Namoota akaakuu sadiitu jiru jedhama. Namoota barri dhufu maal fidee dhufa jedhanii yaadda’an; warra bara dhufurratti hojjetanii qopheeffataniifi warra bara dhufu callisanii eeggatantu jiru.
Namootni dhalootarratti hojjettan egeree biyyaafi ofiisaanii gadi fageessanii cimsanii kan dhaaban, boriisaanii sodaafi dukkana jalaa namoota booji’an ogeessota.
Namni borii isaa irratti hin facaasne waan haammatu hin qabu. Namni waan facaasee irratti hin hojjenne immoo midhaan isaa aramaaf waan taasisu fakkaata. Dhalootnis akkasuma. Irratti hojjechuu, hordofuu gaafata. Keessumaa bara keessa jirru kana kan duriirraa waantonni adda taasisan danuutu jiru. Isaan keessaa muraasni sagaleen namootaa salphaatti fagootti akka dhaga’amu kan taasisuufi namoota danuu kan to’ate sabqunnamtii hawaasa danuutu jiru.
Sabqunnamtii hawaasaa kanas ittigaafatamummaan yoo itti fayyadaman biyya lafaa geeddaruu, hammina dhabamsiisuufi boriisaanii fooyyessuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Akka biyya keenyaattis waggoota torbaatama duraa eegalee sochiin barattootaanis ta’e dargaggootaan durfamu boriin dhalootaa akka mijatuuf irratti akka hojjetaa turan agarra. Sochiin barattoota darbanii isa har’aarraa maaltu adda baasaa kan jedhu tarii gaafachuu dandeenya. Sochii dhalootni duraanii gochaa ture isa har’aa wajjin walcina qabanii ilaaluun gaariidha.
Biyyoota guddatanitti manneetiin barnootaa bakka qubsuma hayyootaa, gorsitootaafi bakka itti yaada jijjiiramaa burqiisiisan malee kallatiin siyaasa keessatti aangoof kan socha’an akka hin taane agarra.
Waliigalteen mirga dhala namaaf, jijjiirama jireenya namaaf, akka namootni gar malee meeshaa hidhachuun nama hingalaafanneef kan taasisan malee walgaaduun bakka itti walballeessan, dirree dhiigaa yookaan bakka loliisaa miti. Bakka beekumsaati.
Haa ta’u malee inni kun biyyoota guddataa jiranitti adda akka ta’e agarra. Hayyootni gorsitootaafi kan yaada burqisiisan utuu hinta’in kallattiin siyaasafi aangoo qabachuuf yaaliin isaan godhan addumaan bara garboofattoota boodaa eegalee namoota akka Kiwame Nikrumaah (Gaanaa), Leopoldi Seedar Sengihor (Senegaal), Juuliyees Nereeree (Taanzaaniyaa)fi kkf keessatti sochii barattootni siyaasa keessatti qaban mul’isa. Manneen barnootaafi hayyootni siyaasa keessatti kan hirmaatan qofa utuu hinta’in mana barnootaa dirree siyaasaa gochuu keessatti ga’een tabatan danuudha. Inni kun gama tokkoon miidhaa danuu ni qabaata. Dirree kalaqaa gara dirree lolaafi morkii, dirree jibbaafi jeequmsaa taasisa. Isa kana bara dhufee darbu keessatti agarreerra; argaas jirra.
Haa ta’u malee maneen barnootaafi hayyootni biyya Afrikaa sochiisaanii yoo ilaalle akka biyya keenyaatti kan dhiyoo eegale utuu hinta’in waggoota dheeraa kan lakkoofsiseedha. Gara bara 1936tti kan nu deebisu ta’a. Barattootni gama dinagdeenfi siyaasaan akka jijjiiramni dhufuuf yaalii guddaa taasisaniru. Jijjiirama fiduu qofa utuu hinta’in gara warraaqsaatti akka seenaniifi keessumaa bara 1965 dhaadannoo “Lafti kan isa qotuuti” jedhu dhageessisuun akka haaromsi gama lafaatiin ta’uuf yaalii gochaa turan.
Kanaaf bara keenya keessa sochii jiran ija seenaan yeroo ilaallu umuriinsaa dheeraadha. Haa ta’u malee sochiin turan isa har’a ilaallu kana irraa adda.
Barataan mooraa keessatti kan wal adamsu, hidhataan mooraa eegu maal na dhibeen kan ilaalu, barsiisaan akka barattootni wal miidhaniif kan tuqatu, hawaasni naannoo ijoolleen kan biyyaati, kan ollaati kan jedhu duudha bayeessa kan dagate hin turre.
Manneetiin barnootaas mooraa beekumsaa turan. Manni barnootaa bakka hariiroo itti cimsan, bakka tola ooltummaa itti eegalan, bakka ogummaa itti gabbifataniifi mul’atni namaa itti qaramu, bakka itti gadi fageenyaan xiinxaluu itti barataniidha.
Manni barnootaa bakka barattootni itti boriif qophaa’an, bakka egereen biyyaa itti qophaa’u, bakka boriin biyya itti ijaaramuudha. Dukkana utuu hinta’in ifni manneetii barnootaa keessaa kan naannoo ibsu ta’uu mala.
Jijjiirama kan deggeru, daandii kufaatii keessaa ittiin ba’an kan agarsiisu malee badiisni bakka itti dalagaman, bakka kalaqaa malee bakka rakkoofi yaaddoo maatiifi biyyaa ta’uu hinqabu. Manneetiin barnootaa bakka itti jannummaa leellisaniifi diinummaa labsan utuu hinta’in bakka itti burqaan beekumsaa yaa’ee hawaasatti foolii nagaa labsu ta’uutu irraa eegama.
Kun ta’uu baannaan miidhama hamaatu hawaasa qunnama. Namni biyya miidhuu barbaadu barnoota miidha. Barattootas miidha. Barnoonni miidhamnaan manni yaalaa, dinagdeen biyyaa, bulchiinsi biyyaa, manni murtii biyyaa, caasaan siyaasaafi kkf hunduu ni midhamu.
Sababiinsaa isaan kana hundaaf manni barumsaa bu’uura. Kanneen mana barumsaa keessa tarantu bakkawwan hundaaf ta’a. Isaan kana hundumaa ijaaruuf mana barumsaarratti hojjechuun daran barbaachisaadha.
Caasaa biyyaa, dhaloota dhufuufi egeree isaa miidhuu yoo barbaachise mana barumsaafi ilaalcha dhalootni mana barumsaaf qabu kuffisuudha. Sababiinsaa boriin biyyaas ta’e kan addunyaa kanaa dhaloota borii harka jira. Boriin biyya tokko akka jeeqamu yookaan akka nagaa ta’u gochuu kan danda’u nu’i. Yeroonsaas har’a. Dhaloota bor addunyaa kana jijjiiru qopheessuu yookiin kan jeequ horachuun harka keenya keessa jira.
Egee akka ardii Afrikaattis ta’e biyya keenyaatti wantoota durii eegalee itti fufee dhufe kana fooyyessuuf wantoota ta’uu qaban keessa muraasa yoo ilaalle hatattamaan qaamoleen dhimmi kun kallattiinis ta’e alkallattiin isaan ilaallatu irratti hojjechuun barbaachisaadha. Haala keessaa dhufneefi amma keessa jirru jijjiiruun murteessaadha. Isa kanaaf ammoo kanneen armaan gadiirratti yaaduun gaariidha.
Barri yookaan dhalootni dhufu nagaa akka ta’uuf waa’een nagaa yeroo dubbatamu dargaggoota kan of keessatti hammate ta’uu qaba. Dargaggootni ambaasadaroota nagaa, kan nagaa faarsan ta’uun murteessaadha. Fooramootni nagaa dargaggootaan akka geggeeffaman, fiixee biyyaatii hanga fiixeetti nagaa kan labsan, kan nagaa barreessaniifi barsiisan dhaloota ilaalcha madaalamaafi gadi fageenyaan xiinxalu horachuun irratti xiyyeeffachuun gaariidha.
Inni kun isa har’aa qofaafi utuu hinta’in boriifis hundeedha. Gaariis ta’e hamaa borii kan dhaalan dargaggoota sababa ta’aniif dargaggoota irratti hojjechuun murteessaadha. Rakkoo borii hiikuuf sammuu dhaloota har’aa irratti hojjechuun murteessaadha.
Manneetiin barnootaa adeemsa isaanii gadi fageenyaan qorachuun, mooraan mana baumsaa bakka itti namootni ilaalcha dhuunfaa itti geggeeffatan akka hintaane hubachuun hawaasni mana barumsaa wantoota kanaan dura dalagaa turan irra deebi’anii ilaaluun gaariidha. Barsiisotni sadarkaa gadiitii eegalanii hanga yunivarsiitiitti jiran firii hojiisaanii ilaaluun, hangam wantoota barattoota keessatti mul’atan irraa fagoo akka jiraniifi wantoota kana fakkaatan ilaaluufi fooyyessuun itti gaafatamummaa seenaa jalaa miliquuf nama gargaara.
Dhaabbileen siyaasaafi aktivistootni dhaloota qaruu keessatti ga’ee qaban ba’uun daran barbaachisaadha. Sochiin dhaabbilee siyaasaafi aktiivistootaa dantaa dhuunfaa irratti kan xiyyeeffate utuu hinta’in egeree dhalootaafi biyyaa kan gargaaru ta’uu mala. Kallattii kamiinuu namni tokko miidhamuus ta’e nama miidhuu hinqabu. Akka biyya keenyaatti garuu dhugaansaa isa kanarraa adda.
Inni kun hatattamaan sirrachuu qaba. Egereen dhalootaa akka geeddaramuuf hojjetna yoo ta’e sochiin ta’an kan dhaloota hin gaagaane ta’u. Maatiifi biyyaaf yaaddoo hinta’an.
Akkasumas dhaabbileen siyaasaa kam iyyuu dhalootatti kan fayyadamee yaabbannoo taayitaa irra koru utuu hin ta’in kan dhaloota geeddaruuf hojjetu ta’uu qaba. Kan dhaloota aangessu, kan dhaloota boriif qopheessufi kkf ta’uu qabu. Hanga har’aatti dantaa dhuunfaaf kan dhaloota danuu aarsaaf saaxille yoo jiraanne of ilaaluun bayeessa. Biyya keenya dabalatee wantoota hedduu agarreerra. Daa’imni aarsaa hinbarbaachisne akka kanfalan kan taasise sochiilee hedduu ni beekna. Si’achi garuu barataan kamuu, dargaggeessi kamuu aarsaa hinbarbaachisne kanfaluu hinmalu. Inni baratu yaada burqisiisuun, inni barsiisu fakkeenya ta’uun, inni geggeessu ogummaan ta’uun barbaachisaadha.
Miidiyaaleen biyya keenyaas ga’eesaanii gaafatamummaan kan of irraa baasan ta’uun barbaachisaadha. Nama fayyaa kan ajjeesan, rakkoo qofa kan labsan, ilaalcha madaalamaa kan hinqabne, kan dhaloota burjaajessan hojii isaanii irra deddeebi’anii ilaaluun gaariidha. Hayyootni, maanguddootni biyyaafi geggeessitootni amantii ammas irra deeddeebi’anii wantoota gochaa turaniifi gochaa jiran madaaluun bakka itti karaa irraa kaatan yoo jiraate deebi’uun gaariidha. Sababiinsaa dhaloota qopheessuu keessatti ga’eensaanii daran guddaadha. Hangam akka ba’aa jiran ilaaluun gaariidha.
Hidhattootni biyyaafi saba akka tiksaniif hundeeffamanii leenjifamanii jiran yeroo namootni miidhaman, rakkooleen adda addaa uumaman kan miliqan utuu hinta’in akka biyyoota kan biraatti ga’eesaanii sirriitti of irraa baasuun barbaachisaadha. Isa kana waggoota muraasaa asitti wantootni mul’atan gama kanaanis sirrachuun barbaachisaadha.
Barattootnis gama isaaniitiin namoota abjuu qaban, namoota egereesaanii irratti xiyyeeffataniif socho’an ta’uun barbaachisaadha. Walumaa galatti hawaasni hundi harka walqabatee gaarii hojjechuuf yoo socho’e jijjiirama eegale itti fufsiisuun lafa dhalli namaa ga’e qaqqabuun nama hindhibu.
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012
7 Comments to “Hawaasni ijoollee har’aarratti hinhojjenne egeree hinqabu”