Kutaa 2fa
Dubbistootaa, maxxansa keenya torban darbeetiin mataduree kana jalatti Itoophiyaan dachee sabaafi sablammii, haadha amantiilee kumaatamaa, deessuu aadaafi duudhaalee garagaraa ta’uushii ka’umsa godhachuun waan amantii fakkaatee deemaa jirurratti taajjabne isin dubbisiisnee irraa bulfachuun keenya ni yaadatama. Kutaa 2fafi xumurrisaas kunooti.
Kanamalees mirga sabaafi sablammii amantii walfakkaatu hordofu kan dhiibuufi diigamni guddaa amantii keessatti akka dhalatuufi nageenyi akka boora’u waan godhuuf mootummaan dammaqee olaantummaa seeraa kabachiisuu qaba.
Magaalaa guddoo biyyattii teessoo mootummaa taate keessatti mootummaan hinjiru hanga jedhamutti alaabaa biyyaa dhiigaafi lafee qabsaa’otaan argame busheessuun; alaabaa sirna fiiwudaalizimii calaqqisiisu dhaabbileen mootummaa osoo hinhafin addabaabaayiiwwan irratti fannisuun kun Itoophiyaanota hedduu mufachiiseera.Kanaa wajjin walqabatee bakkeewwan garagaraatti walitti bu’iinsi uumamee gaaga’amni qaqqabes tokko lama miti.
Hanga harcaatonni sirna fiiwudaalizmii hundeedhaan hinbuqqaanetti nageenyaafi aadaa waldanda’uu sabootaafi sablammoota Itoophiyaa mirkaneessuuf yaaduun hindandahamu.
Faarfannaan manneen amantii siyaasa, uffannaan amantii siyaasa, mallattoofi asxaan amantii siyaasa ta’etti namni ykn amantiin kamuu sodaa Waaqaafi safuu beeka jedhanii yaaduun gaaffiidha.
Siyaasa barbaadan hordofuun mirga ta’us maqaa amanttiitiin sabaafi sablammoota birootti fe’uuf yaaliin taasifamu seermaleessummaa gadhiisii ta’eefi hordoffii olaantummaa seeraa dhabe waan ta’eef callisni mootummaa ammas gaaffii ummata bal’aa ta’aa jira.
Wanni ajaa’ibsiisaa biroon alaabaan Minilik manneen amantii Ortodoksiin alatti bakka masjiidotatti maxxansuuf yaaliin taasifame walqixxummaa amantii kan diiguudha.
Dirreen amantii garagaraa jiraatus asxaa amantii biraa kan nama biroorratti fe’uuf yaaluun seermaleessummaa dafee sirrachuu qabudha.
Kunuu ayyaana cuuphaa ‘UNESCO’tti galmeessisuuf sosochii taasifame keessatti alaabaa Minilikiin alaabaan kana, Itoophiyaan tokko jechaa saba biroorratti fe’uuf aggaammii warraaqsi harcaatotaan taasifamu kun hammam deeggarama laata?
Siyaasaafi amantii fedhan hordofuun akkuma jirutti ta’ee miira ofii saba biroorratti fe’uuf yaaluun, maqaa amantiitiin lallabni siyaasaa gaggeeffamu dhaabachuu qaba. Isa kana dhugoomsuufimmoo mootummaan aangoorra jiru imaanaa hawaasni itti kenne bahachuun irraa eegama.
Keessumaa abbootiin amantii kaabbaa amantii, gonfoo amantii, macaafa kakuu, gabatee kakuu baatan, siyaasa bobaa jalatti baatanii deeman buusanii dhaabbata amantii sanaaf akka jiraataniif karaa amantii kadhatni karaa mootummaammoo adabni arjoomamuufii qaba.
Kun hanga hintaanetti harka tokkoon fannoo baachaafi faannoo faarsaa harka biraatiin ammoo abaarsa baachuun rakkoo nageenyaa naamusni amantii hindeeggarre waan ta’eef of qusachuun barbaachisaadha.
Kun ta’uu baannaan biyya sabaafi sablammiin 83 ol keessa jiraatuufi amantiiwwan gara garaa keessatti heddummaatutti miira waldanda’uufi Itoophiyaa haaraa ijaaruuf yaaliin taasifamu abjuu ta’ee hafa.
“Qiddaaseen jalaa dhumnaan geerarsa (Qarartoo) itti dabale” akkuma jedhamu abbootiin amantii kakuu amantichaa barsiisuuf dhaabatan arrabasaanii lallaba badiisaa irraa qusatanii nagaa buusuuf qalbii diddiirrachuu kan qaban yoo ta’u, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf taa’es daangaa seeraa eegsisuun dirqama qaba.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
8 Comments to “Mataatti gonfoo amantaa bobaatti siyaasa summaawaa”