Beekumsi of fooyyessuufi

Barri nuti keessa jirru bara wantoonni hundi saffisaan kaatanidha.  Biyyi lafaas saffisaan jijjiiramaa jirti. Dandeettiin hojii tokkoof ykn bakka tokkoof waggaa muraasa dura barbaachisaa ture har’a bakka isa duraa hinjiru.

Akkaataan hojiis ta’e wantootni ittiin hojjetan jijjiirameera. Dorgommiinis baay’ateera. Isa kaleessaa miti. Inni kun namoota hedduuf addumaan namootni hojiirra jiran akka isaan egereesaaniitiif shakkii keessa jiraatan taasiseera.

kana ilaalchisee akka qorannoowwan adda addaa addeessanitti hojjettootni dhibbantaa 53 ta’an hojiisaaniitti gammadoo miti. Hojjettootni dhibbantaa 77 ammoo dhiphinni isaan keessa jiran fayyaasaanii irraan akka dhiibbaa cimaa geessise dubbatu. Dhibbantaan 73 ammoo sammuusaanii akka miidhaa jiru ibsu. Haa ta’u malee daandiin ittiin dhiphinaafi sodaa borii jalaa miliqan salphaadha.

Innis guyyaadhaa gara guyyaatti of ilaalaa, of fooyyessaa deemuudha. Haala keessa jirru jijjiiruuf nama kan biraa nu eeguu nu hinbarbaachisu. Jabinaafi dadhabina keenya adda baafachuu danda’uu; kufaatii keenya kanaan duraa milkaa’ina boriitti geeddaruuf irratti hojjechuu barbaada.

Isa kanaaf ammoo jabina gaafata. Obsa barbaada. Baay’een keenya waa’ee beekaa saayinsii nama ampuulii elelektrikii kalaqe Toomaas Edison dubbisneerra ta’a. Ampuulii qophaasaa hojjete utuu hinta’in namoota hedduu wajjin eegale. Baay’eensaanii nuffanii yoo biraa hafan inni obsaan itti fufee injifate; dukkanas seenaa taasise!

Inni kun hojjettoota qofaaf utuu hinta’in geggeessitootnis kana hubachuun barbaachisaadha. Gaggeessaan tokko yerootii gara yerootti of fooyyessaa yoo deeme qofa milkaa’uu danda’a. Milkaa’inni gaggeessaa tokkoo guddina ykn fooyya’iinsa inni agarsiisuufi kan namoota inni geggeessuu irratti hundaa’a.

Ofiis fooyya’aa, guddachaa, jijjiiramaa deemuu qaba. Namoota gaggeessu guddisaa, naannawa mul’ata dhaabbatichaatti hiriirsuun akka isaan fedhasaaniitiin hordofaniif dhiibbaa gaarii uumuun gara manii dhaabbataatti nama fuudhee deemuu danda’u  ta’uu qaba.

Hundeen milkaa’ina gaggeessaa isa kana. Nama guddachaa deemu, guddisaas kan deemu ta’uu qaba. Inni kun ammoo akka tasaa kan ta’u miti. Guddinni gaggeessaa tokkoo akka lotorii akka tasaa kan isa badhaasu yknis akka ayyaanaa kan irra qubatu utuu hinta’in gadi fageenyaan itti yaaduu gaafata.

Gaggeessaan yeroo guddachaa deemu namoota biroos guddisaa deema. Dandeettiin gaggeessaa tokkoo yeroo mul’achaa deemu dandeettiin warra kaan keessa jirus akkasuma mul’achuu eegala.  

Isa kanaaf ammoo yeroo hunda barataa ta’uun barbaachisaadha. Barachuu qofas miti isa barate nama hojiitti hiiku ta’uutu irraa eegama. Beekumsi akka boba’aa konkolaataati. Konkolaataan boba’aa hinqabne eessayyuu ga’uu hindanda’u. Beekumsi akka boba’aa kanaati.

Namni beekumsa argachuufis ta’e sammuusaa gabbisuurratti hinhojjenne eessayyuu hinga’u. Kanaaf namootni hedduun yeroo dubbatan beekumsi qabeenya hattuun nama jalaa fudhachuu hindandeenye sababa ta’eef yeroo hunda kan adamsinee argachuu mallu akka ta’e dubbatu.

Akkuma maashaan qaama keenyaa ispoortiidhaan cimaa deemu sammuun keenyas waan qorannuufi dubbisnuun gabbata. Dorgomtoota kamiin olitti deemuufi milkaa’ina jireenyaatiif beekumsi barbaachisaadha. Keessumattuu bara keessa jirru kanatti sadarkaa kam irrayyuu yoo jiraanne bakka jirrutti adda addummaa fiduuf beekumsi barbaachisaadha.

Beekumsi sadarkaa addunyaan kun yeroo ammaa irra jirtu adda baafannee akka beeknu, muuxannoo namoota biraarraa akka barannu, guyyaadhaa gara guyyaatti rakkoolee nu mudatan akka injifannuuf nu gargaara. Namoota akkasiitu dhaloota kanas geggeessuu danda’a.

Ministirri Muummee duraanii Ingiliz Winistan Charchil geggeessitootni sammuusaanii hangam akka fooyyessuu qaban oggaa dubbatu, “Bulchiinsi gara fuulduraa kan namoota sammuu qabaniiti” jedhan. Namni of hinqopheessine, namni hindubbisne, namni hinqoranne walumaagalatti namni haala bara keessa jiru sirriitti adda hinbaafanne geggeessaa ta’uu hindanda’u.

Akka kaleessaatti yaadaafi hojjechaa jijjiirama fiduun hindanda’amu. Biyyi lafaas nu gatee sokkuun hinoolu. Karaan isa kana jalaa ittiin miliqan yoo jiraate daandiin isaa tokkicha; innis of fooyyessaa deemuudha. Of jijjiiruudha.

Namootni hinjijjiiramne jijjiirama fiduu hindanda’an. Waan haaraa dhalootaaf dhiyeessuu hindanda’u. Jijjiiramni jijjiiramuu gaafata. Bakka kaleessaa turuu diduu gaafata. Waan haaraafi guyyaa haraa hawwuufi tarkaanfii fudhachuu barbaada. Inni kun garuu salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Gatii nama baasisa.

Warra isa kanaaf hinseesne qofatu jijjiirama tarkaanfachiisa. Namoota wal’aansoo qabuu dandaa’an, wal’aansoo qabanii kan injifatan qofatu isa kana injifata. 

Dhalootni jaarraa keessa jirru kanaa dhaloota baroota darbanii caalaa miidiyaaleefi wantoota irraa baratan hedduu qabu. Sekondii muraasa keessatti odeeffannoo addunyaa kanarraa miiliyoonaan lakkaa’aman argachuu kan danda’aniidha. Dhaloota akkasii geggeessuufi hojii fiixaan ba’umsa qabu hojjechuuf guyyaadhaa gara guyyaatti gaggeessaan tokko muuxannoowwaniifi ogummaa jijjiirama fiduuf isa gargaaranitti fayyadamuu barbaachisaadha.

Beekumsa dhalootni kun kallattii gara garaan argatanii olitti namoota argachuuf tattaafatan qofatu gaggeessuu danda’a. Barri kunis bara sammuun caaluun bulchaniidha. Bara sammuun caaluun gaggeessaniidha. Isa kanaaf of fooyyessaa deemuun daran barbaachisaadha.

Gaggeessaan tokko dandeettiisaa fooyyessaa yeroo deemu dhiphina irraa bilisa ta’ee yaaduu danda’a, yaada madaalliisaa eeggate burqisiisuufi murtoo qajeelaa murteessuu ni danda’a. Kanneen hundaaf immoo gaggeessaan nama sammuusaa wantoota haaraafi barbaachisoo ta’an hundaan gabbisuu danda’u ta’uutu irra jira.

Gaggeessaan sammuu banamaa qabu sammuu namoota ykn gaggeessitoota biraatiin utuu hinoofamin, asiifi achis utuu hinungulaalamin mataasaa danda’ee murtoo qajeelaafi jijjiirama fidu murteessuu danda’a.

Akkasumas ofiin hojjechuu, murteessuu, ga’umsaafi ofitti amanamummaa niqabaata. Sabni har’a jiru geggeessaa murtoo sirriifi qajeelaa kennuu danda’uufi gara waan haaraa tokkotti isaan geessu barbaada.

Namoonni sammuusaaniitti fayyadamanii saba gaggeessuu hindandeenye akka konkolaachisaa konkolaataa namni biraan oofaa jiru keessa taa’ee deemuuti. Namni akkasii konkolaachisuu yoo danda’eyyuu konkolaachisaa kan biraan geggeeffamaa waan jiruuf karaa filatee deemuu kan danda’u isa konkolaachisaa jiru qofa.

Inni konkolaachisu yoo fedhe saffisaan ykn immoo suuta jedhee oofa; kan murteessu isuma konkolaachisuudha. Gaggeessaan sammuusaatiin gaggeeffamu akkasi; isa kanaaf garuu sammuu ofii gabbisuun daran barbaachisaadha.  

Gaggeessaan kallattii maraan of fooyyessaa, ofitti amanamummaasaa gabbifachaa, mul’ata haaraa burqisiisaa kan deemu ta’uu qaba. Yoo akkas ta’e nama fiixaan ba’umsa argatu ta’a. Ofiin dhaabbachuu danda’a. Haala dhufee darbuun, qilleensa kallattiilee gara garaatiin qilleensa’uun nama hinfudhatamne ta’a.

Nama sammuu kan biraatiin geggeeffamu hinta’u. Ofiin yaadee, karoorsee, gurmeessee raawwata. Dhalli namaa eenyummaa uumamaan kennameef ni qaba. Kanaaf eenyummaa isa kanatti amanee deemuun barbaachisaadha. Namichi maqaansaa Chaarlootii Pii Girmaan jedhamu akkana jedha: “Eenyummaa keenya isa dhugaa hanga hubannutti gara adeemuun nuuf ta’utti deemuu hindandeenyu”.

Kanaaf gaggeessaan tokko fuuncaa biraatiin garanaafi garasitti harkifamuudhaan galma barbaade bira goonkumaa ga’uu hindanda’u. Duraan dursee haalota hamoo isa daangessan adda baafatee beekuun beekumsaafi ogummaarratti karaa hundaa’een injifachuu qaba.   

Egaa bara keessa jirru kana namni kamillee sammuusaarratti beekumsa barichi barbaadu argachuuf of irratti hojjechuu qaba. Yeroo hunda barachuuf, guddachuuf, of fooyyessuuf nama kaka’umsa qabu ta’uutu irra jira.

Guyyaatii gara guyyaatti waan haaraa barachuuu, attamitti akka hojjetu qofa utuu hinta’in maaliif akka hojjetu of gaafachuu qaba. Guyyaadhaa gara guyyaatti gaaffii, “Har’a maalan baradhee?” jedhee nama of gaafatu ta’uutu irraa eegama.

Isa kanaaf ammoo jabinaafi dadhabina keenya adda baafannee, jabina keenyarratti xiyyeeffachuun hojjechuu daran barbaachisaadha. Yeroowwan tokko tokko gama dadhabina keenyaa irratti xiyyeeffachuun jabina keenya dagana.

Dadhabina adda baafannerrattis hojjechuufi  fooyyessuuf jennee yaalii utuu goonuu jabina qabnutti utuu waa’ee hinba’in hafna. Kanaaf dadhabina keenya ol kaafnee ilaaluurra gama jabina keenyaarratti xiyyeeffachuun gaariidha. Dadhabina qofa utuu hinta’in dandeettii ittiin waan haaraa hojjetnu Waaqayyo nuu kenneera.

Inni kun garuu shaakala barbaada. Guyyaatii gara guyyaatti waan haaraa hojjechuuf fedha barbaada. Mul’ata ofii haareffachuu gaafata.

Dhibboo guyyaatii gara guyyaatti nu qunnaman adda baafachuun hiikuufi dandeettii waa uumuu keenyaa fooyyessuu irratti hojjechuun daran barbaachisaadha. Haa ta’u malee duraan dursinee maal akka fooyya’uu qabuufi fooyya’iinsa kanas akkaataa itti madaalaa deemnu beekuun barbaachisaadha.

Fakkeenyaaf beekumsi nuti qabnu, hariiroo nuti namoota wajjin qabnu, ilaalcha nuti waa’ee keenyaafis ta’e namoota kan biraatiif qabnu fooyya’aa deemuu isaa akkaataa itti guyyaadhaa gara guyyaataa ilaalaa deemnu beekuun barbaachisaadha.

Inni lammafaan hundee haala keessa jirruu adda baafnee beekuudha. Wanti amma jijjiiramuu qabu maalii? Rakkoo jiruuf ka’umsisaa maalii? Gama beekumsaatiin rakkoo maaliitu mul’ataa? Hariiroo namoota wajjin qabnuun maal fakkaannaa? Isaan kana hundumaa gadi fageenyaan qorachuun mallattoo isaan agarsiisan fooyyessuu utuu hinta’in hundeesaarratti hojjechuun fooyyessuun gaariidha. 

‘’Rakkoon uumame tokko sammuu rakkoo sana uumeen hin hiikamu.  Sammuu kee gabbisaa deemi.’’   ‘Albert Einstein’

Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  14/2012

Recommended For You

2 Comments to “Beekumsi of fooyyessuufi”

  1. Pingback: sex children

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *