Atileetoonni Itoophiyaa Maaraatoonii Dubaay injifatan

Finfinnee: Dorgommii maaraatoonii Dubaay kaleessa adeemsifameen atileetoonni Itoophiyaa korniyaa lamaaninuu qabxii boonsaa galmeesisuun injifatan.

Dorgommii dubartoota gidduutti adeemsifamen Warqinash Daggafuu sa’aatii 2:19.37, Guutaniii Shinee sa’aatii 2:20.11n, Badhaatuu Hirphaa sa’aatii 2:21.54n, Tigisti Abbaayinah sa’aatii 2:22.45 sadarkaa tokkoffaadhaa hanga arfaffaa ba’aniiru.

Dhiiraan ammoo Atileet Oliiqaa Addunyaa sa’aatii 2:05.15  tokkoffaa, atleetiin Keeniyaa giddu seenuun lammaffaa yoo ba’u, Atileet Tsidaat Abajjee sa’aatii 2:05.17n, Atileet Leencoo Tasfaayee sa’aatii 2:05.16n sadaffaafi arfaffaa ta’uun xumuraniiru.

Dorgommii Maaraatonii Dubaay kan bara 2019 adeemsifametti atileetiin Itoophiyaa Geetaanah Mollaa tokkoffaa ba’usaa malee riikardii maaraatoonii Dubaay bara 2018 Atileet Mosinnat Garramawun qabame ture sa’aatii 2:04.00 sa’aatii 2:03.34tti fooyyeessuun isaa kan yaadatamudha.

Seenaa Maaraatoonii Dubaay hanga yoonaa adeemsifameen atileetonni Itoophiyaa dubaraan yeroo 14, dhiiraan ammoo yeroo  13, mo’achuudhaan dolaarii miiliyoona hedduu badhaafamaniiru. Meedaaliyaawwan warqee meetiifi nahaasaas argataniiru.  

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

5 Comments to “Atileetoonni Itoophiyaa Maaraatoonii Dubaay injifatan”

  1. Pingback: โคมไฟ
  2. Pingback: John Lobb
  3. Pingback: go88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *