Foolleen ija diinummaafi jibbaatiin ilaalamuu hinqabu

Akka Gadaa Oromoo Maccaa, Tuulamaafi Arsiitti Foolleen dargaggoota ganna 16-24 keessa jiran yoo ta’u, akka Gadaa Oromoo Booranaatti ammoo warra Gaammee Guguddaa jedhamanii waamamani. Hojiin Foollee inni guddaan nageenya, tasgabbiifi naamusaa naannawaa isaanii eeguudha.

Gaazexaan Bariisaas gaafdeebii Foollee Godina Arsii, Aanaa Loodee Heexosaatti gurmaa’anii nageenya naannawaa isaanii eegsisuu irratti hirmaachaa jiran akkasumas, hoggantoota aanichaafi godinichaa waliin taasise akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessina.

Dargaggoo Muktaar Mohaammad, Aanaa Loodee Heexosaatti Walittiqabaa Ittaanaa Foollee aanichaa yoo ta’u, jiraataa magaalaa Hurutaa ganda 02ti. Akka inni jedhutti, kanaan dura qabsoo qeerroon aanichaa nageenya naannawaa isaanii eegsisuufi gaaffii isaan mirgaafi faayidaa isaanii kabajchiisuuf gaafachaa turan bifa biraadhaan ilaalamaa ture. Hacuuccaan ummata Oromoo magaalattiirra gahaa tures ulfaataadha. Hacuuccaa ummata  irra gahaa ture hambisuuf qabsaa’aafi hidhamaa turaniiru. Yeroo ammaa immoo Foolleen gurmaa’anii nageenyaafi tasgabbii naannawaa eeguu irratti argamu.

Foolleen nageenyaafi dimokiraasii dhugaa mirkaneessuuf hojjeta kan jedhu dargaggoon kun, ammayyuu garuu dargaggoo adamsanii hidhuun darbee darbee akka mul’atu ibsa. Foolleen ijaarames gaaffii mirgaa dargaggootni kaasan qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessaa nageenya magaalattii eeguu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu hima. Foolleen ijaaramee kunis abbootii Gadaa, kantiibaa magaalattii, bulchaa, aanichaafi godinchaa biratti beekamtii kan qabuufi safuu abbaa gadaatiin kan ijaarame ta’uus ni dubbata.

Foolleen akka aanaatti ijaarame kun poolisii waliin ta’uun nageenya aanichaafi magaalattii eegsisuufi  mirga ummata Oromoofi sabootaafi sablammoota aanicha keessa jiraniis kabajchiisuu irratti xiyyeeffatee  hojjechaa jiraachuu kan himu dargaggoo Muktaar, akkasumas yakkaafi jeequmsa gara garaa ittisuu, dargaggoota gorsuufi hanga sadarkaa gandaatti Foollee ijaaruudhaan nageenya naannawaa isaanii eeguu irratti akka tumsaniif hojjetamaa jiraachuu dubbata.  

Foolleen bifa kanaan ijaarame nageenya eegsisuun gamatti, misooma naannawaarratti akka hirmaataniif dargaggoota kakaasaa jira kan jedhu walitti qabaan Foollee kun, dargaggootni hojii dhabdoonnis ijaaramanii hojii dhuunfaa isaanii akka qabaatan taasisuufis  hojjechaa jira jedha.

“Hojii hanga ammaatti raawwatameen gaaffiin dargaggootaa guutummaatti deebii argachuu baatus dargaggoota aanichaafi magaalattii akka kaleessaatti adamsanii qabuufi hidhuun dhaabbateera. Dargaggoonni  gaaffii mirgaa gaafataniif deebii argachaa jiru. Foollee hanga gandaatti ijaaruufis mirga arganneerra” jedha dargaggoo Muktaar.

Akka inni ibsutti, Foolleen sadarkaa godinaatti beekamtii qabu kun uffannaa addaa waan qabuuf hawaasa birattis beekamaadha. Hawaasni, bulchiinsi magaalaa, aanaafi godinaas Foollee waliin hojjechaa jiru. Foolleen gandoota aanichaa 23 keessatti akka  ijaaramu kan taasifame yoo ta’u,  qaamni ijaaramee hojii nageenya eegsisuu irratti hirmaachaa jiru kun dinagdeedhaanis deggeramuu waan qabuuf mootummaan deggersa barbaachisu akka isaaniif taasisuuf gaafateera.

Foolleen ijaaramee kun jalqaba ija biraadhaan ilaalamaa ture kan jedhu dargaggoon kun, hojiin isaa garuu nageenya eegsisuu, gaaffiin dargaggootaafi ummata Oromoo akka deebi’uuf hojjechuufi qabsaa’uu ta’uu eera. Akkasumas hojiileen misoomaa aanichaafi magaalattii keessatti akka babal’ataniif gaaffii ummataa qaama mootummaatti dhiyeessuudhaan deebii akka argatan taasisuudha jedha.

Yeroo ammaa Foollee ijaarame kana ija biraadhaan ilaaluun hafee qaamoleen mootummaas itti dhiyaatanii “maal isin gargaarra?” jechuun isaan waliin mari’achaa akka jiran kaasee, bor ammoo jijjiiramni kana caalu akka dhufuufi hojii Foolleen hojjechaa jiru kana caalaa babal’atee ni mul’ata jedhee akka abadatu ibsa.

Foolleen ijaarame kun gaaffiileen mirgaa, bilisummaafi dimokiraasii ummatichaa akka deebi’aniif kan hojjetu ta’uu kan himu dargaggoo Muktaar, akkasumas ummatni nagaan ba’ee akka galu taasisuu, walitti bu’iinsaafi yakkawwan adda addaa ittisuu, hiyyummaafi hojdhabdummaa hir’isuufi bu’uuraaleen misoomaa ummatni mootummaa irraa eegu qabatamaatti akka hojjetamaniif deggersa kan taasisu ta’uu hima.

Qaamni mootummaa qeerroofi qarree ija biraadhaan ilaaluu dhiisanii itti dhiyaatanii hojiilee misoomaa ummatni barbaadu  waliin hojjechuu qabu kan jedhu walitti qabaa ittaanaan kun, namootni holola sobaatiin qeerroofi qaamolee mootummaa walirraa fageessuuf socho’anis gocha isaanii irraa of deebisuu qabu. Qeerroon humna nageenya mirkaneessuu, misoomaafi  jijjiirama qabatamaa fiduuf qabsaa’u waan ta’eef fagootti sodaatamuufi jibbamuu hinqabu. Qeerroon kan dogoggoru yoo ta’e illee itti dhiyaatanii gorsuufi qajeelchuun barbaachisaadha.

Mootummaanis gaaffiilee mirgaa, bilisummaa, hojidhabdummaa qeerroofi ummatichi gaafatuuf deebii gahaa akka argatuuf hojjechuu akka qabu kan yaadachiisu dargaggoon kun, misooma ummatni mootummaa irraa barbaadu babal’isuufi bajata mootummaa kaayyoo qabameef oolee fedhii ummataa guutuuf hojjechuu qaba jedha. Kana malees, mootummaan dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuufi  ummatni Oromoo dinagdeedhaan akka of utubuu haala mijeessuu, tumsuufi deggersa barbaachisu gochuu akka qabu gaafata dargaggoo Muktaar.

Bulchaan Aanaa Loodee Heexosaa Obbo Muusaa Firoo gamasaaniin akka jedhanitti, misoomaafi nageenya mirkaneessuu keessatti gaheen qeerroon qabu olaanaadha.  Qeerroo ija jibbaafi diinummaatiin ilaaluun garuu darbee darbee ni mul’ata. Aanichi garuu Foollee miseensa 88 qabu ijaaruudhaan uffata addaa uffatanii hojii nageenyaa qaamolee nageenyaa waliin akka hojjetan ta’eera. Hojii Foollee gama nageenyaa eegsisuufi misoomaa mirkaneessuutiin raawwataa jiruun garuu ilaalcha qeerroo ija biraadhaan ilaaluu akka cabu taasisaa jira.

Foolleen ijaarame kun ilaalcha ummatummaa akka qabaataniif leenjiin kennameeraaf kan jedhan bulchaan aanichaa, akkasumas hojii siyaasa kamirrayyuu bilisa ta’anii hojii nageenya eegsisuu irratti akka hirmaataniif leenjiin kan kennameef ta’uu dubbatu.

Foolleen ijaarame kun geggeessaa kan qabu ta’uufi hojiin isaaniis sarara tokkoon kan adeemsifamu ta’uu himanii, hojii Foolleen raawwataa jiruun rakkooleen nageenyaa, jeequmsiifi walitti bu’iinsoonni duraan mul’achaa turan hir’achaa dhufaniiru.  Foolleen ijaarames odeeffannoo gahaa waan qabuuf rakkoo uumame dafee bira gahee akka furamu taasisaa jira jedhu.

Hojii nageenya eegsisuun alatti  hojiilee misoomaafi kunuunsa qabeenya uumamaa irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan bulchaan aanichaa, ijaarsi Foolleewwanii kunis sadarkaa aanaafi godinaatti beekamtii kan argate ta’uufi gandoota aanichaa hunda kleessatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuus himu.

Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Arsii Obbo Taajuu Sulxaan, Foolleewwan Aanaa Loodee Heexosaatti ijaaramanii nageenya kabachiisuu irratti hirmaatan kunneen godinicha biratti beekamtii akka qabaniifi aanaalee godinichaa 26 keessatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You