Alergiin hir’achaa dhufuun dinagdee biyyaa hubaa jira

Ijaarsi kun maaf harkifate? Rakkoo sharafa alaati, hojiin kun maaf hinhojjatamne? Rakkoo sharafa alaati, meeshaan kun maaf hinbitamne? Hanqina sharafa alaati. Kun maaf hintaane? Rakkoo shara alaati. Sun hoo maaf hintaane sunis rakkooma sharafa alaati.

Gaaffii walfakkaataa deebii walfakkaataa wajjin waggoota hedduuf biyyattii keessatti gaafatamaafi deebi’aa turaniin walitti deebine.

Rakkoon sharafa alaa hangana guddaa ta’ee bakka jirutti biyyi tun akkamitti waggoota kudhanii oliif guddina dinagdee biyyootni muraasni qofa galmeessisuu danda’an abbaa diijitii lamaa galmeessisaa turteree?

Guddini jedhame akka jedhame sanaan guddachaa hinturre moo sharafa alaa jedhametu sobaree? Deebiisaa yeroodhaaf dhiifnee waan kaaneefitti yemmuu deebinu.

Guddinni biyyattii waggoota kudhanii oliif guddina abbaa diijiitii lamaa galmeessisaa ture har’a immoo hir’ina sharafa alaatiin guggufachaa jira.

Waggoota hedduuf rakkoon sharafa alaatiin walqabatee ka’u kun rakkoo walfakkaataa damee hundaa ta’ees akkuma ittifufetti jira.

Guddinni dhugaafi bu’ura cimaarratti hundaa’e tokko sharafa alaa amansiisaa qabaachuutu irraa eegama waan ta’eef biyya guddinni dinagdee dijiitii lamaan guddachaa ture keessatti rakkoon sharafa alaa hangana ga’u uumamuunis gaaffii uumuunsaa hinoolu.

Guddinni dinagdee qonnaan durfamaa jiru gara indaastiriitti ceessifnaanis dhaadannoo qofa ta’ee hafuu bira darbee yeroo ammaatti alergiin hedduu gadi bu’uusaatiin dinagdeen biyyaa dhiibbaa keessa galaa jiraachuutu himama.

Rakkoon yeroo ammaa alergii mudachaa jiru dafee furmaata argachuu baannaan dinagdee biyyaarratti dhiibbaa cimaa geessisaa kan jiru ta’uu Ministeerri Daldalaafi Indaastirii ni ibsa.

Dameen alergii biyyattii waggoota kurnan darbanitti guddachuu dhiisee faallaasaatiin hir’achaa dhufuunsaa yaaddoo guddaa uumaa jiraachuu kan himan ministir de’eetaan ministeerichaa, Obbo Takkaa Gabrayyas, haalli kun immoo furmaata si’ataa argachuu baannaan guddina biyyattii gaaffii keessa kan galchu ta’uu dubbatu.

Rakkooleen alergii mudachaa jiran kunniin irra jireessaan waggoota darbaniif osoo furmaata hinargatin turuusaaniitiin kan kuufamaa as gahan yemmuu ta’an, furmaatasaatiif immoo qorannoon gadi fakkeenya qabuufi hunda hirmaachise kan barbaachisu ta’uu himu.

Akka ibsa Obbo Takkaatti; maddi rakkoo kanaa maal akka ta’eefi eessaa akka madde kan agarsiisu kallattiin taa’uu qaba. Ministeerichis akka qaama dhimma kana hoogganuutti qorannoo gamasaa kan gaggeesse yemmuu ta’u, kanaanis hudhaalee alergii akka hinguddanne dhorkaa jiran adda baasuun danda’ameera.

Hanqinni sharafa alaa, rakkoon humna ibsaafi adda ciccituu ibsaa, qaala’iinsa kanfaltii buufata Jibuutii, dhala Baankii Misoomaatiin omishtootarratti dabalame, walxaxiinsa kanfaltii gumrukiifi hanqinni logistiksii rakkoolee guguddoo damee alergii miidhaa jiraniidha.

Sharafni alaa gargaarsaafi liqiidhaan argamu madda amansiisaafi itti fufiinsa qabu waan hintaaneef hunda dura haala rakkoon alergii kun itti sirraa’uu danda’urratti xiyyeeffatamuu qaba.

Waggoota kurnan darbaniif meeshaaleen alaa galan hedduu kan dabalan yemmuu ta’u, kanneen gara alaatti ergaman garuu dabaluun hafee hir’ina kan agarsiisan ta’uufi kanneen gara alaatti ergamanis hanga ammaatti damee qonnaa qofarratti kan hirkatan ta’uu ibsu.

Akka biyyaatti raawwii alergii yeroo ammaa jiruun itti fufuun hindanda’amu kan jedhan Obbo Takkaan, rakkoon kun daran ulfaataafi egeree guddina biyyattiirratti dhiibbaa olaanaa kan qabu waan ta’eef kallattii dameen kun ittiin durfamuu qabu qopheessuufi mariin qooda fudhattoota hunda hirmaachise dirqama ta’uu dubbatu.

Haala kanaan dura barameen hojiin hojjatamu damee kana caalaatti dhiibbaa cimaa jala galchuun ala bu’aa tokkollee fiduu waan hindandeenyeef qindoominniifi kallattiin dameen kun rakkoo kana keessaa ittiin bahu akka mootummaatti qophaa’uu qaba jedhu.

Wantootni yeroo ammaa biyya alaatii gala jiran hedduunsaanii biyya keessatti omishamuu kan danda’an ta’uu kan himan immoo Ministira Daldalaafi Indaastirii Aadde Fatlaworqi Gabragzabiher, omishtoota biyya keessaa jajjabeessanii haala isaan wantoota alaa galan kan biyya keessatti omishan gochuun ala furmaatni biroo kan hinjirre ta’uu ibsu.

Akka ibsasaaniitti; saliixiifi talbaa gatii gadaanaadhaan alatti erginee zayita gatii olaanaadhaan alaa bituu hanga hindhaabnetti hir’inni daldala alaa kun sirraa’uu hindanda’u.

Alergiin waggoota hedduuf damee qonnaa qofarratti hundaa’e kun bakka sirraa’ee dameewwan birootti hincaanettis rakkoo alergii furuun hin yaadamu.

Qonnatti aanuudhaan alergii keessatti shoora murteessaa qabaataa kan ture dameen albuudaas waggoota darbanitti hir’achaa dhufuunsaa guddinna biyyattii yaaddoo keessa galchaa jira.

Rakkoowwan guguddoo damee kana muudachaa jiran keessaa tokko kan ta’e hanqinni sharafa alaa, bakka alergiin amansiisaan hinjiraannetti garuu rakkoo kana jalaa bahuun waan hin yaadamne ta’uus himaniiru.

Gama biraatiin immoo, warshaaleen omishoota hedduu gara alaatti erguu danda’an hedduu yeroo ammaa humna qabaniin gaditti omishaa kan jiran yemmuu ta’u, kanaanis ofiisaaniis ta’ee biyyasaanii gargaaruu kan hindandeenye ta’uu himu.

Omisha huccuurratti kan bobba’aniifi abbaan qabeenya Warshaa Huccuu Yirgaaalam Aadde Yirgaalam Asaffaa gamasaaniitiin, yeroo ammaa warshaalee huccuu omishanii gabaa addunyaatiif dhiheessan afur kan qaban ta’uu himanii, haa ta’uu malee warshaaleen kunniin yeroo ammaa dhibbantaa 20 qofaan hojjachaa jiraachuusaanii ibsu.

Osoo baay’ee omishuu danda’anuu humnasaaniitii gadi omishuuf kan isaan dirqisiise immoo ciccituu humna ibsaa ta’uu kan himan Aadde Yirgaalam, haala amma itti omishaa jiraniin mindaa hojjattootaa kanfaluu bira darbee bu’aan argachaa jiran tokkollee kan hin jirre ta’uu dubbatu.

Akka ibsa Aadde Yirgaalamiitti, haala humni warshichaa danda’uun omishuu dhabuun isaan qofaa osoo hintaane biyyattiis miidhaa jira. Yeroo ammaa alergiin hir’ate jechaa odeessaa huccuun alatti ergamu immoo akka hinomishamne taasisuun waan walfaalleessuudha.

Rakkoo sharafa alaa kana guutummaatti keessaa bahuufis ta’ee hir’isuuf warshaaleen yeroo ammaa biyyattiitti argaman gahee olaanaa waan qabaniif mootummaan rakkoo yeroo ammaa warshaalee mudachaa jiru furuun dirqamasaa bahachuu akka qabus dhaamaniiru.

Warshaan huccuu waggoota kudhaniif biyyattiitti omishee alatti gurguraa ture kun yeroo ammaa sababuma kanaan abdii kutatee sadarkaa omishasaa dhaabuurra gahaa jira.

Warshaaleen huccuu hedduunsaanii yeroo ammaa sadarkuma walfakkaatuun omisha dhaabaa jiraachuusaaniifi keessattuu alergii keessatti shoora olaanaa kan qaban warshaaleen gogaa hedduus hojii dhaabaa jiru.

Warshaaleen gogaa 13 ta’an yeroo ammaa hojiidhaabuusaaniis ragaan ministericharraa arganne ni mul’isa.

Walumaa galatti, rakkoo kana furuuf rakkoo kanatu jiraan kana booda hedduu nama hindeemsisu waan ta’eefis rakkoon rakkoodhaan furamus hinjiru.

Rakkoo tokko furuuf rakkoon inni biraa jiraachuun waan hinoolleef eegamuudha. Kan ta’uu qabu garuu rakkoo keessaa filatanii rakkoo isa guddaa furuuf isa xiqqaa keessa darbuun murteessaa ta’a.

Sharafa alaatu dhabame jechaa meeshaaleen alatti ergamanii sharafa fiduu danda’an immoo rakkoo ibsaafi kanneen birootiin yemmuu hojii dhaaban arguun rakkoon kun furamuu akka danda’u kan agarsiisu waan ta’eef bishaan keessa taa’anii dheeboochuun dhaabbachuu qaba.

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

4 Comments to “Alergiin hir’achaa dhufuun dinagdee biyyaa hubaa jira”

  1. Pingback: happyluke

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *