Gaafa Addunyaan waa’ee dimokiraasii quba hin qabnetti, yeroo qaroominni ammayyaa hin jirretti Ardii dukkanooftuu keessaa sirni ifaa Gadaan mul’ate.
Sirna bulchiinsaa haaraafi dimokiraatawaa ta’e kana ummattoota addunyaatiif kan gumaache ummanni ardii dukkanooftuu yeroo sanaa(Afrikaa) keessa jiraataa ture Oromoo ta’us, kan beekamtii itti argataa ture Awurooppaanota(Giriik)dha.
“Dhugaan ni qallatti malee hin cittu” akkuma jedhamu sirna dimokraasii kana Addunyaadhaaf eenyu akka gumaacheefi maddisaas eessa akka ta’e jaarraa heddu booda barameera.
Oromoon dhugaa argatee, sirni Gadaa Oromoos madda dimokiraasii ta’uun mirkanaa’ee UNESCO (dhaabbata barnootaafi saayinsii mootummoota gamtoomaniitti) hambaa Addunyaa ta’uun galmaa’eera.
Sirni gadaa dhiibbaa sirna gita bittootaatiin Oromiyaa bal’oo keessaa yemmuu dhiibamaafi badaa turetti kan itti cichee sirnicha tursiise ummata Booranaa ta’uu Bulchaan godinichaa Obbo Guyyoo Glagaloo, dhiibbaan sirnoota kanaas gadaa Oromoo balleessuu kan hin dandeenye ta’uunsaa gadi fageenya inni ummaticha keessatti qabu kan agarsiisu dha.
Maddiifi bu’uurri dimokiraasii ammayyaas Giriik osoo hin taane Oromoo ta’uu Addunyaan turtii jaarraa hedduu booda hubachaa kan jirtu ta’uu kan himan Obbo Guyyoon, dhalootni haaraa kun immoo sirnicha kunuunsee Addunyaa irratti gulantaa isaaf malu akka argatu taasisuu keessatti ga’eesaa bahachuun irra jiraata.
Ummanni Booranaa dhiibbaa hunda danda’ee sirna Gadaa osoo hin harcaasiin asiin ga’uusaatiin Oromoos ta’uu hawaasa Addunyaa biraa galata guddaa kan qabu ta’uu kan himan immoo Hoogganaan Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa Obbo Girmaa Hayiluuti.
Akka ibsa Obbo Girmaatti Boorana jechuun Gadaa; Gadaa jechuun Boorana dha. Dhaabbileen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman sirna gadaafi duudhaalee sirnichaa barsiisuu akka qabaataniif jalqabbii Yuniversiitiin Bulee Horaa hundaaf fakkeenya gaarii irraa baratamudha.
Yeroo ammaa sirna Gadaa qofaa osoo hin taane, hambaalee sadii dhaabbata barnootaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii (UNESCO) tti galmeessuuf sochiin taasifamaa kan jiru yoo ta’u eenyummaa sabichaa kanaan dura dhokate addunyaa biroof ifatti baasanii mul’isu.
Dhaabbata Addunyaa kanatti erga galmaa’ee waggoota sadii kan laakkoofsise sirni Gadaa, waggaa 3ffaasaa sababeeffachuudhaan tibbana sagantaa garaa garaatiin Godina Booranaa Magaala Yaa’a Bal’ootti kabajameera.
Sirni Gadaa kun kan Booranaa qofa osoo hin taane Oromoo hunda kan ibsu waan ta’eef sadarkaa Godinaaleerraa hanga olitti kabajamuu akka qabaatu hirmaattonni dubbatu.
Ayyaanni guddaafi beekamtii sirni gadaa sadarkaa Addunyaa irratti argate kun akka biyyaa ykn naannootti kabajamuu kan qabu ta’uu kan himan hirmaataa sagantichaa Obbo Galgaloo waariyoo isaan tokkodha.Sirnichi godina tokko qofatti kabajamuun kun gahaa akka hin taane kaasaniiru.
Sirni madda dimokiraasii Gadaan Addunyaafi eenyummaa Oromoo akka Addunyaa irratti beekamu taasise kun sadarkaa biyyaatti magaalaa Finfinneetti kabajamuu akka qabu yaada kan kaasan yoo ta’u sirnichi hunda hirmaachisaa waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu mala.
Sirni Gadaa dimokiraasii addunyaan har’a dheebottuuf galtee ta’e kun sabaaf sablammiilee Itoophiyaa darbees addunyaalee biroo birattis dhaalamuu akka qabuuf sosochii hawaasni Oromoo taasisuun alatti tumsi mootummaa barbaachisaadha.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012
7 Comments to ““Bu’urri dimokraasii ammayyaa Giriik osoo hintaane, Oromoodha” -Obbo Guyyoo Galgaloo /Bulchaa Godina Booranaa/”