Itoophiyaan Ugaandaa wajjin taphatti

Finfinnee: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaa umrii 17 gadi Sadaasa 2-21 ALA bara 2020 magaalota Hinditti adeemsifama. Yeroo 7faf kan qophaa’u waancaa dubartootaa kanarratti Ardiiwwan jahanirraa biyyoonni 16 ni hirmaatu jedhamee eegamu.

Waldaan kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA”n Biyyoota hirmaatan kanneen beekuuf walmorkiiwwan gulaala ardiiwwan marattuu ni adeemsifamu. Haaluma kanaan ardii Afrikaarraa biyyoota hirmaatan beekuuf Konfedereeshiniin kubbaa Miilaa Afrikaa walmorkiiwwan gulaalaa gaggeessuuf sagantaa baaseera.

Haaluma kanaan Itoophiyaan Ugaandaa wajjin kan ramadamte yoo ta’u, tapha gulaala duraa Amajjii 2 bara 2012 Kaampaalaatti godhatti.

Qophii kanaaf leenjistoonni garee kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaas taphattoota 24f waamicha gochuusaaniis Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibseera.

Taphattoonni kunneenis kan filataman kilaboota liigii piriimeerii dubartoota Itoophiyaarraa ta’uun beekameera. Taphattoonni filataman Mudde 21 bara 2012 irraa kaasee Istaadiyooma Finfinneetti argamuun shaakalsaanii akka jalqaban waamichi godhameeraaf.

Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

Recommended For You

4 Comments to “Itoophiyaan Ugaandaa wajjin taphatti”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: a fantastic read

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *