Afaan Oromoo ija waaltinaatiin

Afaan Oromoo afaanota addunyaa kanarratti namoota baay’eedhaan dubb ataman keessaa isa tokkoofi afaanota guguddoo jedhamanii kaa’aman keessatti akka ramadamu ogeessonni afaanii ni ibsa.

Qeesii Kaatoolikii kan turaniifi waa’ee dhimma Oromoo barreessuun kan beekaman Maarshaal Di Saalvaayik (2008) jedhamu walakkaa jaarraa 19fa keessa qorannoo jechootaafi sagaleerratti hundaa’uun gaggeessaniin Afaan Oromoo afaanota Nuubiyaa durii keessaa tokko akka ta’eefii afaan ummata guddaadhaan dubbatamu ta’uu ibsu.

Karaa biraatiin Giraag (1976) Afaan Oromoo afaan saba guddaa akka ta’eefi Itoophiyaa keessatti lafa bal’aa irratti (Bahaa hanga Lixaatti, akkasumas kaabaa hanga kibbaatti) afaan dubbatamu ta’uu eera. Gabaabumatti, Afaan Oromoo afaanota gaanfa Afrikaatti bal’inaan dubbataman keessaa isa tokko yoo ta’u, sadarkaa 3fa (Iswaahliifi Hawusaatti aanee) irrattis akka argamu Giddugala Aadaa Oromootti hayyuun afaanii, Obbo Dirribaa Tarrafaa ni ibsu.

Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti qofa kan dubbatamu osoo hinta’iin biyyoota gaanfa Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Sumaaliyaa, Jibuutii, Taanzaaniyaafa’ittis akka dubbatamu ragaalee danuun ni ibsu.

Gaazexaan Bariisaa dhimma waaltinaafi looga Afaan Oromoorratti xiyyeeffachuun hayyoota adda addaa dubbiseera. Maxxansa kanaan yaada Gaazexeessaa Ibraahim Hajii Alii Koree Waaltina Afaan Oromoofi Faanaa Birodikaastiingi Korporeetitti waggoota 14 oliif Faana Afaan Oromoo qopheessaa kan ture,yaada nuu kennan isin dubbisiisna.

Afaan Oromoo ammaan tana afaan hojii mootummaa naannoofi barnootaa ta’ee tajaajilaa jirutti akkuma afaan kamiittuu loogni ni baay’ata. Akka godinaatti haa hafuutii akkuma aanaattuu adda addummaan loogaa ni mul’ata. Fakkeenyaaf maqaa guyyootaa Wixata, Kibxata jedhaman namoonni haala kanaan beekan muraasa turan. Adeemsa keessa garuu waalta’ee sadarkaa olaanaatti faayidaarra oolaa jira.

Waaltina jechuun waltaasisuudha. Akka hubatamu gochuudha. Ammaan tana namoonni baay’een jechoota waalta’oo daran hubataa waan dhufeef salphumatti waliigalamaa jira.Hanqaaquu, buuphaa, okoka, killee jennee waliigalaa jirra. Kana walitti fiduufi hubachiisuu keessatti miidiyaaleen shoora olaanaa qabu.

Ittifayyadama loogaa kanarratti akkuma haalli gaariin jiru dogoggoroonni baay’eenis ni mul’atu. Namoonni tokko tokko nu biratti akkana jedhama jedhanii waan hinjedhamnerratti falmii kaasu.

Yaada kana Gaazexeessaa Ibraahim fakkeenyaan oggaa ibsu, namoonni tokko tokko konkolaataan ni miiccama jedhanii dubbatu. Kun dogoggora, kan miiccamu waan micciiramuudha. Kanaaf konkolaataan ni dhiqama jenna malee ni miiccama hinjedhamu. Huccuu ni miiccan malee hindhiqan.

Waan koreen waaltinaa waaltesse miidiyaalee baay’een fudhataa hinjiran. Miidiyaan koreen waaltinaa maal hojjetaa akka jiru gaafatee ummata biraan gahuu qaba. Hundumtuu haala waalta’een yoo itti deemne guddina agarsiisna. Amma hundumtuu koree waaltinaa ofii qaba. Kolleejonniifi yunivarsitoonni koree waaltinaa ofii qabu. Namuu akkuma ittifakkaatetti moggaasaa jira jechuunis adeemsa gama waaltinaatiin jiru qeequ.

Fakkeenyaaf jecha ‘verb’ jedhamuuf moggaasa 17n arge. Kun namni kamuu akkuma barbaadetti moggaasee ittideemaa jiraachuu kan agarsiisuudha. Qaamni olaanaan dhimma kana to’atee iddootti deebisu jiraachuu qaba. Miidiyaaleen kora bittimsaa jedhanii fayyadaman jiru.

Korri hinbittinnaa’u. Korri akkamiin bittinnaa’a. Jecha tokko moggaasuuf koreen waaltinaa gaafatamaa ture. Nuti hokkara bittinneessaa jenne. Hokkarri gara koraatti fudhatameeti gara hin malleetti kan fudhatame. Miidiyaan hundi kanatti fayyadamaa jiru. Kora jechuun konfaransii jechuudhaa.

Abbootiin Gadaa kora taa’u. Kora kana bittinneessuu jechuudha mee? Gaazexeessaan oggaa waan tokko dhagahe akkamii, fudhatama qabaa jedhee adda baasee hawaasaaf dhiyeessuufi barsiisuutu irraa eegama. Waanti akkana bal’inaan mul’ata.

Fakkeenyaaf hogganaa ittaanaa ebeluu, ittaanaa dura bu’aa ebeluu, ittaanaa kantiibaa jedha, kaan ammoo kantiibaa ittaanaa jedha. Pirezidaantii ittaanaafi ittaanaa pirezidaantii, muummicha ministiraafi ministira muummee jedhamee walkeessa borcamee barreeffama, dubbatama.

Seera afaan biraa hordofanii kallattummaan hiikuunis ni mul’ata. Fakkeenyaaf Mana Barumsaa Abdiisaa Aagaa Sadarkaa Lammaffaa. As keessatti kamtu sadarkaa lammaffaadha, Abdiisaamoo mana barumsaa? Kan ta’uu qabu Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Abdiisaa Aagaa jedhamuu qaba. Manni barumsaafi sadarkaa jidduu waa galuu hinqabu.

Waaltinni jechootaa galmee jechootaa tokko keessattillee walfalleessee mul’ata. Fakkeenyaaf Baaletti daansiin daalaloo jedhama. Dallaloo kan jedhus jira. Namni kana jedhu jecha sana sirnaan hinhubanne jechuudha. Yoo yaada walirraa qooddachaa karaa qabsiisaa hindeemnee waaltinni kun milkaa’uu hindanda’u.

Keessumaa yeroo afaanichi afaan hojii mootummaa federaalaa haa ta’u jedhamee gaafatamaa jiru kanatti haalli akkanaa tasumaa mul’achuu hinqabu. Warra Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti baratan barsiisuurratti rakkoo cimaa uuma. Oduudhuma tokko keessatti haala lamaan barreeffamee mul’ata, pirezidaantii ittaanaafi ittaanaa pirezidaantiifaa jedhamee.

Warri afaan keenya barataniifi barattoonni maal haa qabatan mee? Kamtu sirriidha jedhanii qabatu? Kanaaf hubatanii hubachiisuurratti rakkoo guddaatu mudachaa jira. Gaazexaa Bariisaarratti darbee darbee qubeessuurratti rakkoon mul’atus waan gaariitu mul’ata.

Haala kanaan yoo itti deemame boru waan fooyya’aa arguu dandeenya. Ta’uu baannaan afaanicha waaltina dhabee badaa deema. Fakkeenyaaf ‘living thing and nonliving things’ kan hiikame lubbuu qabeeyyiifi lubbuu dhabeeyyii jedhameeti.

‘Nonliving thing’ lubbuu dhabeeyyii jedhamee hiikame. Lubbuu dhabeeyyii jechuun kan duraan lubbuu qabu kan amma lubbuu dhabe jechuudha. ‘Nonliving thing’ lubbuu maleeyyiidha. Hojii qabeeyyii, hojii maleeyyii jedhamuu qaba. Yoo haalota kanneen miidiyaan hinbarsiisne keessumaa gaazexoonniifi barruuleen waan akkanaa barsiisuu qabu. Yoo kun ta’uu baate waa’een waaltina Afaan Oromoo yaaddoo keessa gala.

Fakkeenyaaf jechi haadha warraafi haadha manaa jedhu waluma jala fuudhamee dubbatama. Amaariffi lamaaniifuu tokkichuma qaba. Nutis tokkichumatti deebisaa jirra. Kan qabeenyaatiinis jaartiidhaanis haadha manaa jenna. Garuu haati warraa haadha warraati.

Haati warraa bulchituu maatii yoo taatu, haati manaa haadha qabeenya manaati. Magaalaafi magaalallee addaan baafachuun hinjiru. Dhimmoota akkanaarratti duullee sirreessuu qabna. Kana ta’uu baannaan gama waaltinaan rakkoo guddaatu dhalata. Waanti ‘home style’ jedhamu jiraachuu qaba. Kanaa achi hunduu dhufee akkuma ittifakkaatetti barreessa, dubbisa.

Har’a dogoggora darberraa barannee hinsirreessinu taanaan ijoolleen boru biyya kana dhaaltu ni rakkatu. Afaan Oromoo uumamusaatiin afaan daran namatti toluudha. Ciigoo, hiibboo, jechamaafi mammaaksafa’iin kan badhaadheedha. Kitaabonni barreeffamaa jiran ciigoo fa’itti fayyadamaa hinjiran. Kun ammoo afaanicha ni quucarsa.

Jecha jechoota lamarraa uumaman tokkotti deebisna yoo jenne guddisuurra ni quucarsina. Kanaaf dirqama guddaatu nurra jira. Miidiyaan elektirooniksii qilleensa gaazexoonni akka Bariisaafaa garuu dokumantiidha. Bariisaan gama kanaan waantota gaarii hedduu qabattee bahaa jirti. Keessumaa waaltinaafi guddina afaaniirratti ammas waan guddaa hojjechuu qabdi.

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

6 Comments to “Afaan Oromoo ija waaltinaatiin”

  1. Pingback: go to the website
  2. Pingback: Continued

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *