Kutaa 3fa
Dubbistoota keenya, maxxansawwan keenya torban lamaan darbaniitiin seenaa mataduree kana jalatti waa’ee seenaa Mootota Abbaan Boor isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaan kutaa sadaffaafi dhumnisaa akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Diimaa Caalii /Abbaa Raagoo/ waraana Raas Tasammaa yeroo sadi rukutuun biyyarraa ittisaa ture. Duula yeroo afraffaa gaggeeffamerratti Abbaan Raagoo booji’amanii gara Qeellem warra Jootee Tulluutti akka eegaman kennaman. Iddoon Raas Daargeen Abbaa Raagoo wajjin waraana itti gaggeessan ammallee Qotaa Daargee jedhamee waamama.
Duulli garee lamaan gidduutti godhame kun waraana meeshaa ammayyaa Awurooppaarraa dhufeefi ummata meeshaa dulloomaa kanneen akka eeboo, gaachana, hoffaafi goraadeedhaan gaggeeffame akka ture ni dubbatama. Qabsoo Oromoon kallattiin gochaa ture waan dadhabaniif tooftaa riphee loluun Abbaan Raagoo garee muraasa wajjin osoo deemanii harka Nafxanyootaatti kufan.
Garee Raas Daargeen hogganamanis harka seenan. Diimaa Caaliis booji’uun gara warra Jootee Qeellemitti akka hidhaman erga godhee booda osoo gara biyyaatti hindeebi’iin achumatti du’an. Waraanni Abbaa Raagoo meeshaa waraanaa Nafxanyootarraa hiikkate deebisu malee jechuun waan isaan gallakkisuu didaniif Qeellem, iddoo Qeeber jedhamutti bara 1893 akka hidhamanii du’an himama.
Qawwee harka ummataa seene kana argachuuf karaa ilmasaanii yaalamus deebisuu waan dadhabameef ilmisaanii abbaan harka Nafxanyootaa waan turaniif ummata sochoosuu hindandeenye. Kunis diina waan itti baay’iseef aangoo mootummaa akka Faxxansaan Iluu/Abbaa Ayyaansoo/ fudhatu gargaaruu eegalan.
Kanarraa kan ka’e warra Yamboofi Iluu Quraa gidduutti falmiin aangoo eegalame. Kunis Gariisaa Diimaa akka mufatu waan godheef Faxxansaan mo’atee aangoo fudhatee falmiin jara lamaanuu xumura argate.
Faxxansaa Iluu aangoo yoo qabatu Yamboofi warri Mattuu garasaa goranii Iluu Quraa akka amartii (mallattoo) aangoo saaman dubbatama. Faxxansaan qoroowwan jiran irra gulufuuf to’annaan of jala oolchus mormiin bakka baay’eetti akka ka’aa ture dubbatama. Abbaan Ayyaansoo Buree of jala oolchuuf socho’aa turanillee nuti Ilma Abbaa Boor malee isa hinbeeknu jechuun daran morman.
Kunis walitti bu’insa guddaa booda ummata baay’ee walitti haruun akka fudhate dubbatama. Keessattuu warra Bashaanoo Boorrii /Qoraattii/ keessaa humna booji’e gara Mattuufi Yambootti geessan. Haala kanaan Faxxansaa Iluu wiirtuu ajajaafi waraanasaanii iddoowwan sadiitti hundeessuun Iluu Abbaa Boor bulchaa ture.
Iddoon ajajaafi wiirtuuleen waraanaas:
1.Yamboo
2.Goreefi
3.Saayii akka ture ni dubbatama.
Abbaan Ayyaansoo nama cimaafi diinni isa dura hindhaabanneedha. Yaa ta’uutii ilmi Abbaa Booraa Waacilaa Caaliifi ilmisaa Dooggiifi Birbirsootti duula godhanis Faxxansaa Iluu/Abbaa Ayyaansoo/ mo’achuu hindandeenye. Jaarreen kana malee abbaan biyyaa Dhaadallee Diimaa Tamboo yeroo baay’ee fincila kaasus mo’achuu hindandeenye. Abbaan Ayyaansoo duula Qarsaa Googillaa irratti godhameen mo’amus gara Saayyiitti waan baqateef qabamuu hindandeenye.
Faxxansaan obbolaasaa Shorroo Iluu, Duura Iluu aangoosaatiif akka utubaa ta’an dubbatama. Walittibu’insa abbootii waraanaa warra Hadheessoo ykn Faxxansaa Iluu, Bungal Waacilaa /Abbaa Daawoo/ Diimaa Tamboo gidduu jiru humni ummataa iddoo saditti akka qoodamu waan godheef waggoota shaniif osoo walirraa hincitiin waan walwaraanaa turaniif biyyi dadhabee walqoode.
Waldiddaa kana booda Bungul Waacilaafi Diimaa Tamboo walta’uun Goobanaatti harka kennatan. Goobanaa biraa Raas Tasammaa Naadoo qabachuun Arjoorraa ka’uun Laaloo, Doorannii Daarimuu, Supheefi Aalgeerra goruun gara Mattuutti duulan.
Duula Mattuurratti godhameen gareen Faxansaa mo’amee Saayyiitti baqatus booda gareen isaa beelaan akka rakkatan godhanii haala salphaan akka qabaman godhameera (Imaamuu Abduu 1987) Abbaan Ayyaansoo waraana Raas Tasammaafi kan Bungul Waacilaa Caaliin erga qabamee booda gizootiidhaan Bureetti abbaa biyyaa Jaawwii Shoonnootti kenname. Yeroo baay’ee otoo hin turiin iddoo maatiin isaa gaafachuu danda’anitti akka dhiyaatu gara Barrooyyiitti fidanii akka mana hidhaa turan taasifaman.
Faxxansaa Iluu mana hidhaa taa’ee bullukkoo qofa uffachuun (hidhachuun) surreesaa mataatti marataa ture. Kunis kana booda dhiirummaan akka bade mul’isuu isaa ture jedhama. Walii tumsuu dhiisanii diinaaf waan walsaaxilaniif Diimaa Tamboofi Bungul Waacilaatti akka baay’ee aaran dubbatama. Kanarraa ka’uun “Fagaarri dhuuftee nama salphisti; yartuu hinamaniinaa nama ganti” jechuun mammaakamaa ture jedhama.
Du’a Faxxansaa Iluu booda Tasammaan Bungul Waacilaa/akaakayyuu Abbaa Boor/ Fiitawuraarii gochuun akka biyya tasgabbeessuuf itti gargaaramee ture. Ummannis Bungul Waacilaa waan jaalateef / Abbaa Dawoo/ jedhee isa waamaa akka ture himamaa. Diimaa Tamboo garuu aangoo barbaadu waan dhabeef gara mootii Minilik dhufee kadhatus milkaa’uu hin dandeenye. Mootummaa Iluu Abbaa Boor keessatti Faxansaa Iluu /Abbaa Ayyaansoo/ mootii isa dhumaa turan.
Kana booda hanga mootommaan wayyaaneen durfamu biyya kana to’atuuti namni Iluutti dhalate tokkollee naannoosaa bulchee hinbeeku.
Bariisaa Mudde 18 Bara 2012
12 Comments to “Mootota Aluu Abbaa Booraa”