera. Bittaafi dhiyeessa omishaalee alergii walsimsiisuufis liqiin qarshii biliyoona 1.1 ta’u kennuun kan danda’ame yoo ta’u, kanarraas qonnaan bultootni caalaatti akka fayyadaman godhameera. Hanqina gama gabaa beeyladaatiin mul’achaa ture fooyyessuufis daldaltoota Waldaa Alergii Beeyladaa Oromiyaa 37 ta’aniif liqiin qarshii biliyoona 6.5 akka kennamuuf ta’eera.
Omishaafi omishtummaa qonnaa itti fufiinsa qabuufi galma imaammata indastirii babal’isuuf qabamee hojjetamaa jiru milkeessuuf, misooma qonnaa hirkattummaa roobaa baasuun murteessaadha. Kanaanis sochii misooma jallisii marsaa 1fa keessatti taasifameen lafa hektaara kuma 363.7 misoomsuun danda’ameera jedhan. Ittifufiinsa akka qabaatuuf ammoo ijaarsi pirojektoota jallisii lafa hektaara 65.3rratti xiyyeeffannootiin hojjetamaa jiru.
Babal’ina indastiriifi sochiiwwan misooma addaddaa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiraniin dhiibbaan faalama naannawaarratti dhaqqabaa jiru xiqqeessuuf, warshaalee kuma tokkoof 438fi pirojektota misoomaa kuma tokkoof 46 ta’anirratti hordoffiifi to’annoon taasifamaa tureera. Kanarraa kan ka’e warshaaleefi pirojektotni misoomaa kunneen dhiibbaa naannawaarratti geessisaa turan dhibbeentaa 52n akka hir’isan godhameera jechuudha.
Pirojektota misoomaa haaraa ummataaf faayidaa olaanaa qaban ijaarsisuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa kan ture yoo ta’u, kanaanis caalbaasiinsaanii kurmaanaa 1fa keessa bahuun xumurameera. Pirojektoota misoomaa waggoota darban keessa eegalamuun rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa jiran ammoo xumursiisuuf saffisa olaanaatiin hojjetamaa kan tureefi jirudha. Haaluma kanaan sagantaa waliin gahiinsa daandii baadiyyaatiin daandiin kiiloo meetra 218.6 cirrachaan uwwifamee ijaarameera.
Gama biraan ammoo tumsa bajata kaappitaalaa mootummaa federaalaatiin hanga kurmaana 2fatti daandiin kiiloo meetra 51.9 dheeratu kan ijaarame yemmuu ta’u, pirojektota daandii haaraa saddeet eegalsiisuuf qophiin xumuramee jira. Kunimmoo gaaffii ummatni Oromoo haqaqabeessumaa misooma daandiirratti gaafachaa tureef deebii kennuuf hoggansi jijjiiramaa kutannootiin hojjechaa kan jiru ta’uusaa kan mul’isuu ta’uusaati.
Walgeettii bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuufis karoorfamee hojjetamaa kan ture yoo ta’u, bara bajataa kanatti dhibbeentaa 74rra akka qaqqabu taasifameera. Pirojektotni bishaanii asiin dura jalqabamanii osoo hinxumaramiin ijaarsarra jiran garuu hedduu waan ta’aniif wayita ammaa xiyyeeffannaan itti kennamee sadarkaa xumurarra gahaa akka jiran ibsan. Tattaaffii barana taasifameen garuu hawaasa baadiyyaafi magaalaa kuma dhibba lamaafi sagaltamii sadiif, 354 ta’aniif bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuun kan danda’ameera jedhan.
Dargaggoota Oromiyaaf sektaroota hundaa keessatti carraa hojii uumuuf misooma interpiraayizootaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun hojjetameera. Kanaan lammiilee miliyoona tokkoo oliif carraa hojii uumuuf karoorfamuun hojjetamaa ture keessaa, kanneen 540 ta’aniif carraa hojii dhaabbiifi yerootiin fayyadamummaasaanii akka mirkaneeffatan taasifameera.
Seermaleessummaa sektara lafaa keessatti mul’atu ittisuufis hojii bal’aa hojjetamaa tureen keessumaa seeraan ala weerara lafaa akka waliigalaatti kuma 209.2 keessaa manneen kuma jaatamii saddeetirratti tarkaanfiin fudhatameera. Lafti hektaarri kuma 43.1 ta’u ammoo, ammayyuu qubannaa seeraan alaatiin qabamee akka jiru beekameeras. Kunimmoo weerarri lafaa sadarkaa baadiyyaafi magaalotaatti daran babal’achaa waan jiruuf xiyyeeffannaa addaa kan barbaadu ta’uusaati jechuudha.
Ga’umsaafi bu’aa qabeessummaa invastimatii naannicha keessatti mirkaneessuufis rakkoolee abbootii qabeenyaa adda baasuun hiikuurratti hojjetamaa tureera. Kanaanis pirojektoota invastimantii 588 omisha keessa akka galan gochuun kan danda’ame yoo ta’u, kanneen sababa garagaraatiin gidduutti hojii dhaabanii turan 56 ammoo gara hojiitti akka seenan taasifameera. Pirojektoota invastimatii 224 ta’an lafa fudhatan garuu ammoo waggoota dheeraaf dalleessanii taa’aa turan waliigalteesaanii addaan kutuutiin lafti hektaarri kuma tokko gara istookii mootummaatti akka deebifamu ta’uus himan. Invastaroota haaraa simachuufis qophiin barbaachisu maraa taasifamuurratti argama.
Carraa barnootaa lammiilee hundaan gahuufis tattaaffii taasifamaa tureen manneen barnootaa sadarkaa 1fafi 2fa kuma kudha jahaaf, 524 keessatti barattootni miiliyoona 9.9 ta’an galmaa’anii seeraan barnootasaanii hordofuurratti argamu. Sagantaa paakeejii qulqullina barnootaa dhugoomsuufis qajeelfama rifoormii jijjiirama fiduu danda’u qopheessuutiin hojiitti galameera. Kanaanis hoggantoota manneen barnootaafi kolleejjii barsiisotaa akka haaraatti gurmeessuun danda’ameera. Tajaajila fayyaa qulqullinaafi walgitaa ta’e diriirsuufis tarsiimoo fayyaa ittisaa dhukkubaafi dagaagina fayyaarratti xiyyeeffate baasuun akka hojiirra oolfamu taasifameera.
Miseensotni Caffee Oromiyaas gabaasa raawwii hojii ji’oota jahan darbanii isaaniif dhiyaaterratti yaadaafi gaaffii qaban kan dhiyeessan yoo ta’u, olaantummaa seeraa mirkaneessuuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa ture lammiilee nagaarratti miidhaa geessisaa tureeraa jechuun qeeqaniiru. Keessumaa ammoo jiraattotni godinaalee Qellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Horroo Guduruu wallaggaafi Gujii bulchiinsa waraanaatiin bulaa waan jiraniif jireenya guyyuusaanii gaggeeffachuuf daran rakkachaa akka jiran kaasaniiru. Kanaaf waldhabdeen hidhattootaafi mootummaa, akkasumas paartilee siyaasaa Oromoofi paartii biyya bulchaa jiru gidduutti mul’achaa jiru karaa nagaan qofa hiikamuu akka qabus hubachiisan.
Facaatiin bu’uuraalee misoomaa keessumaa ammoo misoomni daandiifi bishaan dhugaatii qulqulluu godinaalee Oromiyaa mara keessatti madaalawaa waan hintaaneef, sirnaan ilaalamee sirreeffamuu akka qabus yaadachiisaniiru. Muudamni yeroodhaa yerootti hoggantota sadarkaa hundarra jiraniif kennamus faayidaa dhuunfaaf ykn paartii siyaasaa tokkoof qofa akka mijatutti kennamuu akka hinqabne ibsaniiru.
Dimshaashumatti, raawwiin qaama raawwachiisuu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya ummata Oromoo jijjiiruuf tattaaffii taasisaa waan tureef jajjabeessaa ta’uusaa ilaalameera. Imalli jijjiirama siyaasaa eegalame garuu qaamolee sirna durii leellisaniin butamaa kan jiruufi walitti bu’iinsa eenyummaaf sababa ta’aa jiraachuus ibsameera. Kunimmoo oolee bulee gara diigumsa biyyaatti waan geessuuf mootummaan tarkaanfii seeraa fudhachuun akka sirreessuuf kallattiin kaa’ameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 14/2012
One Comment to “Qormaata nageenyaa gara misoomaatti”