Namni tokko ilaalcha hamaan marfamee, odeeffannoon nama joonjessuu akka bokkaa yoo itti roobe illee simachuus ta’e diduun filannoo isaati. Ilaalchi keenya haala naannoo fakkaachuu yookaan adda akka ta’u gochuu ni dandeenya. Sababiin isaa rakkoo guddaan dhiibbaa alaa utuu hin ta’iin haalota nu mudatan akkaataa itti ilaalluufi hiikkaa itti laannu murteessaadha. Hiikaa bareedaas yaraas itti kennuu ni dandeenya. Inni kun murtoon isaa kan keenya. Haalotni naannoo ilaalcha keenya irratti dhiibbaa akka geessisan yoo goone namoota murtoo ofiin socho’an utuu hin ta’iin haalotni naannoo kan sochoosan taana. Odeeffannoon garaa garaa kan oliifi gadi oofnu taanaan dhuma irratti jireenya abdii kutannaa keessatti nu dhiisanii cala’uun isaanii hin oolu. Namni murtoo hin qabne eessa iyyuu ga’uus hin danda’u.
Kanaaf ilaalcha hamaan nu keessatti bakka akka hin arganneef ganama yeroo kaanu wantootni nuti dubbisnu, miidiyaan nuti hordofnu, haalli ittiin ganama ciisichaa kaanee dhimma keenyaaf baanu marti guyyaa keenya kan dukkaneessan ta’uu hin qaban. Fakkeenyaaf miidiyaalee yeroo hundumaa ilaalcha alta’umsaan(sodaachisaa) guute tamsaasan dhaggeeffatanii guyyaa eegaluun miidhaa qaba. Sababiin isaa wantootni isaan tamsaasan kan abdii nama keessaa duguugee balleessu, tamsaasa jibbaa, haalli jiru hunduu dukkana, namootnis ta’an wantootni isaan hojjetan sirrii kan hin taane, egereen biyyaafi dhalootaa amansiisaa akka hin taanetti kan tamsaasan dhaggeeffannee guyyaa eegaluun miira miidhamaafi sammuu jeeqamaan guyyaa guutuu ooluutti nu geessa. Isa kanaaf miidiyaalee yeroo hedduu jibbaafi abdii kutannaa dhaloota keessatti facaasan hordofuu dhiisuufi bakka isaanii sagantaalee jabinaafi beekumsa, daldalaafi hojii uumuu, bashannanaafi sammuu namaa bohaarsan; wantoota gaariif nama dadammaqsan hordofuun barbaachisaadha. Miidiyaaleefi namootni wantoota gaarii qabatanii gara keenya hin dhufne yeroo hundumaa sammuu keenya jibbaafi abdii kutannaan guutu. Ilaalcha hamaa isaan keessa keenyatti facaasan miidhamaaf nu saaxilu. Isaan kana irraa fagaachuun egeree keenya irratti xiyyeeffachuun murteessaadha.
Isa kana horachuun ammoo yeroo fudhata. Akka waakkoo har’a biqilee har’a kan guddatu miti. Aramaa jalaa qulleessuu gaafata. Aramaa jibbaafi abdii kutannaa nu weeraran balleessuu gaafata. Odeeffannoo haala hundumaatti cilee dibu; akka harkisa lafaa gadi nu gototu jalaa miliquu; namootni fiiguu malan akka foqoqan kan taasisan of irraa qolachuun jireenya abdiin guuteefi “nan danda’a” jedhu qabaachuu; namoota yeroo hundumaa haala jiru keessatti jireenyaafi ilaalcha gaarii hin qabne nutis akka hin qabaanne nu taasisan irraa hanga dandaa’ametti fagaachuu gaafata. Sababiin isaa namootni akkasii rakkoo jiruuf furmaata kan fidan yookaan mala dhahuun fooyyessuuf kan yaalan utuu hin ta’in aramaa ilaalcha namaa mancaasu facaasu; dubbii mogolee nama buusuun jireenya namaa raatessu. Nama keessatti waan hamaa, haala keessatti wantoota hin dandaa’amne, egeree namootaa keessatti abdii kutannaa facaasu. Isa kana irraa fagaachuun dubbii alta’umsaa “hin danda’amu”; “kun gonkumaa hin ta’uu” kan jedhuufi kkf., injifachuun kan nu daddammaqsan hojiif nu kakaasaniin sammuu keenya saganteessuun murteessaadha. Sababiin isaa jechootni alta’umsaa haala keessatti qabamne keessaa karaa kamiin iyyuu ba’uu akka hin dandeenyeefi homaa tokko gochuu namoota hin dandeenye nu fakkeessuun akka nuti harka marannee mana hidhaa yaadaatti gallee of amansiisnee teenyu kan nu taasisan garboomfattoota sammuu hamoodha. Laamshessitoota jireenya namoota danuuti. Gara fuula duratti deemuu akka hin dandeenya kan gurra keenyatti hasaasanidha. Sodaa kan nutti labsanidha. Dhumarrattis funcaa sibiilaan qofoo abdii kutannaatti xaxanii kan nama teessisan; akka hin hiixanne kan nama daangessan; micirraa keessa keenyaa akka hin fayyadamne kan nama jalaa miliksan mana hidhaa yaadaatti galchuun kan nama dararan sababa ta’eef jalaa miliquun barbaachisaadha. Alta’umsa sammuu keenyatti marsee jiru of irraa qolachuun ilaalcha gaarii gabbifachuun gaariidha. Haalli keenya akka jijjiiramuuf ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Akkaataa nuti itti yaadnus jijjiiramuu qaba. Namoota abjuu keenyatti qoosan; galma keenya dimismiseessan; hirkattummaa nu keessatti gabbisan; dibbee “hin dandeessuu hin yaalin” jedhu gurra keenya irratti reeban; sodaafi yaaddoon kan nu guutan; aariifi jibba; abdii kutannaafi namoota homaattuu hin quufne kanneen nu taasisan keessaa ba’uun daandii gaarii, ilaalcha gaarii, egeree gaarii, tattaaffii haaraa, abjuu haaraa eegaluun dhaloota keenyaaf daran barbaachisaadha. Barri nuti keessa jirru bara ilaalchi alta’umsi xiqqaatii hanga isa guddaatti dhaaledha. Miidiyaan, tamsaasni garagaraa; baacoon; aartiin; walaloon; maatiin, naannoon, hiriyootni keenya… kan facaasan jibba, jeequmsa, lolisaafi kkf., ta’uu danda’a. Isa kana ammo nu caalaa namni argaa jiru jira jedhee hin yaadu. Isaan kana keessaa hatattamaan ba’uun gaariidha.
Odeeffannoon nagaa hin taane akka yaada keenya qabatu yoo heeyyamne sammuu keenya keessaa bakka argachuun namoota ilaalcha alta’umsa qaban nu taasisu. Namni waan nyaate fakkaata. Waan nyaates deefata. Ilaalchi hamaan sammuu keenya keessaa akka iddoo argatan yoo goone akka dhukkuba hamaa keessa keenya nyaatee irraa jalaan bakkeetti mul’ata. Vaayirasii akkasii sammuu keenyatti faca’u kan duguuganii balleessan faallaan isaanii jiraachuu malu. Fakkeenyaaf vaayiraasiin tokko kompiyuutara keenya yoo seene jeequu eegala. Isa kanaaf dawaan isaa wanti vaayirasicha haxaa’ee balleessu itti fe’amuu qaba. Akkasuma haalli sammuu keenyatti kan fe’e; hiriyootnis ta’an maatiin kan sammuu keenyatti fe’an duguugee kan balleessuu malu itti fe’amuu qaba. Sababiin isaa jireenyaaf, haala keessa jirruufi egeree keenyaaf ilaalcha keenya sirreessuufi sammuu qulqulluun gara fuula duraatti tarkaanfachuun gaariidha.
Isa kanaaf ammo hidhaa yaadaa keessaa ba’uun, ilaalcha kaleessa ofiif qabnus jijjiiruun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf ati ofii keetiin eenyu ofiin jettaa? Nama homaa gochuu hin dandeenye; nama gatii hin qabneefi kkf., yoo ta’e hatattamaan vaayirasoota kana haxooftee balleessuu qabda. Sababiin isaa ilaalchi alta’umsi (Negative attitude) yeroo hedduu miidhama yookaan dhukkubbii haala darbeefi sodaa borii irratti hunda’a. Inni kun ammoo isa har’aa irratti akka hin xiyyeeffanne nu taasisuun harka keenya keessaa miliqsa. Haala har’a keessa jirru akka hin simanneef daangaa hamaa nutti ta’a. Har’a jiraachuufi hojjechuu dhiisnee isa darbeefi isa dhufu qofa irratti akka xiyyeeffannuufi akka yaadnu nu taasisa. Isaan kana hatattamaan jijjiiruufi of irraa qolachuun gaariidha. Wantootni baay’een nu danqan isa har’aa utuu hin ta’in isa bara darbee irraatti xiinxaluudha. Isa bara dhufuu sodaachuudha. Isaan kun lamaan amma nu harka hin jiran. Kan keenya kan ta’e garuu guyyaa har’aati. Isa kana irratti xiyyeeffachuun gaariidha. Borii keenyaas kan bocu har’a. Borii keenyaaf hundee kan ta’u isa nuti har’a hojjennudha. Isa kanaaf hatattamaan ilaalcha keenya irratti hojjechuun barbaachisaadha. Bakka jijjiiramuu qabu adda baafachuun jijjiiruu; guyyaatti yoo xiqqate si’a tokko dhaabannee ilaalcha keenya qorree ilaaluufi bakka itti geeddaramuu qabu geeddaruu; ilaalcha gaariin bakka buusuu; haalotni hamoon nu marsan akka laphee keenya hin mo’anneef of eeggannoo gochuufi kkf irratti hojjechuun gaariidha. Namoota ilaalcha sirrii qabanii wajjin ooluufi namoota ilaalcha alta’umsa qaban irraa of eeggachuunis ogummaadha.
“Ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Ilaalchi alta’umsaa ta’umsaan; ilaalchi hiyyumaa badhaadhinaan; dadhabbiin jabinaan; jibbi jaalalaan; kufaatiin milkaa’inaan.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012
3 Comments to “Ilaalchi hamaan sammuu nama galaafata!”