Araadni maalinni?
Jalqabarratti araada (addiction) jechuun maal jechuudha? Namni wantoota araada nama qabsiisan fayyadamu hundi “araada qaba/qabdi” jennamoo hiika addaa qaba?
Araada (addiction) jechuun: Dhibee yeroo dheeraaf namarra ture, kan wantoota araada nama qabsiisan fayyadamuu dhaabuu ykn irraa of qusachuu nama dhorkuufi miidhaafi dhibee inni fidu osuma beekanii fayyadamuu jechuudha. Akkaataa Waldaan Ogeeyyii Ameerikaa (American Psychiatric Association) jedhanitti, mallattoolee namni tokko araadaan qabamuusaa ittiin beeknu keessaa:
- Namni araada fayyadamu tokko waan araada nama qabsiisu sana kan duraan fayyadamurraa yeroo yeroodhaan caalchisee (baay’isee) fayyadaamaa deemuu.
- Yoo waan araadaa sana dhabe mallattoowwan garagaraa (araada fayyadamu sanarratti hundaa’uudhaan) argisiisuu.
- Araada barbaadu sana argachuuf garmalee dhama’uu: fakkeenyaaf yeroo hojii biraa itti hojjachuu malu araada sana argachuuf dhama’uun dabarsuufi kkf
- Yeroo hedduu araada fayyadamu sanarraa adda ba’uuf yaalii taasisuu garuu yaaliin godhamu sun fiixa ba’umsa dhabuu.
Haala armaan olii kanarratti hundaa’uudhaan namni tokko araada kanaan qabamuufi qabamuu dhiisuusaa haala salphaan beekuu danda’a jechuudha.
Waantonni araada nama qabsiisan ykn araada namatti ta’uu malan maal fa’i?
Biyyoota garagaraa keessatti waantonni namoonni araadaaf fayyadaman garaagarummaa hedduu kan qaban yoo ta’u, biyya keenyatti kanneen araadaaf namoonni hedduun fayyadaman: dhugaatii alkoolii bifa gargaraan qophaa’u, jimaa, tamboofi qorichoota adda addaa yoo ta’u; akka addunyaatti ammoo gosoota qorichaa baay’inaan hedduu ta’an yoo ta’u, qorichoota akka hashiishii, maarijuwaanaa, herooyinii, opiyeemiifi kkf maqaa dha’uun ni danda’ama. Haala fayyadama araadawwan garagaraarratti seerri biyyaallee dhiibbaa guddaa qaba. Kana jechuun qorichoonniifi waantoonni biroo araadaaf namni fayyadamu kan biyya tokko keeessatti seeraan ala ta’e biyyoota biraa keessatti ammoo seera qabeessa ta’uu waan maluuf jechuudha.
Yeroo ammaa kana keessa namoota hagamtu araadaan qabamee jiraa?
Akka waliigalaatti addunyaa keenya irra gara namoota miliyoona 31 ta’antu araadaan qabamee jira. Akka addunyaa keenyaatti alkoolii qofaa yoo fudhanne namoota umuriin isaanii wagga 15 ol ta’an keessaa harki (dhibbaantaan) %38 alkoolii ni dhuga (kana jechuun waggaatti haga liitira 17 kan dhugan jechuudha). Sababa alkoolii qofaan akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti namoota miliyoona 3.3 ta’antu lubbuusaanii dhaba.
Gara biyya keenyaatti yoo deebinu qorannoowwan adda addaa akka argisiisanitti lakkoofsi namoota araadaan qabamanii jiranii hedduu sodaachisaadha. Akka fakkeenyaatti qorannoon Magaalaa Adaamaatti geggeeffame tokko akka argisiisutti, namoota araadaan qabaman keessaa harki 70 aradaa tokkoo ol kan qabaniidha. Gosa araada fayyadamaniin yoo ilaallu ammoo qorannoon akka ibsetti dhibbantaa hedduun jimaa kan fayyadaman yoo ta’u, ittaanee kan jiru araada alkooloofi tambooti. Baay’inni dubartoota araadaan qabamanii kandhiirotaarra daran xiqqaadha (dubartoonni dhibbantaa 23) qofa.
Haala umuriin yoo ilaallu heddumminni namoota araadaan qabamanii waggaa 15 haga 24 jidduu kan jiraniidha. Akkasumas qorannoon Yunivarsiitii Haramaayaarratti geggeeffame tokko akka ibsutti barattoonni dhibbantaa 62.4 ta’an yoo xiqqaate altakkaa waan araadaaf nama saaxilu tokko fayyadamaniiru. Kanneen dhibbantaa 41 ta’an ammoo yoo xiqqaate altakkaa jimaa kan qaamanii jiran yoo ta’u, kanneen dhibbantaa 23.6 ta’an ammoo araadaan qabamaniiru.
Namoonni hedduun maaliif araada fayyadamuu eegalu?
Namoonni araadawwan garagaraa kan fayyadaman haala araada sanaafi haala nama dhuunfaa sanarratti adda adda ta’uu mala. Fakkeenyaaf barattoonni yunivarsiitii biyya keenyatti maaliif jimaa fayyadamuu akka jalqaban gaafatamanii deebii kennaniin akka jedhanitti, barnootarratti cimina dabaluuf; gammachuu argachuuf; muddama barnootaarraa bilisa ta’uuf ykn sammuu keenya boqochiisuuf; yeroo qo’annu akka hirribi nun qabneef; hiriyyoonni keenya waan jimaa fayyadamaniifi kkf jedhanii deebisan.
Walumaagalatti namoonni araadawwan garagaraa kan eegalan: dhiibbaa hiriyaa, fakkeenyummaa namoota beekamoo (akka taphattoota kubbaa miilaafi taatota fiilmii), dhiphina sammuu ofirraa fageessuuf yaaluufi kkf jedhamee yaadama.
Miidhaa fayyaa araadni namarraan ga’u malu maal fa’i?
Qorichoonni gargaraa akkuma qabiyyeesaaniitti dhiibbaa fayyaa mataasaanii danda’e ni fidu. Fakkeenyaaf tamboo xuuxuun kaansarii sombaafi kaansaroota hedduuf akka nama saaaxilu, alkoolii baay’isanii fayyadamuun ammoo adda durummaan dhukkuba tiruutiif nama saaxila. Qorichooonniifi araadonni biroo adda addaas akkasuma dhiibbaafi dhibee fayyaa mataasaanii fidan qabu. Haa ta’u malee miidhaa tokko tokkoon araadaa fidu amma waan kaasuun ulfaatuuf walumaagalatti araadni dhiibbaawwan akkam akkamii fayyaa dhala namaarraan ga’a jennee haa ilaallu.
- Sirna qaama keenyarraa dhukkuba lolu (madiinummaa) qaamaa miidhuudhaan dhukkuboota biroo hedduudhaan qabamuuf nama saaxilu.
- Dhukkuba onnee, dha’annaa onnee sirrii hintaanerraa eegalee hanga onneen tasa hojii dhaabdee lubbuun darbuufi akkasumas namoota qoricha araadaa waraannatan ammoo baakteeriyaan karaa waraannatan seenuun onnee hubuu danda’a.
- Anniisaa qaamaa saamuudhaan akkasumas fedhii nyaataa gadi buusuudhaan huqqina ykn hir’ina nyaataa cimaa namatti fiduu mala.
- Qaamota qorichoota qaama keessaa dhabamsiisuuf gargaaran keessumaa tiruu miidhuudhaan lubbuu dabarsuu mala.
- Dhukkuba gaggabdoo, sammuu keessatti dhiiguu fi hubamuu sammuu kan akka waa yaadachuu dadhabuu, murtoo haalaan murteessuu dadhabuu namatti fida.
- Dubartoonni ulfaa yoo araada gargaraa fayyadaman mucaa garaa keessaa irratti miidhaalee hedduu akka ulfa baasuu, mucaan garaa keessatti lubbuun darbuufi yeroon osoo hin ga’iin dhalachuu fiduu danda’a.
Midhaawwan armaan olitti tarreeffaman kun kanneen araadni namatti fidu keessaa muraasa kan ta’aniifi tokko tokkoon araadaa ammoo miidhaa ofiisaanii kan dabalataa hedduu kan qabaniidha.
Namni tokko araada keessaa murteessee ba’uuf wayita yaalutti maaltu isa /ishee gargaaruu danda’aa?
- Tarkaanfiin inni jalqabaa “murtoo murteessuudha”. Akkuma beekamu namni tokko tarkaanfii kamuu fudhachuuf murtoo murteessuun hedduu barbaachisaadha. Murtoo kana yoo murteessan miidhaa fayyaa fi haawaas-dinagdee araadni sun namarraan ga’u yaadachuu fi yoo danda’ame barreessanii kaa’uun barbaachisaadha.
- Inni lammaffaa karoora baafachuudha. Murtoo kana yoo murteessu, namni sun guyyaa itti araada sana dhaabuuf yaade, yoo kan yaala fayyaa barbaadu ta’e ammoo yoom gara mana yaalaa deemee gorsa akka fudhachuu yaade, akkasumas araada dhaabuudhaaf wantoota danqaa itti ta’an adda baasee barreessee ka’uudha.
- Inni biraa erga karoora baafatee hojiitti galee booda namni sun, yeroo isaa hojiifi wantoota birootiin guutuu ykn ko’oommachuu qaba. Waa’ee araada san yaaduuf yookan barbaaduuf akka yeroo hinargannetti jechuudha. Kana malees wantoota araada sanaaf isa saaxilan akka namoota duraan waliin araada fayyadaman waliin ooluu fi naannoo araada sana fayyadamuu irraa fagaachuun barbaachisaadha.
- Araadni tokko tokko yoo dhaaban yeroo muraasaaf mallattoo gargaraa waan argisiisuuf mallattoo sana ofii ofiin yoo kan of yaaluun dadhabame ta’e gara mana yaalaa deemuun gargaarsa ga’aa fudhachuunillee barbaachisaadha.
Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa
yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala
Qiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita ammaa
Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.
Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012
4 Comments to “Araadaafi fayyaa”