Ajajaa Shantamaa Baqqalaa: Abbaa waancaawwan 259fi meedaaliyaawwan 270

Bitootessa 24 bara 1948 Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dandii naannoo magaalaa Ginciitti dhalatan. Akkuma daa’imman naannoosaanii umriinsaanii wayita ga’u loowwan tiksaa turan. Yeroon booda garuu gulufa fardaatiin beekamuu danda’aniiru.

Ajajaa shantamaa Baqqalaa Margaa jedhamu. Maanguddoo umrii 64ti. Dargaggoota Gulufa fardaa leenjisaa turan. Akkamitti dorgommii gulufa fardaa akka jalqabaniifi dhimmoota biroo jireenyasaaniin walqabaturratti isaan waliin Gaazexaan Bariisaa turtii taasiseera, dubbisa gaarii.

Bariisaa: Yeroo jalqabaaf Finfinnee akkamitti dhuftan?

Ajajaa Shantamaa: Bakkan dhaladhee gara Finfinnee kanan dhufe bara 1959 umrii waggaa 11ti. Akkuman dhufeen obboleettii tiyya biran qubadhe.

Bariisaa: Gulufa fardaa akkamitti jalqabdan?

Ajajaa Shantamaa: Wayitan Finfinnee dhufe sana ollaa obboleettii tiyyaa Xaaliyaanotatu jiraata. Isaanis fardeen hedduu waan qabaniif ganamaafi galgala farda gulufsiisaa turan. Anis bakka isaan itti gulufan dhaqee nan ilaalaan ture. Kanarraa ka’uun Mistar Riikoo Daamotoonii kan jedhaman akkan farda gulufuu jaalladhu na gaafannaan anis akkan fedhii qabu bal’inaan itti himee jennaan ofitti na fudhatee na leenjisuu jalqabe.

Bariisaa: Eessattiifi yeroo hammamiif leenjitan?

Ajajaa Shantamaa: Jalqabaaf kanan leenji’ee naannoma mana obboleettii tiyyatti ture. Kan naleenjiise ammoo Xaaliyaanichuma na gaafate Mistar Riikoo Daamotooniidha. Leenjiis kanan hordofe ji’a ja’aaf ture. Anis fedha waannan qabuuf leenjii kana sirriitti hordofuudhaan qabxii olaanaaniin xumure. Yeroo sana miindaan hinjiru. Qarshii 30tu ji’atti naaf kennama. Kun ammoo anaaf hamilee guddaadha. Maaliif yoo jedhame umriin kiyya 14 waan tureef nyaataafis ta’u kiraa manaaf qarshii waannan hinqabneef ture.

Bariisaa: Dorgommii gulufa fardaarratti yoom hirmaattan?

Ajajaa Shantamaa: Akkuman kanaa olitti kaaseetti Mistar Riikoon ji’a ja’aaf sirriitti na leenjisee waggaa 14tti bara 1962 sadarkaa dargaggootiin dorgommii jalqabaarrattin hirmaadhe. Kanumaaniin dorgommii keessa gale.

Yeroo jalqabaaf dorgommii gufachisaa meetira 600n kanan hirmaadhe. Dorgommii kanatti tokkoffaa ba’uuniin mo’adhe. Guyyuma sana dorgommii lammaffaa taasisuun lammaffaa ba’uun leenjisaan kiyya natti gammadduudhaan badhaasa addaddaa na badhaaseera.

Badhaasan argadhe keessaa inni guddaan kaameeraadha. Badhaasa kanaanis hamileen koo kaka’uusaatiin bara 1953 ispoorteessitoota beektootaa wajjiin hirmaadhe sadarkaa olaanaan tokkoffaa ba’uun mo’adheera.

Bariisaa: Dorgommii biyyooleessaarratti hoo bara kam hirmaattan?

Ajajaa Shantamaa: Leenjisaan koo dorgommii biyya keessaatti sadarkaa dargaggootaafi beektootaatti qabxii olaanaa galmeesisuu kiyya ilaaluudhaan yeroo jalqabaaf bara 1964 shaampiyoonaa gulufa fardaa Jibuutiitti adeemsifamerratti hirmaachuuf carraa argadhe.

Dorgommiin kan adeemsifame sadarkaa dargaggootaatti waan ta’eef muxannoo biyya keessatti qabuutti fayyadamuun shaampiyoonaa ta’e ofii kiyya meedaaliyaa warqiifi waancaa, biyya kiyyaaf ammoo beekamtii argamsiseera.

Baruma sana dorgommii Imbaasiin Xaaliiyaanii qopheesseetti farda Konii jedhamuun sadarkaa dargaggootaatiin hirmaadhee shaampiyoonaa ta’uun waancaa lama badhaafameera.

Shaampiyoonichi kan gaggeeffamu waggaa waggaan yoo ta’u, keessummaa kabajaa ta’uun argamanii badhaasa kan kennan ammoo maatii HaayilaSillaasee waan ta’aniif ilmisaanii Asfaawu Wasan HaayilaSillaasee argamuun waancaa, meedaaliyaafi waraqaa beekamtii naaf kennaniiru.

Baruma sana imbaasiiwwan biyya keessatti argaman affeerraa waan naaf godhaniif yeroo addaddaa achitti argamuun dorgomaa tureera. Keessumattuu Imbaasiiwwan Xaaliyaanii, Ingiliiz, Beeljiyemiifi Faransaayiitti yeroo hedduu hirmaachuun badhaasawwan addaddaa badhaafameera.

Bariisaa: Jibuutiitti shaampiyoonaa ta’uun edda deebitanii booda dorgommiin deebii hoo eessatti adeemsifame?

Ajajaa Shantamaa: Dorgommiin deebii kan adeemsifame magaalaa Finfinneetti ji’a Bitooteessaa keessa Jaanmeedaatti. Dorgommii kanarratti beektoota maqaa gaariifi muuxannoo olaanaa kan qaban kanneen akka Irreessaa Maaruu Malkaa, Ajajaa dhibbaa Asaffaa Mindaafaa wajjiin hirmaadhee Itoophiyaan dhuunfaafi gareedhaan tokkoffaa akka taatu ga’ee olaanaa taphadheera.

Bariisaa: Yeroo sana dorgommii gulufa fardaarratti kan hirmaatan miseensoota Raayyaa Ittisaa turan. Isin ammoo umriidhaan xiqqaa waan turtaniif miseensa miti. Akkamitti hirmaachuu dandeessan?

Ajajaa Shantamaa: Eeyyeen, hineeyyamamu ture. Kanaaf leenjii loltuummaaf gara Dabra Birhaanitti ergameen ji’a ja’aaf leenji’ee gara Finfinneetti deebi’e. Leenjii kana akkan fudhadhuuf kan na file Raayyaa Ittisaa kan yeroo sana ‘Kiburzabanyaa’ jedhamu waan tureef akkuman eebbifame deebi’een kilaba Kiburzabanyaatti makame.

Bitootessa 10 bara 1964 akkuman Dabra Birhaanii deebi’eetti dorgomaa fardaa ta’uun Kiburzabanyaan miindaa naaf kaffaluuf na mallatteesise. Yeroo sanas leenjisaa beekamaa Mindaa Abagaaz jedhamuun akkan leenji’uu ta’ee leenjii kiyya itti fufe.

Dorgommii kana maddiittis mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Miniliikitti barachaa turus waggaa keessatti biyyoota addaddaatti shaampiyoonaan waan adeemsifamuuf Itoophiyaa bakka bu’ee waanan hirmaadhuuf barumsa kiyya addaan kutuun dirqama natti ta’e.

Haa ta’u malee, yeroo addaddaa koorsiwwan biyya keessaafi biyyoota alaatti gaggeeffaman irratti hirmaachuun leenjiiwwan sadarkaa tokkoffaa, lammaffaafi sadaffaa fudhachuun eebbifameera.

Bariisaa: Dorgommii biyyooleessaarratti yeroo jalqabaaf biyyoota kam wajjiin hirmaattan?

Ajajaa Shantamaa: Dorgommii biyyoolessaarratti bara 1963 kaasee hanga 1989tti biyyoota adda addaa keessumattuu Jibuutii, Siwiidiin, Xaaliyaan, Ingiliizfi Faransaayii hirmaatan irratti hirmaadheera. Yeroo sanas hiriyyoota kiyya wajjin hirmaadhee gumaacha guddaa gochuun Itoophiyaan gareefi dhuunfaan mo’achuu dandeesseetti.

Bara 1966s shaampiyoonaa Jibuutiitti adeemsifamerratti shaampiyoonaa ta’uu keenyatti ajajaan Kiburzabanyaa gammaduun miseensoota Raayyaa Kiburzabanyaa wajjin simannaa ho’aa nuuf gochuu malee badhaasa adda addaas nu badhaasaniiru.

Bariisaa: Dorgommiin gulufa fardaa Finfinneefi Jibuutii qofatti maaliif adeemsifamaa?

Ajajaa Shantamaa: Fardi tokko Afrikaa irraa deemee biyyoota Awurooppaas ta’u Eshiyaatti hirmaachuu hindanda’u. Waamichi yommuu dhihaatu kan deemee hirmaatu nama malee farda miti. Sababiin isaas fardeen Afrikaa dhibeewwan addaddaa waan qabaniifi fardeen keenyatti dabarsuu jechuudhaan waan sodaatamanifidha.

Kana waan ta’eef sadarkaa biyyooleessaatti taphattoonni Afrikaa hamma fedhe beekamanis fardeen ofii isaaniin leenjisaniin waan hinhirmaanneef qabxiin galmeesisan hanga kana miti.

Bariisaa: Dorgommii kan taasifachaa turtan biyyoota baay’ee wajjini. Fknf Jibuutii wajjin dhaqaafi deebii gochaa turtan. Kanneen biroo wajjiinoo akkamitti dorgomaa turtan?

Ajajaa Shantamaa: Akkuman sitti hime biyyoonni Awurooppaafi Eeshiyaa biyya keenyatti nu wajjin hirmaatu. Itoophiyaan shaampiyoonicha yeroo baay’ee kan adeemsistuu Jaanmeedaatti. Haa ta’uu malee biyyoonni nu wajjin dorgoman shaampiyoonaa kan qopheessan biyya isaaniitti osoo hintaane dallaa imbaasiisaanii keessatti.

Imbaasiiwwan baay’een kan argaman naanawaa Jaanmeedaatti waan ta’eef fagoos hindeeman. Fknf Xaaliyaan, Faransaay, Jarman, Ingiliiz, Ruusiyaa, Hindiifi Saawud Arabiyaan naannawaa kanatti argamu. Yeroo dorgommiin hinjirrees guyyaa Dilbataa ijoolleesaanii wajjin dirree ispoortii fardaa Baaldaraasiifi Jaanmeedaatti argamuun shaakala taasifatu.

Bariisaa: Baroota 1960taa hanga dhuma 1980tti biyyattiin dorgommiiwwan biyyooleessaarratti beekamtii olaanaa qabdi ture. Yeroo sana dorgomtoota maqaa gaarii qaban keessaa mee kan yaadattan nutti himtuu?

Ajajaa Shantamaa: Itoophiyaan durumaa kaastee dargaggoota ispoortii kanaan beekamtii horachaa turte. Fknf Irreessaa Maaruu Malkaa, Araarsaa Beenyaa, Asaffaa Ayyaanoo, Doktar Akaala Warqi G/Sillaasee, Yirdaa Abagaaziifi kkf kaasuun ni danda’ama.

Bariisaa: Yeroo dargaggummaafi ga’eessummaa keessanitti maqaa olaanaa waan qabdaniif biyyoota baay’ee deemuun dorgomtaniittu, mee carraa eessafaa deemuu argattaniittu?

Ajajaa Shantamaa: Itoophiyaan ana duras dargaggoota ispoortii fardaan beekaman baay’ee horachuun ishee kan yaadatamuudha. Haaluma kanaan wayitan ani dorgommiif qaqqabus baay’een isaanii dorgomaa turan. Anis isaan wajjin ta’uun biyyoota hedduu dhaquun dhuunfaafi

 gareedhaan hirmaachuun qabxii boonsaa galmeessineerra.

Haa ta’u malee ani mataa kiyyatti biyyoota Jibuutiitti yeroo 12 ol marmaareera. Taanzaaniyaa, Keeniyaafi Ugaandaattis hirmaadheera. Ardii Eeshiyaa keessaammoo Saawud Arabiyaatti farda biraatiin hirmaadhee arfaffaa ba’uun deebi’eera. kunis sababa fardi Afrikaa dhukkuba dabarsu jedhameef farda biraatiin waanan dorgomeefi.

Bariisaa: Dorgommiiwwan adeemsifattan kanneen keessaa kan itti gammaddan kam laata?

Ajajaa Shantamaa: Bara 1971-1979 yeroo kiyya jechuun ni danda’ama. Waggoottan kanneen keessatti shaampiyoonaawwan irratti hirmaadhe marattuu waancaafi meedaaliyaa dhabee hinbeeku. Yeroo sana farda Ogaadeen jedhamuniin hirmaachaa ture. Farda kanas akka hiriyyaa kiyyattin ilaalaa ture. Afaan waan beeku fakkaata. Akkuma ati barbaadde siif ta’a. Farda kanaan biyya keessaafi biyya alaatti, keessumaa Jibuutii, Taanzaaniyaa, Ugaandaafi Itoophiyaatti yeroo 175n utaaluun rikardii kan qabuudha. Kanaafuu akka hiriyaa kiyyatti na marara.

Bara 1978 farda beekamaa Awaash jedhamuun qaba ture. Farda kanaan Jibuutiitti mo’adheen ture. Yeroo sana anaa wajjin kan hirmaatan Araarsaa Beenyaa, Maaruu Makaa, Liiban Baqqqalaa, Argaaw Tasfaafi ana ture. Gareenis ta’u dhuunfaadhaan mo’achuun deebine.

Bariisaa: Walumaagalatti biyya keessaafi biyya alaatti meedaaliyaawwaniifi waancaawwan meeqa badhaafamtan?

Ajajaa Shantamaa: Ani walumaagalatti waggoota 36f dorgommii keessa tureera. Waggoottan kanneen keessatti biyya keessaafi biyya alaatti waancaawwan 259, meedaaliyaawwan warqii, meetiifi, nahaasaa 270, akkasumas badhaasa waraqaa addaddaa argadheera. Wayitan badhaafamu keessumattuu Saawud Arabiyaatti Mootii Fu’aad, Jibuutiitti pirezidaantii biyyattii Haasan Guleed Abtidoon, Itoophiyaatti Atsee Haayila Sillaaseefi Maatii isaaniitiin badhaafamuun isaan wajjin walbaruuf carraa argadheera.

Bariisaa: Mee badhaasswwan keessan kunneen eessa jiru?

Ajajaa Shantamaa: Meedaaliyaawwaniifi waancaawwan ani argadhee baay’een isaanii mooraa Raayyaa Ittisaa keessatti hafaniiru. ADWUIdhaan saamameera. Keessumaa Itaamaajooriin Raayyaa Ittisaa duranii Letenaal Jeeneraal Saamooraan waancaafi meedaaliyaawwan kiyyaa akka achii hinbaaneef ajajuun achiitti hafeera.

Bariisaa: Turtii keessan kana keessatti dargaggootaafi fardeen leenjisuudhaan beekamtu. Mee dargaggootni isin leenjistan sadarkaa maaliirra jiru?

Ajajaa Shantamaa: Akkuma beekamu dargaggummaa kiyyaa kaasee jireenyi kiyya dargaggootaafi fardeen wajjin. Gulufa fardaatiinis ta’u leenjisuun kan anaan qixxaatu hinjiru. Anis leenjisuun nama jalqabaati jechuun danda’a. Fardeen leenjiseera; dargaggoota Itoophiyaafi kanneen lammii biraas leenjiseera.

Fardeen kanan leenjisu nyaata adda addaa sooruudhaani. Keessumaa garbuufi Kaarootii. Kaarootiin dhama sukaaraa waan qabuuf itti mi’aawa.

Garbunis vitaaminiidhaan kan badhaadhe waan ta’ef humna kennaaf. Fardi Kaarootiifi garbuu nyaate gulufee hindadhabu. Humna guddaafi hafura dheeraas qabaachu danda’a. Akkasumas, marga gaarii filanii bakka qulqullurra dirirsuudhaan sogiddaafi sukaarra irratti firfirsuun akka nyaatan goonaan yeroo gabaabaa keessatti humna baasuun kan isaan qixxaatu hinargamu.

Fardeen ciccimoon kan argaman baadiyaatti. Keessumaa bakka bal’aafi margi baay’inaan argamutti. Baddaa Salaalee, Walmaraa naannawaa Holotaa, Gincii, Amboo, Erarittiifi kkf kaasuun ni danda’ama.

Kanaafuu abbotii fardeenii wajjin ta’uun fardeen xixiqqoo qaamaan miidhamaniifi yoo soora argatan gabbachuun humna horatan filuun gara mooraa leenjiitti fiduudhaan leenjiisna.

Fardeen beekamoo kanneen keessaa kan akka Walmaraa, Awaash, Ogaadeen, Abbaay, Baaldaraasiifi kanneen dorgommii keessatti maqaa olaanaa qaban biroo leenjisuun dorgommiif dhiheesseera.

Obbolaan kiyya sagali. Dhiira shaniifi dubartoota afur. Isaan keessaa Mulunah Baqqalaafi Yoonaas Baqqalaa kan jedhaman leenjisuun garee biyyaaleessaaf qaqqabsiiseera. Saamu’eel Baqqalaa kan jedhamu ammoo atileetiidha.

Bariisaa: Ispoortii fardaatii alatti akaakuu ispoortii biroorratti hirmaattanii beektuu?

Ajajaa Shantamaa: Ani yeroo baay’ee yeroo kiyya kanin dabarsu dirree ispoortii Jaanmeedaatti. Jaanmeedaatti ammoo akaakuuwwan ispoortii hedduutu adeemsifama. Anis yeroo baay’ee dorgommii atileetiksii meetira 800, kuma tokkoofi 500 akkasumas, kuma shaniin hirmaachuun beekama. Osoon itti fufe qabxii gaarii fidu nan danda’aayyu. Haa ta’u malee, gara ispootii gulufa fardaatti cimuudhaan itti hinfufne.

Bariisaa: Ispoortiin gulufa fardaa ispoortiiwwan aadaa biyya keenyaa keessaa isa tokko yoo ta’eyyuu yeroo ammaa dadhabaa waan jiruf falli isaa maali jettu?

Ajajaa Shantamaa: Akkuma beekamu waldaan gulufa fardaa Itoophiyaa erga hundaa’ee umrii dheeraa lakkofsiseera. Haa ta’u malee, guddachaa deemaa hinjiru. Kun ammoo walitti dhufeenya naannoolee wajjin qabu ta’uusaati. Ispoortii kana guddisuuf naannooleetti ba’uudhaan ummataan walquunnamuutu irraa eegama. Kun ta’uu baannaan guddinni hinargamu.

Bariisaa: Kanaan dura gulufa fardaa kanarratti dubartonni hirmaachaa turan. Yeroo ammaa kana hinmul’atan. Sababiin isaa maali jettu?

Ajajaa Shantamaa: Akkuman sitti himeetti ani dorgomaa qofa miti. Dargaggummaa kiyyaa kaasee dorgommii maddiitti leenjisaan ture. Yeroon dorgommii keessa ture dubartoota hedduu leenjiseera. Isaanis sadarkaa biyyooleessaatti biyyoota ollaa Itoophiyaa dhaqanii hirmaachuun waancaafi meedaaliyaa argachuusaanii nan mirkaneessa.

Haa ta’u malee ammaan tana sababii naaf hingalleen hirmaannaa dubartoota hindhaga’u; inumaayyuu hinjiran. Sababii rakkina kanas yeroon Koree Waldaa Ispoortii fardaa wajjin wal argu kaasuus deebii quubsaa hinargadhu. Ammaan tana anis kaasee hinbeeku.

Bariisaa: Yeroo dheeraaf dorgommii keessa turtanis dhihoo as rakkoo ijaatiin walqabatee ispoortii kanarraa fagaachaa jirtu, maaltu isinitti dhaga’ama?

Ajajaa Shantamaa: Dhukkuba Gilaakomaa jedhamuun iji kiyya arguu diduurraa kan ka’e, bara 1999 irraa kaasee manatti hafeera. Ispoortii na guddiseefi jaaladhu kanaanis adda ba’eera. Kun ammoo kennaa Waaqaa waan ta’eef gammachuudhaan fudhachuudha malee homaa fidu hindandeessu. Anis gammachuudhaan fudhee hanga lubbuun tiyya jirtuutti isuma galateeffachaan jiraadha.

Haa ta’u malee, Waldaan Ispoortii Fardaa Itoophiyaa waggaatti yeroo Ayyaanni Cuuphaa kabajamu Jaanmeedaatti na affeeruudhaan hiriyyoota kiyyaafi dargaggoota leenjisan wajjin oola. Rakkoo ijaa malee qaamaan fayyaadha. Haadha manaa kiyya wajjin bakkan barbaade deemuu nan danda’a.

Bariisaa: Yeroo keessan eessatti dabarsitu? Qaamni isin iyyaafatuwoo jiraa laata?

Ajajaa Shantamaa: Yeroo baay’ee mana kiyyattin dabarsa. Akkuman siin jedhe haadha warraa tiyya wajjin dhimmoota tokko tokkoof akkasumas, fira gaafachuuf nan ba’aa. Kanaa alatti bataskaana deemeen kadhadhee, Waaqayyoof galata galcha.

Namooni darbanii darbanii na gaafatan jiru. Keessumaa Miliiyoon Dhugumaa Hundee yeroo baay’ee na gaafata. Ji’a ji’aanis qarshii 800 naaf kennaa ture. Ammaan tana innis dhaabateera. Namni Daawiit Taammiraat jedhamu maqaa kiyyaan qarshii kuma hedduu sassaabuus ani hinargine. Gara biyya alaas deemee akkan yaalamu naaf eeyyamamus rakkoodhuma namoonni tokko tokko uumaniin hafeera.

Maqaa kiyyaan yeroo baay’ee qarshiin walitti qabama. Namoonni tokko tokkos akka na gargaaran natti himu. Gargaarsichi garuu nabira osoo hinga’iin karaatti hafa. Miidiyaaleen tokko tokko gaaffiifi deebii naaf godhu. Qaama dhimmi ilaallatu biraan geenya jedhanis qaamni mootummaa tokko illee na yaadatee hinbeeku.

Bariisaa: Dhumarratti maal dhaamtuu?

Ajajaa Shantamaa: Ani wantiin dhaamu yoo jiraate, ispoortii fardaa kana guddisuufi babal’isuuf naannoolee fardeen bal’inaan itti argaman, keessumaa naannoo Oromiyaa keessa deemuudhaan dargaggoota dandeettii qaban leenjisuun cimsuu barbaachisaadha.

Akkan hubadheetti yeroo ammaa leenjistonni baay’een hinjiran. Ispoortii kana guddisuuf fardi qofti bu’aa wayituu hinfidu, nama leenji’e horachuun dirqama. Kana ta’uu baannaan ispoortiin kun itti fufu hindanda’u.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Suurri Iyyoob Tafarii

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

490 Comments to “Ajajaa Shantamaa Baqqalaa: Abbaa waancaawwan 259fi meedaaliyaawwan 270”

  1. Pingback: article
  2. пин ап казино вход [url=http://1winindia.tech/#]пин ап[/url] пин ап казино

  3. пин ап официальный сайт [url=https://1winci.icu/#]пин ап[/url] пинап зеркало

  4. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican border pharmacies shipping to usa[/url] buying prescription drugs in mexico online

  5. Пин Ап Казино Официальный Сайт в России [url=http://pinupzerkalo.fun/#]pin up zerkalo[/url] пин ап зеркало

  6. ed treatment options [url=http://pharm24.pro/#]low cost pharmacy[/url] erectile dysfunction drugs

  7. mexican online pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] buying prescription drugs in mexico online

  8. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexican pharmaceuticals online

  9. canadian online drugstore [url=http://pharm24.pro/#]cheap drugs online[/url] best ed treatment

  10. online pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]indian pharmacy purchase online[/url] indian pharmacy online

  11. buy prescription drugs from india [url=https://indianpharm24.pro/#]indian pharmacy purchase online[/url] indian pharmacy paypal

  12. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy international[/url] online shopping pharmacy india

  13. viagra without a doctor prescription [url=http://pharm24.pro/#]cheap medication[/url] ed vacuum pump

  14. cheapest Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]buy gabapentin online[/url] GabaPharm Gabapentin

  15. male ed pills [url=http://canadiandrugsgate.com/#]Canadian pharmacy online[/url] drugs that cause ed

  16. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexican drugstore online[/url] best online pharmacies in mexico

  17. buying prescription drugs in mexico [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexicanpharmgate.com[/url] buying prescription drugs in mexico online

  18. buy amoxicillin without prescription [url=https://amoxilcompharm.com/#]cheap amoxil[/url] amoxicillin 500mg buy online uk

  19. amoxicillin 875 mg tablet [url=http://amoxilcompharm.com/#]amoxil[/url] where can i buy amoxicillin online

  20. generic clomid without a prescription [url=https://clomidrexpharm.com/#]clomid rex pharm[/url] get cheap clomid without insurance

  21. minocycline 50 mg acne [url=https://iverfast.com/#]buy Ivermectin online[/url] stromectol without prescription

  22. cytotec buy online usa [url=http://cytpremium.com/#]cheapest cytotec[/url] buy cytotec online fast delivery

  23. pinup-kazi.kz [url=http://pinup-kazi.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] пин ап казино

  24. вавада казино [url=https://vavada-kazi.ru/#]vavada-kazi.ru[/url] вавада казино онлайн

  25. erectyle dysfunction [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadianpharm1st.com[/url] cure for ed

  26. https://clomid.store/# how to buy clomid price
    can i get generic clomid without prescription [url=https://clomid.store/#]where buy clomid without a prescription[/url] where to buy cheap clomid prices

  27. slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  28. dГјnyanД±n en iyi bahis siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]eski oyunlarД± oynama sitesi[/url] ilk giriЕџte bonus veren bahis siteleri

  29. kaçak bahis siteleri bonus veren [url=http://casinositeleri2025.pro/#]pacanele online[/url] video siteleri listesi

  30. slot oyunlar? [url=https://slottr.top/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  31. casД±no [url=https://casinositeleri2025.pro/#]deneme bonusu veren bahis siteleri 2025[/url] bet turkiye

  32. Г§evrim ЕџartsД±z deneme bonusu veren siteler 2025 [url=http://casinositeleri2025.pro/#]lisanslД± kumar siteleri[/url] deneme veren siteler

  33. пин ап казино официальный сайт [url=http://pinup2025.com/#]пин ап вход[/url] пин ап зеркало

  34. slot oyunlar? puf noktalar? [url=https://slottr.top/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] slot oyunlar?

  35. bet siteler [url=http://casinositeleri2025.pro/#]casinomaxi[/url] gerçek paralı casino oyunları

  36. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharmi.com/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] mexican pharmaceuticals online

  37. indian pharmacy [url=http://indiapharmi.com/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] india online pharmacy

  38. buy medicines online in india [url=https://indiapharmi.com/#]India pharmacy delivery[/url] pharmacy website india

  39. purple pharmacy mexico price list [url=https://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacy ship to usa[/url] buying from online mexican pharmacy

  40. drugs to treat ed [url=http://canadianpharmi.com/#]Canada pharmacy online[/url] ed and diabetes

  41. sexual dysfunction in men [url=http://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy[/url] natural pills for ed

  42. buy prescription drugs from india [url=https://indiapharmi.com/#]India online pharmacy international shipping[/url] top 10 pharmacies in india

  43. can i order cheap clomid pill [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] can i order cheap clomid pills

  44. order prednisone with mastercard debit [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone daily

  45. amoxicillin 500 coupon [url=http://amoxstar.com/#]AmoxStar[/url] amoxicillin 500mg prescription

  46. buy prednisone without a prescription best price [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone uk

  47. buy amoxicillin online without prescription [url=https://amoxstar.com/#]AmoxStar[/url] prescription for amoxicillin

  48. where to buy cipro online [url=https://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] ciprofloxacin

  49. where to get prednisone [url=https://prednibest.com/#]buying prednisone without prescription[/url] online prednisone

  50. no prescription prednisone canadian pharmacy [url=http://prednibest.com/#]PredniBest[/url] prednisone 5mg over the counter

  51. prednisone 5 mg tablet without a prescription [url=https://prednibest.com/#]prednisone price south africa[/url] prednisone 5 50mg tablet price

  52. buy cipro cheap [url=https://cipharmdelivery.com/#]п»їcipro generic[/url] ciprofloxacin mail online

  53. how to get cheap clomid prices [url=https://clomidonpharm.com/#]clomid on pharm[/url] how to get generic clomid price

  54. can i purchase prednisone without a prescription [url=http://prednibest.com/#]50 mg prednisone from canada[/url] prednisone online for sale

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *