

Haa ga’u qopheessitoota Gaazexaa Bariisaatiif
Duraan dursee nagaa teenya kan onneerraa buqqaate isinii dhiheessina. Kanumattillee aansinee wanna kanaa gadii bo’oo xalayaarratti akka nuu barreessitan (katabdan) isin gaafanna.
Waggaa lamaa asitti kan barreeffamtee baatu odeeysituun Bariisaa bu’aa warraaqsa keenyaati. Bu’aa warraaqsa keenyaa kan taate Bariisaa akka qaroo ija keenyaatti eegganna.
Bariisaa darberratti akkuma ibsametti baay’innisaa kuma 20 irraa gara kuma saddeetitti bu’ee jira. Kunis kan beeksisu gaazexaan keenya diina baay’ee horachushiiti. Diina walqixxummaa kan ta’an birokraatonni shoovanistoonniifi taarikaafi aadaa abbaa isaanii qarshiitti kan gurguran Goobanoonni harka walqabatanii gaazexaa keenya balleessuuf hidhatanii ka’aniiru. Hundi keenya akkuma beeknu karaan isaan afaan keenya balleessuu fedhan keessaa gariin Bariisaa hidhaa birokraasiitiin rakkisuu hoo ta’u, karaa biraatiin ammoo Goobanoonni piroppaagaandaa gadhee irratti gochaa jiru.
Piroppaagaandaasaanii keessaayis yartuun Bariisaa afaan Arsiiti, Baaleeti, Harargeeti, Wallaggaati, Shawaati, wkf jechuudhaan ummata Oromoo (region)dhaan, ona onaan wallolochiisuu fedhu. Haa ta’u malee Arsiin eenyu? Harargeen eenyu? Wallaggi eenyu? Baaleen eenyu? Shawaanis eenyu? Oromoon bakka kana jiran hundi afaansaanii garagara (different) jechuudhaa?
Egaa Oromoon bulchaa kudhan keessa jiru hundi afaan kudhan haasa’a jechuudhaa? Dhugaatti yoo haasofne dabree dabree sagaleen haaraan jira. Afaan Oromoo isa eega ittiin katabamuutti ka’ee waggaa lama hinguutiin (innumtuu fidala Gi’iziitiin) hafnaan (dhiisnaan) Afaan Amaaraa kan waggaa dhibba tokko ittiin katabamee haasa’ameyyuu bulchaa garagaraatti garaa garummaa qaba. Karaa biraatiin ammoo waa’ee aadaa keenyaafi walqixxooma afaan keenyaa yoo haasoyne dhiphummaadha(narrow) nuun jedhu. Kunis opportunistummaa(Goobanummaa) agarsiisa malee walqixxummaaf haasayuun(warraaquun) dhiphaa hinjechisiisu. Kanaafis Oromoonni bulchaa adda addaa keessa jirru hunduu ariitiidhaan walbarannee odoo gargar hinbayin walii wajjin diiina keenya balleessuutu nurra jiraata.
Warri gargar nu baasuu barbaadummoo saba bal’aa duratti hintagaalaxxi (ifa baati). Dhumarrattis tarkaanfattoonni hunduu Goobanootaafi shoovanistoota balleessuuf warraaqsa keenya itti haa fufnu (continue) Bariisaan bu’aa warraaqsa keenyaa wanna taateef bara baraan haa jiraattu!
Goobanaan haa badu!
Dhugaan ifa baati!
Shoovanistoonnis hingubatti!
Afaan Oromoo haa lalisu!
Dargaggoota mandara Bishooftuu
Diina Afaan Oromoo hinmaartu
(Bariisaa Caamsaa 18, bara 1969)
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
I think this is one of the most vital info for me.
And i’m glad reading your article. But should remark on some general things, The site style is ideal, the articles is really great :
D. Good job, cheers
Hi there! I could have sworn I’ve visited this web site before but after looking at a few of
the posts I realized it’s new to me. Nonetheless, I’m definitely delighted I found it and I’ll be bookmarking it and checking back frequently!
I love your blog.. very nice colors & theme. Did you
make this website yourself or did you hire someone to do it for you?
Plz reply as I’m looking to design my own blog and would like to
find out where u got this from. thanks