
Dubartii mana barumsaatti abukaatoo barattootaa taatee falmaa turte har’a iddoo gaafa ijoollee taatee yaaddu sanatti argamte.
Haadha seeraa Godinarraa hanga hoggantuu Biiroolee gara garaatti, dhaabbilee miti mootummaatii hanga hoggansa waajjiraalee sadarkaa federaalaatti dubartii cimtuu fakkeenya dubartootaa Aaddee Bileen Asraat.
Dubartiin baadiyyaan Oromiyaa biyya kanaaf arjoome tun yeroo carraan barnootaa baay’ee dhiphaa ta’eefi keessattuu dubartootaaf ulfaatina dachaa qabu sanatti dubartii gufuu hunda dabartee milkaa’ina har’aa irra qaqqabdeedha.
Nutis nama muuxannoo hojii gabbataa qabuufi adeemsi isaanii dubartoota hedduuf fakkeenyummaa qabu kana Keessummaa Bariisaa torban kanaa taasifanneerra. Guutummaa gaafiifi deebii isaan waliin taasifnes akka armaan gadiitti dhiheessineerra.
Bariisaa: Mee dubbiftoota keenyaan wal haa barru; maqaa keessan, eessatti akka dhalataniifi barattan nuuf ibsaa
Aadde Bileen: Maqaan koo Bileen Asraat jedhama. Dhaladhee kanin guddadhe Godina, Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Bachootti yommuu ta’u, barumsas kutaa tokko hanga saddeetii kanan baradhe Mana barumsaa Asgorii jedhamutti. Sadarkaa 2ffaa immoo naannawaa sana waan hinturreef iddoo biraa deemuun dirqama waan tureef anis gara magaalaa Sabbataatti imaluudhaan achitti baradhe.
Akkuma mana barumsaa sadarkaa 2ffaa xumureenis qabxii yunvarsiitii itti seenu waanin argadheef gosuma barnootaafi yunvarsiitiin ani filadhe naaf eegamee ogummaa seeraa barachuuf bara 1996 yunvarsiitii Jimmaa seene.
Turtii waggoota shaniin booda immoo barumsa yunvarsiitii akkuman xumureen digrii jalqabaa fudhee Godina Harargee Bahaa Magaalaa, Hararitti haadha seeraa ta’ee, tokko jechuun hojii eegale.
Sana booda immoo Biiroo Haqaa Oromiyaatti hanga sadarkaa haadha alangee walii galaa ta’uutti tajaajileera. Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii akkasumas, Biiroo Maayikiroo Intarpiraayizii Xixiqqaatti sadarkaa hoggantuufi ittaantuutti tajaajileera.
Gama biraatiinis Biiroo Misooma Daldaalaattis sadarkaa hoggansaa irra hojjachaa turuudhaan walumaagalatti, hanga bara 2007 biirolee Oromiyaa garagaraatti ergan hojjadheen booda bara 2007tti gara Federeeshiinii Dubartoota Itoophiyaatti makame.
Achittis Daarektara Olaantuu ta’uun tajaajilan ture. Sana booda immoo gara dhaabbata miti mootummaa Tiraanispaarensii Itoophiyaa jedhamutti makamee Ofiisara Kominikeeshiinii ta’uun tajaajileera.
Sana booda immoo gara dhaabbata amma hogganaa jiru Fooramii Jaarmiyaalee Hawaasa Siiviikii Itoophiyaatti Daarektara Olaantuu ta’een hojjetaa jira.
Kanneen gidduuttis barnoota digirii lammaffaaf gara Chaayinaa deemuun gosa barnootaa Intarnaashinaal Ikoonoomik Loow baradheen deebi’e. ittaansuunis biyyuma keessatti digirii lammaffaa biraa Bizinasi Administireshiniin baradhe.
Bariisaa: Mee hawwiin keessan kan ijoollummaa maalture? Ogeessa seeraa ta’uu yaaddanii beektuu?
Aadde Bileen: Ijoollummaa kiyyatti hanga gaafa kutaa 6ffaa gahuu waanin hawwaa ture barsiistuu ta’uu ture. Sababni barsiiftuu ta’uu hawwaa tureef yeroo sanatti barsiiftuukoo hedduu jaaladhu takkatu ture waan ta’eef anis gaafa barumsa xumure akkashee barsiiftuu ta’ee daa’imman barsiisuudhaaf hawwaan ture.
Boodarra garuu akkuma umriifi barumsaanis dabalaa adeemuun hawwiin koos geeddaramaa dhufe. Achumaanis siyaasaafi seerri keessa kootti hawwii uumaa dhufe. Kunis sababa mataasaa kan qabu ture. Barsiisaan kutaa 8ffaafi 9ffatti na barsiise saayinsii hawaasaa kana sirritti nu barsiisa ture. Keessattuu waa’ee siyaasa biyyaafi qaawwaan siyaasni biyya keenyaa qabu irratti akkasumas seeraanis wal qabatee wanti inni nu barsiisu hedduu natti tolaa waan dhufeef anis fedhii kana waliin guddadhe.
Anis immoo barattuu ta’ee rakkooleefi dhiibbaa barattootaa irra gahaan keessattuu dubartoota irra gahan irratti bakka bu’ee mormaafii ture. Sababuma kanaan namootni hedduus barsiistota dabalatee “mucayyoon tun seera osoo barattee” naan jechaa turan. Kunis keessoo kiyyatti hawwii kana naaf cimseera.
Hawwiikoo isa duraa barsiistummaa akka hinbaranneef immoo haatiifi abbaan koo barsiisoota waan turaniif barsiistuun akkan ta’u waan fedhii qaban natti hinfakkaatu. Sababni isaa haatiikoo booda keessa hojii dhaabdee ijoollee guddisutti waan seenteef miindaa abbaa kootiin qofa ijoollee saddeet guddisuun hangam akka ulfaatu argaa dhufuun koos jijjiirama hawwiikoo ganamaatiif sababa ta’eera.
Bariisaa: Mirga ofii falmachuun daa’imummaarraa kaasee kan isinirratti mul’atu ture jechuudhaa?
Aadde Bileen: Eeyyee, ijoollummaadhumaa kaasee wantoota akkuma jiranitti fudhachuurra “maaliif, akkamitti” jedhee qoreen ilaala. Kanarraan ani maatiikoof mucaa lammataa ta’us obboleessikoo hangafti nu biratti waan hinguddanneef akka hangafaatti kan ilaalamu ana. Kanaaf maatii keessatti yeroo baay’ee yaadni ani kaasu fudhatama qaba ture. Kun har’akoof bu’uura naa ta’eera.
Bariisaa: Mee bu’aa ba’ii keessa dabartan keessatti rakkoon hanga ammaatti hindaganne ykn karoora koorraa na hanbisuuf ture jettanii kaastan jiraa?
Aadde Bileen: Kanin dhaladhe baadiyyatti ta’uunsaa rakkoolee hedduu keessa akkan darbu na dirqamsiiseera. Keessattuu yeroo sanatti ijoolleen naannawaa keenyaa barumsaan iddoo guddaa ga’an jiraachuu dhabuun namni ati fuuldura keetti ilaalaa abdii horattu hinjiraatu. Garuu dubartiin naannawa keenyaa yeroo sana kolleejjii barattee barsiistuu taate takka fakkeenya naaf taatee jirti.
Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa naannawaa keenya waan hinturreef, maatii irraa kiilomeetira 50 fagaatanii barachuun sanuu umrii waggaa 14 ykn 15 hincaalleetti rakkisaa ture. Keessattuu dubartii ta’uun immoo rakkoo dabalataati. Kun immoo anaafis ta’ee maatiikoof cinqii guddaa ture. Sanarratti immoo mana kireeffattee nyaata ofii qopheeffattee waan hunda guuttachuun hedduu rakkisaa ture.
Inni biraa immoo yeroo sanatti gaaffiin gaa’ilaa hedduminaan waan dhihaataa tureefis sunis qormaata guddaa ture. Maatiinkoo garuu kutannoo barumsaaf qabanirraa ka’uudhaan gaaffiiwwan kanneen fashaleessaniiru.
Bariisaa : Wanti isin akka cimina addaakooti jettanii yaaddan hoo maali?
Aadde Bileen: Ani dhalootuma kootiin dubartoota kaawwan irraa amala adda na taasisu qaban ture. Hunda caalaa immoo ofitti amanamummaan koo kan warroota dhiiraatiin kan wal madaalu ture. Dhibbaa hiriyyootaatiif hinjilbeeffadhun ture.
Nan yaadadhaa barattoota yeroo sana waliin qormaata kutaa 12ffaa fudhanne 34 keessaa qabxii seensa yunvarsitii kan arganne namoota sadii qofa turre. Jara sadan keessaa immoo dubartiin ana qofa turte. Kanaaf inni kunis cimina koo agarsiisa jedheen yaada.
Gorsi maatii kiyyaas keessoo kootti ciminni kun akka uumamuuf shoora guddaa taphateera. Dubartiin barachuu qabdii, yoo baratte malee nama ta’uu hindandeessu karatti hafti jechaa maatiinkoo na gorsaa turan. Ofii barsiisoota waan turaniif wanti nu dhaalchisuu danda’an barumsa qofa akka ta’e natti himaa na guddisan.
Bariisaa: Gara hoggansaatti erga dhuftanii boodawoo akkami, dubartummaafi gaggeessummaan yeroo tokkotti hinulfaatuu?
Aadde Bileen: Gaggeessummaafi maatii bulchuun keessattuu dubartii taatee ulfaachuunsaa waan hinoolle. Ani akka carraa akkuman barnoota koo digirii jalqabaa xumureen dafee heerumeen mana dhaabbadhe. Garuu dubartiin dhalootumaan dandeettii yeroo tokkotti itti gaafatamummaa dachaa baachuu waan qabduuf hangas mara miti.
Anis gaafa jalqaba gara gaggeessummaatti dhufetti xiqqoo rakkadheen ture. Yeroo sanatti warroota sadarkaa sanarra turan keessaa umriin xiqqoon ana waan turteef hiriyyaa hinqabu.
Garuu dubartootni akka Aadde Adaanach Abeebee, Aadde Mufariyaat, Aadde Raabiyaafi kanneen biroo garuu ofitti na dhiheessanii akka waliin hojjannu na jajjabeessaa turan.
Kanaan alattis haalli guddisa kootiif rakkoo kana hunda akka dandamadhuuf na gargaareera. Maatii keessatti akka mucaa hangafaatti waan ilaallamuuf hojiiwwan hedduu hojjechaan guddadhe. Kanaaf dubartummaafi gaggeessummaan yeroo tokkotti ulfaataa ta’us haalootni kunniin na gargaaraniiru.
Bariisaa : Mee haalli maatii keessanii immoo maal fakkaata?
Aadde Bileen: Akkuma dura eere, ani maatii kanin godhadhe akkuma eebbifamee ba’eeni. Yeroo ammaa haadha ijoollee dhiiraa lamaati jechuudha.
Bariisaa: Dubartiin gara hoggansaatti gaafa dhuftu, daran waan ko’ammattuf golashee hinbeektu, maatiifi hawaasarraas ni fagaatti jedhama, kana akkamiin ilaaltu.
Aadde Bileen: Inni soba. Dubartoota ciccimoo baay’ee fudhattee yoo ilaalte, hojiisaanii hanga halkaniitti waajjira turanii hojjetu. Achii manatti galanii maatiisaaniif yeroo kennu. Keessumaa daa’imman isaanii barnootarratti ni hordofu. Golasaanii darbanii ilaalanii waan hir’ate guutu ykn sirreessu. Hojii booriitif ammo qophii biraa taasisu. Kana biraan jireenyi hawaasummaa ni jira, achis jiru; kanaaf kun hamii sobaati.
Bariisaa: Maatiin keessan har’a keessan yommuu argan maal jedhu? Obbolaa keessan keessaawoo daandii keessan kan qabate hinjiruu?
Aadde Bileen: Maatiin koo baay’ee gammadoodha. Obboleewwan koo keessaa dubartoonni lamaan barataniiru, manas qabataniiru. Waliigala mana keenya keessa hundumtuu digirii jalqabaa qaba. Kanneen keessa afur; dhiirri lamaafi dubarri lama digirii lammaffaa qabanneerra.
Dhiibbaan kiyyaa hanga dhaqee gosa barnootaa ani baradhe baratanitti illee kan qaqqabsiise jiru. Obboleessi koo natti aanuu digiriisaa lamaan seera barate. Inni isatti aanummoo digiriin lammaffaansaa seera.
Bariisaa: Karoorri keessan gara fuula duraa maali?
Aadde Bileen: Ani iddoon yeroo ammaa gahee jirutti gammadduudha. Garuu jireenyi biyya lafaa kun kan hinguutamne waan ta’eef wanti na ga’eera jettee teessuuf hinjiraatu.
Ammas kaayyoon koo barnoota kootiin caalaatti itti fufuu akkasumas, hanga sadarkaa dhaabbilee idil addunyaa hogganu ga’uuf yaadan qaba.
Bariisaa: Mee waa’ee bakka amma hogganaa jirtan kanaa haa kaasnu. Jaarmiyaalee Hawaasa Siiviikii innumti jedhu maali?
Aadde Bileen: Jaarmiyaalee hawaasaa kan jedhaman qaama mootummaa ykn siyaasaa kan hintaane, fedhii namoota dhuunfaa ijaaramanii mirgasaanii eegsifachuuf akkasumas, bakka dirqamasaanii barachuuf itti qabsa’anidha
Seenaan jaarmiyaalee hawaasaa kun bara 1960ta keessa jalqabee seenaa baay’ee keessa darbe. Yeroos inni ture keessumaa beela yeroos mudate wajjiin walqabatee deggarsa namummaa taasisuun kan eegaledha. Sirna mootummaa Haayilasilaassee keessa waldaaleen hawaasaa turan sadi qofaadha. Isaanis fedhii hawaasichaa osoo hin taane kan warra aangoo irra jiranii qofa eegsisu turan.
Bara sirna dargiitti immoo waldaaleen kun gara waldaalee lama qofaatti gadi bu’anii, isaanis dargaggeessi gara dirree waraanaatti akka bobba’uuf kakaasuu bira waan darbe wanti isaan hawaasa walii gala biyyattiitiif hojjatan hin turre.
Seenaa waldaalee hawaasaa biyya kanaa keessatti barri hedduu itti babal’atan bara 1983 ture. Kunis jijjiirama sirnaatiin kan wal qabatu ture.
Waldaaleen jijjiirraa sirnaa booda biyyattii keessatti babal’atan kunniin garuu hojii hawaasaa irra kan turan hanga filannoo bara 1997 qofatti ture.
Sababnisaas, yeroo filannoo sanitti waldaaleen hawaasaa kunniin dubartootaaf, dargaggootaafi kutaalee hawaasaa garaa garaatiif hojii hubannoo bal’inaan uumuu, keessattuu dhimma filannootiin wal qabatee bal’inaan hojjachaa turan, namni mirgasaa akka gaafatu, akka falmatu, filanicharratti dammaqinaan akka hirmaatu taasisaa turuusaaniiti.
Kanarraa kan ka’e adeemsi filannoo bara sanaa gaarii kan ture yemmuu ta’u bu’aan filannichaa garuu rakkoo uumeera.
Jabaachuu waldaalee hawaasaa kaneeniitti hedduu kan aree sirnichi, yeroo sana kaasee haala waldaaleen kunniin itti dadhaban irratti hojjachuu eegale. Keessattuu labsiin waldaalee hawaasaa 621/2001 bahe sun waldaalee kanniin leenca ilkaan hinqabne taasiseera. Sababa labsii kanaatiinis dhaabbileen hedduu diiggamaafi hojii dhaabaa dhufan.
Rakkoolee labsiin kun qabatee dhufe keessaa immoo, dhaabbileen kunniin maallaqa hojiif oolu alaa argachuu dadhabuudha. Kun immoo sochiin hojii akka hin jirre taasisa.
Qabsoo dargaggoonni biyyattii waggoota darabanitti taasisaa turaniin jijjiiramni siyaasa biyyattii keessatti dhufe kun garuu waldaalee kanaafis carraa gaarii uumeera. Labsiin waldaalee hawaasaa hidhee qabee ture sunis bara darberraa eegalee furamuudhaan dhaabbileen kunniin gara hojiitti deebi’aniiru.
Yeroo labsiin hidhaan ture sanatti ummanni bakkuma itti afuura baafatus dhabee iddoowwan ayyaana amantiifi aadaatti carraa argameen mormii dhaggeessifataa tures yeroo ammaa gara kallattii sirriitti deebi’aa jira.
Ergamniifi kaayyoon waldaalee kanaas paartii siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’uun hojii dagaagina dimokraasii keessatti ga’eesaanii bahachuu yoo ta’u haala kanaanis hojjetaa jiru. Kanaaf biyya kanatti waldaaleen hawaasaa gaazexaa irratti labsaman hundi miseensota keenya jechuudha.
Bariisaa: Miseensotni keessan hangam ta’u laata?
Aadde Bileen: Akka walii galaatti waldaaleen hawaasaa biyyattii keessa jiru jedhamanii yaadaman kuma afuri, kanneen keessaa garuu haala labsii haaraa kanaan kan galmaa’an kuma tokkofi 500 qofaadha.
Carraa kanaan waldaaleen hanga ammaatti dhufanii hingalmaa’in akka galmaa’aniif ergaakoo dabarfachuu barbaada.
Bariisaa: Filannoo baranaa akka taajjabdan dhageenyeerra, mee qophiin filannichaaf qabdan maal fakkaata?
Aadde Bileen: Akka carraa ta’ee filannoo Rifirandamii Sidaamaa dhiheenya gaggeeffamerratti hirmaannee achirraas muuxannoo hedduu fudhanneera. Amma filannoo taajjabuu qofa osoo hintaane, osoo guyyaan sun hinga’iin ummanni dammaqinaan ba’ee akka hirmaatuuf kaka’uumsa uumuu, akka galmaa’u, kaardiin filannichaa bu’aa guddaa akka qabu, miiraan osoo hintaane nama isaaniif ta’u qalbiin akka yaadaniif hojii heddu hojjanna.
Keessattuu warra yeroo jalqabaatiif filataniif (dargaggoota waggoo 18)f hubannoo guddaa uumuuf karoorfanneerra. Akka durii filannorratti anatu siif beekaan hin jiraatu. Hunduu isa itti amaneefi naaf ta’a jedhe qofaa filata.
Paartilee siyaasaa hundaaf waltajjii marii uumuudhaan akka sagantaasaanii beeksifatan gochuufis yaadneerra. Kun immoo eenyu maal akka ta’e ummanni akka hubatuuf gargaara. Duula “na filadhaa” keessattis mirgootni namoomaafi dimokraasii akka hinsarbaneef hubannoo ni uumna ni hordofnas.
Bariisaa: Iddoowwan filataman muraasatti moo guutuu biyyatti taajjabdu?
Aadde Bileen: Nuti Finfinnee qofa osoo hintaane naannoolee saglanittii miseensota qabna waan ta’eef, miseensotni hundi iddoo jiranitti hojii walfakkaataa kana kan hojjatan ta’a. Naannolee hundatti afaanuma hojiisaaniitiin baruumsiifi hojiin hubannoo uumuu hundi kennama.
Kana qofa osoo hintaane, filannichi qaamolee hawaasaa hunda akka hirmaachisuuf warroota qaro dhabeeyyiifi gurraan hindhageenyes filannoo kanarratti hirmaachisuuf haalootni mijaa’aa jiru.
Bariisaa: Yeroo baay’ee waajjirri keessaan siyaasarraa bilisaa miti jedhama, kanaaf amantaan isin paartilee morkattootaa biratti qabdan maal fakkaata?
Aadde Bileen: Akkuma jette hamiin akkasii jira. Nuti amma hamiin kun soba ta’uusaa hojii qofaadhaan agarsiisuu barbaanna. Aantummaan keenyas haqa, dimokraasiifi ummata bal’aa qofaaf ta’a malee paartii kamiifuu miti.
Dur dur haalli kun paartii biyya bulchus ta’ee morkattoota irratti hirkachuunsaa ni mul’ata ture; yeroo ammaa kanatti garuu seenaa ta’ee darbeera. Kun akka hintaaneef immoo hojmaata cimaa baafanneeti kan hojitti galle, qaamni ergama kana cabsee tokkoof loogu yoo jiraates haalli itti gaafatamuu ni jiraata.
Bariisaa: Warra biyya bulchus taanaan irratti qabsaa’uuf qophii qabdu jechuudhaa?
Aadde Bileen: Sirriitti, qophiidha. Qabsoon keenya qara lama qaba inni tokko gara paartii biyya bulchu ykn mootummaatti yemmuu ta’u, inni kuun immoo morkattootarratti. Kanaaf nuuf jarri hunduu wal qixa.
Bariisaa: Filannoo baranaatiif sodaa ykn yaaddoon gama keessaniin qabdan jiraa?
Aadde Bileen: Haalli nageenyaa iddoo tokko tokkotti jiru nu yaachisa. Kunis haala kana keessatti ummanni bilisaan ba’ee filachuu danda’aa gaaffii jedhu kaasuu danda’a.
Yaaddoon biroo immoo, yeroon filannichaas gannatti achi dheerachuuf yaadamuusaatiin walqabatee dhaabbileen rooba keessa haala barbaadaniin socho’uufi ummannis bal’inaan bahee filannicharratti hirmaachuu danda’aa inni jedhus nu yaachisa.
Kan ta’uu qabu garuu, qaamota dhimmi ilaalu hunda hirmaachisuudhaan mariin gaggeeffamee murtee walootiin guyyaan filannichaa kun sirraa’uu danda’a yaada jedhuun qaba.
Sodaan biraa immoo lakkofsi ummataa yeroosaa keessatti gaggeeffamuu dhabuusaatiin baay’ina ummata buufata tokko irratti galmaa’uu qabuu irrattii rakkoo uumuu danda’a.
Fknf Rifirandamii Sidaamaa irrattis maaltu nu qunname seeta? Buufata filannoo tokkotti namni galmaa’uu qabu kumaafi 500 ta’ee osoo jiruu, buufata tokkotti hanga namoota kuma afuriitti galmeessuun mul’ateera. Kanaaf ammas wanti sun mul’achuu danda’a yaaddoo jedhutu jira.
Bariisaa: Waajjirri keessan dhimmoota kanarratti boordichaafi paartilee waliin waan dubbate qabaa?
Aadde Bileen: Qaamolee dhimmi ilaalu hunda waliin marii eegallee jirra garuu gadi fageenyaan miti. Kanaaf ji’oottan ittaananitti hojiin keenya inni guddaan dhimmootuma kanneen ta’u jechuudha.
Bariisaa: Dhumarratti filannichaan walqabatee dhaamsa yoo qabaattan?
Aadde Bileen: Dhaamsi guddaan dargaggootniifi dubartootni meeshaa paartii kamiyyuu ta’uu hinqaban. Miira keessaa ba’uudhaan warra deggaraniifi hindeggarre sagalee qofaan adda baasuu qabu.
Nageenya kabachiisuu irrattis dargaggootni dammaqinaan hirmaachuu qabu. Qaamota nageenya booressan dabarsanii kennuufi dirqama lammummaasanii guutummaan filannoo kanarratti mirkaneessutu isaanirraa eeggama.
Hawaasni hundi filannichi bifa nagaafi tasgabbii qabuun akka gaggeeffamuufis hunduu ga’eesaa bahachuu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
16 Comments to ““Taajjabbii filannoorratti qaamni ergama cabse yoo jiraate itti gaafatama” -Aadde Bileen Asraat”