Abbaa Duulaa Gammadaa abbaasaanii Obbo Waldagiyorgis Gammadaafi haadhasaanii Aadde Tawaabachi Birraatuurraa bara 1950 baatii Waxabajjii keessa Godina Arsii, Hexosaatti dhalatan. Maqaansaanii dhalootaa Bajigaadha. Bajigaa jechuun waanta jabaa kan ibsuudha. Eessumnisaanii ammoo maqaa Minaasee jedhamu moggaasaniif.
Gaa’ela haadha warraasaanii, Aadde Raahel Laaqawu wajjin hundeeffatan keessatti ijoollee shan jechuunis Gammachiis, Beekii, Soorettii, Dibooraafi Kookeet (dhiira lamaafi dubara sadii) horataniiru. Abbaa Duulaan akaakayyuus ta’aniiru (Kitaaba, “Imala Milkii Waggoota 60” jedhamu, kanuma isaaniin barreeffamerraa kan fudhatame).
Dubbistootaa, maxxansa keenya har’aatiin haala wayitiifi dhimmoota gara garaarratti gaafdeebii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa waliin taasifne isin dubbisiisna. Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti Mejar Jeneraala ta’anii tajaajilaniiru.
Akkasumas Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Oromiyaafi Afyaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa ta’uudhaan hojjechaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa immoo Walittiqabaa Boordii Waldaa Misooma Oromiyaafi Hundeessaafi Walittiqabaa Faawundeeshinii Dibooraati.
Obbo Abbaa Duulaa Gammaddaa ammaan tana paartii siyaasaa kamuu keessa kan hinjirre yoo ta’u, gara fuulduraatti dhimmoota hawaasummaarratti xiyyeeffatanii kan hojjetan ta’uu gaafdeebii dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin himaniiru.
Bariisaa: Erga taayitaa afyaa’ummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fedhii keessaniin gad dhiiftanii booda maal hojjechaa jirtu?
Abbaa Duulaa: Hojii mootummaa ittigaafatamummaa sadarkaalee adda addaatiin yeroo dheeraa hojjedheera. Namni ittigaafatamaa ta’ee hojii mootummaa hojjetu maatiisaa wajjin yeroo dheeraa dabarsuuf, guyyaa ayyaanaafi dhimmoota hawaasummaarrattis hirmaachuuf yeroo hinqabu.
Keessumaa hooggantootni mootummaa sadarkaa olaanaarra jiran hojiidhaan muddamu. Kanarraa ka’uunis baay’eensaanii dhibeewwan gara garaatiif saaxilamu. Ani Afyaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataan ture. Ergan hojii mootummaa gad dhiisee xiqqoo yeroo argadheera. Hanga barri filannoo mana marichaa xumuramutti ani miseensa mana marichaa ta’een ittifufa.
Yeroo ammaa hojiilee dhimmoota hawaasummaarratti xiyyeeffadheen hojjechaa jira. Maqaa mucaa kiyya afraffaa hanqina guddina sammuu qabdu, ‘Dibooraa’ jedhamtuun Faawundeeshinii Dibooraa hundeesseen hojjechaa jira. Faawundeeshinichi ijoollee dhibee akkasiin qabaman deggeruurratti xiyyeeffata. Faawundeeshinichi hojii bal’aa hojjettootaafi walittiqabaa boordii mataasaa kan qabuudha.
Kana malees muuxannoon waggoota darban keessa horadhe gara kitaabaatti jijjiiree dhalootni ittaanu akka irraa baratu taasisaan jira. Waggaa tokkoofi walakkaa darbe keesssa kitaabota sadii maxxansiisee dubbisaaf dhiyeesseera.
Kitaabotni ani qopheessaa jiru ammoo gara fuulduraatti maxxanfamanii gabaarra oolu. Kitaabota barreessuufi hojiilee hawaasummaa hojjechuu irrattan yeroo koo dabarsa. Ani yeroo kootti sirriittan fayyadamaa jira. Soorama baheera jedhee yeroo koo balleessaa hinjiru.
Bariisaa: Kitaabotni isin barreessaa jirtan dhimmoota maaliirratti xiyyeeffatu?
Abbaa Duulaa: Bara 1996 mataduree “Qabsoon Ummata Oromoo Eessaa Garamitti?” jedhuun kitaaba tokko maxxansiiseera. Kutaa lammaffaa kitaaba kanaa barreessaan jira. Kitaabichi qabsoon ummata Oromoo sadarkaa amma irra gaherraa garamitti deema? hudhaaleefi carraawwan qabsichaa maalinni gaaffiilee jedhan deebisa. Akkasumas muuxannoon hoggansa sadarkaalee adda addaarratti horadheefi dhimmi waraana Itiyoo-Ertiraa dhimmoota ijoo kitaabota ani barreessaa jiruuti.
Bariisaa: Kitaabotni barreessaa jirtan yoom gabaarra oola?
Abbaa Duulaa: Kitaaba tokko barreessanii gabaarra oolchuun akkuma nama mucaa dhalchee guddisuu waan gatii nama baasisuuf yeroo akkanaan gabaarra oola jechuun rakkisaadha.
Hojiileen misoomaa yeroo pirezidaantii naannoo Oromiyaa turtan jalqabdan bu’aa akkamii argamsiisaniiru?
Abbaa Duulaa: Oromiyaan lafa gammoojjii namni irra hinqubanne, qabeenya bishaanii bal’aa qabdi. Hojii qonnaafi horsiisa beelladaatiif mijatu qabdi. Gama biraatiin ammoo lafa baddaa yeroo gara yerootti qubannaa ummataatiin dhiphachaa jirus qabdi.
Ummatni lafa gammoojjii Oromiyaa keessa jiraatu horsiisa beelladaafi omisha qonnaarratti akka hirmaatuuf hojiileen misoomaa garagaraa hojjetamaa turaniiru. Hawaasni horsiisee bulaa kallattii bahaatiin jiru beelladootasaa bishaan obaasu hinqabu ture. Ummatni naannawichaa deggersaan jiraachaa ture. Hojiileen misoomaa haala jireenya ummata gammoojjii Oromiyaa keessa jiraatu jijjiiruuf yeroo sana eegalaman bu’aa qabeessa ta’aniiru. Jillisii Fantaallee dabalatee hojiileen misoomaa godinaalee Harargee, Arsii, Boorana, Gujiifi Baaleetti hojjetaman hedduudha. Mootummaan naannichaa yeroo ammaa hojiilee misoomaa eegalaman akka ittifufaniif yaalii cimaa taasisaa jira.
Bariisaa: Yeroo pirezidaantii Oromiyaa taatanii hojjechaa turtanitti dameelee hojii kamfa’iin milkooftan?
Abbaa Duulaa:Akka heeraatti aangoon naannoleedhaaf kennameefi hojii isaan hojjetan daran bal’aadha. Kanaafuu har’arra taa’ee hojiilee kunneenitti milkaa’eera, kanatti ammoo itti hinmilkoofne jedhee dubbachuun na rakkisa. Hojiilee mul’atan kanneen akka daandii, misooma jallisii, barnootaafi fayyaa akkasumas misooma humna namaarrattis xiyyeeffadhee hojjedheera.
Dargaggootni abbaa sirnichaa akka ta’aniif gumaacha olaanaa taasiseera jedheen amana. Barattootni yunivarsitiiwwanirraa eebbifaman sirnichatti makuun hoggantoonni haaraan akka horatamaniif tattaaffii cimaa taasiseera. Dhimma umurii, beekumsaafi teknolojii ilaalcha keessa galchuudhaan geggeessitoota dhaloota ittaanu geggeessan horachuun hojii bu’aa qabeessa raawwadheera jedheen amana.
Abbootiin aangoo duraanii miidiyaa akka meeshaa nukilariitti ilaalaa turre. Kanaafuu Oromoofi Oromiyaadhaaf miidiyaan daran barbaachisaa ta’uu itti amanuun Raadiyoon Oromiyaa akka jalqabamu taasiseera. Booda irra ammoo Oromiyaa Birodikaastiingii Networki (OBN) akka hundaa’u taasiseera. Miidiyaaleen kunneen Afaan Oromoo guddisuu hawaasa miidiyaa ijaaruu keessatti waan guddaa gumaacheera. Miidiyaalee kunneeniin hojii jalqabsiisuurratti rakkoolee hedduun nu mudataniiru.
Televizhinii Itoophiyaatiin ala televishinii biraa hundeessuun hinbarbaachisu jechuudhaan mormii guddaan nurratti ka’ee ture. “Sagantaa Afaan Oromoo sa’aatii tokko Televizhinii Itoophiyaa irratti kennameyyuu sirnaan itti hinfayyadamne. Televizhiniin tokko gahaadha; kan biraa hundeessuun qarshii qisaasessuudha” jechuun mormii guddaan nurratti ka’ee ture.
Naannoon Oromiyaa yeroo sana sagantaa Afaan Oromoo sa’aatii tokkoo televizhinii Itoophiyaatiin darbuuf waggaatti qarshii miliyoona tokko kaffalaa ture. Kun qabeenya biyyaa waan ta’eef qarshii miliyoona tokko mitii qarshii tokkoyyuu kaffaluu hinqabnu jedhee dursee kan dhaabe ana ture.
Biyyoota adda addaa akkan deemee hubadhetti televizhinii hundeessuun waan salphaa, sadarkaa magaalaattuu hundaa’uu danda’u ta’uu hubadheera. Qaama maaliif hundeessitu jedhu utuu hintaane qaama to’atu qabaachuu qaba. Miidiyaan akka biyya hindiigneef qaamni qabiyyee miidiyaalee to’atuufi hordofu jiraachuun garuu dirqama.
Raadiyoofi Televizhinii Oromiyaa hundeessuun hojiilee ani yeroon pirezdaantii naannichaa ture hojjedheefi itti milkaa’e keessaa isa ijoodha.
Bariisaa: Yeroo pirezdaantii naannichaa turtan hojiilee isin kana hinhojjenne kana ammoo utuun hojjedhee jettanii itti gaabbitan yoo jiraate?
Abbaa Duulaa: Waanti na gaabbisiisu tokkollee hinjiru. Kana jechuun dogoggora hinqabu jechuu miti. Naannoo geggeessuu mitii namni maatii geggeessuyyuu dogoggora ni raawwata. Nama du’e qofa kan hindogoggorre. Namni hojjetu ni dogoggora.
Keessumaa waan haaraa tokko uumuuf yaadnuufi adeemsa jijjiiramaa keessa dogoggorootni uumamuu danda’u. Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e dogoggorarraa of qusatanii jijjiirama fiduun nidanda’ama jedhee hinamanu. Dogoggorri uumamu garuu bu’aa dhuunfaa argachuuf jecha uumamuu hinqabu. Dogoggorri nuti faayidaa dhuunfaa argachuuf jecha uumnu nama biraatti mul’achuufi seeraan nugaafachiisuu baatus sammuun keenya umurii guutuu nu himachuun dhukkubsataa nu taasisa.
Ani yeroo kiyya sirnaanan itti fayyadamaan ture. Miira yeroo hinqabuutiinan hojjechaa ture. Oromiyaa keessaa aanaafi gammoojjii ani bira hingeenyeefi keessa hin naannofne hinjiru. Yeroo sana Waraana Bilisummaa Oromoo jedhaman qawweedhaan hinari’anne. Achi hawaasicha bira dhaqee buleen mari’achiisuudhaanan jijjiiraa ture.
Kun ammoo ummata Oromoo sirriitti akkan baruufi ummatnis sirriitti akka na beeku taasiseera. Bara jireenyaa koo keessatti yeroo sana barumsa guddaa kanan horadheefi aaragalfii tokko malee hojjechaa kanan ture. Hojiin itti gaabbu baay’ee hinqabu.
Bariisaa: Afyaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa taatanii yeroo muudamtan maaltu isinitti dhagahame?
Abbaa Duulaa: Ani afyaa’ii mana marichaa ta’uu hinbarbaannen ture. Ani mejer jeneraalii waanan tureef hojiin koo caalaatti sochii, duulaafi odeeffannoodhaan kan deggerameedha. Muuxannoon hooggansaa kun yeroon pirezdaantii naannoo Oromiyaa turetti daran na fayyadeera.
Ani nama socho’ee hojjetuudha malee nama bakka tokko taa’ee hojjetu miti. Muuxannoo ani hoggansa keessatti qabus socho’ee hojjechuu waan ta’eef afyaa’ii ta’ee muudamuu kootti hingammadne. Ittigaafatamummaa kana hinfudhadhu jedhees mormaan ture.
Afyaa’ii mana marichaa ta’uu qabda jedhamee ergan hojii jalqabees waltajjicha wajjin walbaruun waggaa tokko natti fudhate. Yeroo sana seenaa paarlaamaa biyyoota addunyaa dubbisuudhaan miseensota mana marichaa waliin ta’ee mana marichaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf yaaleera. Afyaa’iin waltajjii hogganuu qofa utuu hintaane hojii baay’ee qaba. Hojiilee bu’a qabeessa hedduus raawwadheera jedheen amana.
Bariisaa: Maaliif taayitaa afyaa’ummaa gadilakkistan?
Abbaa Duulaa: Afyaa’ii mana marichaa gadlakkisuunkoo murtii sirriidha ture. Yeroo sana Oromiyaa keessatti sochiin mormii bal’inaan geggeeffamaa ture.
Sochiin mormii kun bara 2006 eegalame. Bara 2007 keessa ammoo xiqqoo qabbanaa’ee ture. Bara 2008 filannoo biyyaalessaa booda deebi’ee ittifufe. Walitti bu’iinsa naannoo Somaaleefi bakkeewwan gara garaatti mudataniin walqabatee walitti bu’iinsiifi lammiileen qe’eesaaniirraa buqqa’uun hammaachaa dhufe.
Lubbuun namaas garmalee darbaa ture. Lammiileen kuma dhibbaan lakkaa’aman buqqa’uunis akka salphaatti ilaalamaa dhufe. Ka’umsi dubbii kanaa maal akka ta’e waanan beekuuf kallattii furmaataas eeraan ture. Rakkoon mudatee ture sun raayyaa ittisa biyyaa itti erguudhaan utuu hintaane karaa nagaatiin akka furamuuf tattaaffadheera.
Ummatni Oromoofi Somaalee baroota dheeraaf waliin jiraachaa kan turaniifi jiraniidha. Kanaafuu namootni siyaasaa saboota lamaan gidduu seenuurraa of qusachuu akka qaban dubbachaan ture. Gara Somaalee, Baalee, Gindhiir, Yaabal’oofi Moyyaalee deemees ummataafi humnoota nageenyaa waliin mari’adheera.
Ani taayitaa kanan barbaaduuf jijjiiramaaf malee guyyaa tokkollee maqaadhaaf ykn ittiin badhaadhuuf barbaadee hinbeeku. Fudhatamummaan DhDUO/ADWUIn ummata biratti qaban waan laafaa dhufeef dhiisee ba’uuf murteesseen xalayaa aangoo gadlakkisuu galfadhe.
Ani waanan itti amanuuf malee, waanan itti hinamanneef jiraadhee hinbeeku. Aaangoo gadlakkisuun koo dhiibbaa akkamii uumuu akka danda’us nan beekan ture. Guyyaa tokkotti bilbila 180 oltu naaf bilbilamee ture. Kan duraan natti boonaa tures naaf bilbilaa ture. Kanaafuu yeroo sanatti aangoo gadlakkisuunkoo murti sirrii ture.
Bariisaa: Aangoo utuu gad hinlakkisin keessa teessanii maaliif hinqabsoofne?
Abbaa Duulaa: Keessa taa’anii qabsaa’uuf balbala banuu barbaachisa. Aangoo gadlakkisus miseensummaa mana marichaafi ADWUI keessaa akkan hinbaane sirriitti ibseen ture. Kanaan walqabatee dhimmootniifi gaaffiileen dhageettii dhaban dhageettii argachuu jalqaban. Gaaffiilee dhiyaatanirrattis mariifi falmiin geggeeffamuu jalqabe. Ani waanan itti amanee raawwadhu hundumaattuu hingaabbu.
Bariisaa: Haala jijjiirama biyyattii erga Doktar Abiyyi Ahmad gara aangootti dhufaniifi isa duraa akkamitti ibsitu?
Abbaa Duulaa: Garaagarummaa guddaatu jira. ADWUIn akkasitti kan gad bu’e kaayyoowwaniifi sagantaawwansaa dogoggora qabaatee ykn hojiileensaa hundi fudhatama dhabee miti.
Hojiiwwan gaggaarii hedduufi sagantaawwaniifi kaayyoowwan har’allee hingatamne qaba. Rakkoon ADWUI inni guddaan jijjiirama mul’achaa ture faana tarkaanfachuu dadhabuusaati. Haala hawaasni jijjiiramaa deemuun of jijjiiraa deemuu dadhabuutu isa kuffise.
Erga Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gara aangootti dhufanii as garuu wantootni hedduun jijjiiramaniiru. Namootniifi paartiileen shororkeessitoota jedhamaa turan gara biyyaatti galaniiru. Lammileen ilaacha siyaasaatiin hidhamanii turan hiikamaniiru. Itoophiyaafi Ertiraanis araaramaniiru. Gama dirree dimokraasii bal’isuu, yaada ofii bilisaan ibsachuufi miidiyaalee babal’isuutiin hojiilee guguddoon raawwatamaniiru.
Bariisaa: Rakkoo nageenyaafi qaala’ina jireenyaa mul’achaa jiru akkamitti furuun danda’ama jettanii yaaddu?
Abbaa Duulaa: Biyyootni sadarkaa guddinaatiin Itoophiyaadhaa gadi turan hedduun yeroo ammaa misoomanii daran guddataniiru. Fakkeenyaaf Kooriyaan sadarkaa hiyyummaatiin Itoophiyaadhaa gadi turte. Yeroo ammaa garuu daran misoomteefi guddattee jirti.
Ummatni Kooriyaa yeroo ammaa biyyoota addunyaa galii waggaa olaanaa argatan keessatti ramadama. Ummatichi sadarkaa kanarra gahuu kan danda’e sa’aatii 24:00 hojjeteeti. Ani jallisii Fantaallee akkan hojjedhuuf kan nakakaase Kooriyaatti kutaa biyyaa Haanaanitti lafa heektaara 600 misoomsuuf bishaan fageenya kiiloomeetira kuma tokkoofi 500 irraa humnumasaaniitiin jallisan arguu kootini.
Biyyootni addunyaa akkasitti hojjetanii erga guddatanii nuti yeroo, humna, beekumsaafi qarshii keenya qindeessinee utuu itti hinfayyadamin waa’ee hiyyummaa dubbachuun hiika hinqabu. Hiyyummaa keessaa ba’uuf yeroo keenya qisaasessuu dhiifnee humnaafi beekumsa keenya qindeessinee yoo hojjenne fayyadamoo taana jedheen amana.
Rakkoo nageenyaa furuuf mootummaan hojii dirree dimokraasii babal’isuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf taasisaa jiru walqixa adeemsisuu qaba. Hojiin dirree dimokraasii babal’isuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuu walqixa deemuu qaba.
Bariisaa: Furmaanni waaraan rakkoolee nageenyaa yunivarsitiiwwan gara garaatti mul’atanii maalinni jettu?
Abbaa Duulaa: Gaaffii kana qaamoleen dhimmicha hordofaa jiran utuu deebisanii gaariidha. Akka ilaalcha kootti garuu qaamoleen barattoota walitti buusuuf wixxirfatan akka jiranin amana.
Kanaaf furmaata ta’a jedhee kanan yaadu jalqaba yunivarsitiiwwan ittigaafatamummaasaanii sirnaan bahachuu qabu. Barsiisonniifi barattootnis nageenya yunivarsitiisaanii mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qabu. Keessumaa barattootni kaayyoo manaa bahanii gara yunivarsitii dhaqaniif sirriitti hubachuu qabu.
Bariisaa: Ergaan dargaggootaaf dabarsitan yoo jiraate?
Abbaa Duulaa: UmmataItoophiyaa keessaa %60 dargaggoota. Biyyootni guddatan hedduun humna dargaggootaa (misoomaa) hangana baay’atu hinqaban. Dargaggoonni humna misoomaafi jijjiiramaati. Gama kanaan biyyattiin carraa gaarii qabdi. Humna kanatti fayyadamuuf xiyyeeffannaan hojjechuu barbaachisa.
Dargaggootnis humna, dandeettii teknolojii, beekumsaafi yeroosaanii qindeessanii misoomaafi jijjiirama biyyattiif akka hojjetanin gorsa.
Itoophiyaan humna misoomaa kana utuu qabduu qamadii biyya alaatii bittee galchuu hinqabdu. Dargaggootni yeroosaanii utuu hinqisaasessin hojjetanii ofiisaanii, maatiifi biyyasaanii hiyyummaa keessaa baasuuf jabaatanii hojjechuu qabu.
Bariisaa: Oduun Abbaan Duulaa aangoo argataniiru jedhu kun hangam dhugaadha?
Abbaa Duulaa: Aangoon naa kenname hinjiru. Ani ammaan booda taayitaa hinbarbaadu. Sabootni, sablammootniifi ummattootni naannoo Kibbaa gaaffiilee hedduu qabu. Gareen dhimma nageenya naannichaarratti hojjetu tokko hundaa’eera. Miseensotni garee kanaa harki caalaan naannoo kibbaarraa dhufan.
Anis miseensa garichaa keessaa tokko. Gareen kun ambaasaaddara nagaa jedhee of moggaasuun gaaffiileen naannoo ta’uufi kanneen biroo ummatni naannichaa kaasaa jiru karaa naga qabeessaan deebii akka argatu taasisuuf hojjeta.
Gareen kun Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waliinis walargee mari’ateera. Ministirri Muummees utuu akkas gootanii jechuun murtii utuu hintaane yaadasaanii nuu qoodaniiru. Kun hojii tola ooltummaati malee aangoo mootummaan anaa kenne miti.
Gareen Olompikii Tookiyoo bara 2020 qopheessus qophiisaarratti akkan hirmaadhuuf na gaafateera. Anis tole jedhee walittiqabaa korichaa ta’eera. Kunis taayitaa miti.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 7/2012
5 Comments to ““Waanan itti hinamanneef jiraadhee hinbeeku” -Abbaa Duulaa Gammadaa”