Guddinaafi jaalala biyyaa Chaayinootarraa maal baranna?

Chaayinaan biyya addunyaarraa guddina dinagdeetiin sadarkaa lammaffaarratti argamtuudha. Qorannoo yeroo dhihootiin biyyattiin baay’ina ummataa biliyoona 1.4 ol kan qabduu yoo taatu qabiyyee lafaatiinis biyya addunyaarraa sadarkaa sadaffaarra jirtuudha.

Biyyoonni addunyaa heddu baay’inni ummataasaanii guddinasaaniitti danqaa ta’uun ilmaansaaniif nyaata diyeessuu dadhabanii yoo rakkatan Chaayinaan garuu ummata hamma kana sooruurraa dabartee addunyaafuu gumaacha olaanaa gochaa jirti. Keessumaa dameewwan ijaarsaafi teknolojiiwwan garagaraarratti biyya toora jalqabaarratti argamtuudha.

Akka seenaan kaasutti waggoota 40fi 50 dura Itoophiyaafi Chaayinaan sadarkaa guddinaa walfakkaataarra turan. Waanti biyyoota lamaan fakkeessu biraan lamaanuu seenaa umrii dheeraa kan qabaniifi biyya kamiinuu kan hinkolaneeffamne ta’uusaaniiti. Akkasumas, biyyoota sabootaafi sablammoota hedduufi aadaa danuu qabaniidha.

Haa ta’u malee namni har’a sadarkaa Chaayinaan irra jirtu arge dhuguma biyyoonni lameen sadarkaa walfakkaataarra turan jedhee amanuuf rakkachuu hinoolu. Anis akka nama dhuunfaatti dhiheenya kana leenjii guyyoota 21f gara Chaayinaatti deemee kanin hubadhe kanuma. Kanarra darbee utuu amma Chaayinaan hojii dhaabdee Itoophiyaan hamma ishee bira geessutti eeguuf murteessitee waggoota meeqatti bira geenya inni jedhummoo gaaffii sammuu namaa keessa dhufu biraati.

Turtii guyyoota 21 kana keessatti magaalota Chaayinaa, Beejiingi, Liyaa’oningiifi Jinjaawu jedhaman daaw’achuuf carraa kan arganne yoo ta’u, kana keessatti guddina biyyattii cinaatti hedduun leenjitootaa jaalala biyyaa warra Chaayinaa osoo hindinqisiifatiin hindabarre.

Chaayinoonni biyyasaanii maalumaanuu kan qixxeessan hinfakkaatan. Yommuu waa’ee biyyasaanii namaa ibsanillee hammam onneesaaniirraa jaalalaan akka ta’e fuulasaanii ilaalanii hubachuun nama hinrakkisu.

Kana malees jaalalli isaan hojiisaaniif qaban kan nama inaafsisuudha. Baay’eensaanii hojiisaanii xiyyeeffannaadhaan of kennanii yommuu hojjetan hubattu. Namoonni hundi ko’eeyyii (‘busy’)dha. Kaan baaburaan, kaan awutobisiidhaan, kaan konkolaataasaatiin kaan saayikiliidhaan, muraasni immoo lafoodhumaan nama suuta deemu arguun rakkisaadha.

Baay’een keenya Chaayinaan biyya warshaaleen itti baay’atuu waan taateef qilleensa qulqulluu waan qabdu nutti hinfakkaatu ta’a. Garuu hammam magariisummaarratti xiyyeeffatanii akka hojjetan kan hubannu gaafa tilmaama keenya arguu dhabnuudha. Qulqullinniifi magariisummaan ibsamoota magaalota Chaayinaa ani argeeti.

Inni biraan jaalalaafi amantaa isaan mootummaasaaniif qaban daran nama inaafsisa. Waan mootummansaanii jedhu fudhatanii hojiirra oolchu. Muudamaan siyaasaa tokko aangoorra kan turuufi bu’u hojii hojjetuuni. Hojii kennameef haalaan ummata gammachiisee yoo hojjete aangoorra ni tura, yookiin isa caaluutti darba. Ta’uu baannaan garuu araarama tokko malee hojiirraa ari’ama.

Kabajni Chaayinoonni keessummootasaaniif qabnis baay’ee kan namatti toluudha. Wayita waa bitachuuf suuqiitti gortan, waa gaafachuuf nama daandiirraa dhaabsiiftanii gaafattan, dhimma wayii raawwachiifachuuf deemtan akkaataa isaan itti nama simatanii hatattamaan nama keessummeessan “maal qaba utuu biyyi koos akkas taatee” nama jechisiisa.

Kallattiilee adda addaatiin yommuu ilaallu, biyyi keenya gitashee duriirraa waan baay’ee barachuu qabdi. Muuxannoowwan gaggaarii kanneen fudhachuun hojiitti yoo hiikne yeroo gabaabaa keessatti yoo Chaayinaa bira qaqqabuu baannellee biyya gaariifi lammiileesheef mijattu ni uummanna.

Pirezdaantiin Yunvarsiitii Kotabee Metiroopolitaanii Doktar Biraanamasqal Xannaas dhiheenyuma kana gara Chaayinaa deemanii kan deebi’an yoo ta’u, waan biyyattiirraa huubatan Gaazexaa Bariisaatiif qoodaniiru.

Akka isaan jedhanitti, Chaayinaan kaleessa akkuma Itoophiyaa hiyyummaa keessa kan turteefi baalas mukas nyaachaa kan turte taatuyyuu kutannoodhaan seenaa jijjiiruun addunyaarratti ol baatee mul’atteetti.

Ummanni biyyattii biliyoonaan kan lakka’aman ta’uyyuu biyyattiin lammiileeshee soortee buluu akka dandeesse kaasanii, kanaaf immoo amantaafi kabajni isaan hojiif qaban sababa ta’uu kaasu. Jaalala biyyasaaniif qaban irraa ka’uun sabummaan isaaniis amantaan isaanis hojii qofa ta’uu hubachuusaanii himanii, inni guddaan ammoo waa’ee biyyasaaniirratti eenyuu waliin mariif hintaa’an; wanti biyyasaaniif hintaane akka isaaniif hintaanetti waan fudhataniif jedhu.

“Kana malees mootummaasaanii waan dhaggeeffataniif ajajamoodha. Kallattii darbuutti gurra kennanii dhaggeeffatu. Fakkeenyaaf wayita nuti deemnee turre Chaayinaa guddittiifi Hoongi Koongi yeroo itti waldhibdee qaban ture.

Haala sana keessattillee waanti mootummaan keenya dubbatuufi kallattii kaa’uu sirriidha jedhanii waan fudhataniif isa dhaggeeffatu. Kun guddinasaaniif sababa biraati. Mootummaanis lammiileesaatiif daran yaada. Waan dabarsu tokko callisee osoo hintaane bitaafi mirga ilaalee lammiileesaatti gadi buusa” jechuun eeru.

Akka Doktar Biraanamasqal jedhanitti, yeroo jeequmsi Hongi Koongi sun uumamellee kan isaan amanan jeequmsicha akka miidiyaan hawaasaa itti fideetti. Sababa miidiyaalee hawaasaa kanneen akka Yuu Tiyubii, Feesbuukii, Waatsaappiifi kkf hincufnu jedhaniif rakkoon akka itti hammaateetti hubatu. Mootummaansaanii garuu kanneen cufuun ‘WeChat’ waan isaanii baneef rakkoofi jeequmsaaf akka hinsaaxilamne itti amanu.

Wanti biraa turtiisaaniin taajjaban biyyattii keessa nagaan jiraachuurraa kan ka’e sa’aatii fedhe qofaa daandiirra yoo deemame namni namatti bu’u akka hinjirreedha. Guyyaas ta’e galgala kan wal lolu hinmul’atu. Waliisaaniifis nama biraafis jaalalaafi kabaja guddaa qabaachuusaaniiti.

Nuti miidiyaa hawaasummaa haa cufnu jechuuf rakkisaadha. Sababnisaa dinagdeen keenya miidiyaa hawaasaa kanneen cufee kan biraa nuu banuuf akka nun dandeesisne eeru.

“Chaayinaatti waan hin nyaatamnerra waan nyaatamutu baay’ata. Fakkeenyaaf baalawwaniifi lubbu qabeeyyii garagaraa. Nuti garuu wantoota nyaataman hedduu utuu qabnuu aadaafi safuudhaan waantoa muraasatti of jalaa galchine. Waantonni muraasni nyaannu ammoo gabaarratti gatiinsaanii ol ka’ee binnee of sooruu dadhabne. Asirratti garuu wantoota amantiidhaan dhowwaman haa nyaannu jechuu osoo hintaane kanneen sababa tokko malee nyaachuu osoo dandeenyuu dhiisne jechuudha” jedhu.

Akka pirezdaantichi kaasanitti, lammii Chaayinaa tokko bakka hojii irratti bobba’erratti jijjiirama fiduuf kuteenyummaadhaan hojjeta. Itoophiyaatti garuu waan mul’atu faallaadha. Guyyaatti namni tokko sa’atii saddeeti hojjechuu osoo qabu kan sa’atii sadii qulqulleessee hojjetu muraasa ta’uu ibsu.

Akka waliigalaatti wantoonni Itoophiyaan Chaayinaarraa barachuu qabdu hedduu ta’uu kaasanii, waan hunda dura biyya ofii dursuudhaan hojjechuun akka barbaachisu himu. Mandara keessatti ol deebi’anii walnyaachuufi wal loluun biyya diiga malee biyya hinijaaru waan ta’eef hunduu dhaabatee of ilaaluu akka qabu hubachiisu.

Yoo biyya dursinee ilaafi ilaameedhaan biyya gaggeessine lafa isaan ga’an ga’uuf waanti nudhorku akka hinjirres ibsanii, yoo safuun hafee, waldhaga’uufi walkabajuun dhabame garuu dhaloota boruu waan dhaalchisan dhabuun akka hinoolle dubbatu.

“Walnyaachuu dhiisnee waan nyaannurratti utuu xiyyeeffannee bor waanti hundi dhufuu waan danda’uuf hunduu miira kanaan socho’uun irra jiraata. Dargaggeessii keenya hojii dhiisee meeshaa warra dhibaa’otaa yommuu ta’u callisnee dhiisuurra gorsannee karaatti deebisuu qabna.

Ittigaafatamummaa kanaa immoo hundumtuu bakka jiruutti ofitti fudhachuu qaba. Hunduu barcuma irra jirurratti waan biyyisaanii irraa eegdu raawwachuu qabu. Yoo kana ta’ee ifa fagootti ilaallu bira ga’uuf wanti nu dhawwu hinjiru” jedhu.

Dimshaashumatti, muuxannoo warra Chaayinaarraa barachuun hunduu ittigaafatamummaasaa ba’uun biyya gaariifi dhalootaaf mijattu ijaaruuf tattaafachuu qaba.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

6 Comments to “Guddinaafi jaalala biyyaa Chaayinootarraa maal baranna?”

  1. Pingback: poker online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *