Istaadiyeemii xumuramuuf guyyoonni 900 qabameef

Finfinnee: Magaalaa Finfinneetti istaadiyeemii ammayyaa sadarkaasaa eeggate arguun nama baay’eef hawwii ta’ee waggoonni hedduu darbaniiru. Isa qofa osoo hintaane Istaadiyeemii Finfinnee tokkittii ala magaalattii keessa kan biraa jira jennee afaan guutuun dubbachuun ulfaataa ture.

Yeroo ammaa waggoota kudhan oliif harkifachaa turun xumura jala kan ga’e Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaa ibsuun yoo danda’amu, kan biroo ammoo boqonnaan jalqabaa xumuramaa kan jiru istaadiyeemii ‘Aday Ababaa’ haala magaalattii kanaan dura ture waan geeddaru fakkaata.

Lafa hektaara  48.8 irratti ijaaruuf ji’a Mudde bara 2008 dhagaan bu’uuraa ka’aamuun isaa kan yaadatamu istaadiyeemiin kun adeemsa waggoota afurii booda boqonnaan duraa kan xumurame yoo ta’u, haala kanaan  dhibbaantaan 98.8 xumurameera.

Hanga ammaatti istaadiyeemichaaf baasii qarshiin biliyoona 2.2 ta’u ba’eera. Boqonnaan lammaffaa hafe ammoo waggoota sadii kan gaafatu yoo ta’u, baasiin hafees qarshii biliyoona 2.4 akka fixu tilmaamama.

Balbala afur kan qabu istaadiyeemni ammayyaa kun boqonnaan lammaffaa yoo xumurame teessoo daawwataa kuma 60 qabatu kan qabuufi teessoon kuma lama hafan ammoo   ‘VIP’ fi kanneen miseensoota miidiyaalee kan qabataniidha.

Ulaagaa sadarkaan addunyaa gaafatu hunda guutuun ijaaramaa kan jiru istaadiyeemiin kun dafee akka xumuramee tajaajila kennuu Koreen Waldaa Kubbaa Miilaa Addunya ‘FIFA’fi Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ‘CAF’ dhiheenya kana daawwachuuf ajaja kennanii turan.

Haaluma kanaan xiyyeeffannaa itti kennuun guyyoota 900 keessatti xumurame tajaajila akka kennu halkanii guyyaa hojjetamaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

3 Comments to “Istaadiyeemii xumuramuuf guyyoonni 900 qabameef”

  1. Pingback: sex phim

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *