Maaltu sitti mul’ata?

Fakkii armaan olii irratti maal agartaa? Walakkaa guutuu moo walakkaa hir’uu? Deebiin kee ilaalcha kee murteessa. Namoota ilaalcha ta’umsa (positive attitude) qabaniif walakkaa guutuu kan ta’e yeroo itti mul’atu namoota ilaalcha alta’umsa (negative attitude) qabaniif ammoo bishaan qodaa kana keessa jiru itti hin mul’atu. Duwwaatu itti argama. 

Egaa namootni ilaalchi isaanii alta’umsa  ta’e of ilaaluufi adeemsa isaanii geeddaruu qabu. Ilaalcha hamaa gara gaariitti geeddaruuf tarkaanfii barbaachisaa yeroo tokko tokko hadhawaa ta’e ofirratti fudhachuu gaafata. Rakkoo ofii adda baafachuu gaafata. Namni kishaafaa (eye glass) keewwatee deemu kishaafaansaa yoo rakkoo qabaate wanti inni ilaalu hunduu waan rakkoo qabu itti fakkaata. Kishaafaansaas rakkoo itti agarsiisa. Rakkoo guddaan garuu wantoota mul’atan yookaan namoota kan biraa utuu hin ta’in akkaataa ilaalcha namichaati. Rakkoo guddaan isa ilaalu bira jira. Sirriitti ilaaluuf kishaafnisaa geeddaramuu qaba.   

Ilaalchi alta’umsi akkasi. Geeddaramuu qaba. Sababiin isaa ilaalchi daran barbaachisaadha. Ilaalchi waan hundumaati. Ilaalchi keenya yoo jijjiirame walitti dhufeenyi nuti namoota wajjin qabnu ni  jijjiirama. Raawwiin hojii keenyaa ni jijjiirama. Ilaalchi sirriin firii sirrii argamsiisa. Isa kanaaf ammoo filannoon kan keenya. Ilaalcha yaraa dhiisuun ilaalcha gaarii gabbifachuu qabna. Namni ilaalcha gaarii kan qabaatuufi gabbifatu sababa rakkoon hin jirreef akka hintaane beekuun gaariidha. Nama kamiiniyyuu yeroon rakkisaan ykn yeroon nama muddu akka isa mudachuu danda’u beekuufi haala isa mudate keessatti ilaalcha attamii akka qabaatu adda baafachuun barbaachisaadha. Wantootni garaa namaa waadan, miiraaf qaama namaa dhukkubsan nama mudachuu danda’u. Inni guddaan garuu deebii nuti wanta nu mudateef kenninutu murteessaadha. Dhiibbaa mataasaa danda’e ilaalcha keenya irraatti qaba. Inni kun ammoo ilaalcha ta’umsa yookaan alta’umsa akka horannu nu taasisuu kan danda’u ta’a.  Wanti nuti simannu wanta calaqqisiisnu ta’a. Akkaataa nuti itti wanta tokko ilaallu akkaataa itti deebii laannu murteessa.

Namootni hedduun amala har’a qabnu akka tasaa kan simanne utuu hin ta’in kan nu wajjin bubbule ta’uu danda’u  qoraannoowwan garaa garaas isa kana  ni addeessu. Ilaalcha gaariis ta’e hamaan akka ayyaanaa kan nama irra qubatu utuu hin ta’in filannoo keenyaan kan simannuudha. Yaada keenya gara alta’umsaatti kan geessan haalotaafi namoota irraa fagaachuun namoota ilaalcha gaarii qabanitti michoomuun, murtoo qabaachuufi ilaalcha hamaa diduun ofii keenyas ta’e borii keenyarratti dhiibbaa gaarii geessisuu ni danda’a.

Haalotni nu mudatanis ilaalcha keenya irratti akka dhiibbaa hin geessisneef eeggachuun barbaachisaadha. Ilaalchi kan nu wajjin hafu yeroo ta’u wantootni nu mudatan garuu kan yerooti. Yeroo isaa eeggatee darba. Inni darbu rakkoonis ta’e haalotni garaa garaa akka miidhaa ilaalcha keenya irraan hingeenyeef eeggachuun ga’ee keenya.

Egaa ilaalcha gaarii horachuuf haalaa olitti deemuun barbaachisaadha. Rakkoolee jiranii olitti ilaaluu danda’uu, guyyaa borii abdiin eeggachuu, haala nama mudateef harka laachuu utuu hin ta’in kan darbuufi kan mo’annu ta’uu isaa amanuu; wantoota ilaalcha gaarii akka horatnu nu taasisu irratti xiyyeeffachuun gaariidha. Wantoota akka dhuunfaattis ta’e akka walootti nu mudataniif gara namoota biraatti quba qabuu utuu hin ta’in akka rakkoo keenyaatti ilaaluun mala furmaataa dhahuu, rakkoon mul’atu kan hin jijjiiramne yoo ta’an illee of jijjiiruuf qophaa’uun barbaachisaadha. Wanti guddaan beekuu qabnu namoota ilaalcha gaarii qaban qofatu waan gaarii hojjechuu danda’a. Namootni yaada gaarii qaban namoota amantiifi mo’ichaati. Namoota milkaa’inaatis.  

Ilaalcha gaarii horachuuf namoota ilaalcha gaarii qaban wajjin ooluun barbaachisaadha. Ilaalchi akka dhukkuba daddarbaa ‘tasiboo’ti; Inni gaariin isa tokko irra gara isa kaanitti kan darbuu danda’u akkuma ta’e ilaalchi hamaanis akkasuma. Nama ilaalcha hamaa qabuu wajjin yeroo dabarsuu irraa kan ka’een ilaalcha hamaa qabaachuun ni dandaa’ama. Fakkeenyaaf akka biyya keenyaatti wantoota ilaalcha alta’umsa nama keessatti horsiisan keessaa muraasa yoo fudhanne miidiyaaleen addaa addaa; miidiyaaleen hawaasummaafi kkf muraasa maqaa dha’uun ni dandaa’ama. Kan mootummaas baay’eensaanii isa kana irraa fagoo miti. Dhaloota keessatti ilaalcha hamaa uumuu irratti ga’ee guddaa qabu. Jaalala utuu hinta’in jibba, nagaa utuu hinta’in jeequmsa, gaarii utuu hin ta’in hamaa facaasuun borii dhalootaa mancaasuu keessatti ga’ee guddaa taphataniiru. Ammas ni dhiisan jechuun hin danda’amu. Isa kana of irraa ittisuun kan dhuunfaa keenyaati. Irraa fagaachuun filannoo keenya.  Erga lixee yaada keenya keessaa bakka argatee baasuu irra balbala laphee ofii cufanii irraa fagaachuun gaariidha.

Karaa adda biraa ammoo miidiyaalee gaarii filannoon hordofuu, namoota  ilaalcha gaarii qaban wajjin ooluun barbaachisaadha. Namoota ilaalcha gaarii qaban wajjin yeroo oollu daddammaqina keessa keenyatti uumuun gara fuula duraatti waan gaarii hojjechuuf akka tarkaanfannu nu taasisu. Namootni ilaalcha hamaa qaban garuu tattaaffii keessa keenyaa ajjeesuun jireenya keenyatti abdii kutannaa qofa facaasu. Isaan kanarraa of eeggachuun, hanga dandaa’ametti irraa adda ba’uufi baqachuun barbaachisaadha. Haasaa, mareefi walitti dhufeenya namoota ilaalcha jal’aafi hamaa qaban irraa of qoqqobbachuun sammuu keenya sooruufi gabbisuun namoota yaadaa jijjiiramaa burqisiisan ta’uun murteessaadha. Namootni ilaalcha gaarii qaban namoota mo’ichaati. Namoota yaada guddaati.    Namootni ilaalchi isaanii dadhaabaa amalli isaaniis dadhabaadha. Amalli jireenya namaa keessatti ga’ee guddaa qaba. Namni amalli isaa yaraa yoo bakka kam taa’e amalli isaa harkisa lafaa caalaa harkisee gadi buusa. Kanaaf namni tokko ilaalcha gaarii duudha jireenya isaa godhachuu qaba. Ilaalchi jireenya namaa gaarii yoo ta’e dhumni jireenya namaa milka’aadha. Namni Maahtama Gaandii jedhamu ilaalchi namaa gaarii yoo ta’e dhiibbaa inni geessisu irratti yeroo dubbatu akkas jedha. “Namni ilaalchi isaa gaarii yoo ta’e yaadnisaa gaarii ta’a. Yaadni isaa gaarii yoo ta’e immoo jechisaa gaarii ta’a. Jechisaa gaarii yoo ta’e amallisaa gaarii ta’a. Amallisaa gaarii yoo ta’e duudhaansaa gaarii ta’a. Duudhaansaa gaarii yoo ta’e galmi isaa gaarii ta’a.”  Egaa ilaalchi namaa waan hundumaati. Ilaalchi filannoodha. Ilaalchi murtoodha. Ilaalcha gaariis ta’e hamaa qabaachuu ni dandeenya. Namoota ilaalcha hamaa yookaan gaarii qaban wajjin hariiroo uumuus ta’e dhiisuun filannoo keenya. Isa kana ogummaarratti bifa hundaa’een itti yaaduun deemsaafi galma jireenya keenyaa kan hinmiine murtoo fudhachuun ga’e keenya.

Darbees ilaalchi keenya hundee waan hundumaa ta’uu isaa dagachuu hin qabnu. Namni ‘Confucius’ jedhamu yeroo dubbatu “Addunyaa sirreessuuf saba sirreessuun barbaachisaadha. Saba sirreessuuf ammo maatii sirreessuu, maatii sirreessuuf ammo of sirreessuu of sirreessuufis laphee ofii yookaan yaada ofii sirreeffachuun barbaachisaadha” jedha. Rakkoo guddaan rakkoo isa nu mudatu miti; rakkoo guddaan ilaalcha nuti wantoota nu mudataniif qabnuudha. Isa kanaaf yeroo hundumaa ilaalcha keenya gadi fageenyaan caqasuun gaariidha.

Keessumatti baay’een keenya haalli nuti keessatti guddanne ilaalcha keenyarratti dhiibbaa uumuun akka nuti ilaalcha alta’umsaa horannu nu taasiseera ta’a. Haa ta’u malee akka namaatti dandeettii ittiin of irraa qolannee fuula ifaan, namoota kan birootti gaarummaa agarsiisuun akka jiraannu kan nu taasisan dandeettiin cimaan itti fayyadamuu qabnu keessa keenya jira.  Inni kunis kan ittiin hamaa irraa fagaannu, gaarii gochuu dandeenyuufi kan kana fakkaataniidha.

Egaa ilaalchi xiqqoo yoo fakkaate  iyyuu jireenya namaa irratti dhiibbaa guddaa kan geessistu sababa ta’eef ilaalcha haalotaaf, namootaaf, ofiif qabnu irratti hojjechuun barbaachisaadha.

“Namni ilaalchisaa gaarii yoo ta’e yaadnisaa gaarii ta’a. Yaadnisaa gaarii yoo ta’e immoo jechisaa gaarii ta’a. Jechisaa gaarii yoo ta’e amallisaa gaarii ta’a. Amallisaa gaarii yoo ta’e duudhisaa gaarii ta’a. Duudhisaa gaarii yoo ta’e galmisaa gaarii ta’a.” 

  • Maahatma Gaandii

Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

One Comment to “Maaltu sitti mul’ata?”

  1. Pingback: fortnite hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *