Ugaandaan Waancaa qopheessite hambifatte

Finfinnee: Bu’uurri kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa Bahaafi Giddugaleessa, waancaan kubbaa miilaa kan jalqabame ALA bara 1926 akka ture seanaan ni muldhisa. Edda jalqabamee Waggoota 93 lakkoofsisus sababiiwwan adda addaatiin yeroowwan 10f addaan citee  al 83f deemsifamusaas ragaaleen ni mul’isu.

Biyyoota lama  qofa jidduutti kan jalqabame waancaan kubbaa miilaa kun suuta suuta biyyoonni Afrikaa Bahaafi Giddugaleessaa miseensa ta’uun dabalamanii ammaan tana  hirmaattonni gara 12 guddataniiru.

Keeniyaafi Ugaandaa jidduutti magaalaa Nayirobitti kan jalqabame walmorkiin waancaa kubbaa miilaa kun wayita jalqabamu Itoophiyaa alatti biyyoonni Afrikaa marti kolonii jala waan turaniif  tokko ta’anii hirmaachuu hindandenye.

Haata’u malee hundisaanii borumtaa bilisa bahanii kaasee miseensa ta’uun walmorkichi maqaa biyyoota Afrikaa Bahaafi Giddugaleessaa (“CECAFA”) jedhamuun bara 1973 irraa eegalee biyyoota adda addaatti gaggeeffamu jalqabe.

Walmorkiin kun baranas Sadaasa 7 bara 2019 magaalaa guddoo Ugaandaa Kaampaalaatti biyyoota sagal jidduutti ramaddii lamaan adeemsifamaa ture dheengadda mo’attummaa Ugaandaatiin xumurameera. Itoophiyaafi Ruwaandaan hinhirmaanne.

Akka seenaan waancaa Afrikaa Bahaafi Giddugaleesa Afrikaa kun muldhisutti Ugaandaa bara 1926 irraa  kaaste Waancaa haaraa bara 1973 asii kana dabalate yeroo 24f qopheessuudhaan al 39 shaampiyoona ta’uudhaan waancaa fudhachuunshee beekameera.

Ugaandaan waancaa barana qopheessite kanatti mo’achuu kan dandeettee Burundii 2-1n, Somaaleefi Eritiraa qabxii walfakkaatu 2-0n, Jibutii 4-1n, Taanzaaniyaa ammoo 1-0n mo’achuudhaan Ertiraa wajjin waancaaf dhihaate 3-0n gageessuudhaani.

Ertiraan ammoo waancaa kan dhihaate Burundii 1-0n, Jibutii 3-0n, Keniyaa 4-1n, mo’achuudhaan yeroo lama Ugaandaa walarguun isa jalqabaatti 2-0n, kan waancaatti ammoo 3-0n mo’amuudhaan lammaffaa kan taate.

Seenaa waancaa kubbaa miilaa Afrikaa Bahaaf Giddugaleessa kana keessatti Ertiraan edda bilisa baate as tapha waancaaf yoo dhihaatu kan ammaa kun isa jalqabaati.

Akkasumas sadarkaa sadaffaa argachuuf walmorkii adeemsifametti Keeniyaan Taanzaaniyaa 2-1n mo’achuun sadaffaa taateetti. Haaluma kanaan shaapiyoona kan taate Ugaandaan waancaafi meedaaliyaa warqii, Ertiraan meedaaliyaa meetii, Keeniyaanyaan ammoo nahaasa argataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

4 Comments to “Ugaandaan Waancaa qopheessite hambifatte”

  1. Pingback: หอพัก
  2. Pingback: disposable

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *