Rakkoon nageenyaa tibbana Yunivarsitii Waldiyaa keessatti mudate gara yunivarsitiiwwan birootti babal’achuun haalli baruufi barsiisuu akka danqamuufi addaan citu taasiseera. Rakkoo nageenyaa yunivarsitiiwwan adda addaa keessatti mudates barattoonni hedduun mooraa gad lakkisanii akka ba’aniif sababa ta’eera.
Keessumaa barattoonni Oromoo yunivarsitiiwwan naannoo Amaaraa keessatti argamaniifi barattoonni Amaaraa yunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaa keessatti argaman hedduun isaanii barumsa addaan kutanii ba’aniiru.
Kana irraa ka’uun mootummaan federaalaa yunivarsitiiwwan hundi poolisii federaalaatiin akka eegaman taasiseera. Yunivastiiwwan gara garaas barattootaaf waamicha taasisuudhaan yeroo ammaa hojiin baruu barsiisuu addaan citee ture kan itti fufe ta’us barattoonni hedduun garuu hindeebi’in jiru.
Barattoonni bakka itti ramadaman irraa baqatanii gara naannoo isaaniitti deebi’anis yuunivarsitii naannoo isaanii keessatti argamutti galmaa’anii barachuu kan barbaadan ta’uu yeroo gara garaa gaaffii dhiyeessaa turaniiru. Yunivarsitiiwwanis barataa isaaniif ramadameen ala keessummeessuu kan hindandeenye ta’uu hubachiisaniiru.
Barataan Yuunivarsitii Dambi Dolloo maqaa isaa ibsachuu hinbarbaane tokko “haalli nageenya yunivarsitichaa ammayyuu yaaddessaadha. Humni waraanaa yunivarsiticha keessa buufatanii jiran utuu kaaffeen hincufamiin gara doormiitti nu oofaa jiru.
Yeroo mana kitaabaa turree baanu halkan hanga sa’aatii 4:00tti qayyabannee gara doormii keenyaatti deebinu nu jilbeenfachiisanii nu reebaa jiru. Godinichis komaandi poostiidhaan bulaa jiraachuun rakkoon nageenyaa jiraachuu agarsiisa” jedha.
Humnootni nageenyaa yunivarsitichaa akka eeganiif ergaman isaan doorsisaa jiraachuu kan himu barataan kun, yaada kenne kanaafis maqaafi suurri gaazexaarratti akka hinbaane kan barbaadeefis rakkoo isaan mudachaa jiru sodaa tokko malee ibsachuu waanan barbaadeef ta’u ibsa.
Barattoonni hedduun utuu homaa hinballeessin humna waraanaatiin qabamaa, reebamaafi ifatamaa jiraachuus kaasee, waraqaa eenyummaa utuu harkatti qabatanii jiranii “isin barattoota miti” jedhamanii qabamanii hidhamaa jiraachuufi mirgi barattoota yunivarsitichaas sarbamaa jiraachuu dubbata.
Akka barataan kun jedhutti, rakkoo nageenyaa yunivarsitiiwwan adda addaa keessatti mudaterraa ka’uun keessumaa barattoonni Oromoo yunivarsitiiwwan naannoo Amaaraa keessa jiraniifi barattoonni Amaaraa yunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran hedduun kaampaasii gad lakkisanii bahaniiru.
Yunivarsitiiwwan yeroo ammaa barattoota kaampaasii gadlakkisanii ba’aniif waamicha taasisuudhaan hojiin baruu barsiisuu addaan cite ture itti fufeera. Rakkoon humni waraanaa nageenya yunivarsitichaaf jedhamee ramadame jiruun isaan mudataa jiruufi rakkooleen biroo yoo furaman isaan fedhii barachuu olaanaa qabu.
“Humni nageenyaa duraan turan barattoota waliin walitti bu’anii hinbeekan. Booda dabalataan kan dhufan garuu barataadhaaf ilaalcha gaarii hinqaban. Hojiin baruu barsiisuu yuunivarsitichaa barana milkaa’ee nus barannee xumurree eebbifamuu kan dandeenyu yoo humni waraanaa yunivarsicha keessaa ba’eefi nageenyi mirkanaa’eedha” jedha.
Yunivarsitichi rakkoolee hedduu qaba kan jedhu barataan kun, guddinnisaas yunivarsitiiwwan ‘fourth generation’ jedhamuun isa waliin banaman 11 waliin yoo madaalamu quucaraa ta’u ibsa. Barattoonni yunivarsitichaa deemsa daqiiqaa 15 deemanii bishaan lagaa waraabbatanii itti fayyadamaa jiraachuu kaasee, bishaan waan hinjirreef barattoonni dhiiraa laga bu’anii dhaqna dhiqatu; barattoonni shamarranii ammoo bishaan manatti waraabbatanii dhaqna isaanii dhiqatu jedha.
Bishaan dhugaatii alaa bitatanii fayyadamaa jiraachuufi duraan bishaan bootteedhaan waraabamee taankariitti isaaniif naqamaa turuu eeree, yeroo ammaa kana garuu taankariinis duwwaa ta’uufi rakkoon bishaanii dararaa guddaa isaanirraan ga’aa jiraachuu hima. Rakkoo bishaanii kana irra deddeebiidhaan iyyachaa turanis deebii akka hinarganne ibsa.
“Guddinniifi jijjiiramni yunivarsitichaa baay’ee harkifataadha. Ibsaanis irra deddeebiidhaan bada. Jenereetarri halkan hanga sa’aatii 4:00tti qofa tajaajiluus qayyabannaa keenya irratti gufuu ta’eera. Ijaarsi doormii duubatti waan harkifateef kutaa ciisichaa tokko keessa barattoota saddeet taanee jiraachaa jirra.
Duraan baratoota ja’a taanee jiraachaa turre. Yeroo ammaa gara itti gara gallu hinqabnu. Yunivarsitichi dallaa waan hinqabneef abbaan barbaade seenee badii barbaade dalaguufi waan barbaade saamee maqaan barataa akka badu taasisuu danda’a. Kanaaf dallaa yunivarsitichaa ijaaruun dhimma xiyyeeffannaa argachuu qabuudha” jedha.
Haalli baruufi barsiisuu yunivarsitichaa garuu baay’ee gaarii ta’uu himee, barsiisotaafis kabajaafi galata guddaa akka qaban ibsa. Barsiisotni isaanii yeroo barnootaatiin alas barumsa dabalataa kennaafi jiraachuufi pirezidaantiin yunivarsitichaas nageenya dallichaa mirkaneessuufis ta’e rakkoolee isaan mudatan furuuf tattaaffii guddaa taasisaa waan jiraniif isaan irraa komii tokkollee akka hinqabne barataan kun ni dubbata.
Ittaanaan Pirezdaantii Gamtaa Barattoota Yunvarsitii Wallaggaa barataa Guutuu Haajii akka jedhutti, rakkoon nageenyaa barana Yunivarsitii Waldiyaatti mudate gara yunvarsitiiwwan garagaraatti babal’achuun keessumaa barattoota Oromoofi Amaaraa gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu taasiseera. Sababuma kanaan hojiin baruu barsiisuu yunivarsitichaa ji’a tokkoof addaan cite ture torban darbe irraa eegalee itti fufeera. Yunivarsitichi barattoota sababa rakkoo nageenyaatiin kaampaasii gad lakkisanii ba’aniifis waamichi taasifameera.
Mootummaan yeroo ammaa nageenyi yunivarsitootaa poolisii federaalaatiin akka eegamu taasisuusaa kaasee, nageenya yunivarsitii itti fufiinsaan kan mirkaneessu garuu humna poolisii utuu hintaane barattoonni nageenya mooraa isaanii kan mirkaneessan yoo ta’eedha jedhu. Dallaan yunvarsitichaa guutuummaatti waan hinijaaramneef rakkoo nageenyaa kana furuuf yunivarsitichatti naanna’ee dallaan guutummaatti ijaaramuu akka qabu dubbateera.
“Mootummaan rakkoo nageenyaa Yunivarsitii Waldiyaatti mudatee ture dafee furuu dhabuu isaatiin rakkoon nageenyaa gara yunivarsitiiwwan birootti akka babal’atu taasiseera. Rakkoon nageenyaa mudate shira tokko malee kan furamu yoo ta’eefi nageenyi barataa haala barbaachisuun kan eegamu yoo ta’eedha hojiin baruu barsiisuu haala gaariin itti fufuu danda’a” jedha.
Haala amma jiruun yunvarsitiiwwan poolisii federaalaatiin eegamuun sirriidha kan jedhu barataan kun, nageenyi yunvarsitiiwwanii mirkanoofnaan garuu humni nageenyaa kun ka’uu akka qabuufi humni nageenyaa kun kan turu yoo ta’e rakkoon nageenyaa kan hinfuramne ta’uu agarsiisa jedha.
Yunivarsitiin bakka namootni baratan itti walga’an waan ta’eef rakkooleee mudatan kamiyyuu gad teenyee irratti mari’achuun furmaata itti kennuu qabna jedha barata Guutuun.
Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaatti, Daarikteerri Dhimmoota Qorannoofi Akkaadaamii Doktar Eebbaa Miijanaa ibsa Gaazexaa bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, rakkoo nageenyaa yunivarsitiiwwan gara garaa keessatti mudate irraa ka’uun keessumaa barattoonni Oromoo yunivarsitiiwwan naannoo Amaaraa keessa jiraniifi barattoonni Amaaraa yunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran hedduun barumsa addaan kutanii gara naannoo isaaniitti baqachuun yunivarsitiiwwan naannoo isaanii keessatti argamutti barachuuf kan gaafatan ta’us, yunivarsitiiwwan barattoota isaaniif ramadamaniin ala keessummeessuu kan hindandeenye ta’uu himaniiru.
Barattoonni gara yunivarsitii itti ramadamaniitti akka deebi’aniif nageenya yunivarsitootaa mirkaneessuufis hojjetamaa jiraachuu kan himan Doktar Eebbaan, hojiin baruu barsiisuu addaan citee tures yeroo ammaa itti fufeera. Barattoonni bakka ramadamaniin ala yunivarsitii naannoo isaaniitti argamutti barachuu kan hindandeenye ta’uus himaniiru.
Rakkoon nageenyaa mirkanoofnaan yunivarsitiiwwan poolisii federaalaatiin eegsisuun hinbarbaachisu kan jedhan Doktar Eebbaan, nageenya dhaabbilee barnootaa kanneenii karaa itti fufiinsa qabuun mirkaneessuun baratoonniifi hawaasni naannawaas gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Bariisaa Mudde 18 Bara 2012
Natsaannat Taaddasaatiin
10 Comments to “Yunvarsitiin bakka rakkoon kamiyyuu mariidhaan itti furamu ta’uu qaba”