Biyya Awustiraaliyaatti waggoota hedduu jiraachuun, yeroo dheeraaf waa’ee aadaa, seenaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo qo’achuufi baruuf fedhii godhachuun Oromiyaa naannawa garagaraa deemanii aadaa, jiruufi jireenya ummatichaarratti hojjetaniiru, qorataan aadaafi seenaa Obbo Hamzaa Waariyoo.
Obbo Hamzaan waggoota 15 oliif Awustiraaliyaa kan turan yoo ta’u, gara Oromiyaatti deddeebi’uun hawaasa Oromoo keessatti maanguddoota, hawwan, abbootii Gadaa, hayyoota quunnamuun barumsaafi qo’annoo garagaraa taasisaniiru.
Hayyuun kun qo’annoosaaniitiin Oromoon sirna, aadaa, seenaafi duudhaa akkamii akka qabu adda baafachuuf yaalaniiru. Keessumaa sirni Gadaa waantota hedduu akka of keessaa qabu dubbatu.
Akka Obbo Hamzaan jedhanitti, Gadaan sirna ittiin bulmaata jiruufi jireenya ummata Oromooti. Qaroominni sirna Gadaa kunis ummata Oromoo bira darbee ilmaan addunyaa maraaf bu’ura akka ta’uuf muuxannoowwan biyyoota garagaraa wali bira qabuun caalaatti ammayyaa’uuf tattafachuusaanii himaniiru.
Caaseffama sirna Gadaa oggaa ibsanis namni gaafa dhalatee kaasee hanga waggaa saddeetiitti dabballee, 8-16 gaammee xixiqqaa, 16 -24 kuusa, 24 – 32 raabaa doorii, 32 – 40 Gadaafi kkf ta’uu eeru.
Caaseffamni kun haala kamiin barnoota ammayyaawaa wajjin walqabsiisuun, daa’imman Oromoo guyyaa dhalatanii kaasee hanga mana barnootaa gahanitti barnoota keessa darbuu qabaniin sirna kana wajjiin wal haa simatu kan jedhu kaayyoo qo’annoo kana akka ta’e qorataan kun ni dubbatu.
Maqaan qo’annoosaanii “Gadaa education curriculum” kan jedhamu ta’uu himanii, haala qo’annoosaaniitiin sirna Gadaatiinis ta’e barnoota ammayyaatiin ijoolleen dhalatanii hanga waggaa saddeetiitti barnootni sadarkaasaaniitiin kennamu ni jiraata jedhu.
Haala sirna barnoota ammaayyaatiin daa’imman jalqaba barnoota galan oolmaa daa’immaniirraa eegalu. Wayita kana herrega, saayinsii uumamaafi naannawaa, afaan, seenaafi kkf barachuun, gara kutaa 1fatti ce’uuf sirna eebbaa ni gaggeessu.
Akka qo’annoosaaniitti, Sirna Gadaa keessattis ijoolleen hanga waggaa saddeet gahanitti aadaa, afaan, duudhaafi eenyummaasaanii haalota garaagaraatiin barachaa wayita waggaa saddeet gahan guduruusaanii ni haaddatu.
Sirna Gadaa keessatti guduruu haaddachuun ce’umsa sadarkaa ittaanuuti ykn sirna eebbaati jechuudha. Fkn barnoota herregaa “tokko qubee, lama mucha re’ee, sadii sussummanii, afur mucha sa’aa, shanii quba harkaa, jaha jabbii qaraxaa,…” jechuun herrega ni baratu.
Gama seenaatiin ammoo hiibboo, sheekoo, oduu duriifi kkf barachaa guddatu. Haala kanaan barachuun waggaa saddeet gahu. Sirni Gadaa bulchiinsa qofa kan jedhan yoo jiraatanillee sirni sirna barnootaa keessa galee akka barnoota tokkootti kennamuu danda’a jedhu hayyichi.
Abbootiin keenya duratti sirna Gadaa kana akka barnootaatti uumanii itti fayyadamaa turaniiru jechuun ni himu. Kana malees barnoota ammayyaatiin jalqaba oolmaa daa’immanii, barnoota sadarkaalee gara garaatiin addaan baasanii itti deemuun ni danda’amas jedhu.
Sirna Gadaa keessatti jalqaba Dabballee akka barnoota sadarkaa oolmaa daa’immaniitti, Gaammee Xixiqqoo akka barnoota sadarkaa tokkoffaatti, Gaammee Gurguddoo barnoota sadarkaa 2fa, Kuusa akka kolleejjiitti, Raabaa Doorii, akka yunivarsitii ykn digirii jalqabaa, Gadaa akka digirii 2fa, Yuubni akka ‘PHD’tti ilaalamu.
Kanaaf barnoota ammayyaafi Sirni Gadaa walfakkataa ta’uu, akkasumas Sirni Gadaa sirna barnootaa ta’uu akka danda’u qo’annoo waggoota 15f gaggeessaniin bira gahuusaanii Obbo Hamzaan himaniiru.
Kanaaf sirna kenniinsa barnoota Oromiyaa keessatti maqaalee ergisaa fudhachuurra sadarkaalee sirnoota Gadaa fayyadamuun gama tokkoon sirna Gadaa badiinsarraa baraaruuf, gama biraatiin ammoo daa’immaan sadarkaa gadaanaarraa eegalanii eenyummaa, aadaa, seenaafi afaansaanii barachaa akka guddatan kan gargaaru ta’a jedhu. Fakkeenyaaf oolmaa daa’immanii ykn ‘Kindergarten’ jechuurra maqaa Dabballee jedhu fayyadamuun ni danda’ama.
Wayinisheet Kaasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 7/2012
6 Comments to “Sadarkaalee Sirna Gadaa, sadarkaalee barnootaatiif”