Kutaa 2fa
Jaarmiyaa kana keessatti gareen ykn namni moggaasa gaafatu tokko gaaffii moggaafamu gosa ykn maatii Oromoo tokkoof kan dhiyeeffatu ta’a. Hayyu dureen gosaa ykn Abbaan Malkaa Oromoos gaaffii dhiyaate irratti hundaa’uun Abbootii Gadaafi dursitoota gosaa walitti qabuun akkataa heerriifi seeraa Gadaa tumameen sirna moggaasaa ni raawwatu. Yeroo moggasaan raawwatu meeshaalee jilaa kanarratti mul’atan, Alangaa shan, waraana shan, barcuma shan, bokkuu shan ta’u. Kunis seera miseenssa gadaa shanaan itti walii galanirratti kan hunda’e ta’u ifa gochuufi.
Qaamni moggaafamuufi moggaafatu jilbaan jilbeeffatanii hayyuu seera lallabuun (koottu – dhufee) jechuun akkaataa armaan gadiitiin seera tumaa Gadaa eeruun moggaasa raawwatu.
Seeroota iddoo moggaasaatti himaman
Namni kun moggaafamuu gaafate,
moggaasan seera.
Eeyye seera!
Nama itti moggaafamu filate, seeraqabeessa.
Eeyye seeraqabeessa!
Seerri moggaasaa kunis kan Gadaati
Eeyye kan Gadaati!
Moggaasa keessatti maqaa itti baasuun seera
Eeyye seera!
Maqaa kan baasu Abbaadha.
Eeyye Abbaadha!
Kan mirkaneesu lammiidha.
Siigaleefan jedhe.
Seerri kun seera Odaati.
Eeyye kan Odaati!
Seera Caffeeti
Eeyye kan Caffeeti!
Moggaasee ilmoo godhate.
Moggaafame Ilma ta’e.
Eeyye nita’a!
Sabummaan isaa (B) kan ture
Hara’a kaase Oromoo ta’era!
Seerri kun tumamte seera
Muramte seera!
Seerri kun hin jigu; hin dhangala’u
Seera!
Eeyye seerri tumaan kun hin jigu,
hin dhangala’u! seera!
Ergaramaan kan Abbaati
Eeyye kan abbaati!
Jechuun Abbaan Gadaa alangaa xaaxeessee waraana lafatti dongoruun seerichi akka hin jigne hin dhagalaane labsa.
Yeroo kana namoonni garee lamaanirra walitti ba’uun akka ragaatti dhaabbatanii akka dhaggeffattan ni godhama. Akkaataa seeraafi dambii tumameen fedhii isaaniitiin moggaasicha raawwachuus ni mirkaneessu. yeroo sanarraa kaasuun gosti ykn namni moggaafame sun qaama hawaasamoggaafatee san waan ta’eef Buusa Gonofaan ykn kennaan horii ni godhamaaf. Qabeenyis walitti qabamaaf jechuudha. Maatiis akka godhatu gaa’elli gara soddaa maatii isa moggaseen akka raawwatu ta’a. Miseensa Gadaattis ni makama. Duraan jibbinsaafi rakkoo kan qabaatan yoo ta’ellee moggaasaan booda lamuu rakkoo biraa umuun hin danda’amu.
Adeemsi Moggaasaa yeroo raawwatamu seerri Gadaa eeramee ykn tuqamee ibsi ni kennama. Kunis mirgiifi dirqamni qaamolee lamaanii kan itti himamudha. Abbaan Gadaa, jaarsoliin, haadholiin siinqee qabatan, jaartii cifireen alangaan shanaan, waraani shanan, biyyaafi hawaasicha bakkaa bu’uun garee lamaan irraa argamun Moggaasichi mormii tokko malee fedhii isaaniitiin akka raawwatame nihimama. Kunis akka miseensa Gadaa shanan bakka bu’an ta’ee alangaafi waraana shanan lafarra diriire “Koottu! Dhufe!” jedhamee seera Caffeen tumte eeruun Moggaasicha kan raawwatan ta’a. Haaluma kanaan namni Moggaafamu sun ilmaafi gosa Oromootti makamusaa ifati himama. Kun garuu nama tokko qofa yoo ta’eedha. Namootni hedduun kan moggaafaman yoo ta’e garuu Abbaan itti tolfamee adda adda facaasuun moggasichi akka raawwatu ta’a malee maatii tokkoofi ganda tokko keessati moggasni hin godhamu. Namoonni moggaasan galan kun kana booda Oromoo ta’uun isaanis cidhaan ifa ta’a. Moggaasaan ala Ilma ta’uu kan hin barbaannes yoo ta’e, maatii gosaa ta’ee akka itti fufu ni godhama.
Akkaataa kanaan gosonni xixiqqaa hedduun moggaasaan Oromootti makamuun nageenyaafi firoomina gaariin waliin jiraachaa turan. Namoonni da’oo Oromoo barbaadan hedduun bifa kanaan gosa Meedhachaa jedhamuun ummata Oromoo waliin kan jiraatan ture. Waan kana ta’eef jaarmiyaan Moggaasaa aadaa wal danda’uun jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuu keessatti fakkeenyumaa gaarii kan qabudha. Adeemsi seeraa Tumuu kunis akka armaan gadiiti ifa kan godhameedha.
Siinqee
Siinqeen akka jaarmiyaa Gadaatti dhimma dubartootarrati kan xiyyeeffateedha. Akkuma horooron Abbaa Gadaa hawaasa Oromoo keessati safuu olaanaa qabdu siinqeen dubartoota Oromoos safuu gudda qabdi. Siinqeen Kennaa hadha dubartii Oromoo guyyaa ga’ela ishee haadhaan kennamuuf gumaata isaa guddicha. Kan dubartiin mana isheetiin roorroo ittiin oforra qolatu, kan ittiin qabeenya horatu, kan hawaasa ittiin araarsituufi ittiin mo’atu ulee seerati.
Kanarra ka’un hawaasa keessatti walitti bu’insa ykn wal diddaa hambisuun wal qixxummaa dubartootaa dhugoomsuuf seera tumameen mirga dubartootaa kabajuun sirna milkaa’e ta’uusaa jaarmiyaan Siiqqee dhugaa ni baha. Siinqeen ulee qal’oo, sorooroo muka leemmanii ykn harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte guyyaa gaa’ela ishee qabattuun ibsama. Sirna Gadaa keessatti muka qaloo kanaaf bakka guddaatu kennamaaf. Gaa’ela gosni akka tiksu ykn eegu seerri Gadaa ni dirqisiisa. Birmadummaafi kabaja dubartiitiifis eegumsa ni taasisa. Siinqeen akkuma jedhame walitti bu’insa hiikuufis ta’e ittisuuf jaarmiyaa gargaarsa guddaa godhudha. Dhiironni Horooroofi Bokkuu qabachuun nageenya hawaasaa akkuma eegsisan dubartoonnis Siinqee qabachuun dhiiraan walqixa nageenyi hawaasaa akka eeggamu kan ittiin taasisanidha jechuudha.
Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012
Obbo Alamaayyoo Haayilee Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
6 Comments to “Sirna Gadaafi jaarmiyaalee guguddoosaa”