“Hojiin waan hinjirreef araadatti seenne” – Dargaggoota Magaalaa Jimmaa tokko tokko

“Araada hamaa dargaggoo mogolee buusu kana furuuf hojjetaa jirra”

  • Obbo Makkiyyuu Mohaammad

Guyyaansaa Kamisa; ganama keessaa tilmaamaan sa’aa 4:00 ta’a. Kutaa magaalaa Jimmaa kan taate ganda Bochoo Booreettin imale.Dargaggoonni hedduu bitaafi mirgaan mana jala taa’anii jimaa qama’u. Garee sana keessatti shamarranis ni argamu.  

Ayyaanni jimaa kan kabajamaa jiru fakkaata. Caffeen firfirsameera, jabanaan abiddarra jiru suuta suuta afuura baafata; barbadaa abiddaatu dhumee daaraatti deebi’aa jira.Garaabaan jimaa tuulameeru afaa ciisichaaf qophaa’e fakkaata. Dargaggoonni walakkaan  irreen sibiila boorrajjii fakkaata, kan hafan ammoo qal’atee siinqee dubartootaa fakkaata. Warri irreen sibiila boorrajjii fakkaatu warreen reefu araadatti galan kanneen irreen siinqee fakkaatu warra irra bubbule ta’uu akka hinoolleen tilmaame.Jimaa qama’amuun alatti dhiirriifi dubarri asiifi achiin tamboo aarsu.

Dhimmi kun na ajaa’ibe jennaan itti goreen buna dhugaa haala isaanii kana wayitan gaggaafachuu jalqabu dargaggeessa tokkoon alatti warri kaan maqaafi suurasaanii naaf laachuuf eeyyamamoo hintaane.Kun ta’us haala keessa jiran kanatti akka galaniif sababa kan ta’eef hojidhabdummaa ta’uu kaasu.

Dargaggoo Abdii Abbaa Nagaa barnoota kutaa 10 erga xumuree waggoota lakkoofsiseera. Qabxii qophaa’inatti isa dabarsu dhabuusaan of fooyyessuuf hojii humnaa illee hojjechaa turuu yoo kaasu milkaa’ina quubsaa ta’e dhabuusaatiin araadatti seenuusaa dubbata.

Jimaa qama’uun rakkoo sammuusaa dhiphisu kan isa dagachiisu akka ta’e dargaggoon kun yoo himu, deemsa keessa egeree jireenyasaaf yaaddoo akka ta’ellee kaasa.Jimaa qama’uun yeroof rakkoo nama dagachiisus deemsa keessa miidhaa akkanni qabu bareecheen beeka kan jedhe dargaggoon kun xiyyeeffannoon mootummaan hojidhabdootaaf kennaa jiru laafaadha jedha.

Dargaggoonni hedduu akka magaalattiitti jiran yeroo dabarfannaaf jimaa qama’uu akka filannootti haa fayyadaman malee egeree jireenyasaaniirratti dhiibbaa akka qabu beeku.

Shamarreen nuti dubbisne biroon akka maqaan ishee eeramu hinbarbaanne dhalattuu magaalaa Aggaaroo yoo taatu, yeroo ammaatti hojii barbaacha magaalaa Jimmaa keessa jiraatti.Akka isheen jettutti, hojidhabdummaaf kan sababa ta’ee araadatti ishee geesse ifaajjii hojii argachuuf taasifteen milkaa’u waan dhabdeef abdii kutannaatiin ta’uu himti.

Jireenya gadadoo akkasii keessaa ba’uuf fedhii guddaa akka qabdu eertee, ta’us xiyyeeffannaan damichaaf kenname laafaa ta’uusaa ibsiti.

Dargaggeessi biraa yaada nuuf kenneen bakka oolmaa dhabuun walqabatee harki nyaachuuf uumame waan hojjetee nyaatu yeroo dhabu gara jimaafi tambootti seenuu dubbata.

Kunimmoo furmaata waaraa jireenyaa  waan hintaaneef dargaggootni duubaan dhufanis daandii hinmalle kanatti akka hingorreef gamanumaa irratti hojjetamuu akka qabu ibsa.

Komiin dargaggoota biraa ka’aa jiruufi haalli yeroosaanii itti dabarsaa jiran kun wayita ilaalamu daran yaaddessaafi jiraachuu dhaloota egereef yaaddoo kan ta’udha.Dhaloota ga’umsa qabu, sammuu waa kalaqu, saayinsiifi teknolojiin ga’umsa qabu horachuuf dargaggeessi erga kufee kaasuuf sussukuurra lafa jala jajjabeessuufi cimsuu  barbaachisa.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Makkiyyuu Mahaammad araadni jimaafi tamboo dargaggoota mogolee buusaa jiraachuu dubbatu.Rakkoon kun hiikamuu baannaan dhaloonni biyyaaf utubaa ta’e dhabamuun akka danda’amu kaasu.

Hojiidhabdummaa waliin walqabtee komii dargaggoonni kaasan sirrii ta’uu eeranii, komiisaaniirraa ka’uun carraa hojii uumamu kam keessattiuu karaa iftoominaafi haqummaan guutameen waliin gahuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu dubbatu. Akka fakkeenyaattis, warshaan bunaafi kophee qindeessu akka Jimmaatti ijaaramee jiru dargaggoota kuma tokkoofi 500 oliif carraa hojii yeroo banuusaafi jalqabbii jajjabeessaa ta’uu ibsu.

Kanamalees dargaggoota dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii carraa hojii dhaban 900 ol filuun gara chaayinaatti erguu kan kaasan Obbo Makkiyyuun turtiisaaniin booda Paarkii indastirii Jimmaa keessatti qacaramanii akka hojjetaniif haalli mijataa uumamaa jira.

Jimmi magaalaa misoomaaf mijattuu taateefi xiyyeeffannoo hinargatiin turtedha kan jedhan kantiibichi sochiin ammaan tana jirus fooyyee qabaatuufi magaalattiin waggoota 50 dura warshaa kan qabdu taatus har’a seenaanshii sun ukkaamfamee misoomaan harkifachuusheetiin rakkoon hojii dhabdummaa dafee furamuu dhabuu kaasu.

Biyyattiin giddugala daldala bunaa, dammaafi fuduraalee taatus hanga yaadame tarkaanfattee akka hindeemneef toorri xiyyeeffannoo mootummaa laafaa akka ture himu.Dargaggoonni hedduus hojii dhabuurraa kan ka’e araada hamaaf saaxilamuusaaniifi deggarsa barbaachisu taasisuuf sochiirra jiraachuu ibsu.

Yeroo gabaabaa keessatti rakkoon kun akka hin furamneefimmoo sababa kan ta’e godaansa baadiyaarraa gara magaalaatti taasifamuun walqabatee lakkoofsi hojii dhabeeyyii dabalaa jiraachuu akka ta’e kaasanii, kanarrattis hojiin hubannoo uumuu bal’inaan akka hojjetamu taasifamuusaa addeessu.  

Kanneen gara magaalaa seenan ammoo hanga danda’ametti hojii yeroo garagaraarratti babbaasuusaanii kan himan Obbo Makkiyyuun, keessumaa ijaarsi magaalattiitti babalachaa waan jiruuf gama kanaan carraa bal’aan uumamaa akka jiru himu.

Mootummaanis ta’e abbaan qabeenyaa faayidaa magaalattiirraa argatu qofa giddu galeeffatee hojjetaa turuu kaasanii, kanaanis magaalattiin bifa addaddaan saamamaa turuusheen hanga har’aa boquu ol hinqabanne jedhu.

Yeroo ammaatti garuu toora xiyyeeffannoo taa’een paarkiin indastirii Jimmaa dargaggoota hojidhabeeyyii kumaatamaaf abdii ta’e baasii doolaara Ameerikaa Miliyoona 76n ijaaramuusaa dubbatu.

Akka kantibichi jedhanitti, magaalaan Jimmaa umrii waggaa 200 ol kan lakkoofsistee yoo taatu, baayina ummataa kuma 370 ol of keessatti qabatteetti.Magaalattii keessa saboonniifi  sablammoonni hedduun ni jiraatu.  Ta’us umriinshii qixa guddina agarsiisteettii gaafa madaalamtu ammallee harkifannaan jira. Kana wajjin walqabatee dargaggoonni muraasni of kennanii hojjechuun jijjiiramaa jiraatanis, rakkoon hojidhabdummaa gaaffii furmaata hatattamaa barbaadudha.

Magaalaan Jimmaa yeroo guddachuu qabdu keessaatti osoo hinguddatiin hafuunshii daran jiraattota kan miidhedha kan jedhan Obbo Makkiyyuun dur dur  madda qaroominaa, wiirtuu ogeeyyota kalaqa faayaafi meeshaalee aadaan maqaa qaban biyya keessaafi alatti beekamtii kan horatte turte jedhu.

Ta’us “galagalchoo miilli mataa hooqa” akkuma jedhamu biyyi dur dirree abdiin itti horatamuufi hayyonni keessaa burqan taate kun har’a duubatti deebitee wayita argamtu ilmaan Jimmaafis kufaatii taateetti.Isa kana bakkatti deebisuuf akkasumas, ciminashee ganamaatti deebisuuf mootummaan haaromsaa xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuufi kana keessattis rakkoo dargaggoota hojidhabeeyyii furuun hojii dursaa ta’u kantibichi ni ibsu.

Walumaa galatti dargaggoo biyyaaf utubaa ta’uu danda’u dirree araada balaafamaa mogolee buusee hiyyummaa babal’isu keessaa baasuun tulluu miirri ofitti amanamummaan horatamutti ceesisuun dirqama dhaloota baraaruu mootummaan ba’achuu qabudha.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

458 Comments to ““Hojiin waan hinjirreef araadatti seenne” – Dargaggoota Magaalaa Jimmaa tokko tokko”

  1. Pingback: land slot88
  2. Профессиональный сервисный центр по ремонту бытовой техники с выездом на дом.
    Мы предлагаем: сервисные центры по ремонту техники в мск
    Наши мастера оперативно устранят неисправности вашего устройства в сервисе или с выездом на дом!

  3. пин ап казино вход [url=http://1winindia.tech/#]пин ап казино[/url] пинап

  4. indianpharmacy com [url=https://indianpharm1st.com/#]top 10 online pharmacy in india[/url] online pharmacy india

  5. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharm1st.com/#]mexico drug stores pharmacies[/url] buying from online mexican pharmacy

  6. buy prescription drugs from india [url=https://indianpharm1st.com/#]Online medicine home delivery[/url] reputable indian pharmacies

  7. pet meds without vet prescription canada [url=http://drugs1st.store/#]comparison of ed drugs[/url] comfortis without vet prescription

  8. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweetbonanzatr.pro[/url] sweetbonanzatrpro

  9. pin up zerkalo [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пин ап вход[/url] Пин Ап Казино Официальный Сайт в России

  10. online pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]Best online Indian pharmacy[/url] buy medicines online in india

  11. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  12. best medicine for ed [url=http://pharm24.pro/#]low cost pharmacy[/url] best price for generic viagra on the internet

  13. mexican pharmaceuticals online [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] best online pharmacies in mexico

  14. buy kamagra oral jelly Kam Pharm [url=http://kampharm.shop/#]Kamagra Kam Pharm[/url] kampharm shop

  15. erepharm.com [url=https://erepharm.com/#]cheapest ed pills ere pharm[/url] ED meds online with insurance

  16. buy gabapentin online [url=https://gabapharm.com/#]buy gabapentin online[/url] GabaPharm Gabapentin

  17. best ed pills online [url=https://erepharm.com/#]cheapest ed pills ere pharm[/url] ED meds online

  18. buy Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]buy Gabapentin GabaPharm[/url] GabaPharm Gabapentin

  19. mexican rx online [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexican pharmacy[/url] buying from online mexican pharmacy

  20. clomid no prescription [url=https://clomidrexpharm.com/#]cheap clomid without insurance[/url] can you get generic clomid without rx

  21. can i get clomid without dr prescription [url=https://clomidrexpharm.com/#]rex pharm[/url] can i order clomid pill

  22. amoxicillin 825 mg [url=http://amoxilcompharm.com/#]Amoxicillin for sale[/url] amoxicillin 500 capsule

  23. 5 mg prednisone daily [url=https://prednisoneraypharm.com/#]order Prednisone[/url] buy prednisone 20mg

  24. what is minocycline [url=https://iverfast.com/#]cheapest Ivermectin[/url] minocycline coupon

  25. ivermectin 3 mg tablet dosage [url=http://iverfast.com/#]iver fast[/url] ivermectin for sale

  26. ivermectin 3 mg tablet dosage [url=http://iverfast.com/#]cheapest Ivermectin[/url] minocycline 100mg for acne

  27. п»їcytotec pills online [url=https://cytpremium.com/#]cheapest cytotec[/url] buy cytotec online

  28. вавада казино зеркало [url=http://vavada-kazi.ru/#]vavada-kazi.ru[/url] вавада казино онлайн

  29. пинап казино [url=https://pinup-kazi.kz/#]пинап казино[/url] пинап казино

  30. online medications [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadianpharm1st.com[/url] can ed be cured

  31. herbal ed treatment [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadianpharm1st.com[/url] comfortis for dogs without vet prescription

  32. pharmacies in mexico that ship to usa [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharm easy[/url] medication from mexico pharmacy

  33. pharmacy website india [url=https://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] pharmacy website india

  34. buy prescription drugs online without [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadian pharm[/url] erection pills

  35. pet meds without vet prescription canada [url=https://canadianpharm1st.com/#]canada pharmacy online[/url] ed meds online without doctor prescription

  36. purple pharmacy mexico price list [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharm easy[/url] mexico drug stores pharmacies

  37. india online pharmacy [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] indian pharmacy paypal

  38. Amoxil Pharm Store [url=http://amoxilpharm.store/#]Amoxil Pharm Store[/url] amoxicillin 875 mg tablet

  39. neurontin 100mg discount [url=http://gabapentinpharm.com/#]Gabapentin Pharm[/url] can you buy neurontin over the counter

  40. Semaglutide pharmacy price [url=https://semaglutidepharm.com/#]buy rybelsus[/url] rybelsus price

  41. where can i buy zithromax uk [url=https://azithromycinus.com/#]zithromax for sale 500 mg[/url] can you buy zithromax online

  42. how to get cheap clomid without insurance [url=https://clomid.store/#]buy cheap clomid without prescription[/url] can you get clomid no prescription

  43. how much is zithromax 250 mg [url=http://azithromycinus.com/#]azithromycin zithromax[/url] zithromax order online uk

  44. where to buy generic clomid pill [url=http://clomid.store/#]can i buy clomid online[/url] order clomid no prescription

  45. zestoretic 20 [url=https://lisinoprilus.com/#]zestril 2.5 mg tablets[/url] lisinopril canada

  46. buy cipro [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]п»їcipro generic[/url] cipro 500mg best prices

  47. can you buy zithromax over the counter [url=https://azithromycinus.com/#]can you buy zithromax online[/url] zithromax purchase online

  48. lisinopril 60 mg [url=http://lisinoprilus.com/#]lisinopril 40 mg india[/url] lisinopril 2mg tablet

  49. lisinopril pharmacy online [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril 40 mg tablets[/url] order lisinopril online

  50. п»їcytotec pills online [url=https://cytotec.top/#]cytotec pills buy online[/url] buy cytotec pills online cheap

  51. lisinopril 5mg cost [url=http://lisinoprilus.com/#]prinivil cost[/url] lisinopril prescription

  52. buy clomid [url=http://clomid.store/#]cheap clomid without rx[/url] how to get cheap clomid for sale

  53. rybelsus semaglutide tablets [url=http://semaglutidetablets.store/#]semaglutide tablets[/url] semaglutide tablets store

  54. semaglutide tablets for weight loss [url=https://semaglutidetablets.store/#]buy rybelsus online[/url] buy rybelsus online

  55. пинап казино [url=http://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] пин ап казино официальный сайт

  56. пин ап [url=https://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап казино официальный сайт

  57. vipps canadian pharmacy [url=https://canadianpharmacy.win/#]best canadian online pharmacy[/url] canadian pharmacy sarasota

  58. purple pharmacy mexico price list [url=http://mexicanpharmacy.store/#]mexican border pharmacies shipping to usa[/url] buying prescription drugs in mexico online

  59. medicine in mexico pharmacies [url=https://mexicanpharmacy.store/#]buying prescription drugs in mexico[/url] mexican drugstore online

  60. canadian pharmacy antibiotics [url=http://canadianpharmacy.win/#]canadian pharmacy win[/url] canadian pharmacy meds

  61. best online pharmacy india [url=http://indianpharmacy.win/#]top 10 online pharmacy in india[/url] mail order pharmacy india

  62. mexican online pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharmacy.store/#]medication from mexico pharmacy[/url] medication from mexico pharmacy

  63. world pharmacy india [url=http://indianpharmacy.win/#]indianpharmacy com[/url] indian pharmacy

  64. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharmacy.store/#]mexican mail order pharmacies[/url] mexico drug stores pharmacies

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *