Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa, rakkoolee fayyadamummaa hawaasaa wajjiin walqabatee ka’aa turan sirreessuu gidduugaleessa godhatee kan hojjechuuf kaayyeffate ta’uudha wayita wixineen labsiisaa yaa’ii Caffee dheengaddaarratti ragga’e Pirezidaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kan ibsan. Qabeenya Oromiyaan qabdu dinagdeetti jijjiranii addunyaatti beeksisuufi dorgomuuf kan gargaaru ta’uus ni dubbatu.
Kanaan dura gabaa bilisaa labsame wajjiin walqabatee miidhaan dinagdee, duudhaa, qabeenyaafi hawaasummaarra gahaa ture salphaa akka hintaaneefi qonnaan bulaa lafasaarraa buqqisuun dhiibbaan irra gahaa ture olaanaa ta’uu eeranii, waggootan 27 darbaniif magaalonni Oromiyaa karooraan hogganamaa akka hinturre, akkataan guddina magaalotaa qorannoofi qo’annoon kan deggarame akka hintaane, akkasumas, sirni ittifayyadama lafaas kan utubame akka hintaanee kaasu. Kunimmoo faalama naannawaafi buqqaatii ummataaf sababa ijoo ta’ee turuu yaadatu.
Akkasaan jedhanitti, aadaafi duudhaan ummataa akka dhiibamu gochuun, bu’aa qabeessaa akka hintaane ta’eera. Kun gara fuulduraatti Oromiyaa guutuu karaa qo’annoofi qorannoorratti hundaa’e carraawwan dinagdee bakka jiran gidduugala godhatee misooma hinhogganu taanaan baayyee rakkoo ta’a. Kanaaf ammoo caasaan mootummaa sirrachuu qaba.
Oromiyaan qabeenya qabdutti qixaan fayyadamaa akka hinjirre kaasanii, fkn qabeenya looniin Afrikaarraa ishee duraa yoo taatellee loon kanarra sharafa alaa argachaa akka hinjirre, carraan hojiis irratti uumamaa akka hinjirre, horsiisee bulaanis daldala seeraan alaaf saaxilamaa jiraachuufi fayyadamtootas ta’uu dhabuu ibsu. Kanaaf qabeenyawwan akkanaa karaa qindaa’eefi giddugaleessa godhateen irratti akka hojjetamuuf hundeeffamuun zooniichaa murteessaa ta’uu himu.
“Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa kun rakkoolee hedduu kan furudha. Fknf naannawaa Aqaaqiitti ykn Sabbataatti magaalaafi indastirii caalmaatti babal’isuun lafaafi omisha qonnaan bultootaarratti miidhaa guddaa fida. Kanaaf indastiriin bakkatti babal’atu adda baasuuf, bakka omishaa hinkennine, lafa miidhame, lafa ummata hinbuqqisne, bakka baasii bal’aa hingaafanne, qixaan hogganamee jiruufi jireenya ummataa jijjiruu danda’u akka ta’uuf shoora olaanaa qaba” jedhu.
Kana malees bara kana mootummaan qonnaan bultoota invastimantii keessa galchuuf seerota invastimantiitiin liiqii dabalatee mirgoota seeraan kennameefitti akka fayyadamiinif kan gargaaru ta’uu eeranii, hanga yoonaa invastarri Oromiyaa keessa jiru lammiilee alaa dabalatee kuma 11 qofa yoo ta’an kana boodas qonnaan bulaa kuma 10 dabalataan invastimantiirratti bobbaasuuf hojjetamaa jiraachuu ibsu.
Qonnaan bulaan wayita gara invastimantiitti ce’u liiqii ni argata, meeshaalee taaksiirra bilisa ta’an, deggarsa ogummaa bilisaa argachaa gara abbaa qabeenyummaatti jijjirama deema jedhanii, akka kanaan duraa magaalonni qonnaan bultoota dhiibaa turan, kanaa lafasaanii qabatanii invastimantiitti akka seenan, ofii eyyama fudhatanii humna qabaniin akka irratti invasti godhaniif kan carraa banuu ta’uu himu.
Akka ibsa Obbo Shimallisitti, qonnaan bulaan invastimantii akka shaakalu taasisuu kan eeyyamuudha. Mootummaanis akka kanaan duraa lafa liiziin kennee kan biraa deemu otoo hintaane, jala jalaan kan hordofu ta’a. akkasumas, lafa ummataa kennanii biraa deemuun balaa waan fiduuf amman booda yeroo invastimantiin gaggeeffamu mootummaanis sheerii ykn gahee keessaa akka qabaatuuf hojjetamaa jira. Kunimmoo qonnaan bultoonni lafasaanii harkasaanii keessa tursuuf isaan gargara.
Zoonichi, paarkiiwwan Indastirii Adaamaa dabalatee kan Jimmaafaas qonna gidduu galeessa godhatanii misoomaa jiraachuu kan ibsan pirezdaantichi, kunis gidduugala ta’ee akka tajaajiluuf yaadamee ta’uu ibsu. Kanaaf misooma indastirii caalaatti guddisuuf, Oromiyaa keessatti invastara horachuun akka danda’amuuf, dhalattoonni Oromoo biyya alaa jiran qindaa’anii dhaabbilee gurguddaa fidanii hojjechuu akka danda’aniifis gidduugaleessa godhatee kan qophaa’e ta’uu addeessu.
“Dhimmi biraan gidduugala zoonii kana adda taasisu, sirna tajaajilli itti kennamudha. Tajaajilli amma manneen mootummaa keessatti kennamaa jiru, dhimma tokko xumurachuuf waggaa lamaa ol kan fudhatu ture. Kana booda garuu birookiraasii akkanaa hir’isuun magaalota tokko tokko giddugaleessa godhachuun dhimmoonni adda addaa si’aayina akka godhatan taasisuudha. Gaafa qo’annoofi qorannoon zoonii kanaa hojiitti hiikamuu eegalu, dhimmoonni dhedheeratanii asiifi achi deddebisuun qabeenyaafi yeroo ummataaa gaaga’aa turan hambisuun dhimmootasaanii bakka tokkotti akka xumuratan ni taasisa” jedhu.
Haaluma kanaan magaaloota 10rratti tajaajila walfakkataa qopheessuun hojiileen si’aayinaan akka hojjetaman akka taasifamu kan himan pirezdaantichi, kunis yeroo, baasii, dadhabbiifi qisaasummaa kan hir’isu ta’uu ibsu.
Qabeenya Oromiyaa keessa jiru qixaan karoorsanii, karoorri tarsimawaa qabameefi humna jirutti dhimma ba’aamee jijjiramni barbaadame akkadhufuuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, yoo kana ta’e Oromiyaan giddugala addunyaa ta’uu akka dandeessu himu. Kanaaf ammoo qabeenya hedduu qabaachuushee eeranii, agarsiisaafis Buufatni xiyyaaraa idil addunyaa Boolee gahaa waan hintaaneef buufatni xiyyaaraa biroon Oromiyaa, Bishooftuu keessatti doolara Ameerikaa biliyoona 5.2 oliin ijaaramuuf karoorfamuusaa kaasu. Buufatichis yoo xiqqaate waggaatti nama miliyoona 100 keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u, kun qixaan yoo hagganame Oromiyaa gidduugala dinagdee Afrikaa ta’uurra darbee kan addunyaa taasisuu dandeenya jechuun dubbatu.
Akka Obbo Shimallis jedhanitti, Oromiyaa badhaate uumuun hawwiitiin otoo hintaane hojiitiini. Kunis karoora saayinsawaafi tarsimawaa qabachuu, hoggansa cimaa kennuu, qabeenya jiru gidduugaleessa godhachuun dirqama. Kanaaf kallattii misoomni itti ariifachiisuu danda’u, karaa jiruufi jireenya ummataa itti jijjiramuu karoorfachuun barbaachisaadha. Kunimmoo guutuu Oromiyaatti akkasumas, magaaloota biyyoota ollaa waliin waldaangeessanitti maaltuufi akkamitti hojjetamuu akka qabu adda baasuu gaafata.
Oromiyaa jijjiruuf qabeenya uumamaa isheen qabdu haala saayinsawaa ta’een fayyadamuu akk abarbaachisu kaasanii, fknf hawwata turizimii Bishooftuu keessa jiru maaliif Baatuu, Shaalaa, Bishaan Gurrachaa, ykn bakka biraatti gochuu hindandeenyu? Maaliif qabeenya qabnurra teenyee, hogganuu dadhabnee, ummata irratti hirmaachisuu dadhabnee waa’ee rakkoofi hiyyummaa haasofnaa? Isa jedhurratti xiyyeefatamee hojjetamuu akka malu hubachiisu.
“Sirniifi hojmanni biyya kana keessa jiru sirnaafi hojmaata diina hiyyeessaa ta’eedha. Diina qonnaan bulaafi horsiisee bulaadha. Qabeenya harka qonnaan bulaafi horsiisee bulaa jiru akka qabeenyaatti hin ilaalu. Qonnaan bulaan liqii mallaqaa ykn liqii xaa’oo argachuun akka cubbuutti ilaalama. Kunimmoo hin ta’u. haala kanaan deemuun hin danda’amu. Jijjiramuu qaba. Mootummaan naannoo Oromiyaa, dhimmoota akkasii bu’urarraa jijjiruu qaba. Invastimantiin invastaraaf banaa godhamee, qonnaan bulaan irraa ittifamee hojjetamaa tureera. Invastarri sun waan addaa maal fidee dhufa? Invastara kamtu waa’ee qonnaa qonnaan bulaa caalaa beekee, maal fidee dhufeetu lafasaarraa buqqa’ee invastaraaf kennama? Kanneen akkana qonnaan bulaa miidhuu danda’an hambisuuf zooniin kun ittigafatamummaasaa ni bahata” jedhu.
“Qonnaan bulaan waan hanna hinbeekneefii kan invastararraa kan ittifamu? Waan abbaa aangoo ho’isuu hindandeenyeefimoo qonnaan bulaaf qaamni dubbatu waan hinjirreefi kan lafasarraa buqqa’ee invastimantiirraa kan ittifamu? Kun kanaa booda dhaabbachuu qaba. Qonnaan bulaan keenya invastimantii keessa akka galu, qabeenyi of harkaa qabu akka qabeenyatti ilaalamuu qaba. Fknf namni tokko magaalaa keessaa mana yoo qabaate baankiirra liqeeffachuu danda’a, qonnaan bulaan garuu mana baadiyaarraa qabuun baankiirraa liqeeffachuu hindanda’u. lafasaa qabsiisee fayyadamuu hindanda’u. Kun nama muraasa fayyadanii qonnaan bulaa miidhuuf tarsiimoo kanaan dura ummata keenyarratti diriiree turedha” jedhu.
Akka ibsa pirezdaantichaatti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa kana jijjiruuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jira. Ejensiin babal’ina hojii gamtaa qonnaan bulaa gurmeessee, invastimantiifi industirii keessa galchuuf hojii dinqisiisaa hojjechaa jira. Kilaastarri baadiyaa kana jijjiruun hojii seenaa keessatti hin irranfatmne hojjechaa jira. Kun cimee itti fufuu qaba.
Kunnen hundi raawwatamuu kan danda’an dinagdee biyyattii karaa saayinsawaa ta’een yoo hogganame qofa ta’uu kaasanii, kanaafis muuxannoo addunyaarra jiru qixaan fayyadamuu akka gaafatu kaasu. Haala kamiin ummata gaggeessuu akka barbaachisu ilaalaa deemuunis murteessaa ta’uufi , fageessanii yaaduufi karoorsuu akka gaafatu dubbatu.
“Karoorri Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa kunis harkawwan dheeratanii dhufan akka gabaabbatan gochuudha. Ummanni qabeenyasaatti akka fayyadamuufi. Sona itti dabalee gabaa biyya keessaafi addunyaatti akka dhiyeessuufi. Haala akkasiitiin jiruufi jireenya ummataa jijjiruun Oromiyaa badhaate ijaaruun ni danda’ama” jedhu.
Walumaagalatti kana booda karoorri qabamee hojjetamu kallattii jiruufi jireenyi ummataa itti jijjiramu, badhaadhinni Oromiyaa itti mirkanaa’u, duudhaafi eenyummaan Oromoo itti dagaaguu irratti kan xiyyeefate ta’uu addeessu.
Wayinisheet Kaasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 14/2012
8 Comments to “Faayidaan Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa maali?”