Shaampiyoonaa ispoortii aadaa Oromiyaa, Fiicheetti

Finfinnee: Ispoortiin ammayyaa Itoophiyaa utuu hinseeniin dura bal’inaan adeemsifamaa kan ture ispoortii aadaa turuunsaa kan yaadatamuudha. Qonnaan bulaan yeroo omishasaa sassaabeefi yeroo boqonnaasaa guyyaa ayyaanaa, keessumattuu guyyaa ayyaana Qilleefi Cuuphaa dirree bal’aarratti yaa’uun gita gitaan walfilee tapha qilleefi dorgommii gulufa fardaa adeemsifachaa tureera; adeemsifachaas jira.

Haata’u malee, ispoortiin aadaa kun sababa xiyyeeffannaa dhabeefi hirmaattoonnis xiqqaachaa dhufaniif akka ispoortiiwwan ammaayyaa bal’inaan adeemsifamuurra dhiphachaa dhufeera.

Ispoortiiwwan aadaa kanneen akka gulufa fardaa (gugsii), wal’aansoo, Korboo (giingoo) qillee (kollee), Saddeeqaafi kkf akka hin irraanfatamneefi ummannis akkarratti hirmaatuuf komishinariiwwan ispoortii naannoolee xiyyeeffannaa itti kennuudhaan xiqqaatus guddatus waggaa waggaan dorgommii adeemsisaa jiru.

Bu’uuruma kanaan Komishiniin Ispoortii Oromiyaa shaampiyoonaa ispoortii aadaa borurraa kaasee Godina Shawaa Kaabaa, Magaalaa Fiicheetti adeemsisuuf qophii xumureera. Godinichis qophiisaa xumuruun keessummootasaa simachuu eegaleera.

Ittigaafatamaan Waajjira Ispoortii Godina Shawaa Kaabaa Obbo Baqqalaa Iruukuu akka ibsanitti, shaampiyoonaa baranaa kanarratti godinaaleen naannoo Oromiyaa 20fi bulchiinsonni magaalaa 19 hirmaachuuf beeksisuusaanii ibsaniiru.

Shaampiyoonichi borurraa kaasee akaakuuwwan ispoortii 10n hanga torban tokkoof kan turu yoo ta’u, godinaaleenis dorgommiiwwan ittiin hirmaatan duraan dursanii beeksisuusaanii addeessaniiru.

Godinni Shawaa Kaabaas erga shaampiyoonicha akka qopheessuu itti himamee kaasee koreewwan addaddaa hundeessuun ummanni magaalaa Fiicheefi naannawashee keessummoota haalaan akka simataniif dadammaqiinsi taasifameera jedhan.

Shaampiyoonaa kanarratti hirmaachuuf godinni Shawaa Kaabaa akka godinaatti aanaalee 12fi bulchinsa magaalaa tokko jidduutti walmorkii gaggeessuun gosawwan ispoortii saddeetiin hirmaachuuf taphatoota filachuun qophiirratti akka argamus ittigaafatamtichi addeessaniiru.

Shaampiyoonaan godinichaa aanaa Warra Jaarsootti adeemsifamuu kan eeran Obbo Baqqalaan, dorgommi kanaanis aanichumti shaampiyoonaa ta’uu ibsaniiru. Aanaan Warra Jaarsoo olaantummaan kan xumure shaampiyoonicha haala gaariidhaan qopheessuusaatiin, dorgommii Saddeeqaa dhiiraafi dubartiin waancaawwan  sadii fudhachuudhaani. Naamusaan aanaan Dagam, Korboo dhiiraan Aanaan Alaltuu waancaa tokko tokko fudhachuun isaanii beekameera.

Komishinarri Komishinii Ispoortii Oromiyaa Obbo Naasir Huseen ibsa miidiyaaf kenanniinis, bakka hawaasni ispoortii aadaa godinaaleefi bulchiinsa Magaalaarraa babbahan argamanitti haala ho’aadhaan  mataduree, “Hirmaannaa Ispoortii Aadaa tokkummaa biyyaatiif” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu eeran.

Waldorgommiin kun torban tokkoo oliif kan gaggeefamu yoo ta’u, akaakuuwwan waldorgommii 10n gaggeeffama. waldorgommiin kun bakka bu’oota Oromiyaa ta’uun garee naannoo Amaaraatti dorgommii biyyaalessaa iratti hirmaatu calaluu irra darbee guddina ispoortiif ga’ee guddaa qaba. Karaa biraatiin ispoortesitoonni hirmaatota ispoortii aadaa naamusa ispoortessaa guutuun akka hirmaatan ergaa dabarsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

One Comment to “Shaampiyoonaa ispoortii aadaa Oromiyaa, Fiicheetti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *