“Fiiziksiin akaakuu barnootaa biroorra baay’ee salphaadha” -Barataa Waannaa Taayyee

Barataa Waannaa Taayyee Ayyaanaa Yunivarsitii Ambootti barataa Fiiziksii waggaa sadaffaa barana eebbaaf qophaa’aa jiru yoo ta’u, dhiyeenya kana  dorgommii ‘Ethiopian Physical Society Award’ mo’achuudhaan doolaara 175 badhaafameera. Barataan kun damee barumsa Fiiziksiitiin qabxii olaanaa galmeessisaa kan jiru ta’uufi gara fuulduraatti damee barnootaa kanaan bakka guddaa ga’uuf hawwii guddaa kan qabu ta’uu dubbata; gaaf deebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen.

Barataa Waannaa Taayyee Ayyaanaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa  Baabboo Gambeel, Ganda Shimal Tokkeetti dhalate. Kutaa 1fa hanga 10fatti mana barumsaa Qarsaa Gambeelitti barate. Abbaan isaa bara Dargii hanga kutaa 9fatti baratan. Yeroo sana mana barumsaa dhiyeenyatti argachuun rakkisaa waan tureef barumsa isaanii addaan kutuuf dirqaman. “Abbaan kiyya fedhii barnootaa guddaa utuu qabuu barumsa isaa waan addaan kuteef ani barumsa kootti akkan cimuuf na qayyabachiisaa, nagorsaa, nagargaaraafi na jajjabeessaa ture” jechuun madda ciminasaa har’aa ibsa.

“Kutaa 1fa  yeroon barachaa ture qabxiin koo semisteera 1fa akka abbaan kiyya itti na eege hinturre. Daree kiyya irratti 19fan bahe. Abbaan kiyyas baayee natti aaree halkan hanga sa’aatii torbaatti na qayyabachiisaa ture. Anis semisteera 2fatti sadarkaa koo fooyyefachuun 1fa ba’uu danda’e.  Qabxii koo semisteera 1fafi  2fa yeroo walitti cuunfamu garuu kutaa koo irratti sadaffaan bahee gara kutaa 2fatti darbe. Hanga kutaa jahaffaatti abbaan kiyya na qayyabachiisaa waan tureef kutaa kiyya irratti  sadarkaa tokkoffaafi lammaffaan ba’aa ture” jechuun ibsa.

Kutaa torbaffaa yeroo gahu barnootni damee gara garaa waan dabalameef abbaan isaa “Ammaan booda of danda’ii qayyabadhu” jedhanii gorsaa turuu eeree, innis kutaa torbaffaa irraa eegalee hiriyaasaa Barataa Gammachiis Irraandhufaa jedhamu yeroo ammaa Yunivarsitii Amboo, Kaampaasii Awaarootti barataa ‘IT’ waggaa sadaffaa ta’e waliin hanga kutaa 10tti  qayyabachaa turuusaanii hima. Hiriyaan isaas erga isa waliin qayyabachuu eegalee barnoota isaatti baay’ee cimaa dhufuu kaasee, gaafa Waannaan kutaa 9fa ‘A’tti qabxii 98.7 galmeessisuun tokkoffaa ba’u, hiriyyaan isaa isa waliin qayyabachaa ture ammoo kutaa 9fa ‘C’tti qabxii 98.6 galmeessisuudhaan 1fa ba’uufi qormaata biyyaalessaa kutaa 10fas lamaan isaaniiyyuu qabxii afur, afur galmeessisuusaanii dubbata.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 10tti akaakuu barnootaa Fiiziksiirraa kan hafe hunda ‘A’ fiduu kan dubbatu Barataa Waannaan akka carraa ta’ee Fiziiksiitti garuu ‘B’ galmeesisuu yaadata. Kutaa 11fafi 12fa hiriyaa isaa Barataa Gammachiis waliin maatii isaaniirraa adda ba’uun mana obboleessa akaakaa isaa taa’anii mana barumsaaBaabboo Gambeelitti barachaa turuu ibsee, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaatti maatiin isaafi namootni isaan beekan akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisu jedhanii utuu isaan eeganii akka carraa ta’ee qabxiin isaanii gadi bu’uu hima. Inni qabxii 371 galmeessisuudhaan bara 2010 Yunivarsitii Amboo seenee damee barnoota Fiiziksii barachaa jira. Hiriyaan isaa Gammachiis ammoo qabxii 376 fiduudhaan innis Yunivarsitii Ambootti ‘IT’ barachaa jiraachuu dubbata.

Fiiziksii barachuun hawwii isaa ta’uu kan dubbatu barataa Waannaan, kutaa gara gadii yeroo barachaa tures barumsa Fiiziksii kan jaallatu ta’uu dubbata. Akaakuun barootaa biroon baay’ee yeroo itti fudhatanii dubbisuu gaafatu. Fiiziksiin garuu haala barsiisaan itti barsiisuufi ibsu hubannaan baay’ee waan nama dhibu ykn rakkisu miti. Fiiziksiin akka barattootni baay’een fagootti sodaatan utuu hintaane keessa seenanii haalaan yoo barataniifi hordofan akaakuu barnootaa biroorra baay’ee salphaadha. Fiiziksiin akka nutti sirriitti baranuufillee damee barnootaa fedhii keenya kakaasuudha jedha barataan kun.

Yunivarsitii Ambootti barataa Fiiziksii waggaa sadaffaa kan ta’e Waannaan akka jedhutti, waggaa tokkoffaa semisteera tokkoffaatti qabxii 3.92, semisteera lammaffaatti ammoo qabxii 3.9n galmeessise. Waggaa lammaffaa, semisteera tokkoffaatti qabxii gosa barnootaa fudhannu torbanuu ‘A+’ galmeessisuudhaan qabxii afur, semisteera lammaffaa ammoo qabxii 3.97n galmeessisuusaa ibsa. Cuunfaan qabxii isaa waggaa tokkoffaafi lammaffaa 3.9 yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo qormaata semisteera tokkoffaa waggaa sadaffaa fudhachaa jiraachuufi qabxii olaanaa galmeessisee xumuruuf kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbata.

Dhiyeenya kana dorgommii ‘Ethiopian Physical Society Award’ mo’achuu isaa kan himu barataa Waannaan, dorgommicha qabxii gaarii waan qabuufi ulaagaalee barbaachisan waan guutuuf irratti hirmaachuusaa hima. Ulaagaan barbaachisus qabxii gaarii qabaachuu, wantoota inni kutaa gara gadii irraa kaasee hanga ammaatti Fiiziksii irratti hojjeteefi deggersa barsiisotaa kan gaafatu ture.

Akka inni jedhutti, dorgommichi akka biyyaatti waan ta’eef barattoota hedduuttu irratti hirmaatee ture. Dorgommichi dhiyeenya kana Yunivarsitii Arba Mincitti kan adeemsifame ta’uufi inni dorgommicha irratti qaamaan waan hinhirmaanneef karaa  barsiisaasaa ‘Department Head’ Firaa’ol Baqqalaa xalayaa deggersaa isaaf barreessanii dorgommicha akka mo’ateefi doolaara 175 akka badhaafame isatti himan dubbata.

Barana waraqaa eebbaa waa’ee Hawaa irratti hojjechuuf qophaa’aa jiraachuu kan hime barataan kun, Itoophiyaan barana saatalaayitii mataa ishee gara hawaatti ergiteetti. Qorannoon isaas saatalaayitii biyyattiin gara Hawaatti ergite haala akkamiirratti akka argamtu kan adda baasu ta’uufi kanaafis yunivarsitichi deggersa qorannoo isaaf barbaachisu akka taasisuuf gaafateera.

Yunivarsitichi hojii baruufi barsiisuu haala gaariin adeemsisaa jiraachuu kan himu barataan kun, waan kutaatti baratan qabatamaan ijaan ilaaluu irratti hanqinni akka jiru ibsa. “Barnoonni Fiiziksii maddoota humnaa waliin walqabata. Nuti garuu maddoota humnaa Itoophiyaan qabdu keessaa tokkoyyuu qaamaan dhaqnee ilaallee hinbeeknu. Yunivarsitichi keessumaa barattoota Fiiziksiitiif haala kana mijeessuu qaba ture. Meeshaaleen laaboraatoorii Fiiziksii keessa jiranis guutuu miti. Hanqinootni kunneen barattoota nu booda dhufanitti akka hindabarreef dafanii furamuu qabu” jedha.

Barataa Waannaan akkuma barumsa  isaa digirii tokkoffaa xumureen biyya alaatti carraa barumsaa utuu argatee itti fufuu hawwii guddaa akka qabu himee, muuxannoo, barumsaafi ogummaa argatuunis biyya ormaa tajaajiluu utuu hintaane gara biyyaatti deebi’ee hojjechuuf fedhii guddaa kan qabu ta’uu dubbata.

“Yeroon kutaa 11fa baradhu irraa eegalee ganna ganna barattoota kutaa 7fa hanga 10fa baratan barnoota Fiiziksii nan qayyabachiisa. Hiriyyaan koo Barataa Gammachiis ammoo herrega qayyabachiisa. Nu lamaan utuu mootummaan hojii tola ooltummaatiif xiyyeeffannaa hinkennin dura iyyuu hojii tola ooltummaa irratti bobbaanee hojjechaa jirra” jedha.

Barnootni Fiiziksii kanneen barachaa jiraniifi gara fuulduraatti barachuu barbaadaniif barnoota bu’a qabeessaafi jireenya isaanii illee jijjiiruu danda’uu ta’uu eeree, kana malees Fiiziksiin guddina biyyaa mirkaneessuu keessatti gumaacha  guddaa akka taasisu dubbata.  Waanti guddaan kan hojjetamu humna namaatiin utuu hintaane humna ibsaatiin ta’uusaatiin barumsa Fiiziksii babal’isuu jechuun gama biraatiin guddina biyyattii si’eessuu jechuudha jedha.

Barnoota Fiiziksiitiif xiyyeeffannaa kennuun gama biraadhaan maddoota anniisaafi  saatalaayitii Itoophiyaan gara Hawaatti ergitu babal’isuuf ni gargaara kan jedhu barataan kun, mootummaan barattoota barnoota Fiiziksii irratti qabxii olaanaa fidan gara damee barnoota Fiiziksiitti fiduu irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabus yaadachiiseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  14/2012

Recommended For You

9 Comments to ““Fiiziksiin akaakuu barnootaa biroorra baay’ee salphaadha” -Barataa Waannaa Taayyee”

  1. Pingback: click here to read
  2. Pingback: tga168
  3. Pingback: H07RN-F
  4. Pingback: Food Recipe Video
  5. Pingback: strip promo
  6. Pingback: BAU Diyala

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *