Ayyaana Qilleefi gulufa fardaa

Finfinnee: Ayyaana Qillee sababeeffachuun waggaa waggaan dorgommiin ispoortii aadaa adeemsifamuu erga jalqabee oolee buleera. Dorgomicharrattis dargaggoonniifi ga’eessoonni ni hirmaatu.

Ispoortiin aadaa kun keessumaa, magaalaa Finfinnee, dirree ispoortii Jaanmeedaatti akaakuuwwan ispoortii qillee, saddeeqa, korboo (giingoo), wal’aansoofi gulufa fardaan kabajame oola.

Haaluma kanaan Kibxata darbe akaakuu ispoortii gulufa fardaan kilaboota jidduutti adeemsifamera. Dorgommichis hirmaattoota kilaba Raayyaa Ittisaa, ‘DSTV’fi DH Geda” jidduutti gaggeeffameera.

Walmorkii gaggeeffametti kilabni ‘DHGeda’ qabxii waliigalaan tokkoffaa ba’uun abbaa waancaa ta’eera. ‘D.TV’fi Raayyan Ittisaa lammaffaafi sadaffaa ta’uun xumuraniiru.

Shaampiyoonaan kun kanaan dura kilaboota hedduu gidduutti haala miira hawaasaa hawwatuun gaggeeffamaa kan ture ta’us, inni baranaa baay’ee qabanaawaa ta’uu isaa taajjabneerra.

Dhimma kanarratti yaada kan kennan dorgomaafi leenjisaa Ispoortii Fardaa Doktar Akaalawarqi G/Sillaasee, ispoortiin gulufa fardaa mallattoo Itoophiyaanootaa ta’e yeroodhaa gara yerootti qucaraa dhufuusaatti dhaloota dhufu biratti ni irraanfatama sodaa jedhu akka qabu ibsaniiru.

Kana dura guyyichi hawwiidhaan eegamaa turuu yaadatanii, wayita dirreen dorgommichaa qabanaa’uun akka isaan gaddisiisees ni dubbatu.

Rakkinni kun kan uumameef kilabonni kanaan dura hirmaachaa turan abbaa dhabuun digamusaaniitiin ta’uu eeranii, keessumaa kilabonni Baaldaraas, Poolisii (Omeedilaa), Ma’ikalaawwi Iziifi kkf dirree kanarraa dhabamuun isaanii ispoorticharratti dhiibbaa uumuusaa himu.

Ispoortiin gulufa fardaa keessumaa, Ispoortiin Pooloo kun dhalootaa dhalootatti darbuun gaggeeffamaa turuusaa kan kaasan Dr. Akaalawarqi, dargaggoota guddatootaafi dargaggootaaf xiyyeeffannaa kennuun  iddosaatti deebisuun barbaachisaadha jedhu.

Ajajaan Shantamaa Baqqalaa Margaa gamasaaniitiin, daa’immummaa isaaniirraa kaasee ispoortii kanarratti hirmaachaa akkasumas,  dorgommaafi leenjisaa ta’uun waggoota dheeraaf tajaajiluu kaasanii, ammaan tana sababa rakkoo ijaatiin dorgommiirraa fagaatan illee dirree dorgommiirraa akka hinfagaanne dubbatu. Ispoortiin kun duubatti deebi’aafi abbaas dhabaa jiraachuu kaasu.

Waan kana ta’eef abbaa qabaachu akka qabuufi Waldaan Ispoortii Fardaa Itoophiyaa dadhabaa dhufe cimachuu akka qabu eeranii, hawaasniifi jaallattoonni ispoortii kanaas birmachuu akka qaban dhaamu.  

Ispoortichi kanaan dura ispoonsaraan socho’aa ture kan jedhan Ajajaa Shantamaa Baqqalaan, koreen raawwachiiftuu hojiifi waldichi tokko ta’uun hojjechuu dhabusaaniitiin qaamni ispoonsara gochaa ture baqachuus ni ibsu. Ispoortiin kun seenaa biyyattii keessatti iddoo olaanaa kan qabuufi hambaa ta’uusaatiin kununsuun akka barbaachisu eeranii, Komishiniin Ispoortii Federaalaas ta’u mootummaan xiyyeeffannaa itti kennuun dandamachiisuun akka irra jiru dhaamu.  

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012

Recommended For You