“CAF” maqaa kaadhimamtootaa iftoomse

Finfinnee: Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF” taphatoota Afrikaa liigii biyyaa keessatti taphatan jajabeessuuf jecha shaampiyoonaa kubbaa miilaa mataasaa danda’e biyyaa keessatti gaggeessu eddii jalqabee oolee buleera.

Haata’u malee dhiheenya kana taphattoota liigii Awurooppaa, keessumaa liigii kilaboota Ingiliz, Liivarpuliifi Maanchisar Siitiif taphatan Mahammad Saalaa kan Misiraa, Seediyoo Maanee kan Seeneegaaliifi lammii Aljeeriyaa Riiyaad Maahireez kaadhimamtoota gochuun filateera.

Waggaa afuritti al tokko kan adeemsifamu waancaa kubbaa miilaa Addunyaatii ala ardii Afrikaa dabalatee, Eeshiyaa, Ameerikaa Kaabaafi Kibbaatti hundisaanii shaampiyoonaa ardiisaanii akka gaggeessan beekamaadha. Isaanis waggaa waggaadhaan filannoo taphatoota beekamoo waggaa (urjii) filachuun badhaasu.

Haata’u malee “CAF” biyyoota kanneenii adda kan isa taasisu taphatoota kilaboota Awurooppaatti taphataniif dursa kenuusaati.

Konfedereeshinichi waancaa kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa “CHAN” jechuudhaan waggaa lamatti al tokko kan gaggeessu shaampiyoonaa kubbaa miilaatti taphattoota beekamoo jechuudhaan filachuunsaa kan hinoolleedha.

Konfedereeshinichi ALA bara 2019 taphattoota beekamoota Afrikaa jechuudhaan kaadhimamtoota dhiheessse keessaa sadan kanneen dhumarratti maqaasaanii ifa baaseera.

Haaluma kanaan taphataa kilaba Maanchistar Siitiifi lammii Aljeeriyaa kan ta’e Riiyaad Maahireez isa tokko. Akkasumas kilaba Liivarpuliif kan taphatan Mahammad Saalaafi Seediyoo Maanee kaadhimamtoota ta’uun beekameera.

Dargaggoota Afrikaa Kilaba Liivarpuliif taphatan kanneen keessaa Saadiyoo Maanee waancaa kubbaa miilaa Afrikaa dabretti biyyasaa, Senegaal tapha maahessaa akka dhaqqabdu kan taasisedha.

Mahaammad Saalaah ammoo miidhamuudhaan tapha waancaa Afrikaa, Misiraaf hiriree taphachuu baatus Kilabni Ingiliz Liivarpul waancaaf liigii Ingiliizif akka dhihaatu taasisus Maanchistar Siitiidhaan qabxii takkaan caalamee lammaffaa wayita bahu gaheensaa olaanaa ture.

Akkasumas waancaa biyyoota Awurooppaatiif tapha jalqabaarratti hirmaatus taphataa Riyaad Maadiriid Saarjiyoo Raamosin miidhame tapha osoo hinxumurin hafuunsaa kan yaadatamuudha.

Shaapiyoonaa liigii piriimeerii Ingiliz bara darbeetti taphataa beekamaa ta’uun kan badhaafame Riiyaad Maahireez biyyisaa, Aljeeriyaa shaapiyoona gochuun waancaa kubbaa miilaa Afrikaa akka fudhattu taasisunsaa kan beekamuudha.

Haaluma kanaan “CAF” Maanee taphatoota beekamoo bara 2019 Afrikaa gochuuf kaadhimamuunsaa waanuma eegamuudha kan jedhan baayi’eedha.

Konfedereeshinchi haaluma walfakkaatun dubartootaan taphattoota beekamoo filachuudhaan kaadhimuu ibseera. Haaluma kanaan taphattuu Kaameerun, Baasee Reengaa, tan Naayijeeriyaa Asiisaat Ovooliifi tan Afrikaa Kibbaa Teembee Gaatilaanaa filateera.

Akkasumas leenjisaa garee kubbaa miilaa Senegaal Aliyee Siiseef leenjisaa garee kubbaa miilaa Aljeeriyaa Jamiil Beelmaadi kaadhimamtoota yoo godhu, sadarkaa kilabaatin ammoo kilabni Tuniziyaa Espeeraanis Mo’iin Chaanii kaadhimuudhaan dhiheesseera.

Qabxiin filannoo kan murteeffamu sagalee biyyoonni miseensota konfedereeshinichaa, leenjistonni garee kubbaa biyyaaleessaa, daarikteeroonni teekinikii kubbaa miilaafi ambaloonni garee kubbaa miilaa biyyaalessaa kenaniin ta’a.

Mo’attoonni kunneen kan beekaman sirna Mudde 28 bara 2012 biyya waajirri “CAF” itti argamu, magaalaa guddoo, Misiraa Kaayirootti.  

Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

Recommended For You

2 Comments to ““CAF” maqaa kaadhimamtootaa iftoomse”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *