Nageenyi eegamuu baannaan gara kallattii sirrii hintaanetti waan nama geessuuf ciminaan irratti hojjechuun dhimma murteessaa ta’uun irra deddeebiidhaan ibsamaa kan tureefi jiruudha.
Abbootiin Gadaa haala waliin jireenya lammiileerratti durumaa kaasanii hojjetaa jiru. Guddifachuufi moggaafachuu Oromoon durumaa eegalee qabu kanaaf ragaadha.
Naannolee biroos haala waliin jireenyaa Oromoon bocate kanarraa muuxannoo fudhachuun hariiroofi sirna waliin hariiroosaanii cimsachuu qabu. Kanaafis abbootiin Gadaa Oromoo waltajjii argatanitti duudhaa cimaa sirnicha keessa jiru warra kaaniif qoodaa akka jiran barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaafi Abbaan Gadaa Tuulamaa, Goobanaa Hoolaa Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.
Nageenyi mana keessaa ka’ee sabootaafi amantiilee jidduu gala kan jedhan abbaa Gadaa kun, dhimma nageenyaarratti hunduu hojjechuufi gaheesaa bahachuu akka qabus dubbataniiru. Waa’een nageenyaa mootummaa ykn paartii tokko qofarratti kan gatamu akka hintaanes eeraniiru. Kana keessatti keessumaa qoodni paartiilee morkattootaa olaanaadhas jedhan.
Biyyoota akka Somaalee waggoota 30f nagaa dheebochaa jiranirraa barachuun tokko tokkoon lammiilee biyyattii dhimma nageenyaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennuu akka qabanis ibsaniiru.
Darbees biyyoonni akka Sooriyaafaa dinagdeedhaan nucaalan hunkutaa’uun gara keenya dhufanii nu kadhachaa jiranirraa waa hubachuutiin nageenyi hanga liibsuu ijaatiifillee akka boorofneef cichamee hojjetamuu qaba jedhaniiru.
“Lammiileen biyyoota Somaaliyaafi Sooriyaafaa biyya akka keenyaa itti baqatan waan hinqabneef gara keenyatti dheessan. Nuti ammoo garuma itti dheessinuu waan hinqabneef dhimma nageenyaarratti yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannaan harka walabannee socho’uu qabna” jedhan.
Rakkoo nageenyaa Oromiyaa lixaatti uumame ilaalchisuunis oggaa dubbatan, “Ummata Oromoo jaalalatu bulcha malee waraanni tiksee hindanda’u. Oromoon jaarraa tokkoofi walakkaaf qabsaa’ee aangoo harkatti galfateera.
Ammas waraanaan bulchina jedhanii yaaduun waluma fixuu yoo ta’e malee hinmilkaa’u. Kanaafuu gaaffiin ummata Oromoo keessumaa kan Oromiyaa lixaa maalinni jedhanii furmaata waaraa qorannoorratti hundaa’ee kennuun barbaachisaa ta’uus ni dubbatu.
“Rakkoowwan nageenyaa iddoowwan adda addaatti mul’atan akka furamuuf kan itti deemaa jiru qaama dhimmi ilaallatu miti. Nama saboota walitti buusuufi natu si beeka jedhuudha kan walakkaa seenu. Abbootiin Gadaafi inni waa’ee sirna Gadaa beeku dhimmicha keessa seenaa hinjiru”.
“Warri kanaan dura akka meeshaa hiikkatan taasisan rakkoo biyyarratti fidan malee bu’aan argame hinjiru. Kanaaf rakkoo amma uumame kana qaama kallattiin dhimmi ilaallatu wajjin otoo irratti hojjetamee gaariidha” jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan.
Mootummaan Itoophiyaa ammaan tana angoorra jiru rakkoo Ertiraa wajjin ture hiikee akkamitti akka araarri bu’e ni beeka. Oromoon natti haa hafuu beeka. Kan hojjetamte xiqqoodhaan kan hafte guddoodhaan beeka. Oromoon nageenya beeka. Oromoon waan darbe akka gadootti hinilaalu. Gadoos hinqabatu jedhu.
“Kanaaf kan bade badee kan haferratti jireenyi fuuldureesaanii akka sirraa’u otoo goonee gaariidha kan jedhuun mootummaa otoo gadoo qabachuu baatee misha. Mootummaan ammaan ummatarratti gadoo qabataa jira. Ummanni keenya ummata gadoo irratti qabatan miti”.
“Kanaaf mootummaan otoo dhaabatee of ilaalee gaari ta’a kan jedhu yaada qabna. Abbootii Gadaa otoo deggarsa qabaatiin jidduu seenanii rakkinicha uumuu danda’u jechuunillee” dubbataniiru. Qoodni hojiisaaniis araaraa buusuu waan ta’eef haalli kun abbootii Gadaatiif salphaa ta’uu beeksisaniiru.
Abbaan Gadaa Maccaa, Warqinaa Tarreessaa gamasaaniin akka jedhanitti, abbootiin Gadaa Oromoo dhimma nageenya biyyaarratti qaamolee dhimmi ilaallatu keessumaa Ministeera Nageenyaa wajjin dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu dubbatu. Nageenyi jiraachuu baannaan saboonniifi sablammootni waldanda’anii jiraachuufi qabeenya horachuun akka hindanda’amne waan hubanneef irratti hojjechaa jirra jedhan.
Nagaa buusuuf ammoo abbootiin Gadaa, abbootiin amantiifi hayyoonni mootummaa maddii hiriiranii irratti hojjechuu qabu. Tattaaffii Ministeerri Nageenyaa taasisu qofaan nagaan mirkanaa’uu waan hindandeenyeef, yeroo kamuu caalaa dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennine hojjechuu qabna jedhan.
Rakkoo dhabiinsa nageenyaa Oromiyaa keessatti mul’atu furuuf koreen abbootii Gadaa keessaa babahee hundaa’e mootummaan wajjin mari’ataa jiraachuullee beeksisaniiru.
Mootummaan wajjin ta’anii keessumaa rakkoo nageenyaa Wallagga Lixaafi Qeellam Wallaggaatti mudate furuuf qophii ta’uusaanii ibsaniiru. Nageenya mirkaneessuuf humna hidhannoo qofa otoo hintaane abbooti Gadaa, abbootii amantii, hayyuufi foollee qabatanii socho’uun bu’aa guddaa kan qabu ta’uus beeksisaniiru. Keessumaa abbootiin Gadaa deggarsa mootummaa argannaan nagaa boora’e iddootti deebisuuf dandeettiifi ga’umsa kan qaban ta’uu dubbataniiru.
Qe’een Maccaa abbootii Gadaafi hayyoota danuu gara nagaatti akka deebi’uuf tattaaffii mootummaan taasisu utubuu qaba. Mootummaanis nagaa mirkaneessuurratti cichee hojjechuu qaba jedhan.
“Mootummaan guutummaadhaan ummatatti of kennee qaamolee rakkoo uumaa jiran kaan seeraan qulqulleessaa, isa ofii dadhabe ammoo abbootii Gadaatti yoo kenne rakkoon biyya kanaa ni hiikama”.
Waanti mul’ataa jiru kun humna abbootii Gadaatii ol waan hintaaneefi waanti isaan dadhaban waan hinjirreef mootummaan waan ta’aa jiru kana keessatti akka isaan hirmaachisu gaafataniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 7/2012
3 Comments to ““Ummata Oromoo jaalala malee waraanni tiksee hindanda’u” -Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa”