Dhiittaa mirgaa sirni nama nyaataa sabaafi sablammiilee Itoophiyaanotaarratti qaqqabsiisaa tureen miirri saba ofii fakkaachuu, aadaafi duudhaa ofii dhaaluu jaarraa hedduuf ukkaamfamaa tureera.
Ukkaamsaa qaqqabaa ture kanaan Oromoon ta’e saboonni biroo maqaa agarsiistuusaanii, aadaasaanii, duudhaasaanii, maqaa ganamaasaanii, safuusaanii dhiisanii kan sirna aangoorra jiruu akka leellisaniifi moggaafatan taasisuun qorqalbiinsaanii akka jaamu ta’aa turuu seenaatu ragaa baha.
Maqaa magaalotaa ganamaa Amaariffatti jijjiiruurra darbanii maqaan nama dhuunfaallee foolii Oromummaa keessaa akka bahu ta’uusaatiin eenyummaan sabichaa jaarraa tokkoo oliif awwaalameera.
Magaalota eenyummaasaanii ganamaa akka mulqaman taasifaman keessaa magaalaa guddoo Oromiyaa Finfinnee dabalatee, Adaamaa, Bishooftuu, Baatuufi Bulee Horaafaan akka fakkeenyaatti ka’u.
Kufaatii sirna balaafamaa kanaan booda magaalonni Oromiyaa tokko tokko maqaa ganamaasaaniitti kan deebihan yoo ta’u, Finfinnee dabalatee kan hanga ammaa hindeebines yeroof murtee kutannoo siyaasaa qabu eeggachaa jiru.
Tibbana dhimma hojiif gara Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Shaashamanneetti wayita imalletti maqaa ganamaa kutaalee magaalattii deebisuuf sosochii kantiibaan magaalattii Obbo Adam Kamaal itti jiran ilaalchisuun turtii isaan faana taasisne akkaataa armaan gadiitiin isiniif dhiyeessineerra.
Bariisaa: Magaalaan Shaashamannee Oromoo Oromoo urgooftii?
Obbo Adam: Guutummaatti ta’uu baatus Oromoo Oromoo urgoofti jechuun nidandahama. Hanqinaaleen adda addaa jiru. Isa kana furuufis miira kutannoo siyaasaa qabuun hojjetaa jirra.
Bariisaa: Hanqinaaleen guutummaatti Oromoo Oromoo akka hinurgoofne taasisan maali?
Obbo Adam: Dhiibbaa sirnoota abbaa irree darbanirraa kan ka’e maqaaleen kutaa magaalattii hedduu maqaa ganamaasaanii akka dhaban taasifamaniiru. Kun hudhaa magaalattii murtee kutannoo qabu gaafatuudha.
Bariisaa: Akka aadaa Oromootti maqaa abbaamoo keessummaatu baasa?
Obbo Adam: Akkaa aadaatti abbaatu maqaa baasa. Kanaafuu ganama maqaa bareedaa kutaalee magaalattiif moggaasee jiraachaa ture.
Kun ta’us dhiibbaa sirnichaarraa kan ka’e eenyummaan ganamaa kutaalee magaalattii geeddaramee har’a akka feeteen waamamaa jira.
Bariisaa: Maqaan isiniif maali?
Obbo Adam: Maqaan agarsiistuu mudannoo, ibsituu seenaa, mallattoo injifannoo, kallacha eenyummaati. Maqaalee kanneen kan moggaafatu abbaadha. Kun kan ta’eefis haala keessa jiru bu’uureffatee maqaa moggaasu sanaan keessoosaafi hawwiisaa ibsata. Abbaan dhalasaatiif gaafa maqaa baasu gadaa keessa jiru hundee godhata. Kun kan ta’eefis maqaan ibsituu mudannoosaafi hawwii boru jijjiiramaaf qabu ibsuuf waan gargaaruufi.
Bariisaa: Maqaalee kutaa magaalattii jijjiiraman keessaa naa eertuu?
Obbo Adam: Fakkeenyaaf kutaalee magaalaa maqaan ganamaa irraa ka’ee haaraan waamaman keessaa Araadaa, Abboostoo, Zeeroo Aandiifaan isaan muraasa.
Bariisaa: Isa kana hambisuuf sochiin jiru maal fakkaata?
Obbo Adam: Sochiin jiru maqaa ganamaa kutaalee magaalattii deebisuuf Shaashamanneen daran Oromoo Oromoo akka urgooftuuf hojjetaa jirra. Isa kanaafis koree qindeessinee qorannoofi qo’annoo bal’aan gaggeeffamee xumurameera. Yeroo dhiyoon booda hawaasa bal’aaf iftoomee hojiirra ooluun akka Oromiyaatti fakkeenya gaarii ta’a jennee yaanna.
Bariisaa: Fakkeenyummaaf kan ishee geessisu maqaa ganamaa deebisuun alatti hojiin addaa gama biraatiin hojjetamaa jiru jiraa laata?
Obbo Adam: Eeyyee ni jira. Bu’aa jijjiiramaa har’a sabaafi sablammiin dhandhamaa jiru kanaaf aarsaa qaalii dhiigaafi lubbuu qeerroon kaffale yaadachuufis moggaasni maqaa kutaalee magaalattii keessatti ni kennama.
Qeerroon abbaa jijjiiramaa ta’e kan itti yaadatamutu moggaafama. Kunis qorannoo gadi fagootiin hojiitti hiikamuuf jira.
Bariisaa: Bakkeewwan akkam akkamitti moggaasni yaadannoo aarsaa qeerroofi qarree mul’isu kennama?
Obbo Adam: Jijjiirama akka biyyaatti dhufe kana keessatti qeerroofi qarreen Shaashamannee aarsaa guddaa kaffaleera.Isa kana wajjin walqabatee bakka itti warraaqsi qeerroo jalqabame, bakka itti qeerroon dhiige, bakka itti qeerroon aarsaa lubbuu kaffale, bakka itti injifannoof galata labsate hundaaf moggaasni maqaa sabboonaa ta’e kennama. Maqaaleen moggafaman hundi sabboonummaa qeerroofi qarreen Shaashee agarsiisaniin daran kan ibsan ta’u.
Bariisaa: Bakkeewwan kunniin wiirtuu magaalattiimoo magaalaan alatti laata?
Obbo Adam: Hedduunsaanii bakka marfataalee konkolaataa, addababayiiwwan gara garaa kutaalee magaalattii of keessatti hammatu.
Bariisaa: Qabsaa’ota darban yaadachuufoo wanti yaadame jiraa?
Obbo Adam: Oromoon sirna moototaarraa kaasee qabsoo hadhaahaa taasisaa waan tureef.Keessumattuu sirna Dargii mormuuf qabsoo Shaashamanneetti taasifamaa turerratti gootota wareegaman yaadachuufis moggaasni kennamu jira. Moggaasni kun addababayii sagaleen qabsaa’otaa itti dhagahamaa tureefi wareegamni lubbuu itti kaffalame hammata. Kanaaf wareegamtoota hunda yaadata jennee abdanna.
Bariisaa: Maqaalee moggaafamuuf jiran kana keessaa tokko lama akka fakkeenyaatti naa eertuu?
Obbo Adam: Ammaaf hojii adeemsa xumuraarra jiru waan ta’eef hanga xumurree hojiitti hiiknee argamnutti ibsuun hinbarbaachisu. Kun ta’us maqaaleen moggaafaman marti hadhaahaa dhaloonni dhandhame kanneen ibsaniidha jechuun ni dandahama. Fakkeenyaaf “Dirree bilisummaa” jechuu dandeenya. Maqaa qeerroowwan aarsaa lubbuu kaffalaniinillee moggaasuun hinoolu.
Gabaabaatti Shaashamanneen dhama Oromummaafi foolii Oromummaa akka qabaattuuf moggaasa maqaa sabboonummaan alatti sosochii hawaas dinagdeen cimsinee dhaabuuf miira kutannoon hojjetaa jirra.
Bariisaa: Qeerroon Shaashamannee jijjiirama kana aarsaa qaaliifi hadhaahaa kaffalee fide har’a rakkoo hojidhabdummaan hiraarfamaa jira. Isa kanaaf maal kudhaamaa jirtu laata?
Obbo Adam: Kun dhugaadha. Qeerroon jijjiirama afuura baafannaa kana galmeessise ofiisaa eeggattummaa jalatti kufee jira. Hedduunsaanii dhaabbilee barnoota olaanaarraa kan eebbifamaniidha.
Bariisaa: Magaalaan Shaashamnnee rakkoo nageenyaa hedduun qabdi jedhamaatii kana akkamiin ibsitu?
Obbo Adam: Rakkoon nageenyaa hanga ammaatti hinjiru. Kun ta’us rakkoon hawaasummaa, dinagdee, bulchiinsa gaarii dargaggootaaf hudhaa ta’aa tureera. Kun akka furamuufimmoo qaamota dhimmisaa
ilaallatu waliin hojjetaa jirra.
Iddoowwan tokko tokkotti ammoo qeerroo dahoo godhachuun saamichaafi jeequmsa babal’isuuf karoorri jiraatus miira kutannoo qeerroo, foollee humna nageenyaafi abbootii Gadaa waliin ta’uun dhaamsuun dandahameera.
Bariisaa: Hudhaalee qeerroofi qarree mudatan kana furuuf sosochiin jiru gahaadha? Haala kamiinis ibsama?
Obbo Adam: Sosochii jajjabeessaa jira. Hanga dandahametti hojii ijaarsawwan, daldalaafi misooma gara garaa keessatti walgurmeessanii akka hojjetan jajjabeessaa jira.
Bariisaa: Lakkoofsi hojidhabaafi baajanni hoji gaggeessituu isaaniif ramadame wal madaalaa laata?
Obbo Adam: Bajata gahaa ramaduu qofti furmaata waan hinfidneef aadaa hojii keenyaa fooyyessuun barbaachisaadha. Isa ramadame kana haalaan hojiirra oolchuurratti xiyyeeffannoo laannee yoo hojjenne dargaggoon keenya hamma tokko fayyadamaa ta’a jennee abdanna. Ammaaf qarshiin miliyoona 42 ol ramadameera.
Sosochii kanaan dura taasifameen drgaggoonni dameelee manuufaakcheriingii, ijaarsa, daldalaaf misoomawwan gara garaa keessatti hirmaatan fayyadamaa ta’aa jiru.
Kanneen hafanis duguugnee hojiitti galchuuf kutannoo siyaasaatiin hojjetaa jirra. Akkaataa karoora keenyaatti hojidhabeeyyiin 12 ol bara bajataa 2012 keessa hojiilee gara garaan gurmaahanii carraa hojii akka uummatan taasifamu.
Bariisaa: Qeerroowwan hojidhabeeyyii magaalattii dubbisne tokko tokko rakkoon bulchiinsa gaarii akka jiru, fira firaan hojii walqabsiisuun akka mul’atu kaasuui kanarratti isin maal jettu?
Obbo Adam: Rakkoon bulchiinsa gaarii hinjiru jechuu hindandeenyu. Hamma dandahmetti furuufis hordoffii barbaachisaa taasisaa jirra. Hundumtuu dhala Oromooti. Kun fira kooti, kunimmoo firakoo miti jedhamee bakkeetti kan gatamu akka hinjiraanneef kutannoon hojjenna. Hagam of eeggannoon hojjetames komiin hindhibu. Ta’us karaa iftoomina qabuufi sassaabdummaa kiraarraa bilisa ta’een waliin gahuuf hojiitti jirra.
Bariisaa: Hojjetooonniif abbootiin qabeenyaa dargaggoota hojidhabeeyyii waliin dhoksaan gurmaahanii carraa hojidhabdootaa cufaa jiraachuullee komiin qeerroo jiraatii kana quba qabduu?
Obbo Adam: Hojiin ukkaamsaan hojjetamu tokkollee hinjiru. Adeemsa hojii hojjennu mara keessatti koree komii fuutuu qabna. Dargaggoon yakka akkasii arges dhufee eeruu akka laatuuf balballi keenya banaadha.
Abbaan qabeenyaas ta’e hojjetoonni mootummaa hojidhabeeyyii waliin hiriiranii yakka akkasii jaalala biyyaafi lammii kan hinqabne yoo ta’aniin ala gochaa akkaa hinraawwatan. Yaata’uutii xiyyeeffannoo guddaan itti laatamee karaa komiin itti xiqqaatuun hojjechuuf miira kutannootiin socho’aa waan jirruuf sodaan jiraachuu hinqabu.
Bariisaa: Dargaggoonni hojii filachuun hinjiruu? Moo waanuma argatan hojjetu?
Obbo Adam: Hojii tuffachuun eessayyuu namaan hingahu. Kuni ta’us damee barnootaa isaan itti leenji’an adda baasnee hojii barnootasaaniin walsimatutti bobbaafna. Fakkeenyaaf kan injineriingiin eebbifame ijaarsawwan gara garaa, kanneen damee dinagdeen eebbifaman daldala keessatti qooda akka fudhatan taasisaa jirra.
Bariisaa: Aadaan hojii tuffachuu kun bakkawwan gara garaatti calaqqisa. Isa kana furuuf maalitti jirtu?
Obbo Adam: Rakkoon ilaalchaa hojii tuffachuu kun hudhaa dhalootaa ta’aa jira. Wanti jijjiirama keessatti ilaalamuu qabu yoo jiraate madda galii ta’uu dandahamoo hindandahu isa jedhuudha malee hojii filachuun deega fida. Abbootii qabeenyaan fagaatan duubasaanii yoo ilaalle hojii xixiqqaa riqicha godhatanii warra ka’aniidha.
Bariisaa: Hojidhabeeyiin hanga yoomiitti hojiitti galanii raawwatu jettanii yaaddu?
Obbo Adam: Ji’a amajjii hanga Guraandhalaatti hojiitti nigalu jennee abdanna.
Bariisaa: Bajata mootummaan ramadu kanaan rakkoon hojidhabdummaa furamaa laata?
Obbo Adam: Maal eessaa? Rakkoon kun hirmaannaa abbootii qabeenyaas kan gaafatu waan ta’eef isaan waliinis hojjetaa jirra.
Bariisaa: Rakkoon hojidhabdummaaa kun miidhamtoota qaamaallee kan ilaallatuudha. Gama kanaanoo maaltu hojjetamaa jira.
Obbo Adam: Miidhamtootni qaamaa hojiilee isaan hojjechuu dandahan gara garaa kanneen akka hojii xibiraafi kanneen biroo keessattillee hirmaachisaa jirra.Qaamaan miidhamuun sammuun miidhamuu miti. Kanaaf fayyadamummaasaanii mirkaneessuurra darbanii misooma biyyaa keessatti shoora isaan akka magaalattiitti taphachaa jiran olaanaadha.
Bariisaa: Qeerroos ta’e qarreen akkasumas foollee akkamiin ibsitu, namoonni tokko tokko akka humna badiisaatti maqaa gurraachessuutii?
Obbo Adam: Qeerroon, qarreenis ta’e foolleenis obboleeyyan keenya malee akka ormoonni jedhan miti. Qaama biraarraa kan dhufan godhanii ilaaluun dogoggora. Kun ta’us namoonni maqaa qeerrootiin yakka dalaguun maqicha gurraachessuu barbaadan jiru. Isaan kana dhabamsiisuuf qindoominaan hojjetaa jirra.
Tasgabbii hawaasa eegsisuu, nagaa buusuu, biyya eeguu eeruu komii kaasuu keessaatti humnoota jijjiiramaa ta’anii hojjechaa jiru.
Bariisaa: Shaashanneen wiirtuu dadalaa akkuma taate sosochii hawaas dinagdeeshii akkamiin fooyyessaa jirtu?
Obbo Adam: Hojidhabeeyyii kanatti miira ofitti amanamummaa horuuf magaalattiin hawaas dinagdeen akka fooyyoftu gochuun barbaachisaadha. Isa kana milkeessuuf ijaarsaawwan misoomaa magaalattii miidhagsan, sosochiin abbootii qabeenyaa baadiyaarraa gara magaalaatti taasisan akka cimu gochuun hojidhabdummaa furuu keessatti shoora olaanaa taphata.
Isa kanaaf bajata misooma magaalaaf qabame haalaafi yeroo qabame keessatti hojiitti hiknee argamuuf wixinee baasnee hojiitti galleerra. Akka kanaan duraa qisaasa’inni bajataa akka hinmudanneef of eeggannoofi hordoffii walirraa hincinneen hojjetaa jirra.
Guddina magaalaa Shaashamannee kanaaf sosochii mootummaan taasisuun qofa milkaahina waan hin arganneef abbootii qabeenyaa biyya keessaa dabalannee misoomawwan hojidhabeeyyii hirmaachisan akka babal’ataniif hojjetamaa jira.
Bariisaa: Shaashamanneen magaalaa sabaafi sablammiin hedduu keessa jiraataniidha. Miirri waldandahuufi waliin jiraachuu maal fakkaata?
Obbo Adam: Shaashamanneen haadha sabaafi sablammii 22 ol hammattee jirtuudha. Magaalaa hordoftoonni amantiilee gara garaa keessatti argamaniidhas.
Hunduu waldandahee gaddaafi gammachuu waliin hirmaatee jiraachaa jira. Aadaa hammachuu Oromootiif magaalaa fakkeenyummaan kaatuudha.
Bariisaa: Wayita walitti bu’insinni tokko tokko uumaman akkamiin furtu?
Obbo Adam: Hudhaaleen akkasii wayita mudatan abbootii amantii gara garaafi abbootii Gadaa hirmaachisuun mariin gadi fageenyaa erga taasifamee rakkoon furama. Irra caalaatti nageenya magaalattii eegsisuu keessatti hirmaannaa hawaasni magaalichaa agarsiisu jajjabeessaadha.
Komiin jirus karaa seera qabeessaan akka gaggeeffamuufi miirarraa bilisa akka ta’aniif hordoffii barbaachisaan taasifamaa jira. Akka aadaa Oromootti namni amantiinis sanyiinis saba biraa qoodee hinhacuucu. Ta’us garaagarummaa ilaalchaa saboota gara garaa gidduutti mudatuun humnoota dubbii gara badiisaatti oofanillee adda baasne miirri waldandahuu akka gabbatu hojjenneerra.
Bariisaa: Nageenya amansiisaa buusuu keessatti haadholiin siinqee maqaa qabuutii akka magaalaa Shaashamanneetti sosochii isaan taasisan maal fakkaata?
Obbo Adam: Haadholii siinqeef kabaja Oromoon qabu guddaadha. Rakkoon nageenyaa wayita mudatu mara adda durummaan hirmaannaa nagaa buusuu kan taasisu isaani.
Sosochiinsaanii magaalattii keessatti hudhaawwan baay’ee fureera. Aadaa Oromoo ganamuma itti guddate waan ta’eef namni seera kana faallessu hinjiru.
Bariisaa: Moggaasa maqaalee ganamaafi haaraa Shaashamannee kanaan yoom walbarraree ?
Obbo Adam: Fagoo miti; turtii yeroo muraasaan booda iftooma. Maqaan kun eenyummaa ganamaa kan deebisu, aarsaa qeerroo kan yaadachiisu ta’uun alatti hawwii hiyyumni itti dhabamsiifamus of keessatti hammata.
Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gochuun turtii sosochii hawaas dinagdee Magaalaa Shaashamanneerratti ibsa bal’aa nuu kennitaniif maqaa kutaa Gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.
Obbo Adam: Isinillee sosochii magaalaan Shaashamannee gama hawaasummaatiin, siyaasaan, dinagdeen itti jirtu qorachuun lammiilee biraan gahuuf birmannaa ogummaa nuuf taasistaniif isin galateeffanna.
Bariisaa Mudde 18 Bara 2012
Waasihun Takileetiin
3 Comments to ““Simboo Oromummaa Shaashamannee deebisuuf hojjetaa jirra” “Simboo Oromummaa Shaashamannee deebisuuf hojjetaa jirra” – Obbo Adam Kamaal”