Daa’imman sababoota gara garaatiin umrii mana barnootaa seenuu qabanirraa yommuu harkifatan mul’ata. Rakkoon kun keessumaa baadiyyaatti kan hammaatu yoo ta’u, ogeessonni damichaas sababoota ijoo hanqina dinagdeetiin maatiin barsiisuu dadhabuufi hojiif dursa kennuurraa kan mudatu ta’uu eerama. Sababa kanaan daa’imman hedduun utuu maatiisaanii gargaaranii umriin barnoota seenuusaanii waan irra darbuuf gara mana barnootaa hindhufan.
Akka waliigalaatti qorannoon jiru akka mul’isutti, waggoota muraasa darbanitti barattoonni miliyoona 25 ol carraa barnootaa argatan iyyuu daa’imman miliyoona 2-4 ammayyuu carraa osoo hinargatiin jiru. Rakkoo kunis manneen barnootaa, hawaasa ykn barataarraa madduu kan danda’udha.
aGama qulqullinaatiinis wantoonni hiikaman hedduun jiraatanillee ammayyuu danqaa ta’ee ittifufeera. Dabalataanis haqummaan barnootaa gaaffii jala jira. Kanarratti adda addummaan dhiiraafi dubaraa gidduu fooyya’iinsa qabaatuus naannoofi naannoo giddutti akkasumas, haala qubannaa ummataafi miidhama qaamaa waliin yoo ilaalame ammayyuu hojii bal’aatu hafa.
Rakkoo hammaataa biroon ammoo dhimma ga’umsaati. Ragaan Ministeera Barnootaa kan bara darbee qofti yoo ilaalame mana barnootaa seenanii utuu hinxumuriin kan adda kutan %19. Kana jechuun barattoota shan keessaa tokko addaan kuta jechuudha. Kana malees mana barnootaa seenanii hanga kutaa shanaffaatti kan ittifufan walakkaa qofa.
Daa’imman sababoota gara garaatiin mana barnootaatii ala ta’an kanneen jedhaman, warra idilee duraa, sadarkaa jalqabaa, kutaa saddeettaffaa xumuranii addaan kutan, sadarkaa lammaffaadhaa dhiisan kan dabalatudha.
Keessumaa daa’imman takkaayyuu mana barnootaa hinseenne yoo carraa argachuu baatan dandeettii barreessuufi dubbisu utuu hinhoratiin waan hafaniif kanneen irratti xiyyeeffatamee hojiileen garagaraa hojjetamaa jira.
Daa’imman sababa harka qal’eeyyummaa maatiisaaniitiin isaan gargaaruuf jecha manneen barnootaarraa hafan gara barnootaa fiduuf dhaabbanni ‘Geneva Global Ethiopia’ jedhamu sagantaa ‘Speed School Model’ jedhamu qopheessuun naannolee afur jechuunis Oromiyaa, Kibba, Amaaraafi Tigraayitti daa’imman hedduu sababoota garagaraatin umriin barnoota seenuusaanii darbe akka fayyadaman taasisaa jira.
Daarektarri dhaabbatichaa, Obbo Alamaayyoo Gabree waltajjii Ministeerri Barnootaa tibbana Adaamaatti qopheesserratti akka jedhanitti, sagantichi ALA bara 2011 naannoo Kibbaatti kan eegale yoo ta’u, hanga yoonaa naannolee eeraman keessatti daa’imman kuma 200 ta’an fayyadamoo ta’aniiru. Modeelli barnootaa kun kan kennamu manuma barumsaa idilee keessatti kutaa mijeessuun waggaa tokko keessatti barnoota kutaawwan 1-3fa jiran saffisaan kennuufi.
Akka ibsasaaniitti, moodeelii barnoota saffisaa kana hojiitti hiikuuf kuteenyummaan barsiisotaa, maatii, hawaasa mana barnootaafi barataa murteessaadha. Sababnisaa moodeelichi isa idileerra sa’aatii dabalataa kan gaafatu ta’uusaatiini jedhu. Kana malees guyyaa sanbataallee dabaluun kan kennamuudha. Barnoota idileetiin waggaatti kan baratamu hanga sa’aatiiwwan 750 yoo ta’u, kanaan garuu sa’aatiiwwan kuma tokkoofi 489 barsiisuun ni eegama.
Gama biraatiin barnoonni kun tarmiiwwan sadiitti hiramee akka kennamuu kaasanii, haala kanaan tarmiin jalqabaa ji’oota lama, lammaffaafi sadaffaan immoo ji’oota afur afur akka qabu ibsu.
Turtiiwwan kanneeniin barattoonni wantoota sasalphaa naannawaasaanii jiranirraa ka’uun dandeettii barreessuufi dubbisuu akka horatanitti kan barsiifamuudha.
Kana malees barattoota barnoota xumuranii hojii dhaban naannawicha jiraniif leenjii barbaachisu torban sadiif erga kennameen booda kan barsiifamu ta’uunsaa gama carraa hojii banuutiinis faayidaa akka qabu addeessu. Adeemsi barnootichaas haala barnoota idilee waliin walqabatuun waan kennamuuf hordoffiin barsiisotaafi hoggantoota manneen barnootaa olaanaa ta’uu dubbatu.
Moodeelichi kaarikulamiin addaa kan qophaa’uuf osoo hintaane isuma barnoota idileetiin kennamu saffisaan barsiisuu ta’uu ibsanii, keessumaa torbanitti sa’atiiwwan 13 dubbisuufi barreessuuf kan kennamu waan ta’eef hojii salphaa akka hintaane addeessu. Haalli madaallii waliigalaas walitti fufiinsaan kan kennamuufi harka caalu barnoota gochaarratti kan xiyyeeffateedha jedhu.
Akka Obbo Alamaayyoon jedhanitti, daa’imman waggaa sagalii hanga 14 jiran haala kanaan baratanii kutaa afur kan seenan yoo ta’u, sadarkaa kanarratti warra kaan waliin dorgomuuf akkasumas, umriinsaanii waan walsimuuf haala salphaan hiriyootasaanii qaqqabu.
Maatiinsaaniis keessumaa haadholiin rakkoo dinagdee qaban akka furataniif dhaabbatichi gurmeessuun hojii daldalaafi kanneen biroorratti akka hirmaatan taasifama. Kanaanis haadholiin hedduu fayyadamoo ta’aniiru.
Kanarraa ka’uun haadholiin tokko tokko “erga akkasitti yeroo gabaabaa keessatti barsiisuun danda’amee, erga liqiin mijeeffamee carraan hojii namaa banama ta’ee, maaliif rakkanna?” jedhanii ijoolleesaanii barnoota dhiisisuun gara sagantaa barnoota saffisaa kanatti fiduuf kan yaalan jiraachuu kaasanii, dhaabbanni ‘Geneva Global’ garuu manneen barnootaa wajjiin dhiheenyaan waan hojjetuf qorannoofi hordoffii taasisuun barattoota akka fudhatu ibsu.
Ulaagaadhuma fudhannaa barattootaarrattis dursi kan kennamu warren takkaayyuu gara mana barnootaa hindhufneef waan ta’eef kanneen adda kutan garuu sababa quufsaadhaan yoo ta’e malee kan hingalmoofne ta’uu addeessu. Kanaaf gochi akkanaa yoo mul’atellee haadholii akkas godhan gorsuun gara mana barnootaa idileetti akka deebisisanis ni kaasu.
Sagantaan kun naannolee hojiirra oole kanatti bu’a qabeessa ta’uun isaa mirkanaa’us hanga yoonaa mootummaan deggarsa taasisullee saganticha ofitti fudhatee imaammata keessa hingalchine kan jedhan daarektarichi, dhaabbatichi bu’a qabeessummaasaa erga agarsiisee booda bara 2022 pirojekticha mootummaatti kennee waan ba’uuf gamanumaa itti yaadamuu akka qabu hubachiisu. Kanaafis naannoleen bu’a qabeessummaasaa argan, hawaasniifi miidiyaaleen hojii xiyyeeffannaa argachiisuu hojjechuu akka qaban dhaamu.
Obbo Shamsaddiin Ibraahim Biiroo Barnoota Oromiyaarraa waltajjicharratti kan argaman yoo ta’u, ibsa gaazexaa Bariisaaf kennaniin sagantichi akka Oromiyaatti ALA bara 2014 irraa eegalee manneen barnootaa 180 ta’an godinoota torba keessatti argamanitti kennamaa kan jiru yoo ta’u bu’aan jajjabeessaa argamuu ibsu.
Sagantichaan daa’imman qofa osoo hintaane haadholiin illee fayyadamoo ta’uun dinagdeesaanii guddifachaa jiraachuu kaasanii, muuxannoo kana godinaalee birootti babal’isuufis qorannoon erga taasifame booda karooraan kan itti deemamu ta’uu dubbatu. Akka waliigalaatti garuu sagantichi faayidaansaa olaanaa ta’uusaatiin ministeerri barnootaa fudhatee hojiitti akka hiikamu utuu taasisee gaarii ta’uu himu.
Obbo Abduraakim Mohaammad Biiroo Barnoota Somaaleerraa kan dhufan yoo ta’u, sagantichi keessumaa naannolee akkasaanii barattoonni hedduun barnootatti dafanii hindhufneefi addaan kutanitti utuu jalqabamee gaarii waan ta’ef mootummaan faayidaasaa baasee imaammata qopheesseefi akka hojiitti hiiku gaafatu. Sagantichi xiyyeeffannaafi ofeeggannoodhaan yoo hojjetame bu’aan isaa jajjabeessaa ta’uusaatiin dafee fudhatama argachuun hojiitti hiikamuu qabas jedhu.
Walumaagalatti, sagantaan eerame kun faayidaa olaanaa kan qabuufi lammiileen hedduu carraa barnootaan ala ta’an kan itti fayyadaman waan ta’eef mootummaan imaammataafi sagantaa qopheessee hojiirra oolchuu qaba. Kana biraanis sagantichi faayidaa eerameef dhiisee miidhaa biraa akka hinfidneef ammoo qajeelfama barbaachisu qopheessuun hojiitti hiikuu qaba. Kanarratti hayyoota damichaafi muuxannoo biyyoota biroo ilaaluunis barbaachisaadha.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
3 Comments to “Sagantaa ‘Speed School Model’ hojmaata jajjabeeffamuu qabu”