Seeraa: Bara haaraa saba Halaabaa

Godinni Halaabaa godinaalee 17fi aanaaleeaddaa torban Naannoo Ummatoota Kibbaatti argaman keessaa isa tokko. Godinichi Magaalaa Finfinneerraa karaa Shaashamanneetiin kiiloo meetira 315, karaa Waraabeetiin ammoo kiiloo meetira 245 irraatti argama. Magaalaa Hawaasaarraa ammoo kiiloo meetira 90 fagaata.

Godinichi karaa kaabaatiin, Aanaa Miitonaa Saankuraatiin (Godina Silxee), karaa kibbaatiin, Misiraaq Baadawaachootiin (Godina Haadiyyaa), Lixaan ammoo aanaa Qadiidaa, Daanboyaafi Addiloon (Godina Kambaataa Xambaaroo), kaaba lixaatiin Aanaa Shaashaatiin (Godina Hadiyyaa), kaabaa bahaatiin Aanaa Adaamii Tulluu Jidoo Konbolchaa (Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa), kibbaa bahaatiin ammoo aanaa Siiraaroo, Nageelee Arsiifi Shaallaatiin (Godina Arsii Lixaa) daangeffama.

Walumaagalatti baldhinni godinchaa lafa iskuweer kiiloo  meetira 994.70 kan hammatu yoo ta’u, isa keessaa iskuweer kiiloo meetirri 70 hurufa, 27 bu’aa ba’iifi iskuweer kiiloo meetirri sadii tulluudha.

Akkasumas haalli qilleensasaa 71.66n gammoojii, 28.17 badda dareefi 0.17 ammoo baddaa ta’ee ka’umsi lafasaa ammoo galaanaa oliin meetira 1554-2149 yoo ta’u, waggaatti ho’a  seenti gireedii 23-25fi rooba miilii meetira 857-1085 akka argatu ni tilmaamama.

Godinichi aanaalee sadii, gandoota baadiyyaa 79, bulchiinsa magaalaa tokkoofi kutaalee magaalaa lamaa, gandoota magaalaa shan, walumaagalatti gandoota 84fi bulchiinsa magaalaa (mana qopheessaa) gandoota magaalaa guddatoota baadiyyaarraa caaseffameera.

Magaalaa  guddoon godinichaa Halaabaa Qullittoon bara 1888 akka hundeeffamte ragaaleen  adda addaa ni mul’isu. Qulliittoon moggaasa kana kan argatte afaan sabichaatiin jecha “Quliyito” jedhamurraa yoo ta’u, hiiknisaas “Nanyaade” jechuudha.

Daandiiwwan guguddoo afuriin gara magaalattii seenuun kan danda’amu yoo ta’u, tajaajila  ibsaafi bishaanii osoo addaan hincitiin sa’aatii 24:00 guutuu argatti.

Akkasumas magaalattii keessa daandiiwwan aspaaltiifi kobilistooniidhaan uwwifame kan qabduufi ummannishees nageenyaafi jaalalaan nama simachuudhaan  kan beekamu ta’uusaatti guddinni magaalattii yeroodhaa gara yerootti guddachaa dhufeera.

Miseensonni saba Halaabaa Godina Halaabaa, magaalaafi baadiyaa keessa kan jiraatu yoo ta’u, muraasni ammoo hojiiwwan adda addaarratti boba’uun naannolee daangaasaatti argamu, Finfinneefi biyyoota alaa jiraatu.

Sabichi ummatoota Sidaamaa, Kambaataa, Haadiyaa, Silxee, Guraageefi Oromoo wajjin tokko ta’uun jaalalaafi obboluummaadhaan jiraata.

Ummanni godinichaa mataduree, “Aadaafi duudhaalee walkabajuufi  waldanda’uu keenyaan adeemsa badhaadhina ni Cimsina” jedhuun bara haaraa “Seeraa” jedhamu Amajjii 3 bara 2012 yeroo saglaffaaf Magaalaa Qulliittootti sirna ho’aadhaan kabajateera.

Bulchaa ittaanaan Naannoo Ummatootaa Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawu ayyaanicharratti akka dubbatanitti, sabni Halaabaa duudhaalee dur qabu keessaa tokko kan ta’e sirna Seeraa guddisuufi beeksisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru guddaan dinqisiifadha jedhaniiru.

Rakkoo nageenyaa dhiyeenya godinichatti uumamee ture dursitoonni aadaafi abbootiin amantii  hoggantoota naannoofi saboota adda addaa wajjin ta’uun araarri akka bu’u taasifamuusaattis kan gammadan ta’uu eeran.

Qaamoleen diigumsaa yeroo ammaa beekaniis ta’u osoo hinbeekiin iddoowwan adda addaatti nageenya ummataa booressuuf naannoodhaa gara naannootti naanna’uun hawaasa keenya amantiidhaan adda baasanii walitti buusuuf wixxirfachaa waan jiraniif ummanni akeeka badii akkanaa haaluma barameen ofirraa qolachuu akka qabus Obbo Ristuun hubachiisaniiru.

Yakki ummata walitti buusuuf taasifamaa jiru kun amantiinis ta’u sabootan fudhatama kan hinqabne waan ta’e hoggantoonni amantiifi abbootiin aadaa nageenya ummataa eeguuf hojii jalqaban cimsanii akka ittifufanis hubachiisaniiru.

Ummani Halaabaa kanaan dura yeroo baay’ee kaasaa kan ture gaaffiiwwan akka ijaarsa yunivarsitiifi kanneen biroo furuuf naannichi mootummaa federaalaa wajjin ta’uudhaan yeroo gabaabaa keessatti hojiirra ni olcha jedhan.

Bulchaan Godina Halaabaa Doktor Mahaammad Nuriyyee gamasaanitiin, ummani Halaabaa aadaa, afaaniifi amantiisaa eenyummaasaa calaqqisiisu kan qabu ta’uu ibsan.

Akkasumas seenaafi duudhaalee sabaafi sablammiif beekamtii kennuudhaan kunuunsanii qabuudhaan galmeeffamanii dhaloota dhufutti dubarsuun dhaloota har’aa kanarraa eegama jedhan.

“Aadaa dhuudhaalee hawaasaa eeguudhaan guddisanii dhaloota dhufutti ceesisuun guddina biyyaaf, akkasumas walta’insa biyyaalessumaaf faayidaa olaanaa waan qabuuf abbootiin keenya xiyyeeffannaa itti kennuun hojii guddaatu irraa eegama” jechuun ibsan.

Ummanni Halaabaa nageenya jaalala, gammachuufi gaddas keessummeessuu kan qabu ta’uu kan tuqan Doktor Mahaammad, magaalaan Halaabaa Qulliittoo bakka jireenyaa sabaafi sablamiiwwan adda addaa ta’uusheetti “Itoophiyaa xinnittii” ta’uun tokkummaadhaan yaaddoo malee jaalalaafi nageenyaan waliin jiraata jechuudhaan addeessan.

Ayyaanicha kabajuuf kanneen argaman keessaa maanguddoon umri 80 Hajii Abdoo Immaa akka ibsanitti, ayyaanni Seeraa saba Halaabaa bira taree kanneen birootiifu faayidaa guddaa qaba jedhan.

Keessumaa walitti bu’insa  saboota jidduutti uumamuun haaloon  akka hiikamu gochuudhaan iddoo olaanaa qabaachuusaa tuqanii, walitti bu’insa dhiheenya kana godina kana keessatti uumame karaa nagayaatiin hiikuun danda’amuu addeessaniiru.

Itoophiyaatti ammaan booda walitti bu’uufi dhiiga walii dhangalaasuun hafuu qaba, tokko tokkoof yaaddoo ta’uun hafee biyyi teenya biyya badhaatee biyyoota misooman maddii akka dhaabattuuf hunduu gumaachasaa bahachuu qaba jedhan.

Akkasumas filannoo gara fuulduraatti nu eeggatuuf ummanni keenya keessumaa dargaggoonni tasgabbiidhaan bitaa mirga ilaaluudhaan nageenyi akka mirkanaa’uuf ittigaafatamummaa guddaa  qabu jechuun  dubbatan.

Shamarree Xayibaa Huseen, Godina Shawaa Bahaatii ayyaanicha kabajuuf dhufte. Isheenis, “Kanaan dura yeroo Ayyaanni sabaafi sablamii Itoophiyaa kabajame Magaalaa Finfinnee dhaqen ture. Saba biraatiin walitti dhufuun caalaatti marartiifi obbolummaa cimsa. Kanin Halaabaatti arges kanuma” jetti.

Ummanni Itoophiyaa kanaan dura sanymmaafi amantiin osoo adda hinbahin tokko ta’uun, walkabajuun iddoo tokko jiraachaa ture. Garuu yeroo dhiyoo as farreen nageenyaa gocha badii hidhatanii ka’aniin hunkuramaa turan. Haata’u malee qaamolee daba kana raawwataa turan saaxiluudhaan nageenyi argameera jetti.

Ummanni Oromoofi sabni Halaabaa tokkuma kan jettu Xayibaan, daangaan keenya tokko ta’usaatti saboonni lameen fuudhaafi heerumaan walitti makamuu eerti. “Halaabonni naannoo keenya jiraatan baay’eedha. Oromoonis akkasuma godina Halaabaa jiraatu danuudha. Wanti walitti buusu hinjiru. Haata’u malee yeroo dhihoodhaa as farreen nageenyaa ummata keessa lo’aa jiran oduu dharaa hafuufuudhaan ummata jeequuf kanneen tattaafatan ni jiru” jechuun dubbatti.

Godina Sidaamaarraa ayyaanicha kabajuuf kan argame Dargaggoo Taayyee Qaqqaboo akka ibsetti, ummanni Itoophiyaa aadaadhaan duudhaaleefi seenaa tokko qaba. Ummata seenaa olaanaa qabuudhas. Abbootiin keenya seenaa biyya tanaatiif waan guddaa hojjetanii darbaniiru.

“Seenichas nutti dabarsaniiru. Seenaa kana eeguudhaan ittigaafatamummaa ba’uun kan irra jiru dhaloota ammaa kana waan ta’ef nus dabaree keenya ba’uun dirqama” jechuudhaan ibsa.

Waan kana ta’eef  dargaggoonni biyyatti tokko ta’uudhaan nageenya, guddinaafi badhaadhina Itoophiyaatiif harka walqabannee hiriiruutu nurraa eegama jechuudhaan dhaamsa dabarseera.

Ayyaanichi dhalattoota sabichaa Finfinnee keessa jiraatan hirmaachisuun bakka kantiibaa ittaanaan magaalattii Injiinar Taakkalaa Uumaafi ministiroonni adda addaa argamanitti kabajameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

5 Comments to “Seeraa: Bara haaraa saba Halaabaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *