Filannoo biyyaalessaa barana Itoophiyaatti adeemsifamu sababeeffachuun Abbaan Taayitaa Birodkaastii Itoophiyaa, Yunivarsitiin Finfinneefi ‘UNESCO’n wajjummaan dhiyeenya kana Adaamaatti gaazexeessitoota miidiyaalee gara garaa irraa walitti babba’aniif leenjii kennaniiru. Filannichi naga qabeessa, dimokraatawaafi bilisa gochuu keessatti gaheen miidiyaaleefi gaazexeessitootaa olaanaa ta’uunis himameera.
Itoophiyaatti, bakka bu’aan Daarektara ‘UNESCO’ Obbo Adaraawu Gannatuu, akka jedhanitti, namni ykn hawaasni kamuu mirga yaadasaa bilisaan ibsachuu ni qaba. Namni kamuu mirga bilisaan yaadasaa afaaniin, barreeffamaan, miidiyaaleedhaan, muuziqaafi fakkiidhaan ibsachuu qaba. Mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu kun garuu mirga nama biraatti kan bu’u, waraana, walitti bu’iinsaafi jibbiinsaa kan labsu ta’uu hinqabu.
Akkasumas lammiileen mirga mootummaa irraa odeeffannoo argachuus ni qabu. Mootummootni biyyoota gara garagaraas mirgoota kunneen kabajuufi kabajchiisuu qabu. Mootummaan odeeffannoo icciitii ifatti yoo ba’e miidhaa geessisuu danda’u lammiileef ifa gochuu dhiisuu ni danda’a. Odeeffannoowwan ibsamuu hinqabne (icciitii) ta’an tartiibaan adda ba’anii beekamuu qabu jedhu.
Miidiyaaleenis mirga odeeffannoo argachuufi tamsaasuu ni qabu. Gaazexeessitoonnis yeroo odeeffannoowwan walittiqabataniifi gabaasa qorannoo geggeessanitti seera isaan irraa eegamu hordofuu qabu. Miidiyaan kamiyyuu ifaafi bilisaan lammiilee tajaajiluun dirqama isaati. Miidiyaaleen mootummaafi ummata gidduutti riqicha ta’uudhaan odeeffannoon gama lamaan jiru akka waljijjiiru tasisu.
Kana malees miidhaa hooggantoonni mootummaa taayitaa isaaniitti fayyadamuun ummata irraan gahan gabaasuudhaan sagalee ummataa mootummaa biratti akka dhaga’amus ni taasisuudhaan rakkooleen mudatan furmaata akka argatan taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu dubbatu Obbo Adaraawu.
Qaamni mootummaa kamiyyuu odeeffannoo qindeessee maxxansee kaa’uuf dirqama qaba. Odeeffannoo kanas miidiyaalees ta’e nama dhuunfaatiif kennuufis dirqama qaba. Kun ammoo ummatni hojiilee misoomaa mootummaan hojjetu akka deggeru akkasumas mootummaafi bulchiinsasaa akka amanu taasisa jedhu.
Miidiyaaleen filannoodhaan dura lammiileen sagantaaleefi mallattoo paartiilee siyaasaa sirriitti hubatanii paartii filachuu barbaadan akka murteeffatan, yeroo filannoon adeemsifamus akka waliin hindha’amne taasisuufi filannoodhaan boodas sagalee filannoo beeksisuu keessattis gaheen miidiyaalee olaanaa ta’uu himaniiru.
Barsiisaan Yunivarsitii Finfinnee Doktar Geetahun Kaasaa akka jedhanitti, filannoon ibsituu fedhii ummataa waan ta’eef dimokiraatawaa, bilisaafi naga qabeessa ta’uu qaba. Filannoon dimokiraatawaa yoo ta’e walharkaa fuudhiinsi aangoos dimokiraatawaafi naga qabeessa ta’a.
Mootummaan haala kanaan hundaa’e amanee akka fudhatu taasisa. Seerri filannoo dimokiraatawaan jiraatee hojiirra oolmaasaarratti rakkoo yoo qabaate filannoo dimokiraatawaa adeemsisuun hindanda’amu. Kanaafuu dhaabbatni walabaa filannoo dimokiraatawaan akka adeemsifamu taasisuufi dhimmoota komii filannoo waliin walqabatan keessummeessu jiraachuu akka qabu dubbatu.
Dhimma filannoo irratti miidiyaalee mootummaas ta’e dhuunfaa odeeffannoo madaalawaa kennuudhaan tajaajila haqa qabeessa kennuu akka qaban eeranii, akkasumas dhimma filannoo irratti hawaasni odeeffannoofi hubannoo gahaa akka argatu taasisuu irratti gahee isaan irraa eegamu sirriitti bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Miidiyaaleefi gaazexeessitoonni loogii irraa bilisa ta’uudhaan odeeffannoo madaalawaafi haqa qabeessa ummata biraan gahuu akka qaban kan eeran Doktar Geetaahun, odeeffannoo miidiyaaleen tamsaasan bakka hundaa waan ga’uuf sirriitti qabamuu baannaan balaan qaqqabus olaanaa waan ta’eef itti fayyadama jechaa irrattillee of eeggannoo guddaa taasisuu akka qaban yadachiisu.
Hawaasni waa’ee faayidaa filannoo sirriitti hubatee filannoorratti bal’inaan akka hirmaatu taasisuu keessatti gaheen miidiyaalee olaanaadha kan jedhan Doktar Geetaahun, odeeffannoon miidiyaaleedhaan tamsa’anis waraana, jibbiinsaafi walitti bu’iinsaaf nama kakaasanirraa bilisa ta’uu akka qaban yaadachiisu.
Filannoo dimakiraatawaan akka adeemsifamuufi filattoonnis dhiibbaa tokko malee sagalee akka kennaniif paartiileen siyaasaas seeraafi dambii filannoo eeguu akka qaban yaadachiisanii, miseensonnisaaniis seeraafi dambii filannoo eeguu akka qaban barsiisuu qabu.
Daarektarri Abbaa Taaayitaa Biroodkaastiingii Itoophiyaa Doktar Geetaachoo Dinquu akka jedhanitti, filannoon bilisaafi dimokiraatawaan akka geggeeffamu taasisuu keessatti gaheen miidiyaalee olaanaa waan ta’eef loogii tokko malee ummataafi mootummaa tajaajiluu qabu. Jechoota fayyadamanirrattis of eeggannoo taasisuu akka qabaniifi sirni dimokraasii akka mirkanaa’uuf hojjechuun isaaniifis wabii ta’uu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012
8 Comments to “Filannoofi gahee miidiyaalee”