Waraanni Addunyaa 3fa dhufaa yoo jiraate hoo?

Dhimma Ameerikaafi Iraan yeroo tokko qorraa yeroo kaan immoo ho’aa addunyaaf bowwoo erga ta’ee oolee buleera. Iraan omisha Niwukilarii gaggeessaa jirti jechuudhaan yeroo mara kan himattu Ameerikaan, ofiisheetii niwukularii hidhattee Iraaniin immoo akka hinhidhanne dhoorkuuf gaarri isheen hindhiibne hin turre, hinjiraatus.

Dhiheenya kana Jeneraala Iraan ajjeesuu Ameerikaatiin addunyaan sodaa hamaa keessa galteetti. Tarkaanfiin Ameerikaan fudhatte haloo ba’uuf sa’aatii 24:00 caalaa kan itti hinfudhanne Iraan, kaampii waraanaa Ameerikaa Iraaqitti argamu lamarratti misaa’ela darbatteetti. Guyyoota muraasaaf abjuu ta’ee kan ture xiyyaarri imaltootaa ‘Tehraan’ irraa ka’ee gara Keevitti balali’aa ture sababa maaliin akka garagales amma barameera.

Guyyoota muraasaaf gocha kana waakkachaa kan turte Iraan, dhumarratti dogoggoraan xiyyaaricha rukuttee garagalchuushee amanuun immoo balaa biraa itti dhaleera. Dura Ameerikaa waliin walitti dhaaadachaa kan turte Iraan, amma immoo keessoosheetti mormiin ummataa uumamee hiriirri  mormiis dhohaa jira.

Kun kanaan osoo jiruu garuu, asiifi achiis walitti dhaadachuu biyyoota lamaaniin alattis biyyoota hedduu gareetti qoodee gara waraanaatti naqinnaan immoo sodaa namoota hedduu ta’eera. Osoo Ameerikaafi Iraan ifatti lola waraanaa walitti labsanii biyya kamtu eenyu waliin dhaabbata?

Biyyoonni Ameerikaa “Ana malee” kan jettu cina hiriiran hedduudha. Garuu haalduree tokko malee yoo waraanichi ifatti eegalame Ameerikaa cinaa nihiriiru jedhamanii kan shakkaman yoo ilaalle Ingiliz addadureedha.

Osoo Ameerikaan qilee seentee kan biraa hinhafne Ingilz, waraanichaan Ameerikaa gargaaruuf yeroo dhuftu Awustiraliyaa dabalatee biyyoota 16 kan gonfoo isheetiin bulan qabattee lolaan Ameerikaa gargaaruuf cina Ameerikaa nihiriirti.

Haalduree tokko malee Ameerikaa kan gargaaran keessaa kan biroo immoo Israa’eli. Waan nama ajaa’ibu sababni Israa’el Ameerikaa gargaartuuf immoo waan Ameerikaan ishee gargaarteef ykn oolmaa gaarii biraa qabduuf osoo hintaane Iraan Ameerikaa yoo obbaafachiifte Israa’eilitti deebi’uun ishee akka hinhafne waan beektuuf ta’uu mala. Kanaaf akka kaartaa addunyaa irraa hinhaqamne sodaaf Ameerikaa tumsitee itti cichitee daangaa ishee tikfachuun filannooshee isa xumuraati.

Akka Rogeeyyiin tokko tokko xiinxalanitti, haala amma jiruun Sawud Arabiyaanis Ameerikaa cina hiriiruun ishee waan hinoolledha kan jedhan akkuma jiran, “Waraanicha harka marattee daaw’atti” warri jedhanis hedduudha. Sababnisaas jedhu Sawud Arabiyaafi Iraan kan durii irra dhiheenya kana dippilomaasii bareedaarratti argamu jedhanii jiru. Haa ta’u malee Ameerikaan humna waraanaashee biyyoota Sawudii irra jiran fayyadamtee Iraaniin haleeltee Iraan yoo akkuma dhaadatte deebii walfakkaataa deebistee Sawudiin harka ishee marattee taa’uu hindandeessu. Dubaay, Misir dabalatee biyyoota michuuwwan ishee 26 qabattee lolichatti ida’amti.

Haala kanaan erga biyyoota Arabaa dabalatee biyyoonni guguddoo kunneen carraan Ameerikaa faana hiriiruu isaanii bal’aa ta’ee Iraan cina hoo eenyutu hiriira?

Biyyooti  Aworooppaa warri dhimma dinagdeerratti Ingilizitti mufatanii jiran dinagdeen Ingiliz akka kufu waan fedhaniif Jarman dabalatee biyyoonni Aworooppaa hedduun callisuu filatu.  Eeyyeen sababa Ingiliziin dinagdeen isaanii balaaf saaxilamee waan tureef.

Haalduree tokko malee biyyi Iraan cinaa hiriirtu sadarkaa jalqabaa irratti Ruusiyaadha. Sababnisaas roga maraan harki mirgaa Ruusiyaa Iraan waan taateef, Chaayinaanis akkasuma gargaarsa loltoota waraanaa gargaaruu baattus meeshaalee waraanaa akka arjoomtuuf ifa ta’ee jira.

Harka lafa jalaan Ruusiyaan lola waraanichaatti seentee Ameerikaan haleellaa Ruusiyaa irratti kan geggeessitu yoo ta’e biyyoota michuu ishee 148 kanneen waraanaan jajjaboo ta’an qabattee Ruusiyaanis ifatti lola waraanichaatti makachuun ishee waan hinhafneedha.

Turki hoo? Yoo jettan ejjannoon Turki beekamaadha. Waliigaltee biyyoota Islaamaa mootummaa maaleziyaan ‘Kuala Lumpur ‘tti qophaa’erratti walitti dhufeenyi Iraaniifi Turki daran jabaatee waan tureef Turki Haalduree tokko malee Iraan cina hiriiruunshee waan hinhafneedha.

Kan biraa immooHizbullaahi. Lolli Ameerikaafi Iraan ifatti yoo eegalame Hizbullaahi garee hidhattoota Hamaasiif humna ta’ee Israa’eliin sochii dhorkuu waan danda’uuf tumsitoota Iraan keessaa warra bilchaatoodha.

Iraaq, Sooriyaafi Afgaanistaan dabalatee biyyoonni waan barbada’an fakkaatan Iraan yoo hidhachiifte lola waraanaan Ameerikaa irratti dhiibbaa uumuu waan danda’an fakkaatu.

Walumaagalatti, biyyootni addunyaa araara biyyoota kanneenii irratti xiyyeeffachuu dhiisanii olola garee gareetti galan taanaan waraanni addunyaa 3fa dhufuun waan hinoolle fakkaatullee nuti addunyaaf nagaa hawwina.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You

5 Comments to “Waraanni Addunyaa 3fa dhufaa yoo jiraate hoo?”

  1. Pingback: fortnite hacks
  2. Pingback: sagame

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *